Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 26

Waaqa ‘Dhiifama Gochuuf Qophaaʼaa’ Taʼe

Waaqa ‘Dhiifama Gochuuf Qophaaʼaa’ Taʼe

1-3. (a) Daawit faarfatichi baʼaa ulfaataa akkamii baatee ture? Dhiphina isaa irraa jajjabina kan argate hoo akkamitti? (b) Cubbuu hojjechuun baʼaa akkamii nutti taʼuu dandaʼa? Taʼus Yihowaan maal nuu mirkaneesseera?

 DAAWIT faarfatichi, “Dogoggorawwan koo mataa koo irratti tuulamaniiru; isaan akka baʼaa ulfaatoo waan taʼaniif, ani isaan baachuu hin dandaʼu. Ani hadoodeera, guutummaattis caccabeera” jedhee barreesseera. (Faarfannaa 38:4, 8) Daawit, qalbiin nama ceephaʼu baʼaa ulfaataa akka taʼe beeka. Taʼus dhiphina isaa irraa jajjabina argateera. Yihowaan cubbuu kan jibbu taʼus, namni cubbuu hojjete tokko garaadhaa yoo yaada geddaratee fi cubbuu raawwachuu isaa yoo dhiise Yihowaan namicha akka hin jibbine Daawit hubatee ture. Daawit Yihowaan nama garaadhaa yaada geddaratuuf dhiifama akka godhu guutummaatti waan amanuuf, ‘Yaa Yihowaa ati dhiifama gochuuf qophaaʼaa dha’ jedheera.—Faarfannaa 86:5.

2 Nutis yommuu cubbuu hojjennu, qalbiin keenya nu ceephaʼuudhaan baʼaa ulfaataa nu caccabsu nu irra kaaʼuu dandaʼa. Qalbiin keenya nu ceephaʼuun isaa faayidaa qaba. Miirri akkasii dogoggora keenya sirreessuuf tarkaanfii akka fudhannu nu kakaasuu dandaʼa. Haa taʼu malee, qalbiin keenya garmalee nu ceephaʼuun isaa rakkina guddaaf nu saaxiluu dandaʼa. Qalbiin keenya inni nu ceephaʼu, hammam iyyuu yoo yaada geddaranne Yihowaan dhiifama akka nuuf hin goone nu amansiisuu barbaada. ‘Gadda guddaadhaan yoo liqimfamne’ Seexanni, nuti Yihowaa duratti gatii akka hin qabnee fi isa tajaajiluuf gaʼeessota akka hin taane akka nutti dhagaʼamu gochuudhaan abdii nu kutachiisuuf yaala.—2 Qorontos 2:5-11.

3 Taʼus Yihowaan nuti gatii akka hin qabnetti nu ilaalaa? Matumaa! Dhiifama gochuun, karaa jaalalli Yihowaa inni guddaan itti mulʼatu keessaa tokko dha. Yihowaan yommuu nuti garaadhaa yaada geddarannu dhiifama nuu gochuuf fedhii akka qabu Kitaaba Qulqulluu keessatti nuu mirkaneesseera. (Fakkeenya 28:13) Mee amma Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu mirkanaaʼaa taʼuuf inni dhiifama kan godhu maalii fi akkamitti akka taʼe haa qorannu.

Yihowaan ‘Dhiifama Gochuuf Qophaaʼaa’ Kan Taʼe Maaliifi?

4. Yihowaan akkaataa itti uumamne ilaalchisee maal yaadata? Kunoo akkaataa inni itti nu qabu irratti jijjiirama akkamii fida?

4 Yihowaan dadhabina keenya beeka. Faarfannaan 103:14, “Inni akkamitti akka tolfamne sirriitti beeka, biyyoo taʼuu keenyas ni yaadata” jedha. Biyyoo irraa waan uumamneef cubbamoota akka taane ykn dadhabina akka qabnu hin dagatu. Yaanni “akkamitti akka tolfamne” beeka jedhu, Kitaabni Qulqulluun Yihowaa suphee dhooftuu wajjin, nuun immoo miʼa suphee wajjin kan wal fakkeessu taʼuu isaa nu yaadachiisa. (Ermiyaas 18:2-6) Suphee Dhooftuu Inni Guddaan, akkuma dadhabina keenyaatti, akkasumas qajeelfama isaatiif ajajamuu fi dhiisuu keenya irratti hundaaʼee dhiifama nuu godha.

