Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 5

‘Kun Ilma Kooti’

‘Kun Ilma Kooti’

IJOOLLEEN waan gaarii yommuu hojjetan, warrisaanii ni gammadu. Abbaan tokko intallisaa wanta tokko akka gaariitti yommuu hojjettu, “Kun intala kooti!” jechuudhaan boonee dubbata. Yookiin ilmisaa tokko waan gaarii yoo hojjete, “Kun ilma kooti!” jedhee warra kaanitti gammachuudhaan dubbata.

Yesus yeroo hundumaa wanta Abbaasaa gammachiisu raawwata ture. Kanaan kan kaʼes Abbaansaa Yesusitti ni boona. Yeroo Yesus duuka buutotasaa sadanii wajjin ture tokko, wanta Abbaansaa godhe ni yaadattaa?— Eeyyee, Waaqayyo samiirraa “Kun ilma koo isa ani jaalladhu, gammachuun koos isatti in raawwatama” jechuudhaan isaanitti dubbateera.—Maatewos 17:5.

Yesus yeroo hunda wanta Abbaasaa gammachiisu raawwata ture. Maaliif akka taʼe beektaa? Abbaasaa baayʼee waan jaallatuufidha. Namni tokko wanta tokko gochuu waan qabuuf qofa kan hojjetu yoo taʼe, hojichi rakkisaa isatti taʼuu dandaʼa. Fedhiisaatiin kan hojjetu yoo taʼe garuu hojichi isatti salphata. Fedhii qabaachuu jechuun maal jechuu akka taʼe beektaa?— Wanta tokko gammachuudhaan hojjechuu jechuudha.

Yesus gara lafaa dhufuusaa duras, wanta Abbaansaa akka inni hojjetu barbaadu hunda fedhiidhaan hojjeta ture. Kanas kan raawwate, Abbaasaa waan jaallatuuf ture. Yesus Abbaasaa wajjin yommuu samiirra ture ulfina guddaa qaba ture. Haataʼu malee, Waaqayyo Yesusiif hojii adda taʼe tokko kenne. Yesus hojii kana raawwachuuf gara lafaa dhufuu qaba ture. Mucaa taʼees lafarratti dhalachuu qaba ture. Yihowaan, wanta kana akka raawwatu waan barbaaduuf Yesus hojii kana fedhiidhaan hojjeteera.

Gabriʼel ergamaan maal jedhee Maariyaamitti dubbate?

Yesus mucaa xinnoo taʼee lafarratti dhalachuuf, haadha qabaachuun isa barbaachisa ture. Haatisaa eenyu akka taate beektaa?— Maqaanshee Maariyaam jedhama. Yihowaan, Maariyaamiin akka haasofsiisuuf Gabriʼel ergamaa garasheetti ergeera. Gabriʼel Maariyaam ilma akka godhattu itti hime. Maqaan mucichaas Yesus jedhama. Abbaan mucaa kanaahoo eenyudha?— Ergamaan kun Abbaan mucaa kanaa Yihowaa akka taʼe dubbateera. Yesus, Ilma Waaqayyoo kan jedhames kanaafidha.

Maariyaam waaʼee dhimma kanaa maaltu isheetti dhagaʼame jettee yaadda?— “Haadha Yesus taʼuu hin barbaadu!” jettee dubbatteettii? Hin dubbanne. Maariyaam wanta Waaqayyo barbaadu raawwachuuf fedhii qabdi turte. Haataʼu malee, Ilmi Waaqayyoo inni samiirra ture nama taʼee lafarratti dhalachuu kan dandaʼe akkamitti? Akkaataan Yesus itti dhalate akkaataa ijoolleen kaan itti dhalatanirraa adda kan taʼe akkamitti? Deebii gaaffiiwwan kanaa beektaa?

Waaqayyo warra keenya jalqabaa, jechuunis Addaamiifi Hewwaan karaa adda taʼeen akka waliin jiraatan godhee isaan uume. Sana booda mucaan garaa haadhaa keessatti guddachuu jalqaba. Namoonni, wanti kun dinqiidha jedhu! Atis yaada kanatti akka walii galtu nan amana.

Yeroo kanatti garuu, Waaqayyo wanta kana caalaa dinqii taʼe raawwateera. Jireenya ilmasaa isa samiirra ture fuudhee garaa Maariyaam keessa kaaʼe. Waaqayyo, sana duras taʼe sana booda wanta akkasii raawwatee hin beeku. Kanaan kan kaʼes, akkuma ijoolleen kaan garaa haadhasaanii keessatti guddatan, Yesusis garaa Maariyaam keessatti guddachuu jalqabe. Sana booda garuu, Maariyaam Yoseefitti heerumte.

Yommuu Yesus dhalachuuf jedhu, Maariyaamiifi Yoseef gara magaalaa Betlihem dhaqanii turan. Haataʼu malee, yeroo sanatti magaalattiin namootaan guutamtee turte. Maariyaamiifi Yoseef iddoo itti boqotan waan dhabaniif, bakka horiin keessatti nyaatan keessa buufatan. Akkuma fakkii kanarraa ilaaltu Maariyaam bakka kanatti Yesusiin kan deesse siʼa taʼu, miʼa horiin irraa nyaatan irra isa ciibsan.

