Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 29

Afeerriin Hundi Waaqayyoon ni Gammachiisaa?

Afeerriin Hundi Waaqayyoon ni Gammachiisaa?

Waqayyo afeerrii kanatti kan gammade maaliifi?

AFEERRIIRRATTI argamuun si gammachiisaa?— Yeroon akkasii kan nama gammachiisu taʼuu dandaʼa. Barsiisaa Guddichi afeerriirratti akka argamnu kan barbaadu sitti fakkaataa?— Inni afeerrii cidha gaaʼelaa tokkorratti kan argame siʼa taʼu, duuka buutonnisaa tokko tokkos isaa wajjin turan. Yihowaan Waaqa gammadaa waan taʼeef, afeerriirratti argamuudhaan yeroo gammannu arguun isatti tola.— Yohannis 2:1-11.

Fuula 29⁠ffaa kitaaba kanaarratti, Israaʼeloonni akka keessa ceʼaniif Yihowaan Galaana Diimaa gargar hiree akka ture baranneerra. Seenaa kana dubbisnee akka turre ni yaadattaa?— Israaʼeloonni sana booda sirbanii Yihowaa galateeffatan. Haalli kun afeerrii wajjin kan wal fakkaatu ture. Yeroo kanatti sabichi baayʼee gammadee kan ture siʼa taʼu, Waaqayyos gammadee akka ture beekamaadha.—Baʼuu 15:1, 20, 21.

Gara waggaa 40 boodammoo, Israaʼeloonni afeerrii guddaa garabiraa tokkorratti argaman. Yeroo kanatti garuu namoonni isaan afeeran Yihowaa kan hin waaqeffanne turan. Namoonni Israaʼeloota afeeran kun, warra waaqayyolii tolfamoo waaqeffataniifi namoota hiriyaa gaaʼelaasaanii hin taanee wajjin saalqunnamtii raawwatan turan. Haataʼu malee, afeerrii akkasiirratti argamuun sirrii sitti fakkaataa?— Yeroo kanatti Yihowaan waan isaanitti hin gammanneef Israaʼeloota adabeera.—Lakkoobsa 25:1-9; 1 Qorontos 10:8.

Macaafni Qulqulluun waaʼee afeerrii guyyaa dhalootaa kabajuuf qophaaʼe lamas nuu ibsa. Kana keessaa inni tokko guyyaa dhalootaa Barsiisaa Guddichaa turee?— Hin turre. Kanaa mannaa, namoonni afeerrii guyyaa dhalootaa kana qopheessan lamaan Yihowaa kan hin waaqeffanne turan. Afeerriin inni tokko, guyyaa dhalootaa Herodis Antiiphaas Mootichaaf kan qophaaʼe ture. Yeroo Yesus achi jiraachaa turetti, Herodis bulchaa biyya Galiilaa ture.

Herodis Mootichi wantoota gadhee hedduu raawwateera. Haadha manaa obboleessasaa kan fuudhe siʼa taʼu, maqaanshees Herodiyaas jedhama. Tajaajilaa Waaqayyoo kan ture Yohannis Cuuphaan, Herodis kana gochuunsaa dogoggora akka taʼe itti himee ture. Herodis garuu kun itti himamuunsaa isa hin gammachiisne. Kanaaf, Yohannis akka hidhamu godhe.—Luqaas 3:19, 20.

Yohannis utuu mana hidhaa jiruu, yeroon guyyaan dhalootaa Herodis itti kabajamu ni gaʼe. Kanaaf Herodis afeerrii guddaa tokko qopheessee, namoota gurguddaa hedduu waame. Hundisaanii nyaatanii dhuganii gammadaa turan. Achiis intalli Herodiyaas dhuftee isaaniif sirbite. Namoonni hundi sirbasheetti waan gammadaniif, Herodis Mootichi kennaa adda taʼe isheedhaaf kennuu barbaade. Kanaaf, “Hamma walakkaa mootummaa kootiitti waanuma ati na kadhattu siifan kenna” jedheen.

