Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 20

“Garaan Isaa Ogeessa”—Taʼus Gad Of Qaba

“Garaan Isaa Ogeessa”—Taʼus Gad Of Qaba

1-3. Yihowaan akka gad of qabu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

 ABBAAN tokko mucaa isaa barumsa barbaachisaa tokko barsiisuu barbaade. Garaa mucaa isaa tuquuf fedhii guddaa qaba. Maarree, kana gochuuf mala akkamii fayyadamuu qaba? Mucaa isaa irra dhaabatee itti dheekkamee isa sossodaachisuu qabaa? Moo quphanee mucichaatti dhihaachuudhaan dubbii gaarii namatti toluun isatti dubbachuu qaba? Abbaan ogeessa taʼee fi gad of qabu tokko, mala isa lammaffaatti akka fayyadamu beekamaa dha.

2 Yihowaan hoo Abbaa akkamiiti? Kan of tuulu moo kan gad of qabu dha? Gara jabeessa moo garraamii dha? Yihowaan wanta hundumaa beeka, ogummaa guddaas qaba. Taʼus, beekumsii fi dandeettiin yeroo hunda namoonni akka gad of qaban akka hin goone hubatteettaa? Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti, “beekumsi nama bokoksa.” (1 Qorontos 3:19; 8:1) Yihowaan garuu, “garaan isaa ogeessa” taʼus gad of qaba. (Iyyoob 9:4) Kana jechuun, aangoon isaa xinnoo dha ykn inni gad aanaa dha jechuu utuu hin taʼin, guutummaatti of tuulummaa irraa bilisa dha jechuu dha. Akkas kan jennu maaliifi?

3 Yihowaan qulqulluu waan taʼeef, of tuulummaan inni nama mancaasu isa keessa hin jiru. (Maarqos 7:20-22) Kana malees, yaada Ermiyaas raajichi Yihowaa ilaalchisee, “Ati dhugumaan ni yaadatta, gara koottis gad ni jetta” jechuudhaan dubbate qalbeeffadhu. a (Faaruu Ermiyaas 3:20) Mee yaadi, Gooftaa Uumama Cufaa kan taʼe Yihowaan, nama cubbamaa taʼe kanaaf xiyyeeffannaa kennuuf jecha ‘gad jechuuf’ ykn sadarkaa Ermiyaasitti of xiqqeessuuf fedhii qaba ture. (Faarfannaa 113:7) Eeyyee, Yihowaan Waaqa gad of qabu dha. Haa taʼu malee, Yihowaan akka gad of qabu kan argisiise akkamitti? Amalli kun ogummaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba? Yihowaan gad of qabuun isaa akkamitti nu fayyada?

Yihowaan Akka Gad Of Qabu Kan Argisiise Akkamitti?

4, 5. (a) Gad of qabuu jechuun maal jechuu dha? Kan ibsamu hoo akkamitti? Amalli kun dadhabina ykn sodaa wajjin wal qabsiifamuu kan hin qabne maaliifi? (b) Yihowaan walitti dhufeenya Daawitii wajjin qabuun kan gad of qabe akkamitti? Gad of qabuun isaa nuuf barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

4 Gad of qabuun, of bokoksuu fi koora irraa bilisa taʼuu jechuu dha. Gad of qabuun, keessa nama tokkoo kan argisiisu yeroo taʼu, amalawwan akka obsaa, garraamummaa fi sababa qabeessummaa jiraniin ibsama. (Galaatiyaa 5:22, 23) Haa taʼu malee, amalli kun dadhabina ykn sodaa akka argisiisutti yaadamuu hin qabu. Amalawwan kun, dheekkamsa Yihowaa isa qajeelummaa irratti hundaaʼe ykn humna inni balleessuuf qabuu wajjin kan wal faallessan miti. Kanaa mannaa, gad of qabuu fi garraamummaan Yihowaa, inni jabina guddaa akka qabuu fi guutummaatti of toʼachuu akka dandaʼu argisiisu. (Isaayyaas 42:14) Gad of qabuun ogummaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba? Barreeffamni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennu tokko, “Gad of qabuun . . . ofittummaa irraa walaba taʼuu fi buʼuura ogummaa hundaa jedhamee ibsamuu dandaʼa” jedheera. Kanaaf, gad of qabuun hin jiru taanaan ogummaa dhugaan hin jiru jechuu dha. Maarree Yihowaan gad of qabuun isaa kan nu fayyadu akkamitti?

