Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 2

Xalayaa Waaqa Nu Jaallaturraa Nuu Ergame

Xalayaa Waaqa Nu Jaallaturraa Nuu Ergame

KITAABNI hunda caalaa jaallattu isa kam akka taʼe natti himuu dandeessaa?— Ijoolleen tokko tokko kitaaba waaʼee bineensotaa ibsu jaallatu. Warri kaanimmoo kitaaba fakkii hedduu qabu jaallatu. Kitaabota akkasii dubbisuun kan nama gammachiisu taʼuu dandaʼa.

Haataʼu malee, kitaabota addunyaarratti argaman keessaa inni hunda caalu kitaaba waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa nutti himudha. Kitaabota kana keessaa inni tokko hundumaa caalaa faayidaa kan qabudha. Kitaabni kun isa kam akka taʼe beektaa?— Macaafa Qulqulluudha.

Macaafni Qulqulluun kitaabota hundarra ni caala kan jennu maaliifi?— Macaaficha kan nuu kenne Waaqayyo waan taʼeefidha. Macaafni kun waaʼee Waaqayyoofi waaʼee wantoota gaggaarii inni nuu gochuuf yaade nutti hima. Isa gammachiisuu yoo barbaanne maal gochuu akka qabnu nuu ibsa. Kanaaf, Macaafni Qulqulluun xalayaa Waaqayyo biraa nuu ergamee wajjin wal fakkaata.

Waaqayyo, Macaafni Qulqulluun samiirratti akka barreeffamu gochuudhaan namootaaf kennuu dandaʼa ture. Garuu, akkas hin goone. Yaanni Macaafa Qulqulluu kansaa yoo taʼeyyuu, Yihowaan tajaajiltoonnisaa lafarratti argaman kitaaba kana akka barreessan godheera.

Waaqayyo kana kan godhe akkamitti?— Yaada kana hubachuuf fakkeenya armaan gadii ilaali. Sagalee nama tokkoo raadiyoodhaan yommuu dhageenyu, sagaleen sun nama fagoo jirurraa kan dhufe taʼuu dandaʼa. Yommuu televijiinii ilaallus, fakkii namoota biyya garabiraa jiran ilaaluufi wanta isaan dubbatan dhagaʼuu dandeenya.

Namoonni meeshaatti fayyadamanii gara addeessaa ykn gara jiʼaa dhaquufi achirraas gara lafaatti ergaa erguu akka dandaʼan beektaa?— Namoonni kana gochuu erga dandaʼanii, Waaqayyo samiirraa ergaa nuu erguu hin dandaʼuu?— Ni dandaʼa. Waaqayyo kana kan godhe namoonni raadiyoofi televijiinii hojjechuusaanii yeroo dheeraa dura ture.

Waaqayyo nurraa fagoo taʼee utuu jiruu, nutti dubbachuu akka dandaʼu akkamitti beekuu dandeenya?

Museen, yommuu Waaqayyo dubbatu sagaleesaa dhagaʼee ture. Museen Waaqayyoon arguu kan hin dandeenye taʼus, yommuu Waaqayyo dubbatu sagaleesaa dhagaʼeera. Yommuu wanti kun raawwatamu, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman achi turan. Guyyaa sanatti Waaqayyo gaaronni akka sochoʼan, akkasumas qaqawweessi akka dhagaʼamuufi balaqqeessi akka mulʼatu godheera. Namoonni sun Waaqayyo akka dubbate kan beekan yoo taʼaniyyuu baayʼee sodaatanii turan. Kanaan kan kaʼes Museedhaan, “Nuyi akka hin dhumnetti, Waaqayyo akka nuu wajjin dubbatu hin godhin” jedhaniin. Sana booda Museen wanta Waaqayyo isatti dubbate ni barreesse. Wanti Museen barreesses Macaafa Qulqulluu keessatti argama.—Baʼuu 20:18-21.

Kitaabota jalqabaa shanan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman kan barreesse Museedha. Haataʼu malee, guutummaa Macaafa Qulqulluu kan barreesse isa miti. Waaqayyo namoota 40 taʼanitti fayyadamee Macaafa Qulqulluu akka barreessan godheera. Namoonni kun bara dheeraa dura kan jiraatan siʼa taʼu, Macaafni Qulqulluun barreeffamee hanga xumuramutti gara waggaa 1,600 fudhateera. Namoota kana keessaa tokko tokko matumaa kan wal hin beekne yoo taʼaniyyuu, yaanni isaan barreessan guutummaatti kan walsimu taʼuunsaa kan nama dinqisiisudha.

Namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan kun maqaansaanii eenyu?

Namoota Waaqayyo Macaafa Qulqulluu barreessisuuf itti fayyadame keessaa tokko tokko namoota beekamoo turan. Museen tiksee kan ture yoo taʼellee, yeroo booda geggeessituu saba Israaʼel taʼeera. Solomoon mootichi, namoota bara sana jiraatan hundarra caalaa nama ogeessaafi sooressa ture. Warri kaan garuu namoota beekamoo hin turre. Fakkeenyaaf, Amos nama muka harbuu dhaabee guddisu ture.

Kana malees, namni Macaafa Qulqulluu barreesse tokko ogeessa fayyaa ture. Maqaa nama kanaa beektaa?— Luqaas jedhama. Inni kaanimmoo nama qaraxa sassaabu ture. Maqaansaa Maatewos jedhama. Inni tokkommoo nama seera amantii Yihudootaa akka gaariitti beeku ture. Namni kun warra kaan caalaa kitaabota Macaafa Qulqulluu hedduu barreesseera. Maqaa nama kanaa beektaa?— Phaawulos jedhama. Bartoota Yesus kan turan Phexrosiifi Yohannisis kutaawwan Macaafa Qulqulluu muraasa kan barreessan siʼa taʼu, isaanimmoo hojiinsaanii qurxummii qabuu ture.

Namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan hedduun, wanta Waaqayyo gara fuulduraatti raawwatu ibsaniiru. Wantoota kana dursanii beekuu kan dandaʼan akkamitti?— Yaada kana kan isaaniif ibseefi wanta gara fuulduraatti raawwatamu kan isaanitti hime Waaqayyo waan taʼeefidha.

Barsiisaa Guddicha kan taʼe Yesus gara lafaa dhufuusaa dura, kutaa Macaafa Qulqulluu keessaa harki caalaansaa barreeffamee ture. Yesus yeroo kanatti samiirra akka ture yaadadhu. Kanaan kan kaʼes, wanta Waaqayyo hojjete hunda beeka ture. Barsiisaa Guddichi Macaafni Qulqulluun Waaqayyo biraa akka dhufe ni amana turee?— Eeyyee ni amana ture.

Yesus, wanta Waaqayyo godhe Macaafa Qulqulluurraa dubbisee namootatti hima ture. Yeroo tokko tokkommoo yaada Macaafa Qulqulluu afaaniin isaanitti hima ture. Yaadawwan hedduus Waaqayyo biraa nuu fideera. Yesus, “Isa na erge irraa waanan dhagaʼe, biyya lafaatti nan dubbadha” jedheera. (Yohannis 8:26) Inni Waaqayyo bira waan tureef, isarraa wanta dhagaʼe hedduu qaba. Wantoota inni dubbate eessaa argannee dubbisuu dandeenyaree?— Macaafa Qulqulluurraa arganna. Kanaaf, macaafni kun akka dubbisnuuf kan nuu barreeffamedha.

Waaqayyo namoonni Macaafa Qulqulluu akka barreessan kan godhe, afaan bara sanatti dubbatamuun akka taʼe beekamaadha. Macaafni kun harki caalaansaa afaan Ibrootaatiin, hammi tokko afaan Aramaayikiitiin, baayʼeensaammoo afaan Giriikiitiin kan barreeffame kanaafidha. Yeroo harʼaatti namoonni hedduun afaanota kana dubbisuu waan hin dandeenyeef, macaafni kun afaanota garabiraatti hiikameera. Yeroo ammaatti kutaan Macaafa Qulqulluu tokko tokko afaan 2,260 ol taʼuun hiikameera. Lakkoofsi kun baayʼee mitii? Macaafni Qulqulluun xalayaa Waaqayyo namootaaf barreessedha. Macaafni Qulqulluun afaanota hedduudhaan kan hiikame taʼuyyuu, ergaansaa Waaqayyo biraa kan dhufedha.

Wanta Macaafni Qulqulluun jedhurraa faayidaa guddaa argachuu dandeenya. Macaafni kun yeroo dheeraa dura kan barreeffame taʼus, wantoota yeroo ammaatti raawwatamaa jiran nutti hima. Wanta Waaqayyo yeroo dhihootti gochuuf jirus nuu ibsa. Wanti Macaafni Qulqulluun dubbatu baayʼee kan nama gammachiisudha. Macaafni kun abdii dinqisiisaa taʼes qabateera.

Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan barumsawwan akkamii argachuu dandeessa?

Macaafni Qulqulluun, Waaqayyoon gammachiisuuf akkamitti jiraachuu akka qabnu nuu ibsa. Wanta sirriifi dogoggora taʼes nutti hima. Aniifi atis kana beekuun nu barbaachisa. Macaafni Qulqulluun namoota wanta gadhee raawwataniifi rakkina isaanirra gaʼe nuu ibsa; nuyimmoo rakkina isaanirra gaʼerraa of eeguu dandeenya. Kana malees, waaʼee namoota waan gaarii hojjetaniifi faayidaa isaan argatan nuu ibsa. Kanaaf, macaafni kun faayidaa keenyaaf kan barreeffamedha.

Macaafa Qulqulluurraa faayidaa argachuuf garuu, gaaffii tokkoof deebii argachuu qabna. Gaaffiin kunis, Macaafa Qulqulluu kan nuu kenne eenyudha? kan jedhudha. Ati eenyudha jetta?— Eeyyee, Macaafa kana kan nuu kenne Waaqayyodha. Maarree, ogeeyyii taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?— Waaqayyoon dhagaʼuufi wanta inni jedhe hojiirra oolchuudhaan kana gochuu dandeenya.

Kanaaf, Macaafa Qulqulluu dubbisuuf yeroo ramaduu qabna. Xalayaa nama jaallannurraa nuu ergamu irra deddeebinee dubbisna. Xalayaa sanaaf bakka guddaas ni kennina. Macaafni Qulqulluunis, Waaqa isa hundumaa caalaa nu jaallaturraa waan nuu ergameef akka xalayaa kanaatti ilaaluu qabna. Macaafni kun xalayaa Waaqa isa nu jaallaturraa nuu ergamedha kan jennu kanaafi.

Yeroo muraasa ramaduudhaan, caqasawwan Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo taʼuusaa argisiisaniifi faayidaa keenyaaf akka barreeffame nuu ibsan kana dubbisi: Roomaa 15:4; 2 Ximotewos 3:16, 17 fi 2 Phexros 1:20, 21.