5. Kitaabni Roomaa humna guddaa cubbuun qabu kan ibsu akkamitti?

5 Yihowaan cubbuun humna guddaa akka qabu beeka. Kitaabni Qulqulluun cubbuun humna guddaa namoota toʼatuu fi gara duʼaatti geessu akka taʼe ibsa. Maarree humni cubbuun qabu hangam guddaa dha? Phaawulos ergamaan Kitaaba Roomaa keessatti akka armaan gadii jedheera: Akkuma loltoonni ajajaa isaanii jala jiran nutis “cubbuu jala” jirra (Roomaa 3:9); cubbuun akkuma mootii tokkootti ilmaan namootaa irratti “mootii” taʼee jira (Roomaa 5:21); cubbuun nu keessa ‘jiraata’ (Roomaa 7:17, 20); ‘seerri’ cubbuu yeroo hunda nu keessatti waan hojjetuuf sochii keenya toʼachuu barbaada. (Roomaa 7:23, 25) Dhuguma iyyuu cubbuun, foon keenya isa dadhabaa irratti humna guddaa qaba!—Roomaa 7:21, 24.

6, 7. (a) Yihowaan namoota cubbuu isaaniitti gaabbuudhaan araara isaa argachuu barbaadaniif ilaalcha akkamii qaba? (b) Araara Waaqayyoo akka laayyootti ilaaluu kan hin qabne maaliifi?

6 Kanaaf, Yihowaan isaaf ajajamuuf garaadhaa kan hawwinu taʼus, guutummaatti kana gochuu akka hin dandeenye beeka. Wanta raawwannetti gaabbinee araara isaa argachuuf yoo yaalle, dhiifama akka nuu godhu nuu mirkaneesseera. Faarfannaan 51:17, “Aarsaan Waaqayyoon gammachiisu, hafuura cabe dha; Yaa Waaqayyo, ati garaa cabee fi bullaaʼe hin tuffattu” jedha. Yihowaan, garaa baʼaa cubbuutiin “cabee fi bullaaʼe” hin tuffatu.

7 Kana jechuun garuu, cubbuu dhaalle sababeeffachuudhaan cubbuu yoo hojjenne illee dhiifama Waaqayyoo ni arganna jennee yaaduudhaan, araara isaa akka laayyootti ilaaluu qabna jechuudhaa? Matumaa akkas jechuu miti! Yihowaan miiraan hin geggeeffamu. Araarri isaa daangaa qaba. Namoota mata jabeeyyii, taʼe jedhanii cubbuu hojjetanii fi yaada hin geddaranneef dhiifama hin godhu. (Ibroota 10:26) Namoota cubbuu isaaniitti gaabbaniif garuu dhiifama gochuuf qophaaʼaa dha. Mee amma jechoota Kitaabni Qulqulluun amala jaalala Yihowaa argisiisu kana ibsuuf itti fayyadame tokko tokko haa qorru.

Dhiifamni Yihowaa Hammam Guddaa Dha?

8. Yihowaan yommuu cubbuu keenya nuuf dhiisu maal godheera jechuu dandeenya? Kun hoo amantii akkamii qabaachuuf nu gargaara?

8 Daawit inni yaada geddarate, “Dhuma irratti cubbuu koo sitti nan himadhe; dogoggora koo hin dhoksine; . . . Atis dogoggora koo fi cubbuu koo naaf dhiiste” jedheera. (Faarfannaa 32:5) Jechi “dhiiste” jedhame, afaan Ibrootaatiin “kaasuu” ykn “baachuu” yaada jedhu dabarsa. As irratti jechi kun, “miira balleessaa, cubbuu fi irra daddarbaa” nama irraa kaasuu argisiisa. Kanaaf, Yihowaan cubbuu Daawit hojjete isa irraa kaasee fageessee gateera jechuu dha. Kun immoo miira balleessaa Daawit irratti feʼamee ture akka salphise hin shakkisiisu. (Faarfannaa 32:3) Nutis, Waaqa keenya isa namoota aarsaa furii Yesuusitti amanuudhaan dhiifama argachuu barbaadaniif cubbuu isaanii fageessee gatu irratti amantii cimaa qabaachuu dandeenya.—Maatewos 20:28.

