Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 31

‘Waaqayyotti Dhihaadhu, Innis Sitti ni Dhihaata’

‘Waaqayyotti Dhihaadhu, Innis Sitti ni Dhihaata’

1-3. (a) Walitti dhufeenya mucaa tokkoo fi warra isaa gidduu jiru ilaaluudhaan, waaʼee uumama ilmaan namootaa maal barachuu dandeenya? (b) Namni tokko yommuu jaalala nutti argisiisu yeroo baayʼee nutis maal goona? Gaaffii barbaachisaa akkamii of gaafachuu dandeenya?

 WARRI, daaʼimni isaanii inni reefuu dhalate yommuu seequ arguun isaan gammachiisa. Yeroo baayʼee isaaf seeqaa gad itti jedhanii isa taphachiisu. Yeroo kanatti wanta inni godhu arguuf ni hawwu. Achiis mucichi maddiin isaa kan dhooqu yeroo taʼu, hidhiin isaa wal gadhiisee seeqa nama gammachiisu argisiisuu jalqaba. Seeqni mucichaa, jaalala warri isaa isatti argisiisaniif gama isaatiin deebii kennuu isaa argisiisa.

2 Seeqni mucaa sanaa uumama namaa ilaalchisee waan guddaa tokko nu yaadachiisa. Yeroo jaalala argannu, deebisnee jaalala argisiisna. Kun uumama keenyadha. (Faarfannaa 22:9) Yeroo guddachaa deemnu, dandeettiin jaalala arganneef deebii kennuuf qabnus guddachaa deema. Tarii warri kee, firoonni kee ykn michoonni kee yeroo ijoollee turtetti akkamitti jaalala akka sitti argisiisan ni yaadatta taʼa. Jaalalli hoʼaan kun garaa kee keessatti guddachaa deemee hojiif si kakaasuu jalqabe. Atis gama keetiin jaalala argisiisuu jalqabde. Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabduun hoo haalli kun ni hojjetaa?

3 Kitaabni Qulqulluun, “Inni dursee waan nu jaallateef, nuti jaalala ni argisiisna” jedha. (1 Yohaannis 4:19) Kutaa kitaaba kanaa 1 hanga 3 keessatti, Yihowaan si fayyaduuf jecha karaa jaalala qabeessa taʼeen humna isaa, haqa isaa fi ogummaa isaa akka argisiisu baratteetta. Kutaa 4​ffaa keessatti immoo, Yihowaan ilmaan namootaatiifis taʼe siif dhuunfaatti jaalala akka argisiise baratteetta. Amma gaaffiin tokko ni kaʼa. Gaaffiin baayʼee barbaachisaa taʼe kun, ‘Jaalalan Yihowaaf qabu argisiisuuf maal gochuun dandaʼa?” kan jedhudha.

Waaqayyoon Jaallachuu Jechuun Maal Jechuudha?

4. Namoonni hedduun Waaqayyoon jaallachuu jechuun maal jechuu akka taʼe bitaa kan itti taʼe akkamitti?

4 Madda jaalalaa kan taʼe Yihowaan, jaalalli, amala gaarii namoota keessa jiru baasuuf humna guddaa akka qabu beeka. Kanaan kan kaʼes, ilmaan namootaa amanamoo hin taane isa irratti finciluu isaanii kan itti fufan taʼus, namoonni tokko tokko jaalala inni isaanitti argisiise akka dinqisiifatan amantii qabaachuu dandaʼeera. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanis kana godhaniiru. Kan nama gaddisiisu garuu, amantiiwwan addunyaa mancaʼaa kana keessa jiran, Waaqayyoon jaallachuu jechuun maal akka taʼe namoota hedduutti bitaa akka taʼu godhaniiru. Namoonni hedduun Waaqayyoon akka jaallatan kan dubbatan taʼus, jaalalli akkasii jecha qofaan kan ibsamu akka taʼe godhanii kan yaadan fakkaata. Akkuma daaʼimni tokko jalqaba irratti jaalala warra isaatiif qabu seequudhaan qofa argisiisu, jaalalli Waaqayyoof qabnus sadarkaa kana irraa akka jalqabu beekamaadha. Namoota gaʼeessota taʼaniif garuu jaalala argisiisuun wanta kana irra caalu dabalata.

5. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyoon jaallachuu kan ibsu akkamitti? Ibsi kun hoo kan nama gammachiisu maaliifi?