Abbaan ogeessi tokko amala gad of qabuu fi garraamummaa ijoollee isaatti ni argisiisa

5 Daawit Mootichi, “Ati gaachana fayyinaa naaf kennita, harki kee mirgaa na deggera, gad of qabuun kees guddaa na godha” jedhee Yihowaa jajateera. (Faarfannaa 18:35) Kana jechuun, Yihowaan nama cubbamaa taʼe kana eeguu fi wanta jireenyaaf isa barbaachisu guyyaa guyyaadhaan isaaf kennuuf gad of qaba ture jechuu dha. Daawit fayyina argachuu fi mootii milkaaʼina qabu taʼuu kan dandaʼu, Yihowaan yoo gad of qabe akka taʼe hubateera. Yihowaan akkuma abbaa garraamii fi jaalala qabeessa tokkoo gad of qabee utuu nu gargaaruu baatee, nu keessaa eenyutu abdii fayyinaa qabachuu dandaʼa ture?

6, 7. (a) Kitaabni Qulqulluun Yihowaan Waaqa humna isaa beeku akka taʼetti kan hin ibsine maaliifi? (b) Garraamummaa fi ogummaan walitti dhufeenya akkamii qabu? Gama kanaan fakkeenya hunda irra caalu kan nuu taʼu eenyu?

6 Haa taʼu malee, gad of qabuu fi humna ofii beekuun garaa garummaa akka qaban hubachuun keenya barbaachisaa dha. Humna ofii beekuun amala gaarii ilmaan namootaa horachuu qabani dha. Akkuma gad of qabuu amalli kunis ogummaa wajjin walitti dhufeenya qaba. Fakkeenyaaf, Fakkeenyi 11:2, “Ogummaan garuu warra humna isaanii beekan biratti argama” jedha. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan Waaqa humna isaa beeku akka taʼetti hin ibsu. Maaliifi? Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti humna ofii beekuun humni keenya daangaa akka qabu hubachuu argisiisa. Waaqni Hundumaa Dandaʼu, ulaagaawwan isaa warra qajeelummaa irratti hundaaʼan eeguuf jecha yoo daangaa of irra kaaʼe malee, akka namootaa humni isaa kan daangeffame miti. (Maarqos 10:27; Tiitoo 1:2) Kana malees, inni Waaqa Hundaa Olii waan taʼeef eenyu iyyuu isa irratti aangoo hin qabu. Kanaaf gabaabumatti yaanni humna ofii beekuu jedhu Yihowaaf hin hojjetu.

7 Haa taʼu malee, Yihowaan kan gad of qabuu fi garraamii dha. Ogummaa dhugaa argachuuf garraamummaan barbaachisaa taʼuu isaa tajaajiltoota isaa ni barsiisa. Kitaabni Qulqulluun, ‘garraamummaan ogummaa irraa akka maddu’ ni dubbata. b (Yaaqoob 3:13) Mee Yihowaan gama kanaan fakkeenya akkamii akka nuuf taʼe haa ilaallu.

Yihowaan Gad Of Qabuudhaan Warra Kaaniif Aangoo ni Kenna, Akkasumas ni Dhaggeeffata

8-10. (a) Yihowaan warra kaaniif aangoo kennuu fi isaan dhaggeeffachuun isaa kan nama ajaaʼibsiisu maaliifi? (b) Waaqni Hundumaa Dandaʼu walitti dhufeenya maleekota isaa wajjin qabuun akka gad of qabu kan argisiise akkamitti?