9. Yihowaan cubbuu keenya hammam nu irraa fageessa?

9 Daawit fakkeenya gaarii Yihowaan dhiifama akka namaaf godhu ibsu kan biraattis fayyadameera: “Akkuma bahi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, balleessaa keenya nu irraa fageesseera.” (Faarfannaa 103:12) Biiftuun kallattii bahaatiin baati, kallattii dhihaatiin immoo ni lixxi. Bahi dhiha irraa hammam fagaata? Kallattiiwwan kun lamaan baayʼee walirraa fagaatu; matumaa wal hin tuqan. Hayyuun tokko yaanni kun, “baayʼee fagoo; hamma tilmaamuu dandeenyu caalaa fagoo” jechuu akka taʼe ibsaniiru. Yaanni Daawit hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee barreesse, Yihowaan yommuu dhiifama nuu godhu, cubbuu keenya hamma yaaduu dandeenyu caalaa nu irraa fageessee akka gatu nu hubachiisa.

“Cubbuun keessan . . . akkuma cabbii adii ni taʼa”

10. Yihowaan cubbuu keenyu erga nuu dhiisee booda, jireenya keenya guutuu xurii cubbuu sanaa baannee jiraachaa akka jirru nutti dhagaʼamuu kan hin qabne maaliifi?

10 Uffata adii irraa xurii gadhiisisuuf yaaltee beektaa? Gadhiisisuuf carraaqqii cimaa gootus xuriin sun ni mulʼata taʼa. Yihowaan dandeettii dhiifama gochuuf qabu akkamitti akka ibse ilaali: “Cubbuun keessan diimaa dhiiga fakkaatu yoo taʼe illee, akkuma cabbii adii ni taʼa; akka uffata bifa bildiimaatti yoo diimate illee, akkuma suufii ni addaata.” (Isaayyaas 1:18) Yaanni “diimaa dhiiga fakkaatu” jedhu halluu garmalee diimaa taʼe argisiisa. a Jechi “bildiimaa” jedhu immoo halluu garmalee diimaa taʼee fi uffanni halluu diimaa akka qabaatu gochuuf gargaaru dha. (Naahom 2:3) Xurii cubbuu nu irra jiru carraaqqii keenyaan gadhiisisuu hin dandeenyu. Yihowaan garuu, cubbuu keenya isa akka dhiigaa nu diimesse nu irraa kaasee, akka cabbii ykn akka suufiitti nu addeessuu dandaʼa. Yihowaan cubbuu keenya erga nuu dhiisee booda, jireenya keenya guutuu xurii cubbuu sanaa baannee jiraachaa akka jirru nutti dhagaʼamuu hin qabu.

11. Yihowaan cubbuu keenya of duubatti ni gata jedhamuu kan dandaʼu akkamitti?

11 Hisqiyaas dhukkuba duʼaaf isa saaxilu irraa erga oolee booda faarfannaa galataa qindeesse irratti Yihowaadhaan, “Cubbuuwwan koo hundumaa of duubatti gatteetta” jedheera. (Isaayyaas 38:17) As irratti Yihowaan namoota yaada geddaratan irraa cubbuu isaanii fuudhee of duubatti, jechuunis bakka lammata hin arginetti ykn hin qalbeeffannetti akka gatu ibsameera. Akka barreeffamni tokko ibsutti yaanni kun, “Ati [cubbuu koo] akka waan hin raawwatamnetti ilaalte” jedhamees hiikamuu dandaʼa. Kun yaada baayʼee nama jajjabeessu mitii?

12. Yihowaan yommuu dhiifama nuu godhu, cubbuu keenya bara baraaf akka balleessu Miikiyaas raajichi kan ibse akkamitti?

12 Miikiyaas raajichi, abdii Israaʼelonni biyya isaanitti akka deebiʼan dubbate irratti Yihowaan saba isaa warra yaada geddarataniif dhiifama akka godhu amantii qabu akkas jedhee ibseera: “Waaqni akka keetti warra dhaala isaa keessaa hafaniif balleessaa isaanii . . . irra isaaniif darbu eenyu? Ati cubbuu isaanii hundumaa galaana gad fagoo keessatti ni darbatta.” (Miikiyaas 7:18, 19) Yaanni kun namoota bara sana turaniif hiika akkamii akka qabu mee yaadi. Wanti “galaana gad fagoo keessatti” darbatame tokko deebiʼee argamuu ni dandaʼaa? Kanaaf wanti Miikiyaas dubbate, Yihowaan yommuu dhiifama nuu godhu cubbuu keenya bara baraaf akka balleessu argisiisa.

