Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 9

Qorumsa Nurra Gaʼu Moʼuu Qabna

Qorumsa Nurra Gaʼu Moʼuu Qabna

NAMNI tokko wanta dogoggora taʼe akka raawwattu si gaafatee ykn si jajjabeessee beekaa? Wanta inni siin jedhe yoo goote akka gammadduufi gochi kun dogoggora akka hin qabnehoo sitti dubbatee beekaa?— Namni akkas nuun jedhu tokko nu qoraa jira jechuudha.

Yeroo qoramnu maal gochuu qabna? Qorumsichaan moʼamnee wanta dogoggora taʼe raawwachuu qabnaa?— Qorumsaan moʼamuun keenya Yihowaa hin gammachiisu. Kana gochuun eenyuun akka gammachiisu beektaa?— Eeyyee, Seexana gammachiisa.

Seexanni Waaqayyoof qofa utuu hin taʼin nuufis diinadha. Inni hafuura waan taʼeef isa arguu hin dandeenyu. Inni garuu nu arguu dandaʼa. Gaaf tokko Seexanni, Yesus isa Barsiisaa Guddicha taʼetti kan dubbate siʼa taʼu, isa qoruufis yaalii godhee ture. Mee yeroo kanatti Yesus maal akka godhe haa ilaallu. Wanta Yesus godhe ilaaluun keenya, yeroo qorumsi nurra gaʼu wanta gochuu qabnu beekuuf nu gargaara.

Yesus yeroo cuuphametti maal yaadachuu jalqabe?

Yesus yeroo hundumaa fedha Waaqayyoo raawwachuu barbaada ture. Kanas Laga Yordaanositti cuuphamuudhaan argisiiseera. Seexanni Yesusiin qoruuf yaalii kan godhe akkuma inni cuuphameen ture. Macaafni Qulqulluun, “bantiiwwan waaqaa hundinuu [Yesusiif] banaman” jedha. (Maatewos 3:16) Kana jechuun, yeroo kanatti Yesus jireenya Waaqayyoo wajjin yeroo samiirra turetti qabu yaadachuu jalqabe jechuudha.

Seexanni Yesusiin qoruuf dhagaatti kan fayyadame akkamitti?

Yesus erga cuuphamee booda, wantoota yaadaterratti xiinxaluuf gara lafa onaa dhaqe. Guyyaa afurtamaafi halkan afurtamas achi ture. Guyyoota kana hundaatti waan tokkoyyuu waan hin nyaanneef baayʼee beelaʼee ture. Seexanni Yesusiin kan qore yeroo kanatti ture.

Seexanni Yesusiin, “Ati dhugumaan ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun buddeena akka taʼaniif abboomi!” jedhe. Yesus yeroo kanatti utuu buddeena argatee baayʼee gammada ture! Haataʼu malee, Yesus dhagaawwan sana gara buddeenaatti jijjiiruu ni dandaʼa turee?— Eeyyee ni dandaʼa ture. Akkas kan jennu maaliifi? Yesus Ilma Waaqayyoo waan taʼeefi humna guddaa waan qabuufidha.

Seexanni dhagaa gara buddeenaatti akka jijjiirtu utuu si gaafatee akkas goota turtee?— Yesus yeroo qorame sanatti beelaʼee ture. Maarree takkuma dhagaa gara buddeenaatti utuu jijjiireera taʼee rakkina maalii qaba?— Yesus humna qabu kaayyoo kanaaf itti fayyadamuunsaa dogoggora akka taʼe beeka ture. Yihowaan humna kan isaaf kenne, namoota gara Waaqayyootti akka ittiin harkisuuf malee, dhimma dhuunfaasaatiif akka itti fayyadamu hin turre.

Kanaaf, Yesus wanta Seexanni jedhe gochuu mannaa, wanta Macaafa Qulqulluu keessatti, ‘Namni, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa baʼu hundumaan malee, nyaata duwwaadhaan hin jiraatu’ jechuudhaan barreeffame isatti hime. Yesus wanta Yihowaa gammachiisu gochuun, nyaata caalaa barbaachisaa akka taʼe beeka ture.

Haataʼu malee, Seexanni irra deebiʼee isa qoruuf yaalii godheera. Yesusiin gara Yerusaalemitti geessee, fiixee guutuu mana qulqullummaarra isa dhaabachiise. Achiis, ‘Ergamoonni Waaqayyoo akka ati hin miidhamne si eegu jedhamee waan caafameef, ati ilma Waaqayyoo yoo taate kana irraa gad of darbadhu’ jedheen.

Seexanni akkas kan jedhe maaliifi?— Inni gocha gowwummaa akka raawwatu Yesusiin qoruu waan barbaadeefidha. Haataʼu malee, Yesus yeroo kanattis Seexana hin dhaggeeffanne. Kanaa mannaa, “‘Waaqayyo kee goofticha gar-malee hin eeggatin’ kan jedhus immoo caafameera” jedheen. Yesus, lubbuusaa balaadhaaf saaxiluudhaan Yihowaa qoruun sirrii akka hin taane beeka ture.

Haataʼu malee, Seexanni Yesusiin qoruusaa hin dhiisne. Ammammoo gaara dheeraa tokkotti ol isa baase. Achiis, mootummaa ykn bulchiinsa biyya lafaa hundumaa, ulfinasaaniis itti argisiise. Sana booda Yesusiin, “Lafa dhooftee anaaf yoo sagadde, isaan kana hundumaa siif nan kenna” jedheen.