5 Yihowaan isa jaallachuu jechuun maal jechuu akka taʼe nuu ibseera. Dubbiin isaa, “Waaqayyoon jaallachuu jechuun ajajawwan isaa eeguu dha” jedha. Kanaaf, jaalalli Waaqayyoof qabnu hojiidhaan argisiifamuu qaba. Namoonni hedduun yaanni ajajamuu jedhu akka isaan hin gammachiisne beekamaadha. Haa taʼu malee, caqasni kun itti fufuudhaan, “ajajawwan isaa immoo baʼaa ulfaatoo miti” jedha. (1 Yohaannis 5:3) Seerrii fi qajeelfamni Yihowaan baase, nu fayyaduuf malee nu cunqursuuf kan qophaaʼe miti. (Isaayyaas 48:17, 18) Dubbiin Waaqayyoo, qajeelfamoota caalaatti isatti dhihaachuuf nu gargaaran hedduu qabateera. Akkas kan jennu maaliifi? Mee karaawwan Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya uumuu itti dandeenyu sadii haa ilaallu. Isaanis, isaa wajjin haasaʼuu, isa waaqeffachuu fi fakkeenya isaa hordofuu dha.

Yihowaa Wajjin Haasaʼuu

6-8. (a) Yihowaa dhaggeeffachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Kitaaba Qulqulluu yommuu dubbisnu, seenichi akka nuu dhugoomuuf maal gochuu dandeenya?

6 Boqonnaa 1​ffaan gaaffii, “Waaʼee Waaqayyoo wajjin haasaʼuu yaaddee beektaa?” jedhuun jalqaba. Waaqayyo wajjin haasaʼuun wanta hin dandaʼamne akka hin taane ilaallee turre. Fakkeenyaaf Museen Waaqayyo wajjin haasaʼee ture. Nuti hoo? Yeroo ammaatti Yihowaan ilmaan namootaa haasofsiisuuf maleekotatti hin fayyadamu. Taʼus Yihowaan karaa hunda irra caaluu fi nuu wajjin itti haasaʼu tokko qaba. Maarree, Yihowaa dhaggeeffachuu kan dandeenyu akkamitti?

7 ‘Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin waan barreeffamaniif,’ Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan Yihowaa dhaggeeffachuu dandeenya. (2 Ximotewos 3:16) Faarfatichi, tajaajiltoonni Yihowaa “halkanii fi guyyaa” kitaaba kana akka dubbisan kan gorse kanaafidha. (Faarfannaa 1:1, 2) Kun, carraaqqii gochuu kan gaafatu taʼus, carraaqqiin akkasii kan nama gaabbisiisu miti. Akkuma Boqonnaa 18 irratti ilaalle, Kitaabni Qulqulluun xalayaa Abbaa keenya isa samii biraa nuu ergamedha jechuun ni dandaʼama. Kanaaf, kitaaba kana dubbisuun hojii nama nuffisiisu nutti taʼuu hin qabu. Kitaaba Qulqulluu yommuu dubbisnu, seenaa sana keessa of galchuu qabna. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu dubbistu, yaadaan ilaaluuf yaali. Namoota seenaa sana keessatti ibsaman, akkuma namoota ijaan argituu godhii yaadi. Akkaataa jireenyaa isaanii, haala isaanii fi sababii wanta tokko gochuuf itti kakaʼan hubachuuf yaali. Achiis gaaffiiwwan armaan gadii of gaafachuudhaan wanta dubbiste irratti yaadi: ‘Seenaan kun waaʼee Yihowaa maal na barsiisa? As irratti amala isaa isa kamtu mulʼate? Yihowaan seenaa kana irraa qajeelfama isa kam akkan baradhu barbaada? Kana hoo jireenya koo keessatti hojii irra oolchuu kanan dandaʼu akkamitti?’ Dubbii Waaqayyoo yommuu dubbistu, yommuu irratti xiinxaltuu fi yommuu hojii irra oolchitu seenaan sun siif dhugooma.—Faarfannaa 77:12; Yaaqoob 1:23-25.

