Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 4

Waaqayyo Maqaa Qaba

Waaqayyo Maqaa Qaba

YEROO jalqabaatiif nama tokkoo wajjin yommuu wal bartu maalsaa isa gaafatta?— Eeyyee, maqaasaa isa gaafatta. Hundi keenya maqaa qabna. Waaqayyo nama jalqabatti uumeef maqaa moggaaseera. Addaam jedhee maqaa isaaf moggaase. Maqaan haadha manaa Addaamimmoo Hewwaan jedhama.

Haataʼu malee, maqaa kan qabu namoota qofa miti. Mee waaʼee wantoota maqaa qaban garabiraas yaadi. Namni tokko utuu ashaangulliitii ykn ilmoo saree sii kennee maqaa moggaastaaf mitii?— Eeyyee, maqaan baayʼee barbaachisaadha.

Galgala gad baʼiitii urjiiwwan hedduu samiirra jiran ilaali. Urjiiwwan kun maqaa waan qaban sitti fakkaataa?— Eeyyee, Waaqayyo urjoota samiirratti argaman hundaaf maqaa baaseera. Macaafni Qulqulluun, “Urjoota isatu lakkaaʼee kaaʼe, hunduma isaaniis maqaa maqaadhaan in waama” jedha.—Faarfannaa 147:4.

Urjiiwwan hundi maqaa akka qaban beektaa?

Uumama cufa keessatti qaamni hundarra caalu eenyudha jettee yaadda?— Eeyyee, Waaqayyodha. Waaqayyo maqaa kan qabu sitti fakkaataa?— Yesus, Waaqayyo maqaa akka qabu dubbateera. Yeroo tokko kadhannaa Waaqayyoof dhiheesserratti, ‘Maqaan kee duuka buutotakoo biratti akka beekamu godheera’ jedhee ture. (Yohannis 17:26) Maqaan Waaqayyoo eenyu akka taʼe beektaa?— Waaqayyo maqaansaa eenyu akka taʼe nutti himeera. “Ani Waaqayyoo dha [“Yihowaadha,” NW], maqaan koo isa kana” jedheera. Kanaaf, maqaan Waaqayyoo YIHOWAA jedhama.—Isaayaas 42:8.

Namoonni yommuu maqaa keetiin si waaman maaltu sitti dhagaʼama?— Ni gammadda mitii?— Yihowaanis namoonni maqaasaa akka beekan barbaada. Kanaaf, yommuu waaʼee Waaqayyoo namootaa wajjin mariʼannu maqaasaa isa Yihowaa jedhamutti fayyadamuu qabna. Barsiisaa Guddichi yommuu namootaa wajjin mariʼatu, maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamutti fayyadama ture. Yeroo tokko Yesus, “Waaqakee Yihowaa garaakee guutuudhaan jaallachuutu siif taʼa!” jedheera.—Maarqos 12:30, NW.

Yesus, maqaan “Yihowaa” jedhu baayʼee barbaachisaa taʼuusaa beeka ture. Kanaaf, bartoonnisaa maqaa kanatti akka fayyadaman barsiiseera. Kadhannaasaanii keessattillee maqaa Waaqayyootti akka fayyadaman isaan barsiiseera. Yesus, Waaqayyo namoonni hundi maqaasaa isa Yihowaa jedhamu akka beekan kan barbaadu taʼuusaa beeka ture.

Waggoota dheeraa dura, Waaqayyo maqaasaa beekuun hangam barbaachisaa akka taʼe nama lammii Israaʼel taʼeefi Musee jedhamuuf ibsee ture. Israaʼeloonni, biyya Gibxi jedhamtu keessa jiraachaa turan. Namoonni biyya sanaammoo warra Gibxii jedhamu turan. Namoonni kun Israaʼeloota garboota kan godhatan siʼa taʼu, garmalees isaan cunqursu turan. Museen yommuu guddatu, nama sanyiisaa taʼe tokko gargaaruuf yaalii godhe. Kunimmoo Mootii Gibxii kan ture Faraʼooniin dheekkamsiise. Kanaan kan kaʼes Faraʼoon Musee ajjeesuu barbaade. Yeroo kanatti Museen biyya Gibxii dhiisee baqate.

