Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 29

‘Jaalala Kiristoos Beekuu’

‘Jaalala Kiristoos Beekuu’

1-3. (a) Yesuus Abbaa isaa fakkaachuuf fedhii akka qabaatu kan isa kakaase maalidha? (b) Karaawwan Yesuus jaalala itti argisiise kamfaa ilaalla?

 MUCAA xinnoo abbaa isaa fakkaachuuf yaalii godhu argitee beektaa? Mucaan kun adeemsa isaa, dubbii isaa fi gocha isaatiin abbaa isaa fakkaachuuf yaala. Yeroo booda immoo amala abbaa isaa fi ilaalcha inni dhimmoota hafuuraaf qabu illee ni hordofa taʼa. Eeyyee, jaalallii fi dinqisiifannaan mucaan kun abbaa isaatiif qabu, abbaa isaa kana fakkaachuuf fedhii akka qabaatu isa godha.

2 Walitti dhufeenyi Yesuusii fi Abbaa isaa isa samii gidduu jiru hoo maal fakkaata? Yeroo tokko Yesuus, ‘Ani abbaa nan jaalladha’ jedheera. (Yohaannis 14:31) Yesuus isa uumamawwan hundi gara jireenyaatti dhufuu isaanii yeroo dheeraa dura Abbaa isaa wajjin jiraate caalaa, eenyu iyyuu Yihowaa jaallachuu hin dandaʼu. Jaalalli Ilmi kun Abbaa isaatiif qabu, Abbaa isaa fakkaachuuf fedhii akka qabaatu isa taasiseera.—Yohaannis 14:9.

3 Boqonnaawwan kanaan dura ilaalle irratti, Yesuus humna, haqaa fi ogummaa Yihowaa argisiisuudhaan guutummaatti akkamitti fakkeenya Abbaa isaa akka hordofe ilaalleerra. Haa taʼu malee, Yesuus jaalala Abbaa isaa kan argisiise akkamitti? Kanatti aansuudhaan karaawwan Yesuus jaalala itti argisiise sadii ilaalla; isaanis fedhii ofii aarsaa gochuu, gara laafina argisiisuu fi dhiifama gochuuf fedhii qabaachuu dha.

“Eenyu Iyyuu [Kana Caalaa] Jaalala Guddaa Qabaachuu Hin Dandaʼu”

4. Yesuus nama kam iyyuu caalaa jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisuudhaan fakkeenya kan taʼe akkamitti?

4 Yesuus jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisuudhaan fakkeenya gaarii nuu taʼa. Fedhii ofii aarsaa gochuun, ofittummaa irraa walaba taʼanii wanta warra kaaniif barbaachisuu fi wanta isaan yaaddessu kan ofii irra dursuu dabalata. Maarree, Yesuus jaalala akkasii kan argisiise akkamitti? Innumti iyyuu, “Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu iyyuu jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu” jedheera. (Yohaannis 15:13) Yesuus lubbuu isaa isa mudaa hin qabne fedhii isaatiin nuu kenneera. Kun jaalala namni kam iyyuu argisiise hunda kan caalu dha. Haa taʼu malee, Yesuus karaa kan biraas jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiiseera.

5. Ilmi Waaqayyoo inni tokkichi gara lafaa dhufuuf maal dhiisuun isa barbaachisee ture?

5 Ilmi Waaqayyoo inni tokkichi nama taʼee dhalachuu isaa dura, samii irratti mirgaa fi aangoo guddaa qaba. Yihowaa wajjinis taʼe uumamawwan hafuuraa hedduu wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba. Ilmi Waaqayyoo inni jaallatamaan kun mirga akkasii kan qabu taʼus, “duwwaa of godhe; bifa garbummaa qabaatees nama taʼe.” (Filiphisiiyus 2:7) Ilmaan namootaa cubbamoota taʼanii wajjin addunyaa ‘humna isa hamaa sanaa jala jiru’ keessa jiraachuuf fedhii isaatiin dhufeera. (1 Yohaannis 5:19) Dhuguma iyyuu ilmi Waaqayyoo wanta hedduu dhiisuudhaan jaalala argisiiseera.

