Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 3

Isa Waan Hundumaa Uume

Isa Waan Hundumaa Uume

Wantoota lubbu qabeeyyii taʼan hunda eenyutu uume?

WANTI na ajaaʼibsiisu tokko jira. Wanta kana beekuu barbaaddaa?— Mee harkakee ilaali. Qubakee dachaasi. Mee ammammoo wanta tokko ol kaasi. Harkikee akka gaariitti wantoota hedduu hojjechuu dandaʼa. Harka keenya kan uume eenyu akka taʼe beektaa?—

Eeyyee, afaan, funyaaniifi ija keenya kan uumes isuma harka keenya uumedha. Inni, Waaqa isa Abbaa Barsiisaa Guddichaa taʼedha. Waaqayyo ija nuu kennuunsaa nu hin gammachiisuu?— Ija keenyaan wantoota hedduu ilaaluu dandeenya. Abaaboo, margaafi samii ilaaluu dandeenya. Akkuma fakkii kanarraa argitu, simbirroota beelaʼanii nyaachaa jiran ilaaluu dandeenya. Wantoota akkasii ilaaluun baayʼee kan nama gammachiisu mitii?—

Wantoota kana kan uume eenyu? Namootadhaa? Miti. Namoonni mana ijaaruu dandaʼu. Marga uumuu garuu hin dandaʼan. Namoonni cuucii simbiraa, abaaboo ykn wantoota lubbu qabeeyyii taʼan garabiraa uumuu hin dandaʼan. Kana beekta turtee?—

Wantoota kana hunda kan uume Waaqayyodha. Waaqayyo samiifi lafa uumeera. Namootas isatu uume. Dhiiraafi dubartii jalqabaa kan uume isadha. Barsiisaa Guddicha kan ture Yesus, namoota jalqabaa kan uume Waaqayyo taʼuusaa barsiiseera.—Maatewos 19:4-6.

Yesus, Waaqayyo dhiiraafi dubartii jalqabaa akka uume akkamitti beekuu dandaʼe? Yommuu Waaqayyo namoota kana uume argeeraa?— Eeyyee argeera. Yommuu Waaqayyo isaan uume, inni Waaqayyoo wajjin ture. Waaqayyo wanta hundumaa dura Yesusiin uumeera. Yesus ergamaa Waaqayyoo siʼa taʼu, Abbaasaa wajjinis samiirra jiraachaa tureera.

Macaafni Qulqulluun Waaqayyo, “Nama in uumna!” jedhee akka dubbate ibsa. (Uumama 1:26) Yeroo kanatti Waaqayyo eenyutti dubbachaa akka ture beektaa?— Ilmasaatti dubbachaa ture. Eeyyee, ilmasaa isa yeroo booda gara lafaa dhufeefi Yesus jedhametti dubbachaa ture.

Yaanni kun nama hin ajaaʼibsiisuu? Mee dhimma armaan gadiirratti yaadi. Yesusiin yommuu dhaggeeffannu, Ilma Waaqayyoo isa yommuu Abbaansaa lafaafi wantoota garabiraa uume isaa wajjin turerraa barachaa jirra jechuudha. Yesus, samiirratti Abbaasaa wajjin hojjechuudhaan wantoota hedduu barateera. Kanaaf, Yesus Barsiisaa Guddicha jedhamuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu.

Waaqayyo Ilmasaa utuu hin uumin dura kophaasaa taʼuusaatti gammachuu dhabe waan ture sitti fakkaataa?— Matumaa gammachuu hin dhabne! Taanaan, wantoota lubbu qabeeyyii samiifi lafarratti argaman kaan maaliif uumeree?— Waaqa jaalalaa waan taʼeefidha. Warri kaanis jireenyatti akka gammadan barbaada. Jireenya waan nuu kenneef Waaqayyoon galateeffachuu qabna.

Wanti Waaqayyo uume hundi jaalalasaa argisiisa. Waaqayyo biiftuu uumeera. Biiftuun ifaafi hoʼa nuu kenniti. Utuu biiftuun hin jirtu taʼee, kan nutti qorru taʼuusaarrayyuu lubbuun lafarra jiraachuu hin dandaʼu ture. Waaqayyo biiftuu nuu uumuunsaa gaarii sitti hin fakkaatuu?—

Bokkaa kan nuu roobsus Waaqayyodha. Yommuu bokkaan roobu gadi baatee taphachuu waan hin dandeenyeef, yeroo tokko tokko bokkaa jibbita taʼa. Haataʼu malee, abaaboon akka guddatu kan godhu bokkaadha. Kanaaf yommuu abaaboo bareedu ilaallu, eenyuun galateeffanna?— Waaqayyoon galateeffachuu qabna. Kuduraawwaniifi muduraawwan miʼaa qaban yommuu nyaannuhoo eenyuun galateeffachuu qabna?— Wantoonni kun akka guddatan bokkaa kan nuu roobsuufi biiftuu kan nuu uume Waaqayyo waan taʼeef isa galateeffachuu qabna.

