Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 23

Namoonni kan Dhukkubsatan Maaliifi?

Namoonni kan Dhukkubsatan Maaliifi?

NAMA dhukkubsate argitee beektaa?— Tarii atumtiyyuu dhukkubsattee beekta taʼa. Utaalloon si qabee ykn garaan si ciniinee beekta taʼa. Namoonni tokko tokkommoo baayʼee dhukkubsatu. Namoonni kun yoo namni kaan isaan gargaare malee, ofiisaaniitiin dhaabachuu hin dandaʼan taʼa. Kun kan taʼu keessumaa namoonni yeroo dulloomanittidha.

Darbee darbee namoonni hundi ni dhukkubsatu. Garuu, namoonni maaliif akka dhukkubsatan, maaliif akka dulloomaniifi maaliif akka duʼan beektaa?— Gaaf tokko namoonni nama adeemuu hin dandeenye tokko gara Yesusitti kan fidan siʼa taʼu, yeroo kanatti Yesus namoonni maaliif akka dhukkubsataniifi maaliif akka duʼan dubbateera. Mee seenaa kanan sitti hima.

Yesus mana magaalaa qarqara Ciisa Bishaan Galiilaa tokko keessa taaʼa ture. Namoonni hedduun garasaa dhufan. Manichi namootaan guutamee waan tureef achi keessa seenuun hin dandaʼamu ture. Namni gara balbala mana kanaatti dhihaachuu dandaʼullee hin jiru ture. Taʼus, ammas namoonni achumatti yaaʼaa turan. Gareen namootaa tokko, namicha kana baatanii gara iddoo kanaatti fidan. Siree xinnoorra kaaʼanii namicha kana baachuuf namoota afurtu barbaachisa ture.

Namoonni kun namicha kana gara Yesusitti kan fidan maaliif akka ture beektaa?— Yesus nama kana gargaaruu akka dandaʼu waan amananiif ture. Inni namicha fayyisuu akka dandaʼu ni amanu turan. Namoonni kun, namicha dhukkubsate gara Yesusitti fiduudhaaf akkamitti mana namoota hedduudhaan guutame keessa akka isa galchan beektaa?—

Fakkiin asirratti argitu namoonni kun akkamitti kana akka godhan kan argisiisudha. Jalqabarratti, namicha baatanii gara baaxii manichaatti ol baasan. Baaxiin manichaas diriiraa ture. Achiis baaxii manichaa diiganii gad uran. Dhumarrattis namicha karaa baaxii urate sanaan manicha keessa gad isa buusan. Namoonni kun amantii guddaa qabu turan mitii?

Namoonni manicha keessa turan hundi wanta raawwatamaa jiru yommuu ilaalan baayʼee dinqisiifaman. Namichi adeemuu hin dandeenye sun akkuma sireerra ciisetti gidduusaanii kaaʼame. Yesus wanta namoonni raawwatan kana yommuu argu isaanitti aareeraa?— Matumaa hin aarre. Kanaa mannaa amantii akka qaban arguusaatti baayʼee gammade. Namichaanis, “Cubbuun kee hundinuu siif dhiifameera” jedheen.

Yesus namichi deemuu hin dandeenye maal akka godhu itti hime?

Namoonni tokko tokko Yesus akkas jechuunsaa sirrii miti jedhanii yaadanii turan. Cubbuu namootaatiif dhiifama gochuu ni dandaʼa jedhanii hin yaanne. Kanaaf inni dhuguma namootaaf dhiifama cubbuu argamsiisuu akka dandaʼu argisiisuuf namichaan, “Kaʼiitii siree kee fudhadhuu mana keetti gali!” jedheen.

Yommuu Yesus akkas jedhu namichi ni fayye. Sana booda ofumsaatiin ol kaʼee dhaabachuufi adeemuu jalqabe. Namoonni dinqii kana ilaalanis baayʼee ajaaʼibsiifatan. Umriisaanii keessatti wanta akkas nama ajaaʼibsiisu matumaa arganii hin beekan. Yihowaan, Barsiisaa Guddaa namoota dhukkubsatan fayyisuu dandaʼu akkasii isaaniif kennuusaatti isa galateeffatan.—Maarqos 2:1-12.

Dinqii kanarraa maal baranna?

Dinqii raawwatame kanarraa maal baranna?— Yesus cubbuu namootaatiif dhiifama gochuufi namoota dhukkubsatanis fayyisuuf humna akka qabu baranna. Seenaa kanarraa barumsa barbaachisaa taʼe kan biraas ni arganna. Namoonni kan dhukkubsatan, sababii cubbuutiin akka taʼe baranna.