8 Yihowaan warra kaaniif aangoo akka kennuu fi akka isaan dhaggeeffatu ragaan argisiisu jira. Gargaarsis taʼe gorsi kan isa hin barbaachisne taʼee utuu jiruu, kana gochuun isaa nama ajaaʼibsiisa. (Isaayyaas 40:13, 14; Roomaa 11:34, 35) Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan gama kanaan akka gad of qabu argisiisuu isaa irra deddeebiʼee dubbata.

9 Fakkeenyaaf, wanta dinqisiisaa jireenya Abrahaam keessatti raawwatame tokko ilaali. Keessummoonni sadii gara isaa kan dhufan yeroo taʼu, isaan keessaa isa tokko “Yihowaa” jedhee waameera. Keessummoonni kun maleekota turan; isaan keessaa inni tokko garuu maqaa Yihowaatiin kan dhufee fi Yihowaa bakka buʼee kan hojjetu dha. Kanaafuu, wanta maleekaan sun dubbachaa fi hojjechaa ture, akka Yihowaan dubbachaa fi hojjechaa turetti fudhachuun ni dandaʼama. Yihowaan, “iyyi Sodoomii fi Gomoraa ilaalchisee dhihaatu guddaa” akka taʼe karaa maleekaa kanaa Abrahaamitti himeera. Yihowaan, “Ani isaan akkuma iyya isa na bira gaʼe sanaa gochuu fi dhiisuu isaanii ilaaluuf gad nan buʼa. Taʼuu baannaanis wanta kana beekuu nan dandaʼa” jedhe. (Uumama 18:3, 20, 21) Haa taʼu malee, wanti Yihowaan dubbate kun, inni Hundumaa Dandaʼu qaamaan akka ‘gad buʼu’ kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, yeroo kanattis maleekota isa bakka buʼan erguu isaa kan argisiisu ture. (Uumama 19:1) Kana kan godhe garuu maaliifi? Yihowaan inni wanta hunda arguu dandaʼu, wanta naannoo sanatti raawwatamaa ture ofuma isaatii “beekuu” hin dandaʼu turee? Akka dandaʼu beekamaa dha. Taʼus, Yihowaan gad of qabuudhaan maleekonni sun haala sana akka qoratan, akkasumas Looxii fi maatii isaa warra Sodoom keessa turan akka daawwatan hojii isaaniif kenneera.

10 Kana malees, Yihowaan ni dhaggeeffata. Yeroo tokko Yihowaan, kufaatii Ahaab Mootichaa isa hamaa taʼe ilaalchisee yaada akka kennan maleekota isaa gaafatee ture. Yihowaan gargaarsi akkasii isa hin barbaachisu. Taʼus, yaada maleekaan tokko dhiheesse fudhateera, yaada sana hojii irra akka oolchus isa ajajeera. (1 Mootota 22:19-22) Kun, Yihowaan akka gad of qabu kan argisiisu mitii?

11, 12. Abrahaam Yihowaan akka gad of qabu kan hubate akkamitti?

11 Yihowaan namoota cubbamoo wanta isaan yaaddesse ibsuu barbaadan dhaggeeffachuufis fedhii qaba. Fakkeenyaaf, Sodoomii fi Gomoraa balleessuu akka barbaadu yeroo Abrahaamiif ibsetti, dhimmi kun nama amanamaa kana yaaddessee ture. Kanaan kan kaʼes Abrahaam, “Kun wanta hin yaadamne dha” erga jedhee booda, “Abbaan murtii guutummaa lafaa wanta sirrii taʼe hin raawwatuu ree?” jedhee gaafateera. Abrahaam namoonni qajeeloo taʼan 50​ni magaalota sana keessatti yoo argaman Yihowaan magaalaa sana balleessuu fi dhiisuu isaa isa gaafate. Yihowaanis akka hin balleessine mirkaneesseef. Taʼus, Abrahaam amma iyyuu lakkoofsa isaa gara 45​tti, achiis gara 40​tti, achiis gaduma xiqqeessuudhaan gaaffii kana isa gaafate. Yihowaan wanta sirrii akka raawwatu Abrahaamiif kan mirkaneesse taʼus, Abrahaam lakkoofsi kun gara kudhaniitti hamma xinnaatutti gaaffii kana gaafachuu isaa itti fufe. Tarii Abrahaam, Yihowaan hammam araara qabeessa akka taʼe guutummaatti hin hubanne taʼa. Sababiin Abrahaam gaaffii kana itti gaafate maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaan obsaa fi gad of qabuudhaan michuun isaa kun wanta isa yaaddesse akka ibsu isaaf heyyameera.—Uumama 18:23-33.

