Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 1

Yesus Barsiisaa Guddicha kan Jedhame Maaliifi?

Yesus Barsiisaa Guddicha kan Jedhame Maaliifi?

WAGGOOTA kuma lama dura, mucaan baayʼee adda taʼeefi namoota hanga harʼaatti jiraatan hunda caalu tokko ni dhalate. Yeroo sana namni xiyyaaras taʼe konkolaataa qabu hin turre. Akkasumas televijiiniin, kompiitariin, Intarneetiiniifi wantoonni kana fakkaatan hin turre.

Maqaan mucichaas Yesus jedhamee moggaafame. Inni namoota hanga harʼaatti jiraatan hunda caalaa ogeessa ture. Kana malees, Yesus barsiisaa hundarra caalu ture. Barumsawwan ulfaataa taʼan, karaa namoonni salphaatti hubachuu dandaʼaniin ibsa ture.

Yesus namoota bakka hundatti argate barsiiseera. Qarqara galaanaattis taʼe bidiruurra taaʼee namoota barsiiseera. Mana namootaa dhaquudhaanis taʼe karaarratti isaan barsiisa ture. Yesus konkolaataa hin qabu ture; otoobisiidhaanis taʼe baaburaan deemee hin beeku. Haataʼu malee, bakka addaddaa dhaquudhaan namoota barsiiseera.

Namoota kaanirraa wantoota hedduu barachuu dandeenya. Taʼus, Barsiisaa Guddicha kan ture Yesusirraa wantoota faayidaa guddaa qaban barachuu dandeenya. Wantoonni Yesus barsiise Macaafa Qulqulluu keessatti argamu. Wantoota kana Macaafa Qulqulluurraa yommuu dubbisnu, akkuma Yesus nutti dubbachaa jiru goonee fudhachuu dandeenya.

Yesus Barsiisaa Guddicha taʼuu kan dandaʼe maaliifi? Sababiin inni tokko, Yesus barumsa waan argateefidha. Dhaggeeffachuun hangam barbaachisaa akka taʼe beeka ture. Haataʼu malee Yesus eenyuun dhagaʼa ture? Eenyutu isa barsiise?— Abbaasaatu isa barsiise. Abbaansaammoo Waaqayyodha.

Yesus nama taʼee gara lafaa dhufuusaa dura, Waaqayyoo wajjin samiirra jiraachaa ture. Namni kamiyyuu lafarratti dhalachuusaa dura samiirra jiraate waan hin beekneef, Yesus namoota kaanirra adda ture. Yesus yeroo samiirra ture, Ilma Abbaasaa dhagaʼuufi isaaf ajajamu ture. Wanta Waaqayyorraa barate namoota kaan barsiisuu kan dandaʼe kanaaf ture. Atis abbaafi haadhakee dhagaʼuudhaan fakkeenya Yesus hordofuu dandeessa.

Sababiin Yesus Barsiisaa Guddicha akka taʼu isa godhe garabiraanimmoo, namoota kan jaallatu taʼuusaati. Namoonni waaʼee Waaqayyoo akka baratan gargaaruu barbaada ture. Namoota gurguddaas taʼe, ijoollee xixinnoo ni jaallata ture. Yesus waan isaan haasofsiisuufi waan isaan dhaggeeffatuuf, ijoollee xixinnoonillee isaa wajjin taʼuun isaan gammachiisa ture.

Ijoollee xixinnoon Yesusii wajjin taʼuun kan isaan gammachiisu maaliif ture?

Gaaf tokko, warri ijoolleesaanii gara Yesusitti fidan. Haataʼu malee michoonnisaa, Barsiisaa Guddichi hojiin waan itti baayʼatuuf ijoollee xixinnoo wajjin haasaʼuuf yeroo hin qabu jedhanii yaadanii turan. Kanaaf ijoolleen garasaa akka hin dhaqne dhowwuu yaalan. Yeroo kanatti Yesus maal jedhe?— Bartootasaatiin, “Lakkisaa mucooliin gara koo haa dhufan, hin dhowwinaa!” jedheen. Eeyyee, Yesus ijoollee xixinnoon garasaa akka dhufan barbaada ture. Yesus nama ogeessaafi kabajamaa kan ture yoo taʼellee, yeroo ramadee ijoollee xixinnoo barsiiseera.—Maarqos 10:13, 14.