9. “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” eenyu? ‘Garbicha’ kana xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

9 Yihowaan nu haasofsiisuuf ‘garbicha amanamaa fi ogeessattis’ ni fayyadama. Akkuma Yesuus dubbate tuutni dhiirota hafuuraan dibaman muraasa qabate, bara dhumaa rakkisaa taʼe kana keessatti “yeroo sirrii taʼetti nyaata” akka nuu qopheessuuf muudameera. (Maatewos 24:45-47) Barreeffamoota beekumsa dhugaa Kitaaba Qulqulluu akka argannu nu gargaaruuf qophaaʼan yommuu dubbisnu, walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaa irratti yommuu argamnu, nyaata hafuuraa garbichi kun qopheesse soorachaa jirra jechuudha. Garbichi kun garbicha Kiristoos waan taʼeef gorsa Yesuus, “akkaataa itti dhaggeeffattaniif xiyyeeffannaa kennaa” jechuudhaan nuu kenne hojii irra oolchuun keenya barbaachisaadha. (Luqaas 8:18) Garbichi kun, karaawwan Yihowaan itti nu haasofsiisu keessaa tokko taʼuu isaa waan hubannuuf, xiyyeeffannaadhaan isa dhaggeeffanna.

10-12. (a) Kadhannaan, kennaa dinqisiisaa Yihowaa biraa argamedha kan jennu maaliifi? (b) Karaa Yihowaa gammachiisuun kadhachuu kan dandeenyu akkamitti? Yihowaan kadhannaa keenyaaf bakka guddaa akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

10 Nuti hoo Yihowaa haasofsiisuu ni dandeenyaa? Kanuma yaaduun iyyuu nama sodaachisa. Bulchaa naannoo keetti argamuu fi aangoo guddaa qabutti dhihaattee wanta si yaaddesse tokko itti himuuf utuu yaaltee, heyyama argachuu kan dandeessu sitti fakkaataa? Yeroo tokko tokko yaalii akkasii gochuun illee balaaf nama saaxiluu dandaʼa! Bara Asteerii fi Mordekaayitti namni tokko utuu heyyama hin argatin mootii Faarsi duratti yoo dhihaate ajjeefamuu dandaʼa ture. (Asteer 4:10, 11) Gooftaa Hundaa Olii isa namoonni humna guddaa qaban illee isa duratti akka “kuruphisaa” taʼan duratti dhihaachuun immoo maal akka fakkaatu yaadi. (Isaayyaas 40:22) Garuu, isatti dhihaachuun nu sodaachisuu qabaa? Matumaa!

11 Yihowaan karaa salphaa isatti dhihaachuuf nu dandeessisuu fi namoota hundaaf banaa taʼe qopheesseera; innis kadhannaadha. Mucaan xinnoon tokko illee, maqaa Yesuusiin amantiidhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu ni dandaʼa. (Yohaannis 14:6; Ibroota 11:6) Kadhannaan, yaadaa fi miira cimaa taʼe, akkasumas dubbachuuf illee ulfaataa taʼe Yihowaatti himuuf nu dandeessisa. (Roomaa 8:26) Yeroo kadhannaa dhiheessinu, jechoota filatamoo garmalee dheeraa taʼaniin Yihowaa ajaaʼibsiisuuf yaaluun faayidaa hin qabu. (Maatewos 6:7, 8) Karaa biraa immoo, Yihowaan yeroo hammamiif ykn al meeqa isa haasofsiisuu akka qabnu hin daangessine. Dubbiin isaa iyyuu, ‘yeroo hundumaa akka kadhannu’ nu affeera.—1 Tasalonqee 5:17.

12 ‘Isa kadhannaa namaa dhagaʼu’ kan jedhame Yihowaa qofa akka taʼee fi gara laafinaan akka nu dhaggeeffatu yaadadhu. (Faarfannaa 65:2) Kana jechuun, Yihowaan kadhannaa tajaajiltoonni isaa amanamoon dhiheessan dirqamuma itti taʼee dhaggeeffata jechuudhaa? Lakki; kanaa mannaa gammachuudhaan dhaggeeffata. Kitaabni Qulqulluun, kadhannaawwan akkasii, foolii ixaanaa nama gammachiisuu wajjin wal fakkeessa. (Faarfannaa 141:2; Mulʼata 5:8; 8:4) Kadhannaan garaadhaa dhiheessinu, Waaqa Hundaa Olii bira akka dhaquu fi akka isa gammachiisu yaaduun nama hin jajjabeessuu? Kanaafuu, Yihowaatti dhihaachuu yoo barbaadde, gad of qabuudhaan guyyaa guyyaadhaan kadhannaa isatti dhiheessi. Wanta garaa keetti yaaddu hunda utuu homaa hin hambisin isa duratti dhangalaasi. (Faarfannaa 62:8) Yaaddoo kee, gammachuu kee, galata kee fi jajannaa kee Abbaa kee isa samiif ibsi. Kana yoo goote, walitti dhufeenyi isaa wajjin qabdu yeroo kam iyyuu caalaa guddachaa deema.