Biyyi inni itti baqates Miidiyaan jedhama. Achitti niitii fudhee ijoollee godhate. Biyya sanattis tiksee taʼe. Gaaf tokko Museen, gaara tokkorratti utuu hoolota tiksaa jiruu wanti nama ajaaʼibsiisu tokko ni raawwatame. Mukti xinnoon tokko bobaʼaa kan ture taʼus, mukti sun hin gubatu ture. Museenis wanta kana caalaatti hubachuuf itti siqee ilaaluu jalqabe.

Wanta yeroo kanatti raawwatame beektaa?— Museen sagaleen tokko ibidda bobaʼu sana keessaa yommuu isatti dubbatu dhagaʼe. Sagalichis, “Musee! Musee!” kan jedhu ture. Eenyutu isa waamaa ture?— Waaqayyotu isatti dubbachaa ture. Waaqayyo, Museen hojii hedduu akka hojjetu barbaada ture. Kanaaf Museedhaan, ‘Ani mootii Gibxiitti sin erga, dhaqi, saba koo Israaʼeliin biyya Gibxiitii baasi!’ jedhe. Kana raawwachuuf akka isa gargaarus Waaqayyo waadaa isaaf gale.

Museen mukti xinnoon tokko yommuu bobaʼu arguusaarraa barumsa gaarii akkamii argate?

Haataʼu malee, Museen Waaqayyoon, “Ani saba Israaʼel bira dhaqee, ‘Waaqayyo isa kan abboota keessaniitu isinitti ana erge’ yommuun isaaniin jedhu, isaan immoo ‘Maqaan isaa eenyu?’ jedhanii na gaafatu; ani immoo maal isaaniin jedhu ree?” jedhe. ‘Waaqayyo deebisee Museedhaan, “Isa jiraataatu [“Yihowaatu,” NW] isinitti na erge. Bara hundumaa maqaankoo isa kana” jedhii isaanitti himi’ jedheen. (Baʼuu 3:1-15) Kunimmoo Waaqayyo maqaasaa kanatti fayyadamuusaa akka itti fufu argisiisa. Inni matumaa maqaasaa kana hin jijjiiru. Waaqayyo barabaraaf maqaasaa isa Yihowaa jedhamuun beekamuu barbaada.

Waaqayyo Galaana Diimaarratti maqaansaa akka beeksifamu kan godhe akkamitti?

Museen gara Gibxiitti yommuu deebiʼu, warri Gibxii Yihowaa jechuun waaqa humna hin qabneefi Israaʼeloonni waaqeffatan akka taʼe godhanii yaadu turan. Warri Gibxii, Yihowaan guutummaa biyya lafaarratti Waaqa akka taʼe hin hubanne turan. Kanaaf Yihowaan mootii Gibxiitiin, ‘Ani maqaan koo biyya hundumaa keessatti akka beeksifamu nan godha’ jedhe. (Baʼuu 9:16) Akkuma jedhe, Yihowaan maqaansaa akka beeksifamu godheera. Akkamitti kana akka godhe beektaa?—

Yihowaan, Museen geggeessituu taʼee saba Israaʼel biyya Gibxiitii akka baasu godhe. Israaʼeloonni yommuu Galaana Diimaa bira gaʼan, bishaanichi akka dhaabatu gochuudhaan lafa gogaarra akka ceʼan godhe. Israaʼeloonnis rakkina tokko malee lafa gogaarra ceʼan. Faraʼooniifi loltoonnisaa hundi, isaan booddeedhaan galaanicha gidduu lixan. Sana booda, Yihowaan bishaanichi warra Gibxiirratti walitti akka deebiʼu gochuudhaan hundasaanii balleesse.