6, 7. (a) Yesuus yeroo lafa irratti tajaajilaa turetti, jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe kan argisiise karaawwan kamiini? (b) Yohaannis 19:25-27 irratti jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe qabaachuu ilaalchisee fakkeenya gaarii akkamii arganna?

6 Yesuus yeroo lafa irra tajaajilaa turettis karaawwan adda addaatiin jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiiseera. Inni matumaa ofittoo hin turre. Tajaajilaan qabamuuf jecha, wantoota buʼuuraa ilmaan namootaatiif barbaachisaa taʼan illee aarsaa godheera. “Jeedaloonni boolla qabu; simbirroonni samiis manʼee qabu; Ilmi namaa garuu bakka mataa isaa itti hirkifatu illee hin qabu” jedheera. (Maatewos 8:20) Yesuus anaaxii ogummaa qabu waan tureef, yeroo muraasa fudhatee ofii isaatiif mana gaarii ijaarrachuu ykn miʼa manaa gaggaarii hojjetee gurguruudhaan qarshii argachuu dandaʼa ture. Taʼus, ogummaa isaatti fayyadamee qabeenya walitti qabachuuf hin yaalle.

7 Fakkeenyi garaa namaa tuquu fi Yesuus jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe akka argisiise ibsu, Yohaannis 19:25-27 irratti argama. Yesuus guyyaa ajjeefamuuf turetti waaree booda, wantoonni isa dhiphisan hedduun jiru turan. Yommuu muka irratti fannifamee turetti, waaʼee bartoota isaa, waaʼee hojii lallabaa fi keessumaa immoo waaʼee amanamummaa isaa fi amanamummaan isaa kun maqaa Abbaa isaa akkamitti akka tuqu yaaddaʼee ture. Abdiin ilmaan namootaa gara fuulduraas, amanamummaa isaa irratti kan hundaaʼe ture! Wantoonni kun kan isa dhiphisan taʼu illee, duʼuu isaa yeroo muraasa dura haadha isaa Maariyaam ishii yeroo sanatti abbaan manaa irraa duʼee taʼuu dandaʼuuf akka yaadu argisiiseera. Yesuus, Yohaannis ergamaan akkuma haadha isaatti ishii ilaaluudhaan Maariyaamiif kunuunsa akka godhu kan isa gaafate yeroo taʼu, ergamaan kunis gara mana isaatti ishii fudhateera. Akka kanaan, Yesuus haati isaa karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa kunuunsa akka argattu qophii godheera. Kun jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe akka qabu kan argisiisu mitii?

“Baayʼee Isaaniif Gadde”

8. Jechi afaan Giriikii Kitaabni Qulqulluun gara laafina Yesuus ibsuuf itti fayyadame hiikni isaa maalidha?

8 Yesuus akkuma Abbaa isaa gara laafessa ture. Kitaabni Qulqulluun, Yesuus namoota dhiphataniif gadduudhaan isaan gargaaruuf akka carraaqe ibsa. Kitaabni Qulqulluun gara laafina Yesuus ibsuuf, jecha afaan Giriikii “baayʼee isaaniif gadde” jedhamee hiikametti fayyadama. Akka hayyuun tokko jedhanitti, “yaanni kun, . . . miira cimaa namni tokko tarkaanfii akka fudhatu isa kakaasu dha. Afaan Giriikiitiin jechi kun, jecha miira gara laafinaa akka gaariitti ibsu dha.” Mee haalawwan Yesuus garaa laafina guddaadhaan kakaʼee namoota akka gargaaru isa taasisan tokko tokko haa ilaalu.

9, 10. (a) Yesuusii fi ergamoonni isaa bakka tasgabbii qabu akka dhaqan kan isaan godhe maal ture? (b) Yesuus yommuu namoonni hedduun yeroo kophaa isaa itti taʼu isa dhabsiisan maal godhe? Maaliifi?