12 Namoota beekumsa guddaa qabu jedhaman keessaa, nama beekumsaan isaanii gadi taʼe obsaan kan dhaggeeffatan meeqan isaanii ti? c Waaqni keenya inni gad of qabu garuu akkas godha. Yeroo kanatti Abrahaam, Yihowaan “aariidhaaf suuta kan jedhu” taʼuu isaas hubateera. (Baʼuu 34:6) Tarii Abrahaam Waaqni Hundaa Olii maal akka godhu gaafachuuf mirga akka hin qabne waan itti dhagaʼameef taʼuu dandaʼaa, siʼa lama “Yaa Yihowaa, maaloo hin aarin” jedhee kadhateera. (Uumama 18:30, 32) Yihowaanis isatti hin aarre. Dhuguma iyyuu Yihowaan ‘garraamummaa isa ogummaa irraa maddu’ qaba.

Yihowaan Sababa Qabeessa Dha

13. Akka Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsametti, jechi “sababa qabeessa” jedhu hiikni isaa maali dha? Jechi kun sirriitti Yihowaa kan ibsu hoo maaliifi?

13 Yihowaan kan gad of qabu taʼuun isaa sababa qabeessa taʼuu isaa irrattis mulʼateera. Ilmaan namootaa cubbamoota taʼan yeroo baayʼee amala kana argisiisuu dhiisuun isaanii nama gaddisiisa. Yihowaan uumamawwan isaa yaaduu dandaʼan dhaggeeffachuuf fedhii qabaachuu qofa utuu hin taʼin, wanti isaan jedhan ulaagaalee qajeelinaa isaa wajjin hamma wal hin faallessinetti tole jedhee ni fudhata. Akka Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsametti, jechi “sababa qabeessa” jedhu kallattiidhaan yeroo hiikamu “yaada ofiitti kan hin cichine” jechuu dha. Amalli kunis ogummaa Waaqayyoo argisiisa. Yaaqoob 3:17, “Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu . . . yaada ofiitti kan hin cichine [dha]” jedha. Yihowaan inni ogummaa guddaa qabu sababa qabeessa kan taʼe karaa kamiini? Tokkoffaa, akka haala isaatti jijjiirama kan godhu taʼuudhaani. Maqaan Yihowaa jedhu iyyuu inni kaayyoo isaa raawwachuuf wanta taʼuun isa barbaachisu hunda akka taʼu kan nu hubachiisu taʼuu isaa yaadadhu. (Baʼuu 3:14) Kun, Yihowaan akka haala isaatti jijjiirama akka godhuu fi sababa qabeessa taʼuu isaa kan argisiisu mitii?

14, 15. Saragallaan Yihowaa Hisqiʼel mulʼataan arge waaʼee kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa samii maal nu barsiisa? Jaarmiyaan kun hoo jaarmiyaawwan addunyaa irraa adda kan taʼe akkamitti?

14 Kutaan Kitaaba Qulqulluu Yihowaan akka haala isaatti jijjiirama kan godhu taʼuu isaa hubachuuf nu gargaaru tokko jira. Hisqiʼel raajichi, kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa samii uumamawwan hafuuraa qabate mulʼataan argee ture. Saragallaa guddaa toʼannaa Yihowaa jala jiru tokko arge. Kan baayʼee nama ajaaʼibsiisu garuu akkaataa inni itti sochoʼu dha. Geengoowwan isaa roga afur kan qabanii fi ijaan kan guutaman waan taʼaniif, iddoo hunda ilaaluu fi utuu hin dhaabatin ykn utuu of irra hin garagalin battalumatti kallattii isaanii jijjiiruu dandaʼu. Saragallaa guddaan kun akka konkolaataa namni tolcheetti naannaʼuun kan isa rakkisu miti. Saffisa ifaatiin utuu deemuu digirii sagaltama jalʼachuu dandaʼa! (Hisqiʼel 1:1, 14-28) Eeyyee, jaarmiyaan Yihowaas akkuma Gooftaa Hundumaa Dandaʼuu haalawwan yeroo jijjiiraman hundatti akka haala isaatti jijjiirama gochuu dandaʼa.