Mee afeerraa Seexanni Yesusiif dhiheesse yaadi. Mootummoonni ykn bulchiinsi namootaa hundi kan Seexanaatii?— Yesus kan Seexanaa taʼuusaanii hin haalle. Utuu kansaa taʼuu baatanii, Yesus kankee miti jedhaan ture. Eeyyee, saboota biyya lafaa hundumaa kan bulchu Seexanadha. Macaafni Qulqulluun, ‘biyya lafaa kana kan seerratu’ Seexana akka taʼe ibsa.—Yohannis 12:31.

Seexanni, Yesusiin mootummaa kana hundumaa siifan kenna jechuu kan dandaʼe maaliifi?

Seexanni yoo isa waaqeffatte wanta tokko akka siif kennu utuu waadaa sii galee maal goota turte?— Yesus badhaasa akkamiiyyuu yoo isaaf argamsiise, Seexana waaqeffachuu akka hin qabne beeka ture. Kanaaf, ‘Seexana nana, argaa koo duraa turi! Waaqayyo kee gooftichaaf sagadi; isa duwwaafis hojjedhu! kan jedhu caafameera’ jedheen.—Maatewos 4:1-10; Luqaas 4:1-13.

Utuu qorumsi sirra ga’ee maal goota?

Nuunis qorumsi nu mudachuu dandaʼa. Qorumsawwan nu mudachuu dandaʼan tokko tokko beektaa?— Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Haatikee nyaata miʼaawaa ykn keekii qopheessiteetti haa jennu. Hanga saʼaatiin nyaataa gaʼutti akka hin tuqne sitti himti taʼa. Ati garuu baayʼee waan beelofteef nyaachuuf qoramuu dandeessa. Yeroo kanatti haadhakeetiif ni ajajamtaa?— Seexanni haadha keetiif akka ajajamtu hin barbaadu.

Yeroo kanatti Yesusiin yaadadhu. Innis baayʼee beelaʼee ture. Taʼus Yesus, Waaqayyoon gammachiisuun nyaata caalaa barbaachisaa akka taʼe beeka ture. Atis wanta haatikee siin jette gochuudhaan fakkeenya Yesus akka hordoftu argisiisuu dandeessa.

Hiriyoonnikee qoricha taʼe tokko akka liqimsitu si jajjabeessu taʼa. Qorichi kun gammachuu akka siif argamsiisuus sitti himu taʼa. Haataʼu malee, qorichi kun sammuu namaa kan hadoochu taʼuu dandaʼa. Qorichi kun dhukkuba sitti fiduu ykn si ajjeesuu dandaʼa. Yookiin sijaaraa qoricha samuu namaa hadoochu qabu akka xuuxu si jajjabeessu taʼa. Yeroo kanatti maal gochuu qabda?—

Yeroo kanatti Yesusiin yaadadhu. Seexanni, Yesus fiixee mana qulqullummaarraa of darbatee balaadhaaf akka of saaxilu gochuuf yaalee ture. Yesus garuu kana hin goone. Namni tokko wanta balaadhaaf si saaxilu akka raawwattu utuu si jajjabeessee maal goota?— Yesus wanta Seexanni itti hime hin dhageenye. Atis nama wanta dogoggora taʼe akka raawwattu si gochuu barbaadu dhagaʼuu hin qabdu.

Bifa fakkeenyaatti fayyadamuun dogoggora kan ta’e maaliifi?

Tarii, atis gaaf tokko fakkiiwwan akka waaqeffattu gaafatamuu dandeessa; Macaafni Qulqulluun garuu wanta akkasii raawwachuun dogoggora akka taʼe ibsa. (Baʼuu 20:4, 5) Sirna mana barumsaatti raawwatamu tokkorratti fakkii akka waaqeffattu gaafatamuu dandeessa. Kana gochuu baannaan garuu, mana barumsaatii akka ariʼamtu sitti himama taʼa. Yeroo kanatti maal gochuu qabda?—

Namni hundumtuu wanta sirrii taʼe yeroo raawwatutti, wanta sirrii gochuun nama hin rakkisu. Warri kaan wanta dogoggora taʼe akka raawwannu gochuuf yeroo yaalanitti garuu, wanta sirrii taʼe gochuun baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼa. Tarii namoonni kun wanti raawwachaa jiran baayʼee gadhee akka hin taane dubbatu taʼa. Taʼuyyuu, gaaffiin inni guddaan, Waaqayyo waaʼee kanaa maal jedha? kan jedhudha. Inni wanti caalaatti gaarii taʼe maal akka taʼe beeka.

Kanaaf, namoonni wanta fedhe yoo jedhanillee, wantoota Waaqayyo sirrii miti jedhe raawwachuu hin qabnu. Kana gochuudhaanis, Seexana utuu hin taʼin yeroo hunda Waaqayyoon gammachiisna.

Qorumsa wanta dogoggora taʼe akka raawwannu nurra gaʼu akkamitti moʼuun akka dandaʼamu hubachuuf odeeffannoowwan dabalataa, Faarfannaa 1:1, 2; Fakkeenya 1:10, 11; Maatewos 26:41 fi 2 Ximotewos 2:22⁠rraa argachuun ni dandaʼama.