9 Karaa hafuuraa wanta namootaaf barbaachisu guutuuf kakaʼeera. Seenaan Maarqos 6:30-34 irratti argamu, wanti Yesuus akka namootaaf gaddu isa kakaase inni guddaan maal akka taʼe ibsa. Mee wanta yeroo sanatti raawwatame yaadi. Ergamoonni Yesuus, guyyaa sanatti hojii lallabaa isaanii xumuranii deebiʼuu isaaniitti baayʼee gammadaniiru. Gara Yesuusitti deebiʼanii wanta arganii fi wanta dhagaʼan hunda dinqisiifannaadhaan itti himan. Haa taʼu malee, namoonni baayʼeen walitti qabamuudhaan, Yesuusii fi ergamoota isaa nyaataaf illee yeroo dhabsiisan. Yesuus inni yeroo hunda haala namootaa hubatu ergamoonni isaa akka dadhaban arge. Kanaafuu, “Kottaa, gara bakka namni hin jirre tokkoo haa dhaqnu; achitti xinnoo boqodhaa” jedheen. Achiis bidiruu yaabbatanii kallattii kaabaatiin gara qarqara Galaana Galiilaa isa gabii qabuu dhaqan. Taʼus namoonni hedduun yommuu isaan deeman isaan argan. Warri kaan immoo oduu kana ni dhagaʼan. Kanaaf, hundi isaanii galaanicha qarqaraan fiiganii isaan dura achi gaʼan!

10 Yesuus namoonni kun yeroo kophaa isaa itti taʼu isa dhabsiisuu isaaniitti aaree turee? Matumaa! Kanaa mannaa, namoota kumaan lakkaaʼamanii fi isa eegaa turan kana yommuu argu garaan isaa ni raafame. Maarqos, “Namoota hedduu argee baayʼee isaaniif gadde; sababiin isaas, isaan akka hoolota tiksee hin qabnee turan. Wanta hedduus isaan barsiisuu jalqabe” jedhee barreesseera. Yesuus namoonni kun fedhii hafuuraa akka qaban hubateera. Isaan akkuma hoolota tiksee isaan geggeessuu fi isaan eegu hin qabnee taʼanii turan. Yesuus, geggeessitoonni amantii jaalala hin qabnee fi akka tikseetti isaan kunuunsuu qaban kun namoota kana akka dhiisan beekee ture. (Yohaannis 7:47-49) Kanaafuu, namoota kanaaf waan gaddeef, “waaʼee Mootummaa Waaqayyoo” isaan barsiisuu jalqabe. (Luqaas 9:11) Yesuus namoota kanaaf kan gadde, barumsa isaatiif ilaalcha akkamii akka qaban arguu isaa dura akka ture qalbeeffadhu. Kana jechuun Yesuus gara laafina kan isaanitti argisiise, namoota sana erga barsiisee booda hin turre jechuu dha; kanaa mannaa akka isaan barsiisu kan isa kakaase iyyuu gara laafina ture.

“Harka isaa diriirsee isa qaqqabe”

11, 12. (a) Bara duriitti namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman akkamitti ilaalamu turan? Taʼus, namni “guutummaan qaama isaa dhukkuba nadaayiitiin qabame” tokko gara isaa yeroo dhufetti Yesuus maal godhe? (b) Yesuus nama dhukkuba nadaayiitiin qabame harkaan qaqqabuun isaa namichatti maaltu akka dhagaʼamu godhee taʼuu dandaʼa? Muuxannoon doktara tokkoo kana kan argisiisu akkamitti?