15 Ilmaan namootaa akka kanaatti jijjiirama gochuu hin dandaʼan. Yeroo baayʼee ilmaan namootaas taʼan jaarmiyaan isaanii, akka haala isaatti jijjiirama gochuu mannaa waan tokkotti kan cichan, akkasumas sababa qabeeyyii taʼuu mannaa kan hin sarmine dha. Kana fakkeenyaan ibsuuf, dooniin ykn baaburri feʼumsaa tokko guddinni isaa fi humni isaa baayʼee nama ajaaʼibsiisa. Haa taʼu malee, wantoonni kun haalli tokko akka tasaa yommuu isaan mudatu dafanii jijjiirama gochuu dandaʼuu? Baaburri tokko wanti gufuu itti taʼu fuuldura isaatii yoo isa mudate matumaa irraa goruu hin dandaʼu. Dafee dhaabachuunis isa rakkisa. Baaburri kun fireeniin isaa erga qabamee booda illee gara kiilomeetira lamaa deemee dhaabata! Dooniin tokkos mootarri isaa erga dhaamee booda illee dhaabachuu kan dandaʼu kiilomeetira saddeet erga deeme booda. Maarshiin duubaa erga galee booda illee, doonichi gara kiilomeetira sadii gara fuulduraatti deemuu dandaʼa! Jaarmiyaawwan ilmaan namootaas akkuma kanaa yaada isaanitti kan cichanii fi dafanii jijjiirama kan hin goone dha. Ilmaan namootaa kan of tuulan waan taʼaniif, yeroo baayʼee fedhiiwwanii fi haalawwan jijjiiramaa jiranii wajjin deemuu hin barbaadan. Amalli kun immoo dhaabbilee daldalaa hedduu kasaaraaf, mootummoota hedduus kufaatiif saaxileera. (Fakkeenya 16:18) Yihowaanis taʼe jaarmiyaan isaa akkas waan hin taaneef gammaduu qabna!

Yihowaan Sababa Qabeessa Taʼuu Isaa Kan Argisiise Akkamitti?

16. Badiisa Sodoomii fi Gomoraa dura, Yihowaan Loox wajjin haala wal qabateen Waaqa yaada isaatti hin cichine taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

16 Mee ammas badiisa Sodoomii fi Gomoraa irra gaʼe ilaali. Maleekaan Yihowaa “gara naannoo gaarotaa sanaatti baqadhaa” jechuudhaan Looxii fi maatii isaatiif qajeelfama ifaa kennee ture. Haa taʼu malee, kun Looxiin hin gammachiisne. Kanaan kan kaʼes Loox, “Yaa Yihowaa, maaloo, achitti hin baqadhu!” jedhee kadhate. Loox, gara gaarotaa sanaatti yoo baqate akka duʼu waan itti dhagaʼameef, maatii isaa qabatee magaalaa dhihoo jirtuu fi Zoʼaar jedhamtutti baqachuuf Yihowaa kadhate. Yihowaan garuu yeroo sanatti magaalaa kana balleessuuf yaadee ture. Kana malees, Loox sodaachuuf sababii gaʼaa hin qabu ture. Sababiin isaas Yihowaan gaarota sana irratti isa oolchuu akka dandaʼu beekamaa dha! Taʼus, Yihowaan yaada isaa jijjiiree gaaffii Loox fudhateera. Maleekaan sun Looxiin, “Gaarii dha, ani magaalaa jette sana oolchuudhaanis gaarummaa sitti nan argisiisa” isaan jedhe. (Uumama 19:17-22) Seenaan kun, Yihowaan yaada isaatti kan hin cichine taʼuu isaa kan argisiisu mitii?

