Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 28

Eenyuuf Abboomamuu Akka Qabnu Beekuu

Eenyuuf Abboomamuu Akka Qabnu Beekuu

YEROO tokko tokko eenyuuf abboomamuu akka qabnu beekuun nu rakkisuu dandaʼa. Haatikee ykn abbaankee wanta tokko akka hojjettu si ajaju taʼa. Barsiisaankee ykn poolisiin tokkommoo wanta sanarraa faallaa taʼe akka gootu si ajaja taʼa. Yeroo akkasiitti eenyuuf abboomamuu qabda?—

Boqonnaa 7ffaa kitaaba kanaarratti Macaafa Qulqulluurraa Efesoon 6:1-3 dubbisnee turre. Achirratti ijoolleen warrasaaniitiif abboomamuu akka qaban dubbata. Caqasichi, “Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaa duratti qajeelaa dha” jedha. Jechi “gooftaa duratti qajeelaadha” jedhu hiika akkamii akka qabu beektaa?— Warri gooftaa duratti qajeelota taʼan, ijoolleensaanii seera Waaqayyootiif akka abboomaman barsiisu.

Haataʼu malee, namoonni gurguddaan tokko tokko Yihowaatti hin amanan. Kanaaf, namni tokko deebii qormaataa warra kaanirraa ilaaluun ykn suuqiidhaa miʼa hatuun dogoggora akka hin taane yoo sitti hime maal goota? Ijoolleen nama gowwoomsuun ykn hatuunsaanii sirriidhaa?—

Yeroo tokko Nebukadnezaar Mootichi namoonni hundi bifa fakkeenyaa inni warqeerraa hojjechiiseef akka sagadan ajajee akka ture yaadadhu. Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoon garuu bifa fakkeenyaa kanaaf hin saganne. Maaliif akka taʼe beektaa?— Macaafni Qulqulluun, namoonni Yihowaa qofa waaqeffachuu akka qaban waan dubbatuufidha.—Baʼuu 20:3; Maatewos 4:10.

Phexros Qayyaafaadhaan maal jechaa jira?

Yesus erga duʼee booda, bartoonnisaa yaaʼii warra Yihudootaa, jechuunis mana murtii Yihudootaa isa guddaatti dhiheeffamanii turan. Yeroo kanatti Angafa Lubootaa kan ture Qayyaafaan, “Nuyi maqaa kanaan [Yesusiin] akka hin barsiifne cimsinee isin abboomneerra, isin garuu kunoo, barsiisa keessaniin Yerusaalemin waliin geessaniittu” jedheen. Ergamoonni kun yaaʼii Yihudootaa kanaaf abboomamuu kan didan maaliifi?— Phexros, ergamoota hunda bakka buʼuudhaan “Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira” jedhee Qayyaafaadhaaf deebise.—Hojii Ergamootaa 5:27-29.

Bara sanatti geggeessitoonni amantii Yihudii aangoo guddaa qabu turan. Haataʼu malee biyyisaanii bulchiinsa mootummaa warra Roomaa jala turte. Mootiin warra Roomaammoo Qeesaar jedhama ture. Yihudoonni, Qeesaar akka isaan bulchu kan hin barbaanne taʼuyyuu, mootummaan warra Roomaa sabichaaf wantoota gaggaarii hedduu godhaaf ture. Mootummoonni yeroo ammaatti argamanis sabasaaniitiif wantoota gaggaarii ni raawwatu. Wantoota kana keessaa tokko tokko maalfaa akka taʼan beektaa?—

Mootummoonni daandii ni hojjetu; poolisoonniifi namoonni balaa ibiddaa ittisan akka nu eeganiifis mindaa isaanii kaffalu. Akkasumas mana barumsaa ijoolleen itti barataniifi mana yaalaa namoonni itti waldhaanaman ni ijaaru. Mootummaan wantoota kana hojjechuuf qarshiin isa barbaachisa. Mootummaan qarshii kana eessaa akka argatu beektaa?— Uummatarraa argata. Qarshiin uummanni mootummaadhaaf kaffalummoo gibira jedhama.

Barsiisaa Guddichi yommuu lafarra ture, Yihudoonni hedduun mootummaa warra Roomaatiif gibira kaffaluu hin barbaadan turan. Kanaaf, gaaf tokko luboonni Yesusiin rakkinarra buusuuf namoota gaaffii tokko isa gaafatan itti bitan. Gaaffiin kunis, ‘Mootii warra Roomaatiif gibira kaffaluu qabnamoo hin qabnu?’ kan jedhu ture. Gaaffiin kun gaaffii haxxummaadhaan dhihaate ture. Yesus yeroo kanatti, ‘Eeyyee gibira kaffaluu qabdu’ utuu isaaniin jedhee, Yihudoonni hedduun hin gammadan turan. Yesus, ‘Lakkii, gibira kaffaluun isin hin barbaachisu’ hin jenne. Akkas utuu jedheera taʼees sirrii hin taʼu ture.