11 Rakkina irraa isaan furuuf kakaʼeera. Namoonni dhukkuba adda addaatiin qabaman, Yesuus gara laafessa taʼuu isaa waan hubataniif isatti dhihaatu turan. Yeroo namoonni hedduun Yesuusii wajjin deemaa turanitti, namni “guutummaan qaama isaa dhukkuba nadaayiitiin qabame” tokko gara isaa akka dhufe seenaa ibsu irraa kana hubachuu dandeenya. (Luqaas 5:12) Bara duriitti namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman dhukkuba kana warra kaanitti akka hin dabarsinetti namoota irraa adda baafamu turan. (Lakkoofsa 5:1-4) Yeroo booda garuu, geggeessitoonni amantii namoota dhukkuba kanaan qabamaniif ilaalcha gadhee qabaachuu fi seerawwan isaan miidhan baasuu jalqaban. a Yesuus garuu nama dhukkuba akkasiitiin qabame kanaaf maal akka godhe qalbeeffadhu: “Achittis namichi dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko gara isaa dhufee jilbeenfatee, ‘Yoo fedhii kee taʼe, na fayyisuu dandeessa’ jedhee isa kadhate. Yesuusis baayʼee isaaf gaddee, harka isaa diriirsee isa qaqqabee, ‘Nan fedha! Fayyi!’ isaan jedhe. Yeruma sana dhukkubni nadaayii sun isa irraa bade.” (Maarqos 1:40-42) Yesuus namni dhukkuba kanaan qabame kun achitti argamuun isaa illee sirrii akka hin taane beeka. Haa taʼu malee namicha ariʼuu mannaa, garaa isaaf laafuudhaan wanta hin yaadamne tokko godheefi. Harka isaa diriirsee isa qaqqabe!

12 Namni dhukkuba kanaan qabame sun yeroo Yesuus harkaan isa qabu maaltu akka itti dhagaʼame tilmaamuu dandeessaa? Mee fakkeenyaaf muuxannoo tokko ilaali. Doktarri Pool Biraandi jedhamuu fi dhukkuba nadaayii yaalu tokko, waaʼee nama biyya Hindiitti walʼaane tokkoo dubbateera. Doktarri kun nama kana yommuu walʼaanu harka isaa gateettii namichaa irra kaaʼee, yaalii fayyaa akkamii akka isaaf godhu turjumaanaan itti hime. Namni kunis akkuma tasaa booʼuu jalqabe. Doktarichis, “Wanta si gaddisiisun dubbadhee?” jedhee isa gaafate. Turjumaanni sunis nama kana afaan isaatiin erga gaafatee booda doktarichaan, “Lakki, doktar. Harka kee gatiittii isaa irra waan keesseef akka booʼe dubbachaa jira. Hamma as dhufutti waggoota hedduuf eenyu iyyuu harkaan isa qabee hin beeku” jedhe. Namni dhukkuba kanaan qabamee fi Yesuus harkaan isa qaqqabe immoo kana caalaa akka gammade beekamaa dha. Sababiin isaas Yesuus nama kana harkaan qabuun isaa, namichi dhukkuba warra kaan irraa isa fageesse sana irraa akka fayyu godheera!

13, 14. (a) Yesuus gara magaalaa Naayinitti yommuu dhihaate maaltu isa mudate? Haalli kun baayʼee kan nama gaddisiisu maaliifi? (b) Yesuus gara laafessa taʼuun isaa, dubartii Naayin abbaan manaa irraa duʼeef maal akka godhu isa kakaase?

13 Namoota gaddan gargaaruuf kakaʼeera. Gaddi warra kaanii Yesuusiin ni gaddisiisa ture. Fakkeenyaaf, seenaa Luqaas 7:11-15 irratti argamu ilaali. Wanti kun kan raawwatame, tajaajila isaa isa lafa irraa yeroo walakkeessetti yommuu taʼu, magaalaa Galiilaa kan taate Naayinitti yommuu dhihaatetti ture. Yesuus gara karra magaalattiitti yommuu dhihaatu, namoota reeffa baatanii awwaala dhaqan arge. Haalli isaa baayʼee kan nama gaddisiisu ture. Kan duʼe, mucaa haadha isaatiif tokkicha turedha; haati isaa immoo dubartii abbaan manaa irraa duʼe turte. Kanaan dura yeroo abbaan manaa ishii duʼettis gaddi akkasii ishii mudatee akka ture beekamaadha. Yeroo kanatti immoo ilma ishii isa tokkicha tarii ishii gargaaraa turetu jalaa duʼe. Namoota hedduu ishii wajjin turan keessaa tokko tokko, iyyanii kan booʼanii fi meeshaa muuziqaatiin warra kaan kan boossisan taʼuu dandaʼu. (Ermiyaas 9:17, 18; Maatewos 9:23) Haa taʼu malee, iji Yesuus kan buʼe, haadha gaddaan miidhamte kana irra yeroo taʼu, yeroo kanatti ishiin siree reeffa ilma ishii ittiin baatan cinaa deemaa kan turte taʼuu hin oolu.