17, 18. Haala warra Nanawwee wajjin wal qabateen, Yihowaan yaada isaatti akka hin cichine kan argisiise akkamitti?

17 Yihowaan yeroo hunda araara qabeessa dha, akkasumas wanta sirrii taʼe raawwata. Kanaafuu yeroo namoonni yaada geddaratanitti innis yaada isaa ni jijjiira. Yeroo Yoonaas magaalaa Nanawwee ishii hamoonni keessa guutanitti ergame maaltu akka raawwatame ilaali. Yoonaas ergaan inni daandiiwwan Nanawwee irra deemee akka labsu itti himame gabaabaa yeroo taʼu, magaalaan guddoon sun guyyaa 40 keessatti ni garagalfamti kan jedhu dha. Haa taʼu malee, yeruma sana haalli isaa ni jijjiirame. Warri Nanawwee yaada geddaratan!—Yoonaas, boqonnaa 3.

18 Yeroo haalli warra Nanawwee jijjiiramu wanta Yihowaatti dhagaʼamee fi Yoonaasitti dhagaʼame wal bira qabnee ilaaluun keenya barumsa guddaa nuu taʼa. Yeroo kanatti Yihowaan “loltuu humna qabeessa” taʼuu isaa argisiisuu mannaa, yaada isaa jijjiiruudhaan Waaqa cubbuu namaaf dhiisu taʼuu isaa argisiiseera. d (Baʼuu 15:3) Yoonaas garuu, yaada isaatti kan cichuu fi araara kan hin qabne ture. Yoonaas akkuma Yihowaa jijjiirama gochuu mannaa, akka baabura ykn doonii feʼumsaa olitti ibsamee taʼeera. Badiisni akka dhufu waan lallabeef, badiisni dhufuu qaba jedhee yaade! Yihowaan garuu, sababa qabeessa taʼuu fi araara argisiisuu ilaalchisee raajii isaa isa obsa hin qabne kana obsaan barumsa hin irraanfatamne barsiiseera.—Yoonaas, boqonnaa 4.

Yihowaan sababa qabeessa dha, humna keenyas ni hubata

19. (a) Yihowaan wanta nu irraa eeguun sababa qabeessa dha kan jennu maaliifi? (b) Fakkeenyi 19:17, Yihowaan Gooftaa ‘gaarii fi gara laafessa’ akkasumas baayʼee kan gad of qabu taʼuu isaa kan ibsu akkamitti?

19 Yihowaan wanta nu irraa eeguunis sababa qabeessa taʼuu isaa argisiiseera. Daawit Mootichi, “Inni akkamitti akka tolfamne sirriitti beeka, biyyoo taʼuu keenyas ni yaadata” jedheera. (Faarfannaa 103:14) Yihowaan humni keenya daangaa akka qabuu fi mudaa kan qabnu taʼuu keenya nu caalaa hubata. Kanaafuu wanta humna keenyaa ol taʼe nu irraa hin eegu. Kitaabni Qulqulluun waaʼee gooftolii “gaarii fi gara laafeyyii taʼanii” qofa utuu hin taʼin, waaʼee gooftolii ‘gammachiisuun ulfaataa taʼes’ ni dubbata. (1 Pheexiros 2:18) Yihowaan Gooftaa akkamii ti? Fakkeenyi 19:17, “Namni rakkataatti gaarummaa argisiisu Yihowaadhaaf liqeessa” akka jedhu qalbeeffadhu. Gaarummaa hiyyeessotaaf godhame hunda kan hubatu, gooftaa gaarii fi sababa qabeessa taʼe qofa dha. Kana malees caqasni kun, Uumaan uumama cufaa idaan namoota gocha gara laafinaa akkasii raawwatanii akka isa irra jiru akka itti dhagaʼamu ibsa! Dhuguma iyyuu kun gad of qabuu hunda irra caalu dha.