Namni tokko, ‘Namootas taʼe bineensota kan uume Waaqayyodhaa?’ jedhee utuu si gaafatee maal jettee deebista?— “Eeyyee, namootas taʼe bineensota kan uume Waaqayyodha” jettee yoo deebiste deebiinkee sirriidha. Namni kun, Waaqayyo namoota uumuusaatti kan hin amanne yoo taʼehoo? Yookiin, namni bineensarraa dhufe jedhee kan amanu yoo taʼehoo? Macaafni Qulqulluun akkas jedhee hin barsiisu. Macaafni Qulqulluun wantoota lubbuu qabeeyyii taʼan hunda kan uume Waaqayyo akka taʼe dubbata.—Uumama 1:26-31.

Mana kana kan ijaare nama tokko erga taʼee, abaaboowwan, biqiltuuwwanii fi bineensota kan uume eenyu?

Haataʼu malee, namni tokko Waaqayyotti hin amanu yoo siin jedhehoo? Deebii akkamii kennitaaf?— Mana tokko itti argisiisi. Achiis, “Mana kana eenyutu ijaare?” jedhii isa gaafadhu. Namni hundi, namni manicha ijaare tokko akka jiru beeka. Manichi ofiin akka hin dhaabanne beekamaadha.—Ibroota 3:4.

Sana booda, namicha bakka abaaboon jirutti geessiitii abaaboo itti argisiisi. Achiis, “Kana eenyutu uume?” jedhii isa gaafadhu. Abaaboo kana kan uume nama miti. Akkuma manichi ofiisaatiin hin dhaabanne, abaaboon kunis ofiin of hin biqilchine. Qaama isa uume qaba. Innis Waaqayyodha.

Namichi yeroo muraasaaf sagalee simbiraa akka dhagaʼu isa gaafadhu. Achiis, “Simbirroota kan uumeefi sagalee namatti tolu akka dhageessisan kan barsiise eenyu?” jedhii isa gaafadhu. Kana kan godhe Waaqayyodha. Samiifi lafa dabalatee wantoota lubbu qabeeyyii taʼan hunda kan uume Isadha. Jireenya kan kennus isadha.

Haataʼu malee, namni tokko waan ijasaatiin arge qofatti akka amanu dubbata taʼa. Tarii, ‘Wantan hin arginetti hin amanu’ jedha taʼa. Kanaaf, namoonni tokko tokko Waaqayyoon waan hin argineef akka isatti hin amanne dubbatu.

Waaqayyoon arguu akka hin dandeenye beekamaadha. Macaafni Qulqulluun, ‘Namni tokkollee Waaqayyoon arguu hin dandaʼu’ jedha. Dhiirri, dubartiinis taʼe ijoolleen Waaqayyoon arguu hin dandaʼan. Kanaaf, eenyuyyuu fakkiifi bifa Waaqayyoo tolchuuf yaalii gochuu hin qabu. Waaqayyo fakkiisaa akka hin tolchine nutti himeera. Fakkiiwwan akkasii mana keenyatti fannisuun keenyas Waaqayyoon hin gammachiisu.—Baʼuu 20:4, 5; 33:20; Yohannis 1:18.

Haataʼu malee, Waaqayyoon arguu hin dandeessu taanaan, jiraachuusaa akkamitti beekuu dandeessa? Mee fakkeenya kana ilaali. Qilleensa arguu dandeessaa?— Hin dandeessu. Eenyuyyuu qilleensa arguu hin dandaʼu. Wanta qilleensi godhu garuu arguu ni dandeessa. Qilleensi yeroo damee mukaa raasu arguu dandeessa. Kanaaf qilleensi akka jiru ni hubatta.

Qilleensi akka jiru akkamitti beekta?

Wantoota Waaqayyo uume garabiraas arguu dandeessa. Abaaboo ykn simbirroo yommuu ilaaltu, wantoota kana Waaqayyo akka uume hubatta. Kanaan kan kaʼes, dhuguma Waaqayyo jiraachuusaa ni amanta.

Namni tokko, ‘Biiftuufi lafa eenyutu uume?’ jedhee si gaafata taʼa. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo . . . bantiiwwan waaqaa fi lafa uume” jedha. (Uumama 1:1) Eeyyee, Waaqayyo wantoota nama dinqisiisan kana hunda uumeera. Atoo Waaqayyo wantoota kana akka uume ni amantaa?—

Lubbuudhaan jiraachuun nama hin gammachiisuu? Sagalee simbirrootaa gurra namaatti tolu dhagaʼuu dandeenya. Abaaboowwaniifi wantoota Waaqayyo uume garabiraa arguu dandeenya. Nyaatawwan Waaqayyo nuu uumes nyaachuu dandeenya.

Wantoota kana hundaaf Waaqayyoon galateeffachuu qabna. Hunda caalaa garuu jireenya waan nuu kenneef isa galateeffachuu qabna. Waaqayyoon akka galateeffannu argisiisuuf, wanti gochuu qabnu tokko jira. Wanti kun maal akka taʼe beektaa?— Waaqayyoon dhaggeeffachuufi wanta inni karaa Macaafa Qulqulluu nutti himu hojiirra oolchuu qabna. Kana gochuudhaan, Waaqa isa waan hundumaa uume akka jaallannu argisiisuu dandeenya.

Wanta Waaqayyo nuu godhe hundumaatiif isa galateeffachuu qabna. Akkamitti? Yaada Faarfannaa 139:14; Yohannis 4:23, 24; 1 Yohannis 5:21 fi Mulʼata 4:11⁠rratti argamu dubbisi.