13. Yesuus, “Balleessaa [idaa] keenya nuu dhiisi” jennee akka kadhannu yeroo nu gorsu maal jechuu isaati?

13 Yesuus, Yihowaan dhiifama akka namaa godhu ibsuuf, fakkeenya waaʼee nama liqii nama irraa qabuu fi nama liqiin irra jiruu ibsutti fayyadameera. Akkasumas Yesuus, “Balleessaa [idaa, miiljalee] keenya nuu dhiisi” jennee akka kadhannu nu gorseera. (Maatewos 6:12) Akka kanaan Yesuus cubbuu idaatti fakkeesseera. (Luqaas 11:4) Yommuu cubbuu raawwannu “idaan” Yihowaa kan nu irra jiru taana. Jecha afaan Giriikii “dhiifama” jedhamee hiikame ilaalchisee, galmeen jechootaa Kitaaba Qulqulluu tokko, “Akka namaaf kaffalamu gaafachuu dhiisuudhaan, idaa dhiisuu” jedheera. Kana jechuun Yihowaan yommuu dhiifama godhu idaa galmee herregaa keenya irratti galmeeffame nuu haqa jechuu dha. Dhuguma iyyuu kun cubbamoota yaada geddarataniif jajjabina guddaa kenna. Yihowaan idaa keenya isa nuu dhiise matumaa deebiʼee nu hin kaffalchiisu.—Faarfannaa 32:1, 2.

14. Yaanni, “cubbuun keessan akka isinii haqamuuf” jedhu maal nu yaadachiisa?

14 Hojiin Ergamootaa 3:19 Yihowaan guutummaatti dhiifama akka godhu yommuu ibsu, “Cubbuun keessan akka isinii haqamuuf yaada geddaradhaa, deebiʼaas” jedha. Jechi afaan Giriikii ‘haquu’ jedhu, ‘haxaaʼuu ykn balleessuu’ argisiisuu dandaʼa. Hayyoonni tokko tokko yaanni as irratti ibsame wanta barreeffame tokko haqanii balleessuu wajjin akka wal fakkaatu dubbataniiru. Kun taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Bara duriitti qalamni yeroo baayʼee, cilee, haphee fi bishaan irraa hojjetama. Namni tokko qalama akkasiitti fayyadamee erga barreessee booda yeruma sana, ispoonjii jiidhaadhaan wanta barreeffame sana balleessuu dandaʼa. Yaanni kun araara Yihowaa baʼeessa godhee ibsa. Yihowaan cubbuu keenya yeroo nuu dhiisu, akkuma nama waan barreeffame ispoonjiidhaan balleessuutti cubbuu keenya guutummaatti nu irraa haqa.

15. Yihowaan waaʼee isaa maal akka beeknu barbaada?

15 Fakkeenyota kana hunda irratti xiinxaluun keenya, garaadhaa yaada yoo geddaranne Yihowaan cubbuu keenya nuu dhiisuuf qophaaʼaa taʼuu isaa akka beeknu akka barbaadu ifa nuu hin godhuu? Yihowaan cubbuu nuu dhiise sanaan fuulduratti nu adaba jennee sodaachuun nu hin barbaachisu. Araara Yihowaa isa guddaa ilaalchisee wanti Kitaabni Qulqulluun ibsu tokko kana ifa godha: Yihowaan yommuu dhiifama godhu ni irraanfata.

Yihowaan, ‘dhiifama gochuuf qophaaʼaa’ taʼuu isaa akka beeknu barbaada

“Cubbuu Isaaniis Sana Booda Hin Yaadadhu”

16, 17. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan cubbuu keenya ni irraanfata yommuu jedhu maal jechuu isaati? Akkas jettee kan deebiste maaliifi?

16 Yihowaan, “Ani balleessaa isaanii isaaniif nan dhiisa, cubbuu isaaniis sana booda hin yaadadhu” jechuudhaan, namoota kakuu haaraa keessatti hammatamaniif abdii kenneera. (Ermiyaas 31:34) Kana jechuun garuu, Yihowaan yommuu dhiifama namaaf godhu cubbuu raawwatame yaadachuu hin dandaʼu jechuudhaa? Gonkumaa akkas jechuu miti. Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan Daawitiin dabalatee namoota hedduuf cubbuu isaanii akka dhiise nutti hima. (2 Saamuʼel 11:1-17; 12:13) Yihowaan harʼa illee cubbuu namoonni sun hojjetan akka beeku ifa dha. Cubbuu isaan raawwatan, yaada geddarachuun isaanii fi Yihowaan dhiifama isaaniif gochuun isaa faayidaa keenyaaf galmeeffameera. (Roomaa 15:4) Maarree, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan namootaaf dhiifama erga godhee booda, cubbuu isaanii ‘hin yaadatu’ yeroo jedhu maal jechuu isaati?