Yeroo tokko tokko waan dhukkubsannuuf, hundi keenya cubbamootadha jechuudhaa?— Eeyyee, Macaafni Qulqulluun hundi keenya cubbuu dhaallee akka dhalanne dubbata. Cubbuu dhaalanii dhalachuu jechuun maal jechuu akka taʼehoo beektaa?— Mudaa kan qabnu taanee dhalanne jechuudha. Yeroo tokko tokko utuma hin barbaadin wanta dogoggora taʼe raawwanna. Haataʼu malee, hundi keenya akkamitti cubbuu akka dhaalle beektaa?—

Cubbuu kan dhaallee namni jalqabaa, jechuunis Addaam Waaqayyoof abboomamuu waan dideefidha. Addaam yeroo seera Waaqayyoo cabsetti cubbamaa taʼe. Kanaaf hundi keenya Addaamirraa cubbuu dhaalleerra. Isarraa akkamitti cubbuu akka dhaalle beektaa? Mee dhimma kana karaa ati hubachuu dandeessuun sitti hima.

Hundi keenya cubbamoota kan taane akkamitti?

Tarii namni tokko yommuu daabboo tolchu isa gargaarta taʼa. Miini ittiin tolchitan dhooqa yoo qabaate daabboon keessatti tolchamu maal taʼa? Deebiisaa beektaa?— Mallattoon dhooqa sanaa daabboo hundarratti hin mulʼatuu?—

Addaam akkuma miʼa sanaa siʼa taʼu, nuyimmoo akka daabboo sanaati. Addaam yommuu seera Waaqayyoo cabsu mudaa kan qabu taʼe. Yeroo kanatti akkuma miʼa dhooqa ykn mallattoo namatti hin tolle qabu sanaa taʼe. Ijoolleen inni godhatu akka eenyuu taʼu?— Ijoolleensaa hundi akkumasaa mudaa kan qaban taʼaniiru.

Ijoolleensaa hedduun mudaa ijaan ilaalamu qabaatanii hin dhalanne. Harka ykn miilla utuu hin qabaatin kan dhalatan miti. Haataʼu malee, cubbuu kan dhaalan taʼanii dhalachuunsaanii akka dhukkubsataniifi yeroo boodammoo akka duʼan godheera.

Namoonni tokko tokko warra kaanirra caalaa yeroo baayʼee akka dhukkubsatan beekamaadha. Kun kan taʼe maaliifi? Kun kan taʼu cubbuu hedduu dhaalanii waan dhalataniifidhaa?— Namoonni hundi cubbuu qixxee dhaalanii waan dhalataniif sababiinsaa kana miti. Hundi keenya cubbuu dhaallee dhalanne. Kanaaf, namni hundi dhukkuba tokkoon qabamuunsaa hin oolu. Namoonni seera Waaqayyootiif abboomamuuf yaalii godhaniifi namoonni wanta gadhee hin raawwannellee dhukkubsachuu dandaʼu.

Yommuu cubbuun nurraa balleeffamu fayyaa akkamii qabaanna?

Maarree namoonni tokko tokko warra kaan caalaa yeroo baayʼee kan dhukkubsatan maaliifi?— Wantoonni sababii taʼan hedduun jiru. Namoonni kun tarii nyaata gaʼaa waan hin arganneef taʼuu dandaʼa. Yookiin nyaata madaalamaa waan hin nyaanneef taʼuu dandaʼa. Tariimmoo nyaata miʼaawaa baayʼee waan nyaataniif taʼuu dandaʼa. Sababii garabiraanimmoo namoonni kun dhiisifatanii rafuusaaniitiin hirriba gaʼaa waan hin arganneef taʼuu dandaʼa. Yookiin yeroo qorraatti uffata hoʼu hin uffatan taʼa. Namoonni tokko tokkommoo kunuunsa gaarii yoo argataniyyuu, qaamnisaanii dadhabaa waan taʼeefi dhukkuba ofirraa ittisuu waan hin dandeenyeef taʼuu dandaʼa.

Yeroo namoonni hundi itti hin dhukkubsanne ni dhufaa? Gara fuulduraatti yeroon itti cubbuurraa walaba taanuhoo ni dhufaa?— Yesus namichi deemuu hin dandeenye sanaaf maal godhe?— Cubbuusaa erga dhiiseefii booda isa fayyiseera. Yesus kana gochuudhaan, gara fuulduraatti gaaf tokko namoota waan gaarii gochuuf carraaqan hundaaf maal akka godhu argisiiseera.

Cubbuu hojjechuu kan hin barbaanneefi wanta sirrii hin taane kan jibbinu taʼuu keenya yoo argisiisne, Yesus nuunis nu fayyisa. Yesus gara fuulduraatti cubbuu yeroo ammaatti qabnu hunda nurraa balleessa. Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼuudhaan kana nuu godha. Cubbuun takkaatti nurraa hin badu. Kanaa mannaa suutuma suuta nurraa badaa adeema. Dhumarratti yommuu cubbuun keenya nurraa balleeffamu, deebinee hin dhukkubsannu. Sana booda fayyaa guutuu qabaanna. Kun kan nama gammachiisu mitii?

Cubbuun akkamitti namoota hundumaarratti dhiibbaa akka geessisu hubachuuf Iyoob 14:4; Faarfannaa 51:5; Roomaa 3:23; 5:12fi 6:23 dubbisi.