Yesus ijoollee xixinnoo kan barsiiseefi kan isaan dhaggeeffate maaliif akka taʼe beektaa? Sababiin inni tokko, waaʼee Waaqayyoo, jechuunis waaʼee Abbaasaa isa samii itti himuudhaan isaan gammachiisuu waan barbaadeefidha. Atoo namoota gammachiisuu kan dandeessu akkamitti?— Waaʼee Waaqayyoo wanta baratte itti himuudhaan isaan gammachiisuu dandeessa.

Yeroo tokko, Yesus mucaa xinnoo tokkotti fayyadamee michootasaa barumsa barbaachisaa taʼe tokko barsiiseera. Mucicha bartootasaa, jechuunis duuka buutotasaa gidduu dhaabe. Achiis, ilaalchasaanii jijjiiruudhaan akka mucaa xinnoo kanaa akka taʼan isaanitti hime.

Dargaggoonnis taʼan namoonni gurguddaan, mucaa xinnoorraa barumsa akkamii argachuu dandaʼu?

Yesus yommuu akkas jedhu maal jechuusaa ture? Namoonni gurguddaan ykn dargaggoonni akka mucaa xinnoo taʼuu kan qaban akkamitti akka taʼe beektaa?— Mucaan xinnoon tokko, hanga nama guddaa waan baayʼee waan hin beekneef, waan tokko barachuuf fedhii qaba. Kanaaf, Yesus bartoonnisaa akka ijoollee xixinnoo barachuuf fedhii qabaachuun akka isaan barbaachisu dubbachuusaa ture. Eeyyee, hundi keenya warra kaanirraa wanta hedduu barachuu dandeenya. Kanaaf, barumsi Yesus yaada keenyarra baayʼee akka caalu hubachuu qabna.—Maatewos 18:1-5.

Sababii Yesus Barsiisaa Guddicha itti taʼe kan biraanimmoo, akka gaariitti namoota barsiisuuf dandeettii kan qabu taʼuusaati. Karaa salphaafi ifa taʼeen namoota barsiisa ture. Simbirroota, daraaraafi wantoota beekaman kaan akka fakkeenyaatti fayyadamuudhaan, namoonni waaʼee Waaqayyoo akka baratan gargaareera.

Gaaf tokko Yesus gaara tokkorra utuu jiruu namoonni hedduun garasaa dhufan. Akkuma fakkii kanarraa ilaaltu, Yesus gaara sanarra taʼee haasaa ykn barumsa isaanii kennaa jira. Yeroo kanatti, ‘Simbirroota qilleensa keessa balaliʼan ilaalaa! Isaan hin facaasan, hin haamanis, gombisaattis hin galchan; garuu Waaqayyo isaan in soora. Egaa isinimmoo isaanirra guddaa hin caaltanii ree?’ jedheen.

Yesus waaʼee simbirrootaa fi waaʼee daraaraa dubbachuudhaan barumsa akkamii kenne?

Itti aansuudhaanis akkas jedhe: ‘Mee daraaronni bakkee attamitti akka biqilanii guddatan ilaalaa! Isaan hin qotan, hin foʼanis. Garuu akkam akka bareedan ilaalaa! Solomoon mootichi inni sooressa turellee, isaan kana keessaa hamma isa tokkoo hin uffanne. Egaa Waaqayyo biqiltuu kana kan kunuunsu erga taʼee, isiniifoo caalaatti kunuunsa hin godhuuree?ʼ—Maatewos 6:25-33.

