Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 14

Dhiifama Gochuu Kan Qabnu Maaliifi?

Dhiifama Gochuu Kan Qabnu Maaliifi?

NAMNI tokko wanta dogoggora taʼe sirratti raawwa tee beekaa?— Namni kun gochasaatiin ykn dubbiisaatiin si miidhee?— Atoo akkuma inni si miidhe isa miidhuu qabdaa?—

Namoonni hedduun, namni tokko yommuu isaan miidhu isaanis deebisanii isa miidhuudhaan haaloo baʼuu barbaadu. Haataʼu malee, Yesus namoota nu miidhaniif dhiifama gochuu akka qabnu nu barsiiseera. (Maatewos 6:12) Namni tokko irra deddeebiʼee kan nu miidhu yoo taʼehoo? Nama kanaaf yeroo meeqa dhiifama gochuu qabna?—

Phexros deebii gaaffii kanaa beekuu barbaadee ture. Kanaafis gaaf tokko Yesusiin, ‘Siʼa meeqa yoo na yakke dhiisuuf? Hamma siʼa torbaattii?’ jedhee gaafate. Siʼa torba qofa dhiifama gochuun gaʼaa miti. Kanaan kan kaʼes Yesus, namni tokko yeroo baayʼee yoo si miidhe, ‘Hamma siʼa torbaatamii torbaatti dhiifama gochuufii qabda’ jedheen.

Dhiifama gochuu ilaalchisee wanti Pheexros beekuu barbaade maal ture?

Siʼa torbaatamii torba dhiifama gochuun baayʼee mitii? Dogoggora namni tokko yeroo kana hundumaa nurratti raawwate tokko tokkoon yaadachuu dandeenyaa? Wanta Yesus olitti dubbaterraa, barumsa armaan gadii arganna: Dogoggora namoonni nurratti raawwatan hunda yaadachuuf yaalii gochuu hin qabnu. Akka dhiifama goonuuf yoo nu gaafatanis, dhiifama gochuufii qabna.

Yesus, bartoonnisaa dhiifama gochuun baayʼee barbaachisaa taʼuusaa akka hubatan isaan gargaaruu barbaade. Kanaaf, gaaffii Phexrosiif deebii erga kennee booda, seenaa tokko isaanitti hime. Atoo seenaa kana beekuu barbaaddaa?—

Bara duriitti mootiin gaarii taʼe tokko jira ture. Innis baayʼee arjaa ture. Hojjettoonnisaa yeroo rakkatan qarshiillee isaanii liqeessa ture. Gaaf tokko garuu, hojjettoonnisaa warri isarraa qarshii liqeeffatan qarshiisaa akka isaaf deebisan barbaade. Kanaaf hojjetaasaa isa qarshii miliyoona 60 isarraa liqeeffate waamsise. Qarshiin kun baayʼeedha mitii?

Mootichi, hojjetaansaa liqii isarra jiru deebisuuf akka isaaf obsu yommuu isa gaafate maal godhe?

Hojjetaan kun garuu, qarshicha guutummaatti waan balleesseef liqii isarra jiru mootichaaf deebisuu hin dandeenye. Kanaaf, mootichi hojjetaan kun akka gurguramu ajaje. Kana malees, haadha manaasaafi ijoolleesaa dabalatee, wanti inni qabu hundi akka gurguramu ajaje. Achiis gatiin isaan itti gurguraman kun mootichaaf kennamuu qaba ture. Yeroo kanatti hojjetaan kun maaltu kan isatti dhagaʼamu sitti fakkaata?—

Hojjetaan kun miilla mootichaa jalatti lafa dhaʼee, “Gatii kee hundumaa siifan baasaatii anaaf obsi” jedhee isa kadhate. Ati utuu mooticha taatee maal goota turte?— Mootichi hojjetaa kanaaf waan gaddeef liqiisaa dhiiseef. Mootichi, hojjetaan kun liqii qarshii miliyoona 60 isarra jiru hunda akka dhiiseef itti hime. Kun hojjetaa sana baayʼee akka gammachiise beekamaadha.

Haataʼu malee hojjetaan kun sana booda maal godhe? Mooticha biraa yommuu baʼu hojjetaa qarshii dhibba tokko isarraa liqeeffate tokko arge. Achiis mormasaa hudhee, ‘Qarshii dhibba narraa liqeeffatte sana naa deebisi!’ jedheen. Keessumaa namni qarshiin hammasii dhiifameef kun, wanta akkasii ni raawwata jettee yaaddaa?—

Hojjetaan kun hojjetaan akkasaa taʼe liqii isarra jiru deebisuuf akka isaaf obsu yommuu isa gaafate maal godhe?