17 Afaan Ibrootaatiin yaanni “sana booda hin yaadadhu” jedhamee hiikame, wanta kanaan dura raawwatame yaadachuu qofa kan argisiisu miti. Kitaabni, Tiʼooloojikaal Wardibuuk oov za Ooldi Teestaamanti jedhamu, yaanni kun, ‘wanta raawwatame sana ilaalchisee wanta tokko gochuus akka dabaltu’ ibseera. Akka hiika kanaatti yaanni cubbuu ‘yaadachuu’ jedhu, namoota cubbuu hojjetan irratti tarkaanfii fudhachuu dabalata. (Hoseʼaa 9:9) Kanaafuu, Waaqayyo ‘cubbuu isaanii sana booda hin yaadadhu’ yommuu jedhu, namoota cubbuu hojjetanii fi yaada geddarataniif takkaa erga dhiifama godhee booda, cubbuu raawwatan sanaaf deebiʼee akka isaan hin adabne nuu mirkaneessuu isaati. (Hisqiʼel 18:21, 22) Yihowaan cubbuu keenya nutti hin lakkaaʼu jechuun, yeroo hunda nu ceephaʼuuf ykn nu adabuuf jecha cubbuu kanaan dura raawwanne irra deddeebiʼee hin yaadatu jechuu dha. Waaqni keenya cubbuu keenya akka nuu dhiisuu fi akka irraanfatu beekuun nama hin jajjabeessuu?

Yihowaan Rakkina Cubbuun Hojjenne Nutti Fidu Irraa nu Oolchaa?

18. Namni cubbuu hojjete tokko dhiifama argachuun isaa, rakkoowwan karaa cubbuu sanaa itti dhufan irraa isa eega jechuu kan hin taane maaliifi?

18 Yihowaan dhiifama gochuuf qophaaʼaadha jechuun, namni cubbuu hojjetee fi yaada geddarate tokko, rakkina cubbuun isaa itti fidu hunda irraa walaba taʼa jechuudhaa? Matumaa akkas jechuu miti. Cubbuu yoo raawwanne miidhaan nu irra gaʼuun isaa hin oolu. Phaawulos, “Namni waanuma facaase sana haammata” jedhee barreesseera. (Galaatiyaa 6:7) Cubbuu raawwachuu keenyaan rakkinni tokko tokko nu irra gaʼuu dandaʼa. Kana jechuun garuu, Yihowaan dhiifama erga nuu godhee booda rakkina nutti fida jechuu miti. Kiristiyaanni tokko yommuu rakkinni isa irra gaʼu, ‘Tarii Yihowaan cubbuun kanaan dura hojjedheef na adabaa jira taʼa’ jedhee yaaduu hin qabu. (Yaaqoob 1:13) Taʼus, Yihowaan rakkoowwan cubbuu raawwachuun keenya nutti fidu hunda irraa nu hin eegu. Wal hiikuun, ulfi hin barbaadamne, dhibeewwan saalqunnamtiidhaan daddarban, warra kaan biratti amanamummaa ykn ulfina dhabuun, rakkoowwan gaddisiisoo karaa cubbuu dhufan keessaa muraasa isaaniiti. Yihowaan Daawitiif dhiifama kan godhe taʼus, rakkoowwan cubbuu inni Baat Sheebaa fi Uuriyaa wajjin wal qabateen raawwateen itti dhufan irraa akka isa hin eegne yaadadhu.—2 Saamuʼel 12:9-12.

19-21. (a) Seerri Leewwota 6:1-7 irratti argamu, nama miidhes taʼe nama miidhame kan fayyadu akkamitti? (b) Cubbuu hojjenneen warri kaan yoo miidhaman, Yihowaa gammachiisuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu qabna?