Wanta Yesus barsiisaa ture kana hubatteettaa?— Waaqayyo nyaata nyaannuufi uffata uffannu eessaa arganna jennee akka yaaddofnu hin barbaadu. Inni, wantoonni kun hundi akka nu barbaachisan beeka. Yesus yeroo kanatti nyaataafi uffata argachuuf hojjechuu hin qabdan jechuusaa utuu hin taʼin, Waaqayyoof dursa kennuu qabdu jechuusaa ture. Akkas yoo goone, Waaqayyo nyaata nyaannuufi uffata uffannu nuu kenna. Atoo kana ni amantaa?—

Yesus yommuu haasaasaa xumuru namoota kanatti maaltu itti dhagaʼame?— Macaafni Qulqulluun namoonni kun akkaataa inni itti barsiisetti akka dinqisiifaman dubbata. Isa dhaggeeffachuun baayʼee kan namatti tolu ture. Wanti inni dubbate, namoonni waan gaarii akka raawwatan kan gargaaru ture.—Maatewos 7:28.

Kanaaf, Yesusirraa barachuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Akkamitti isarraa barachuu akka dandeenyu beektaa?— Wanti inni dubbate kitaaba tokko keessatti barreeffameera. Kitaabni kun isa kam akka taʼe beektaa?— Macaafa Qulqulluudha. Kana jechuun, wanta Macaafa Qulqulluurraa dubbisnuuf xiyyeeffannaa kennuudhaan, Yesusiin dhagaʼuu dandeenya jechuudha. Seenaan Macaafa Qulqulluu tokko, Waaqayyo Yesusiin akka dhaggeeffannu kan nutti hime taʼuusaa akka gaariitti nuu ibsa. Mee seenaa kana haa ilaallu.

Gaaf tokko Yesus michootasaa sadii fudhatee gaara tokkotti ol baʼe. Maqaan namoota kanaa Yaaqoob, Yohannisiifi Phexros jedhama. Sadanuu michoota Yesus waan turaniif, waaʼeesaanii gara boodaatti balʼinaan baranna. Yeroo wanti adda taʼe itti raawwatame kanatti fuulli Yesus garmalee ifuu jalqabe. Akkuma fakkii kanarraa ilaaltu uffannisaas akka ifaa addaatee calaqqise.

“Kun ilma koo ti . . . Isa dhagaʼaa”

Sana booda, Yesusiifi hiriyoonnisaa sagalee samiidhaa dhufe tokko dhagaʼan. Sagaleen kunis: “Kun ilma koo isa ani jaalladhu, gammachuun koos isatti in raawwatama; isa dhagaʼaa!” kan jedhu ture. (Maatewos 17:1-5) Sagaleen kun kan eenyuu akka ture beektaa?— Sagalee Waaqayyooti. Eeyyee, yeroo kanatti Ilmasaa dhagaʼuu akka qaban kan dubbate Waaqayyo ture.

Yeroo ammaatti nuyis Ilmasaa dhagaʼuu qabnaa? Waaqayyoof abboomamuufi Ilmasaa isa Barsiisaa Guddicha taʼe dhagaʼuu qabnaa?— Hundi keenya kana gochuu qabna. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ni yaadattaa?—

Eeyyee, seenaa Macaafa Qulqulluu waaʼee Yesus ibsu dubbisuudhaan, Ilma Waaqayyoo dhagaʼuu dandeenya. Barsiisaa Guddichi, wantoota gaggaarii nu barsiisu hedduu qaba. Atis waaʼee wantoota kanaa Macaafa Qulqulluurraa barachuufi wantoota baratte kana hiriyoota keetti himuudhaan gammachuu argachuu dandeessa.

Yaadawwan gaggaarii dabalataa Yesusiin dhagaʼuudhaan argaman beekuu yoo barbaadde, Macaafa Qulqulluukee baasiitii Yohannis 3:16; 8:28-30 fi Hojii Ergamootaa 4:12 dubbisi.