Yeroo muraasa boodas, namoonni biyya lafaarra jiran hundi wanta Yihowaan Galaana Diimaarratti godhe dhagaʼan. Waaʼee dhimma kanaa dhagaʼuusaanii akkamitti beekuu dandeenya?— Naannoo waggoota 40 booda Israaʼeloonni gara biyya Kanaʼaan, jechuunis biyya Yihowaan isaaniif kennuuf abdachiise gaʼan. Dubartiin Rahaab jedhamtuufi biyya sana keessa jiraattu namoota Israaʼel lamaan, “Yommuu isin biyya Gibxii baatan, akka Waaqayyo galaana diimaa fuula keessan duraa gogse . . . dhageenyeerra” jetteen.—Iyaasuu 2:10.

Yeroo ammaattis, namoonni hedduun haala warra Gibxii wajjin wal fakkaatu keessatti argamu. Yihowaan guutummaa biyya lafaarratti Waaqa taʼuusaa hin amanan. Kanaaf, Yihowaan sabnisaa waaʼeesaa warra kaanitti akka himan barbaada. Yesusis kana raawwatee ture. Yesus dhuma jireenyasaa isa lafaarratti, “Maqaan kee isaan biratti akka beekamu godheera” jechuudhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheessee ture.—Yohannis 17:26.

Yesus maqaan Waaqayyoo akka beekamu godheera. Atoo kana gochuu dandeessaa?

Atoo akkuma Yesus taʼuu barbaaddaa? Taanaan, maqaan Waaqayyoo Yihowaa taʼuusaa warra kaanitti himi. Namoonni baayʼeen kana akka hin beekne ni hubatta. Sababiinsaas namoonni Macaafa Qulqulluu hiikan tokko tokko, maqaa Yihowaa jedhu “Waaqayyo” jedhanii waan hiikaniifidha. Haataʼu malee, Macaafota Qulqulluu afaan Ingiliffaatiin qophaaʼan hedduurraa Faarfannaa 83:18⁠rratti maqaa Waaqayyoo arguu dandeessa. Caqasni kun afaan Oromootiin yommuu hiikamu, “Maqaan kee Yihowaa akka taʼe, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru taʼuu kees haa beekan!” jedha. Kana malees maqaa Waaqayyoo galmeewwan jechootaa addaddaarraa argachuu dandeessa.

Caqasa kanarraa maal baranna?— Eeyyee, maqaan Yihowaa wanta hundarra caalaa barbaachisaa taʼuusaa baranna. Maqaan kun, maqaa Waaqa Isa Hundumaa Dandaʼuu, maqaa Abbaa Yesusiifi maqaa Uumaa waan hundumaati. Yesus garaa keenya guutuu Yihowaa jaallachuu akka qabnu nutti himuusaas yaadadhu. Maarree ati Yihowaa ni jaallattaa?—

Yihowaa akka jaallannu akkamitti argisiisuu dandeenya?— Karaan inni tokko, akka michuu keenyaatti isatti dhihaachuudha. Maqaansaa eenyu akka taʼe namootatti himuudhaanis kana gochuu dandeenya. Waaʼee wanta dinqisiisaa Yihowaan uumeefi wantoota gaggaarii inni nuu godhes isaanitti himuu dandeenya. Yihowaan namoonni waaʼeesaa akka beekan waan barbaaduuf, kana gochuun keenya isa gammachiisa. Hojii kanarratti hirmaachuu waan dandeenyu sitti hin fakkaatuu?—

Waaʼee Yihowaa yommuu dubbannu, namoonni hundi nu dhaggeeffatu jechuu miti. Barsiisaa Guddicha kan ture Yesus waaʼee Yihowaa yommuu dubbatu, namoonni baayʼeen isa dhaggeeffachuu hin barbaanne. Haataʼu malee kun, Yesus waaʼee Yihowaa dubbachuurraa duubatti akka jedhu isa hin dhowwine.

Kanaaf fakkeenya Yesus haa hordofnu. Waaʼee Yihowaa dubbachuu keenya itti haa fufnu. Kana gochuun keenya maqaasaa akka jaallannu waan argisiisuuf, Yihowaa ni gammachiisa.

Mee caqasawwan maqaan Waaqayyoo hangam barbaachisaa akka taʼe ibsan muraasa waliin haa dubbisnu: Isaayaas 12:4, 5; Maatewos 6:9; Yohannis 17:6 fi Roomaa 10:13.