Yihowaa Waaqeffachuu

13, 14. Yihowaa waaqeffachuu jechuun maal jechuudha? Kana gochuun keenya sirrii kan taʼe hoo maaliifi?

13 Yihowaa wajjin haasaʼuun, akkuma michuu ykn fira keenyaa wajjin haasofnu dhaggeeffachuu fi dubbachuu caalaa wanta dabalatu qaba. Yommuu akkas goonutti ulfina guddaa isaaf malu isaaf kennuudhaan isa waaqeffachaa jirra jechuudha. Waaqeffannaan dhugaan guutummaa jireenya keenyaa hunda ilaallata. Waaqeffannaan keenya, garaa guutuudhaan Yihowaa akka jaallannuu fi namoota isaaf bulle akka taane karaa itti argisiisnu dha; akkasumas uumamawwan Yihowaa amanamoo taʼanii fi samii irras taʼe lafa irra jiran hunda tokko godha. Yohaannis ergamaan, mulʼata arge irratti maleekaan Waaqayyoo tokko ajaja, “Isa samii, lafa, galaanaa fi burqaawwan bishaanii uume sana waaqeffadhaa” jedhu yommuu labsu dhagaʼeera.—Mulʼata 14:7.

14 Yihowaa waaqeffachuu kan qabnu maaliifi? Mee amalawwan kanaan dura irratti mariʼanne, kan akka qulqullummaa, humna, of toʼachuu, haqa, ija jabina, araara, ogummaa, gad of qabuu, jaalala, gara laafina, amanamummaa fi gaarummaa irratti yaadi. Amalawwan bakka guddaa qaban kana argisiisuudhaan Yihowaadhaan kan qixxaatu akka hin jirre ilaalleerra. Amalawwan isaa kana hunda hubachuuf yommuu yaallu, inni qaama hunda irra caaluu fi dinqisiifamuu qabu akka taʼe hubanna. Yihowaan ulfina guddaa nama ajaaʼibsiisuu fi humna hangana hin jedhamne qaba. (Isaayyaas 55:9) Yihowaan nu irratti olaantummaa qabaachuuf mirga akka qabu hin shakkisiisu, akkasumas waaqeffannaan keenya isaaf mala. Maarree Yihowaa waaqeffachuu kan qabnu akkamitti?

15. “Hafuuraa fi dhugaadhaan” Yihowaa kan waaqeffannu akkamitti? Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa carraa akkamii nuuf argamsiisu?

15 Yesuus, “Waaqayyo hafuura; warri isa waaqeffatanis hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu” jedheera. (Yohaannis 4:24) ‘Hafuuraan’ Waaqayyoon waaqeffachuuf hafuura isaa qabaachuu fi hafuurichaan geggeeffamuu qabna. Akkasumas waaqeffannaan keenya dhugaa, jechuunis beekumsa sirrii Dubbii Waaqayyoo keessa jiruu wajjin kan wal simu taʼuu qaba. Obboloota keenyaa wajjin yeroo walitti qabamnu hundatti, “hafuuraa fi dhugaadhaan” Yihowaa waaqeffachuuf carraa arganna. (Ibroota 10:24, 25) Yommuu faarfannaadhaan Yihowaa jajannu, tokkummaadhaan yommuu isa kadhannu, yommuu Dubbii isaa dhaggeeffannuu fi yaada kennuudhaan hirmaannu, waaqeffannaa qulqulluu irratti hirmaachuudhaan jaalala isaaf qabnu argisiisna.

Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa, yeroo gammachiisaa Yihowaa itti waaqeffannudha

16. Ajajawwan guguddaa Kiristiyaanota dhugaaf kennaman keessaa inni tokko maalidha? Ajajawwan kana hojii irra oolchuuf kan nu kakaasu hoo maalidha?

16 Namoota duratti isa jajachuudhaan waaʼee Yihowaa yommuu dubbannus waaqeffannaa isaaf dhiheessaa jirra. (Ibroota 13:15) Misiraachoo Mootummaa Yihowaa lallabuun, ajajawwan guguddaa Kiristiyaanota dhugaaf kennaman keessaa isa tokkodha. (Maatewos 24:14) Yihowaa waan jaallannuuf, gammachuudhaan isaaf ajajamna. Seexanni inni ‘waaqa sirna kanaa’ taʼe akkamitti ‘sammuu warra hin amannee akka jaamsee’ fi akkamitti waaʼee Yihowaa soba babalʼisaa akka jiru yommuu yaannu, Dhugaa Baatuu Waaqa keenyaa taʼuudhaan himata sobaa kanaaf deebii kennuuf hin hawwinuu? (2 Qorontos 4:4; Isaayyaas 43:10-12) Amalawwan dinqisiisoo Yihowaan qabu irratti yommuu xiinxallu, keessi keenya waaʼee isaa warra kaanitti akka himnu nu hin kakaasuu? Dhuguma iyyuu, warri kaanis akkuma keenya Abbaa keenya isa samii akka beekanii fi akka jaallatan gargaaruu caalaa mirgi guddaan hin jiru.