Yesus siree horiin keessaa nyaatu irra kan kaaʼame maaliifi?

Halkan Yesus dhalatetti wanti nama ajaaʼibsiisu tokko ni raawwatame. Ergamaan tokko naannoo Betlihemitti tiksitoota muraasatti mulʼate. Yesus, nama bakki guddaan kennamuuf taʼuusaa isaanitti hime. Ergamichi, ‘Kunoo, misraachoo namoota gammachiisu tokkoon isinitti hima. Harʼa kan namoota fayyisu dhalateera’ isaaniin jedhe.—Luqaas 2:10, 11.

Ergamoota kana keessaa inni tokko tiksitootatti misraachoo akkamii hime?

Ergamichi, Yesus Betlihemitti siree horiin irraa nyaaturra ciisee akka isa argan tiksitoota sanatti hime. Ergamoonni garabiraanis, yeruma sana ergamaa kanaa wajjin taʼuudhaan, “Hooqubaan Waaqayyoof waaqa gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyo itti gammaduuf, lafa irratti” haataʼu jedhanii Waaqayyoon faarfachuu jalqaban.—Luqaas 2:12-14.

Ergamoonni erga deemanii booda, tiksitoonni sun gara Betlihem dhaqanii Yesusiin argan. Achiis, wantoota gaarii dhagaʼanii turan hunda Yoseefiifi Maariyaamitti himan. Maariyaam haadha Yesus taʼuuf tole jechuusheetiin gammachuu isheetti dhagaʼame tilmaamuu dandeessaa?

Yeroo boodas, Yoseefiifi Maariyaam Yesusiin fudhatanii gara mandara Naazireet dhaqan. Yesusis kan guddate bakka kanatti ture. Yeroo gaʼeessa taʼuttis hojiisaa isa guddaa, jechuunis hojii lallabaa jalqabe. Hojiin kun, hojii Yihowaan Ilmisaa lafarratti akka raawwatu barbaadu keessaa isa tokko ture. Yesus Abbaasaa isa samii baayʼee waan jaallatuuf, hojii isaaf kenname kana hojjechuuf fedhii qaba ture.

Yesus Barsiisaa Guddicha taʼee hojiisaa jalqabuusaa dura, Yohannis Cuuphaan Laga Yordaanositti isa cuupheera. Yeroo kanatti wanti nama dinqisiisu tokko ni raawwatame! Akkuma Yesus bishaan keessaa baʼeen, Yihowaan samiirraa, “Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama” jedhe. (Maatewos 3:17) Warrikee akka si jaallatan yeroo sitti himan hin gammadduu?— Yesusis yeroo kanatti baayʼee gammadee akka ture beekamaadha.

Yesus yeroo hundumaa waan sirrii taʼe raawwata ture. Fakkeessituu taʼee hin jiraanne. Ani Waaqayyodha jedhee namootatti hin dubbanne. Gabriʼel ergamaan, Yesus Ilma Waaqayyoo akka jedhamu Maariyaamitti himee ture. Yesusis Ilma Waaqayyoo akka taʼe dubbateera. Abbaasaa caalaa beekumsa akka qabu namootatti hin dubbanne. Kanaa mannaa, “Abbaan na caala” jedheera.—Yohannis 14:28.

Yesus yeroo samiirra turettis, hojii Abbaansaa isaaf kenne raawwateera. Tole nan hojjedha erga jedhee booda, hojii isaaf kenname dhiisee hojii kan biraa hin hojjetu ture. Abbaasaa ni jaallata ture. Kanaaf, wanta Abbaansaa isaan jedhu ni dhagaʼa ture. Yesus, yeroo gara lafaa dhufettis wanta Abbaansaa inni samii akka hojjetuuf isa erge raawwateera. Wanta garabiraa hojjechuudhaan yeroosaa hin balleessine. Kanaaf, Yihowaan Ilmasaatti gammaduunsaa nama hin dinqisiisu!

Nuyis Yihowaa gammachiisuu barbaanna mitii?— Kanaaf akkuma Yesus, Waaqayyoon dhagaʼuu akka barbaannu argisiisuu qabna. Waaqayyo karaa Macaafa Qulqulluu nutti dubbata. Wanta Waaqayyo nutti himu kan dhaggeeffannu fakkeessuudhaan, gochawwan Macaafa Qulqulluu wajjin wal faallessan amanuun ykn raawwachuun sirrii sitti fakkaataa?— Dhugumaan Yihowaa kan jaallannu yoo taʼe isa gammachiisuu akka barbaannu yaadadhu.

Caqasawwan Macaafa Qulqulluu waaʼee Yesus beekuufi isatti amanuuf nu gargaaran kana dubbisi: Maatewos 7:21-23; Yohannis 4:25, 26 fi 1 Ximotewos 2:5, 6.