Yeroo kanatti Yesus maal godheree? ‘Saantima tokko natti argisiisaa!’ jedheen. Yeroo saantima tokko itti fidan, ‘Bifa eenyuufi barreeffama eenyuutu saantimicharra jira?’ jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Kan mooticha warra Roomaati” jedhaniin. Yesusis, “Mootichaaf, kan fudhachuun isaaf taʼu, Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf taʼu kennaa!” jedheen.—Luqaas 20:19-26.

Yesus gaaffii namoonni kun haxxummaadhaan isa gaafataniif deebii kan kenne akkamitti?

Sana booda, namni tokkollee deebii inni kenne mormuu hin dandeenye. Mootummaan Roomaa wanta uummataaf hojjeteef qarshiin inni qopheesse isaaf kaffalamuunsaa sirriidha. Yesus kana gochuudhaan, tajaajila mootummaarraa argannuuf gibira kaffaluun keenya sirrii taʼuusaa argisiiseera.

Ati garuu ijoollee waan taateef gibira hin kaffaltu. Haataʼu malee wanti mootummaadhaaf kennuu qabdu tokko jira. Wanti kun maal akka taʼe beektaa?— Seerawwan mootummaan sun baasuuf ajajamuudha. Macaafni Qulqulluun, ‘Warra biyya bulchuudhaaf aboo qabaniif abboomamaa!’ jedha. Warri aboo qaban kun, mootummicha keessatti namoota aangoo qaban kan argisiisudha. Kanaaf seerawwan mootummaatiif ajajamuu akka qabnu kan dubbate Waaqayyodha.—Roomaa 13:1, 2.

Tarii, waraqaa ykn wantoota garabiraa daandiirratti akka hin ganne seerri dhowwu jira taʼa. Seera kanaaf ajajamuu qabdaa?— Eeyyee, Waaqayyo seera kanaaf akka ajajamtu barbaada. Poolisootaafoo ajajamuu qabdaa?— Poolisoonni akka uummata eeganiif mindaa kan isaaniif kaffalu mootummaadha. Kanaaf isaaniif ajajamuun mootummaadhaaf ajajamuu wajjin tokkodha.

Kanaaf, yommuu daandii qaxxaamuruuf jettu poolisiin tokko “Takka turi!” yoo siin jedhe maal gochuu qabda?— Warri kaan abboommii kana yoo cabsan atis akkas gochuu qabdaa?— Dhaabatee eegaa kan jiru si qofa yoo taʼellee takka turuu qabda. Waaqayyo seera kana akka eegdu ajajeera.

Tarii naannoo keessanitti jeequmsi waan uumameef, poolisiin tokko “Karaarra hin dhaabatinaa! Manaas gad hin baʼinaa!” jedhee isin akeekkachiisa taʼa. Ati garuu waca namootaa dhageessee wanti kun maal akka taʼe ilaaluu barbaadda taʼa. Waca kana ilaaluuf gad baʼuu qabdaa?— Kana gochuunkee, ‘warra biyya bulchuuf aboo qabaniif’ abboomamaa akka jirtu kan argisiisudhaa?—

Biyyoota hedduutti mana barumsaa kan ijaarsisuufi barsiisotaaf mindaa kan kaffalu mootummaadha. Waaqayyo barsiisaadhaaf akka ajajamtu kan barbaadu sitti fakkaataa?— Mee dhimma kanarratti yaadi. Mootummaan, poolisiin namoota akka eeguuf mindaa akkuma isaaf kaffalu, barsiisaanis akka barsiisuuf mindaa isaaf kaffala. Kanaaf, poolisiidhaafis taʼe barsiisaadhaaf ajajamuun, mootummaadhaaf ajajamuu wajjin tokkodha.

Poolisiidhaaf ajajamuu kan qabnu maaliifi?

Haataʼu malee, barsiisaan tokko bifa fakkeenyaatiif akka sagaddu utuu si ajajee maal goota?— Ibroonni sadan sun Nebukadnezaar Mootichi kana akka godhan yoo isaan ajajellee, bifa fakkeenyaa sanaaf hin saganne. Maaliif akka didan ni yaadattaa?— Waaqayyoof abboomamuu waan barbaadaniif ture.

Barreessaa seenaa kan taʼan Wiil Duraanti Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, ‘amanamummaansaanii inni guddaan mootii warra Roomaatiif hin turre’ jechuudhaan barreessaniiru. Kanaa mannaa, amanamummaansaanii Yihowaadhaaf ture. Kanaaf, yoomiyyuu jireenya keenya keessatti Waaqayyoof dursa kennuu akka qabnu yaadadhu.

Waaqayyo kana akka goonu waan nurraa barbaaduuf, mootummaadhaaf ni abboomamna. Haataʼu malee, wanta Waaqayyo dhowwe tokko akka goonu yoo ajajamne maal gochuu qabna?— Akkuma ergamoonni hangafa lubootaa sanaan jedhan, “Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira” jechuu qabna.—Hojii Ergamootaa 5:29.

Macaafni Qulqulluun seeraaf akka ajajamnu nu barsiisa. Yaada Maatewos 5:41; Tiitoos 3:1 fi 1 Phexros 2:12-14⁠rratti barreeffame dubbisi.