17. Waaqeffannaan Yihowaaf dhiheessinu maalfaa dabalata? Amanamummaadhaan isa waaqeffachuu kan qabnu hoo maaliifi?

17 Waaqeffannaan Yihowaaf dhiheessinu wanta dabalatu kan biraas qaba. Waaqeffannaan kun, guutummaa jireenya keenyaa kan tuqudha. (Qolosaayis 3:23) Yihowaan dhuguma Gooftaa keenya Isa Hundaa Olii taʼuu isaa kan amannu yoo taʼe, karaa hundumaan, jechuunis maatii keessatti, bakka hojiitti, walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnuu fi yeroo bashannannutti fedha isaa raawwachuu barbaanna. Akkasumas “garaa guutuu” fi amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu barbaanna. (1 Seenaa Baraa 28:9) Waaqeffannaa akkasii keessatti, garaa hirame qabaachuun ykn jireenya bifa lamaa jiraachuun, jechuunis dhoksaatti cubbuu guddaa hojjechaa Yihowaa kan tajaajillu fakkaachuun fudhatama hin qabu. Amanamummaa fi jaalalli, fakkeessituu taʼuu irraa akka fagaannu nu godha. Waaqayyoon sodaachuunis gama kanaan nu gargaara. Kitaabni Qulqulluun, sodaa akkasii fi michummaa Yihowaa wajjin qabnu wal qabsiisee ibsa.—Faarfannaa 25:14.

Fakkeenya Yihowaa Hordofuu

18, 19. Ilmaan namootaa mudaa qaban fakkeenya Yihowaa hordofuu ni dandaʼu jedhanii yaaduun sirrii kan taʼe maaliifi?

18 Boqonnaan xumuraa tokkoon tokkoon kutaa kitaaba kanaa, ‘akka ijoollee jaallatamootti Waaqayyoon fakkaachuun’ akkamitti akka dandaʼamu ibsa. (Efesoon 5:1) Mudaa kan qabnu taʼus, karaa Yihowaan humna isaatti fayyadameen, akkaataa haqa itti argisiiseen, akkaataa ogummaa isaatti fayyadamee fi jaalala itti argisiiseen isa fakkaachuu ni dandeenya. Fakkeenya Waaqa Hundumaa Dandaʼuu hordofuun akka dandaʼamu akkamitti beekna? Hiikni maqaa Yihowaa, inni kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf wanta barbaade hunda taʼuu akka dandaʼu kan nu barsiisu taʼuu isaa hin dagatin. Dandeettii akkasii qabaachuun isaa nu ajaaʼibsiisuun isaa sirriidha; kana jechuun garuu matumaa fakkeenya isaa hordofuu hin dandeenyu jechuudhaa? Akkas jechuu miti.

19 Nuti bifa Waaqayyootiin uumamne. (Uumama 1:26) Kanaaf, ilmaan namootaa uumamawwan lafa irra jiran kaan irraa addadha. Akka bineensotaatti miira ykn amala uumamaan arganneen, akkasumas haala naannoo keenyaa irratti hundoofnee hin geggeeffamnu. Yihowaan kennaa adda taʼe kan nuu kenne yeroo taʼu, innis bilisummaa filannaa ti. Humni keenya kan daangeffamee fi mudaa kan qabnu taʼus, nama akkamii taʼuu akka barbaannu filachuuf bilisummaa qabna. Kana malees, maqaan Waaqayyoo hiika waaqeffattoonni isaa wanta inni barbaadu akka taʼan ni godha jedhu akka qabus yaadadhu. Kanaafuu, nama jaalala qabeessa, ogeessaa fi haqa qabeessa humna isaatti karaa sirrii taʼeen fayyadamu taʼuu barbaaddaa? Gargaarsa hafuura qulqulluutiin nama akkasii taʼuu ni dandeessa! Nama akkasii taʼuu keetiinis waan gaarii hedduu raawwachuu dandeessu mee yaadi.