14 Yesuus haadha gaddi irra gaʼe kanaaf ‘baayʼee gadde.’ Achiis sagalee nama jajjabeessuun, “Hin booʼin” jedheen. Sana booda eenyu iyyuu utuu isa hin gaafatin itti siqee siricha tuqe. Yeroo kanatti namoonni reefficha baatanii fi namoonni kaan callisanii waan dhaabbatan fakkaata. Yesuusis sagalee aangoo akka qabu argisiisuun mucaa duʼe sanaan, “Dargaggeessa nana, siinan jedha, kaʼi!” jedheen. Sana booda maaltu taʼe? Akkuma nama hirriba cimaa keessaa dammaqeetti, “inni duʼe sunis ol jedhee taaʼee dubbachuu jalqabe.” Achiis seenaan kun, “Yesuusis haadha isaatiif isa kenne” jechuudhaan yaada garaa namaa tuqu nutti hima.

15. (a) Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu Yesuus gara laafina akka argisiise dubbatan, gara laafinnii fi gargaarsa gochuun walitti dhufeenya akka qaban kan argisiisan akkamitti? (b) Gama kanaan fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Seenaawwan kana irraa maal baranna? Seenaawwan lamaan iyyuu, gara laafinnii fi warra kaan gargaaruun walitti dhufeenya akka qaban kan argisiisan taʼuu isaa qalbeeffadhu. Yesuus yeroo rakkina warra kaanii ilaalu isaaniif kan gaddu yeroo taʼu, kun immoo tarkaanfii akka fudhatu isa kakaasa ture. Nuti hoo fakkeenya isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Kiristiyaanota waan taaneef, misiraachicha lallabuu fi duuka buutota gochuuf dirqamni nu irra jira. Wanti kana gochuuf nu kakaasu inni guddaan jaalala Waaqayyoof qabnudha. Haa taʼu malee, hojiin kun hojii gara laafina gaafatu akka taʼes dagachuu hin qabnu. Nutis akkuma Yesuus yommuu warra kaaniif gaddinu, garaan keenya misiraachicha isaanitti himuuf wanta dandeenye hunda akka goonu nu kakaasa. (Maatewos 22:37-39) Obboloota keenya rakkinnii fi gaddi isaan irra gaʼetti hoo gara laafina argisiisuu hin qabnuu? Dinqiidhaan namoota dhukkubsatan fayyisuu ykn namoota duʼan kaasuu hin dandeenyu. Taʼus, dursa fudhannee akka isaaniif yaannu ibsuu fi isaan gargaaruudhaan gara laafina qabnu hojiidhaan argisiisuu dandeenya.—Efesoon 4:32.

“Yaa Abbaa . . . Dhiifama Isaaniif Godhi!”

16. Yesuus yeroo fannifamee turetti illee, namootaaf dhiifama gochuu akka barbaadu kan argisiise akkamitti?

16 Yesuus “dhiifama gochuufis qophaaʼaa” taʼuudhaan jaalala Abbaa isaa sirriitti calaqqiseera. (Faarfannaa 86:5) Yeroo fannifamee turetti illee, dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼuu isaa argisiiseera. Yesuus, harki isaa fi miilli isaa mismaaraan rukutamee yommuu duʼa salphinaa duʼuuf turetti maal jedhe? Yihowaan warra isa fannisan sana akka adabu gaafatee? Lakki. Kanaa mannaa, Yesuus yeroo duʼuuf jedhutti, “Yaa Abbaa, isaan wanta gochaa jiran waan hin beekneef dhiifama isaaniif godhi” jedhee kadhate.—Luqaas 23:34. b

17-19. Yesuus, Pheexiros al sadii isa ganus dhiifama akka isaaf godhe kan argisiise akkamitti?