20. Yihowaan kadhannaa keenya akka dhagaʼuu fi deebii akka nuu kennu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

20 Yihowaan yeroo ammaattis garraamii fi sababa qabeessa taʼuu isaa tajaajiltoota isaatti ni argisiisa. Amantiidhaan yommuu isa kadhannu nu dhagaʼa. Nutti dubbachuuf maleekota isaa waan hin ergineef kadhannaa keenyaaf deebii hin kennu jennee yaaduu hin qabnu. Phaawulos ergamaan namoonni hidhata amantii isaa taʼan mana hidhaatii akka gadhiifamu isaaf ‘kadhachuu isaanii akka itti fufan’ yommuu isaan gaafatetti, “dafee gara keessanitti akkan deebiʼu” jedheera. (Ibroota 13:18, 19) Kanaaf, kadhachuun keenya Yihowaan wanta utuu nuti kadhachuu baannee nuu hin goone akka nuu godhu isa kakaasa!—Yaaqoob 5:16.

21. Yihowaan kan gad of qabu dha jechuun maal jechuu miti? Waaʼee gad of qabuu Yihowaa maaltu sitti dhagaʼama?

21 Amalawwan Yihowaan akka gad of qabu argisiisan kun hundi, jechuunis garraamii taʼuun isaa, dhaggeeffachuuf fedhii qabaachuun isaa, obsi isaa fi yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun isaa ulaagaa qajeelinaa isaa akka laaffisu kan argisiisan miti. Geggeessitoonni Saba Kiristiyaanaa, ulaagaa Yihowaan baase laaffisuudhaan yommuu barumsa gurra amantoota isaaniitti tolu barsiisan yaada ofiitti kan hin cichine akka taʼan isaanitti dhagaʼama taʼa. (2 Ximotewos 4:3) Haa taʼu malee, ilmaan namootaa yeroo isaaniif hin mijannetti ejjennoo isaanii laaffisuun isaanii, sababa qabeessummaa Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya hin qabu. Yihowaan qulqulluu waan taʼeef, ulaagaawwan qajeelummaaf baase matumaa hin laaffisu. (Leewwota 11:44) Kanaaf, sababa qabeessummaa Yihowaa isa gad of qabuu isaa argisiisuuf dinqisiifannaa haa qabaannu. Yihowaan inni uumama cufa keessatti ogummaa guddaa qabu akka gad of qabu beekuun kee baayʼee si hin gammachiisuu? Humna guddaa qabaatus, Waaqa garraamii, obsa qabeessaa fi sababa qabeessa taʼe kanatti dhihaachuun baayʼee nama gammachiisa!

a Garagalchitoonni bara durii, yaada caqasa kanaa jijjiiruudhaan as irratti gad kan jedhe Yihowaa utuu hin taʼin Ermiyaas akka taʼetti ibsaniiru. Namoonni kun, Waaqayyo akkasitti gad of qabuu hin qabu jedhanii waan yaadaniif taʼuu hin oolu. Kanaan kan kaʼes, hiikawwan hedduun qabxii gaarii caqasa kana irra jiru utuu hin dabarsin hafaniiru. Haa taʼu malee, Za Niiwu Ingilish Baayibil, Ermiyaas, “Na yaadadhu, maaloo na yaadadhu; nattis gad jedhi” jedhee Waaqayyoon akka kadhate ibsuudhaan yaada caqasichaa sirriitti hiikeera.

b Hiikawwan kan biroon caqasa kana, “gad of qabuu isa ogummaa qabaachuu irraa argamu,” akkasumas “garraamummaa ogummaa irraa argamu” jedhanii hiikaniiru.

c Kitaabni Qulqulluun namni tokko obsa dhabuun isaa koora qabaachuu isaa akka argisiisu ibsa. (Lallaba 7:8) Kanaafuu, Yihowaan obsa qabeessa taʼuun isaa, akka gad of qabu argisiisa.—2 Pheexiros 3:9.

d Faarfannaa 86:5 irratti Yihowaan “gaarii dha, dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha” jedhameera. Faarfannaan sun gara afaan Giriikiitti yommuu hiikamu, yaanni “dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha” jedhu eppiʼeekees ykn “yaada isaatti kan hin cichine” jedhamee hiikameera.