20. Fakkeenya Yihowaa yoo hordofne wanta gaarii akkamii raawwachuu dandeenya?

20 Abbaa kee isa samii garaa ciibsuudhaan isa gammachiisuu ni dandeessa. (Fakkeenya 27:11) Inni humni kee daangeffamaa taʼuu isaa waan hubatuuf, “guutummaatti isa gammachiisuu” illee ni dandeessa. (Qolosaayis 1:9, 10) Kana malees, Abbaa kee isa jaallatamaa fakkaachuudhaan amalawwan gaggaarii horachuu kee yoo itti fufte, mirga guddaa tokko argatta. Addunyaa dukkanaaʼaa Waaqayyo irraa fagaate kana keessatti, ibsaa ibsuu ni dandeessa. (Maatewos 5:1, 2, 14) Guutummaa lafaa irratti amalawwan Yihowaa dinqisiisoo taʼan calaqqisuu irratti hamma tokko hirmaachuu dandeessa. Kun ulfina guddaa mitii?

‘Waaqayyotti Dhihaadhu, Innis Sitti ni Dhihaata’

Yeroo hunda caalaatti Yihowaatti akka dhihaattu siif hawwina

21, 22. Namoonni Yihowaa jaallatan bara baraaf maal gochuu isaanii itti fufuu qabu?

21 Gorsi Yaaqoob 4:8 irratti kenname waanuma takkaa goonee dhiisnu qofa miti. Kun imala dheeraa wajjin wal fakkaata. Amanamoo hamma taanetti, imalli kun dhuma hin qabaatu. Caalaatti Yihowaatti dhihaachuun keenya bara baraaf itti fufa. Kana malees, waaʼee Yihowaa wanti barannu yoom iyyuu dhuma hin qabaatu. Kitaabni kun wanta waaʼee Yihowaa beekuu qabnu hunda nu barsiiseera jennee yaaduu hin qabnu. Wanta Kitaabni Qulqulluun waaʼee Waaqa keenyaa dubbatu keessaa hamma ammaatti kan ilaalle muraasa qofadha! Kitaabni Qulqulluun illee waaʼee Yihowaa wanta hunda nutti hin himu. Yohaannis ergamaan, wanti Yesuus tajaajila isaa isa lafaa irratti raawwate hundinuu barreeffamaan utuu kaaʼamee, ‘addunyaan iyyuu bakka maraawwan kitaabotaa kun kaaʼaman hin qabaatu’ jedheera. (Yohaannis 21:25) Ilma Waaqayyoo ilaalchisee akkas jechuun erga dandaʼamee, waaʼee Abbaa isaa immoo kana caalaa jechuun akka dandaʼamu beekamaadha!

22 Bara baraaf yoo jiraanne illee waaʼee Yihowaa barannee fixuu hin dandeenyu. (Lallaba 3:11) Mee abdiiwwan akkamii akka qabnu yaadi. Waggoota dhibbaan, kumaan, miliyoonaan, akkasumas biliyoonaan lakkaaʼamaniif yommuu jiraannu, waaʼee Yihowaa beekumsi qabnu caalaatti dabalaa deema. Haa taʼu malee, waggoota hammanaa erga jiraannee booda illee, wantoonni barannu hedduun akka jiran ni hubanna. Yeroo sana akkuma faarfatichi, “Waaqayyotti dhihaachuun anaaf gaarii dha” jechuudhaan faarfate waan nutti dhagaʼamuuf, wantoota dabalataa barachuuf hawwina. (Faarfannaa 73:28) Jireenyi bara baraa wantoota nu gammachiisan hedduudhaan kan guutamedha; hunda caalaa kan nama gammachiisu immoo yeroo hunda Yihowaatti dhihaachaa deemuu dandaʼuu keenyadha.

23. Maal akka gootu jajjabeeffamteetta?

23 Garaa kee, lubbuu kee, sammuu kee fi humna kee guutuudhaan Yihowaa jaallachuudhaan jaalala inni sitti argisiise akka dinqisiifattu argisiisi. (Maarqos 12:29, 30) Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu amanamaa fi kan hin jijjiiramne haa taʼu. Murtoowwan xixinnoonis taʼan guguddaan guyyaa guyyaadhaan gootu hundi, Abbaa kee isa samii wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu akka barbaaddu kan argisiisan haa taʼan. Keessumaa immoo, bara baraaf caalaatti Yihowaatti akka dhihaattuu fi innis caalaatti akka sitti dhihaatu hawwina!