17 Fakkeenyi kana irra caaluu fi Yesuus dhiifama akka godhu argisiisu immoo akkaataa inni Pheexiros ergamaa itti qabe taʼuu hin oolu. Pheexiros, Yesuusiin baayʼee akka jaallatu beekamaadha. Gaafa Niisaan 14, jechuunis galgala dhumaa jireenya isaa isa lafa irratti Pheexiros Yesuusiin, “Yaa Gooftaa, ani sii wajjin hidhamuufis taʼe duʼuuf qophaaʼaa dha” jedhee ture. Haa taʼu malee, saʼaatii muraasa booda Pheexiros Yesuusiin beekuu isaa illee al sadii gane! Kitaabni Qulqulluun, “Gooftaan garagalee Pheexirosiin ilaale” jechuudhaan, yommuu Pheexiros al sadaffaaf Yesuusiin gane maaltu akka taʼe nutti hima. Pheexiros cubbuu isaatti baayʼee waan gaddeef, “gad baʼee hirqinfatee booʼe.” Guyyaa sana yeroo Yesuus duʼu, Pheexiros ‘Gooftaan koo dhiifama naa godheeraa laata?’ jedhee yaadee taʼuu dandaʼa.—Luqaas 22:33, 61, 62.

18 Pheexiros deebii gaaffii kanaa beekuuf yeroo dheeraa eeguun isa hin barbaachisne. Yesuus gaafa Niisaan 16 ganama duʼaa kan kaʼe yeroo taʼu, haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti guyyuma sanatti Pheexirositti mulʼateera. (Luqaas 24:34; 1 Qorontos 15:4-8) Yesuus, ergamaa isa gane kanaaf xiyyeeffannaa addaa kan kenne maaliifi? Yesuus, Pheexiros inni yaada geddarate amma iyyuu gooftaa isaa biratti akka jaallatamuu fi bakka guddaa akka qabu isaaf mirkaneessuu barbaadee taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Pheexirosiin jajjabeessuuf wanta kana caalus godheera.

19 Yeroo muraasa booda, Yesuus Galaana Galiilaa biratti duuka buutota isaatti mulʼate. Yeroo kanatti Yesuus, Pheexiros (inni al sadii Gooftaa isaa gane) kan isa jaallatu taʼuu isaa al sadii isa gaafate. Siʼa sadaffaa booda, “Yaa Gooftaa, ati waan hundumaa beekta; akkan baayʼee si jaalladhus beekta” jedhee deebiseef. Dhuguma iyyuu, Yesuus inni garaa namaa beekuu dandaʼu, Pheexiros akka isa jaallatu akka gaariitti beeka ture. Yeroo kanatti Yesuus, Pheexiros jaalala isaaf qabu akka argisiisu carraa isaaf kennuu isaa ture. Kana malees Yesuus, Pheexiros “Ilmoolee hoolaa” isaa akka ‘sooruu’ fi akka ‘tiksu’ isa ajajeera. (Yohaannis 21:15-17) Sana dura, Pheexiros hojii lallabaa akka raawwatu ajajamee ture. (Luqaas 5:10) Amma garuu, Yesuus amantii guddaa isa irratti gatuudhaan, namoota fuulduratti duuka buutota isaa taʼan akka kunuunsu itti gaafatamummaa kana irra caalu kenneef. Sana booda utuu baayʼee hin turin, Yesuus sochii duuka buutonni isaa godhan keessatti Pheexiros shoora guddaa akka qabaatu godheera. (Hojii Ergamootaa 2:1-41) Pheexiros, Yesuus dhiifama akka isaaf godhee fi amma iyyuu akka isa amanu beekuu isaatti baayʼee akka gammade beekamaadha!