19 Keessumaa wanti raawwanne warra kaan miidheera taanaan, cubbuun keenya wanta nu kaffalchiisu kan biraas qabaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, seenaa Leewwota boqonnaa 6 irra jiru ilaali. Seerri Musee namni Israaʼel tokko miʼa nama kaanii hatuu, saamuu ykn gowwoomsee fudhachuudhaan cubbuu guddaa yoo hojjete maal gochuu akka qabu ibsa. Namni cubbuu hojjete sun gocha isaa kana haaluu fi sana irra darbees sobaan kakachuu dandaʼa. Namni ragaa baʼu waan hin jirreef namni kun hin adabamu. Booda garuu, namni cubbuu hojjete sun qalbiin isaa waan isa ceephaʼeef cubbuu isaa ni himata. Namni kun Waaqayyo akka dhiifama isaaf godhu yoo barbaade wantoota dabalataa sadii gochuu qaba: Wanta fudhate sana deebisuu, adaba akka taʼuuf harka 20 dabalee namichaaf kennuu fi sababii yakkaatiif korbeessa hoolaa tokko dhiheessuu qaba. Seerichi itti fufuudhaan, “Lubichis Yihowaa duratti araara isaaf ni argamsiisa; . . . akka isaaf dhiifamus ni godha” jedha.—Leewwota 6:1-7.

20 Seerri kun qophii Waaqayyo araara isaatiin kakaʼee godhedha. Kun taʼuu isaatti namni miini isaa isaaf deebiʼe kun ni fayyadama, akkasumas namni isa miidhe sun cubbuu isaa amanuu isaatti boqonnaa guddaatu itti dhagaʼama. Qophiin kun, nama booda irratti qalbiin isaa isa ceephaʼee fi dogoggora isaa akka sirreessu isa kakaases ni fayyada. Namni kun kana gochuu yoo dide garuu Waaqayyo dhiifama isaaf hin godhu.

21 Nuti seera Musee jala jiraachuu baannus, Seerichi ilaalcha Yihowaan dhiifama gochuuf qabu dabalatee, akkaataa inni itti yaadu irratti hubannaa guddaa nuu kenna. (Qolosaayis 2:13, 14) Warri kaan cubbuu hojjenneen yoo miidhaman, dogoggora raawwanne sirreessuuf hamma dandeenye carraaquun keenya Waaqayyoon ni gammachiisa. (Maatewos 5:23, 24) Kun immoo cubbuu keenya amanuu fi nama yakkine sana dhiifama gaafachuu dabalata. Sana booda, aarsaa Yesuus irratti hundoofnee Yihowaa dhiifama gaafachuu fi dhiifama isaa argachuu dandeenya.—Ibroota 10:21, 22.

22. Dhiifama Yihowaa argachuun maal kan dabalatu taʼuu dandaʼa?

22 Akkuma abbaa jaalala qabeessa taʼe tokkoo, Yihowaanis yommuu dhiifama godhu hamma tokko nu adabuu dandaʼa. (Fakkeenya 3:11, 12) Kiristiyaanni yaada geddarate tokko, mirga jaarsa, tajaajilaa gumii ykn qajeelchaa taʼuudhaan qabu dhabuu dandaʼa. Tarii mirgawwan bakka guddaa kennuuf kana yeroo muraasaaf dhabuun isaa isa gaddisiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, adabni kun Yihowaan dhiifama akka isaaf hin goone kan argisiisu miti. Adabni Yihowaan nuu kennu, jaalala nuuf qabu kan argisiisu akka taʼe yaadachuu qabna. Adaba kana fudhachuu fi hojii irra oolchuun keenya faayidaa guddaa nuuf argamsiisa.—Ibroota 12:5-11.

23. Yihowaan dhiifama nuuf hin godhu jennee yaaduu kan hin qabne maaliifi? Dhiifama gochuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu kan qabnu hoo maaliifi?

23 Waaqni keenya “dhiifama gochuuf qophaaʼaa” akka taʼe beekuun baayʼee nama gammachiisa! Cubbuu akkamii iyyuu yoo hojjenne, araarri Yihowaa nuuf hin malu jennee yaaduu hin qabnu. Garaadhaa qalbii yoo geddaranne, dogoggora raawwanne sirreessuuf tarkaanfii yoo fudhannee fi dhiiga Yesuus isa nuuf dhangalaʼe irratti hundoofnee dhiifama argachuuf garaadhaa yoo kadhanne, Yihowaan dhiifama akka nuu godhu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (1 Yohaannis 1:9) Nutis walii keenyaaf dhiifama gochuudhaan fakkeenya Yihowaa haa hordofnu. Yihowaan inni cubbuu hin hojjenne jaalalaan dhiifama kan nuu godhu erga taʼee, nuti warri cubbamoota taane walii keenyaaf dhiifama gochuuf carraaquu hin qabnuu?

a Hayyuun tokko halluun diimaa dhiiga fakkaatu jedhame kun, halluu “fixeensaan, bokkaadhaan, miicuudhaan ykn yeroo dheeraa itti fayyadamuudhaan hin gadhiisne dha” jedheera.