Hojjetaan nama kanarraa qarshii dhibba tokko liqeeffate kun hiyyeessa ture. Battaluma sanatti qarshiisaa deebisuufii hin dandaʼu ture. Kanaaf, miilla namicha akkumasaa hojjetaa taʼe sana jalatti lafa dhaʼee, “Gatii kee hundumaa siifan baasaatii anaaf obsi” jedhee isa kadhate. Namni kun hojjetaa kanaaf obsuu hin qabu turee?— Utuu si taʼee maal goota turte?—

Hojjetaan kun garuu akka mootii sanaa nama gaarii waan hin turreef, yeruma sana qarshicha akka isaaf deebisu isa gaafate. Namichi garuu wanta kaffalu waan dhabeef, mana hidhaa akka galu godhe. Hojjettoonni garabiraan dhimma kana hordofaa turan gocha kanatti ni aaran. Hojjetaa mana hidhaa gale sanaafis ni gaddan. Kanaaf gara mootichaa dhaqanii wanta raawwatame hunda itti himan.

Mootichis wanta raawwatametti ni gadde. Hojjetaa isa dhiifama gochuu dide sanattis baayʼee aare. Erga isa waamsisee booda, ‘Hojjetaa hamaa nana, ani gatii sirra jiru hundumaa siif hin dhiisnee? Atoo hojjetaa kanaaf dhiisuu hin qabdu turtee?’ jedheen.

Mootichi, hojjetaa dhiifama gochuu dide sanarratti tarkaanfii akkamii fudhate?

Hojjetaan dhiifama gochuu dide kun mootii gaarii kanarraa barumsa argachuu qaba ture. Haataʼu malee, inni mooticharraa hin baranne. Kanaaf, mootichi hojjetaan kun liqii qarshii miliyoona 60 isarra jiru hanga kaffalee fixutti mana hidhaa akka galu godhe. Mana hidhaa sana keessa taaʼee qarshii mootichaa deebiisu akka hin dandeenye beekamaadha. Kanaaf namichi kun hanga duʼutti mana hidhaa keessaa hin baʼu jechuudha.

Yesus seenaa kana erga xumuree booda, duuka buutotasaatiin, “Isinis tokkon tokkon keessan garaa keessaniin obboleessa keessaniif yoo dhiisuu dhaabaattan, abbaan koo inni waaqa irraa akkas isin in godha” jedhe.—Maatewos 18:21-35.

Waaqayyo hunda keenyarraa liqii baayʼee akka qabu hubadhu. Jireenyallee kan nuu kenne isadha. Kanaaf, wanta Waaqayyo nuu godhee wajjin walbira qabamee yommuu ilaalamu, liqiin namootarraa qabnu baayʼee xinnoodha. Liqiin isaan nurraa qaban qarshii dhibba tokko isa hojjetaan sun liqeeffatee wajjin kan wal gitudha. Haataʼu malee, cubbuu waan hojjennuuf liqiin Waaqayyo nurraa qabu, qarshii miliyoona 60 hojjetaan sun mooticharraa liqeeffatee wajjin kan wal gitudha.

Waaqayyo gaarummaa guddaa qaba. Dogoggora kan raawwannu yoo taʼellee dhiifama nuu godha. Bara baraaf duunee akka hafnu gochuudhaan, cubbuu hojjenneef gatii guddaa akka kaffallu nu hin godhu. Haataʼu malee, Waaqayyo dhiifama kan nuu godhu, namoota nu yakkaniif dhiifama kan goonu yoo taʼe qofa taʼuusaa yaadachuu qabna. Wanti kun dhimma irratti yaaduu qabnu mitiiree?—

Namni tokko dhiifama akka isaaf gootu yoo si gaafate maal goota?

Namni tokko yoo si miidheefi dhiifama yoo si gaafate maal goota? Dhiifama ni gootaafii?— Irra deddeebiʼee yoo si miidhehoo? Dhiifama isaaf gochuukee itti fuftaa?—

Namni dhiifama gaafannu tokko dhiifama akka nuu godhu barbaanna mitii?— Kanaaf, nuyis akkasuma dhiifama isaaf gochuu qabna. Dhiifama akka isaaf goone afaaniin dubbachuu qofa utuu hin taʼin, garaadhaa dhiifama gochuufii qabna. Akkas yoo goone, dhuguma duuka buutota Barsiisaa Guddichaa taʼuu akka barbaannu argisiisna.

Dhiifama gochuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe hubachuuf, Fakkeenya 19:11; Maatewos 6:14, 15 fi Luqaas 17:3, 4 waliin haa dubbisnu.