“Jaalala Kiristoos” Beektaa?

20, 21. Guutummaatti ‘jaalala Kiristoos beekuu’ kan dandeenyu akkamitti?

20 Dubbiin Yihowaa, jaalala Kiristoos akka gaariitti nuu ibsa. Haa taʼu malee, jaalalli Yesuus maal akka goonu nu kakaasuu qaba? Kitaabni Qulqulluun, “jaalala Kiristoos isa beekumsa irra baayʼee caalu” akka beeknu nu jajjabeessa. (Efesoon 3:19) Akkuma kanaan dura ilaalle, seenaawwan Wangeelaa waaʼee jireenyaa fi tajaajila Yesuus ibsan, waaʼee jaalala Kiristoos waan hedduu nu barsiisu. Taʼus, guutummaatti ‘jaalala Kiristoos beekuun,’ wanta Kitaabni Qulqulluun waaʼee isaa dubbatu barachuu caalaa waan dabalatu qaba.

21 Jechi afaan Giriikii “beekuu” jedhamee hiikame, “gocha ykn muuxannoo ofii irraa beekuu” argisiisa. Ofittummaa irraa walaba taanee warra kaaniif of kennuudhaan, gara laafinaan kakaanee wanta isaan barbaachisu gochuu fi garaadhaa dhiifama isaaniif gochuudhaan akkuma Yesuus yommuu jaalala argisiisnu, miira isaa sirriitti hubachuu dandeenya. Akka kanaan muuxannoo irraa kaanee, “jaalala Kiristoos isa beekumsa irra baayʼee caalu” beekuu dandeenya. Fakkeenya Kiristoos hordofaa yommuu deemnu, Waaqa keenya Yihowaa isa jaalala qabeessa, isa Yesuus guutummaatti fakkeenya isaa hordofetti caalaatti akka dhihaannu dagachuu hin qabnu.

a Seerri barsiistonni seerichaa baasan, warri kaan nama dhukkuba nadaayiitiin qabame irraa meetira 1.8 akka fagaatan ajaja. Qilleensi qilleensaʼaa jira yoo taʼe immoo, namni dhukkuba kanaan qabame yoo xinnaate gara meetira 45 nama irraa fagaachuu qaba ture. Barreeffamni Miidraash Raabaah jedhamu, barsiisaan seerichaa tokko namoota dhukkuba kanaan qabaman jalaa akka dhokate, inni kaan immoo namoonni kun akka isatti hin dhihaanne dhagaa akka isaanitti darbate dubbata. Kanaaf, namoonni dhukkuba kanaan qabaman warra kaaniin balfamuun, tuffatamuu fi jibbamuun hammam akka nama miidhu beeku.

b Yaanni jalqaba Luqaas 23:34 irratti argamu, barreeffamoota bara durii tokko tokko keessaa baafameera. Haa taʼu malee, jechoonni kun Kitaabota Qulqulluu harkaan barreeffamanii fi fudhatama argatan hedduu keessatti waan argamaniif, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa fi hiikawwan kan biroo hedduu keessatti dabalamaniiru. Caqasa kana irratti, Yesuus waaʼee loltoota Roomaa warra isa fannisanii dubbachaa akka ture haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Namoonni kun eenyummaa Yesuus sirriitti waan hin hubanneef, maal gochaa akka jiran hin beekan turan. Kana malees, Yihudoota akka inni ajjeefamu barbaadanii fi booda garuu isatti amanaman yaadatti qabatee taʼuu dandaʼa. (Hojii Ergamootaa 2:36-38) Geggeessitoonni amantii warri Roomaa Yesuusiin akka ajjeesan kan godhan Yesuus Masiihii taʼuu isaa utuu beekanii waan taʼeef cubbuun isaanii cimaa dha. Kanaafuu baayʼeen isaanii dhiifama hin argatan.—Yohaannis 11:45-53.