Isheenoo maal isa gaafatteree? Qarshiidhaa? Uffata babbareedaadhaa? Mana mootummaa dhuunfaatii? Intalli kun maal akka gaafattu hin beektu turte. Kanaaf, haadhashee Herodiyaas bira dhaqxee “Maal kadhadhu?” jettee gaafatte.

Herodiyaas, Yohannis Cuuphaa baayʼee jibbiti turte. Kanaaf intallishee mataa Yohannis akka kadhattu itti himte. Intalattiinis gara mootichaa dhaqxee, “Akka ati tokkichumaan mataa Yohannis cuuphaa gabateetti anaaf laattu nan barbaada” jetteen.

Herodis Mootichi, Yohannis nama gaarii taʼuusaa waan beekuuf isa ajjeesisuu hin barbaanne. Haataʼu malee, Herodis kakatee waan tureef, ‘Yaadakoo yoon jijjiire namoonni achi jiran maal naan jedhu’ jedhee sodaate. Kanaaf, namichi tokko gara mana hidhaa dhaqee mataa Yohannis akka irraa kutu godhe. Namichis yeruma sana mataa Yohaannis gabateedhaan fidee intalattiitti kenne. Intalattiinis haadhasheetti kennite.—Maarqos 6:17-29.

Afeerrii guyyaa dhalootaatti qopheeffameefi Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame garabiraarrattis wantuma akkasiitu raawwatame. Kunis guyyaa dhalootaa mootii warra Gibxii ture. Afeerrii kanarrattis, mootichi mataan nama tokkoo akka irraa kutamu godheera. Sana booda namichi fannifamee allaattiidhaan akka nyaatamu godhe. (Uumama 40:19-22) Waaqayyo afeerriiwwan kana lamaanitti kan gammade sitti fakkaataa?— Yeroo sana utuu jiraattee afeerriiwwan kanarratti ni argamta turtee?—

Afeerrii guyyaa dhalootaa Herodisirratti maaltu raawwatame?

Sababii malee wanti Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffame tokkollee akka hin jirre beekna. Macaafni Qulqulluun afeerriiwwan guyyaa dhalootaatti qopheeffaman lama qofa nutti hima. Guyyoota kana lamaanittis, wantoota gadheetu raawwatame. Kanaaf, afeerrii guyyaa dhalootaa qopheessuu ilaalchisee Waaqayyo maaltu kan isatti dhagaʼamu sitti fakkaata? Waaqayyo guyyaa dhalootaa akka kabajnu ni barbaadaa?—

Yeroo ammaatti afeerriiwwan akkasiirratti namoonni mataa namaa akka hin kuchisiisne beekamaadha. Haataʼu malee, guyyaa dhalootaa kabajuun namoota Waaqa isa dhugaa hin waaqeffanne biraa kan dhufedha. Kitaabni amantii tokko, guyyaa dhalootaa akka kabajaman Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman ilaalchisee akkas jedheera: “Guyyaa dhalootasaaniitti afeerriiwwan gurguddaa kan qopheessan . . . namoota cubbamoota taʼan qofadha.” (Za Kaatolik Insaayikilooppiidiyaa) Maarree nuyi akkasaanii taʼuu barbaannaa?—

Barsiisaa Guddichi guyyaa dhalootaasaa kabajeeraa?— Hin kabajne. Macaafni Qulqulluun guyyaa dhalootaa Yesus kabajamuusaa ilaalchisee wanta ibsu hin qabu. Duuka buutonni Yesus warri jalqabaas guyyaa dhalootaasaa hin kabajne. Yeroo booda namoonni Muddee 25⁠tti, akka lakkoofsa Itoophiyaattimmoo Muddee 29⁠tti guyyaa dhaloota Yesus kabajuu kan filatan maaliif akka taʼe beektaa?—

Guyyaan kun kan filatame, “Namoonni biyya Roomaa sana durayyuu guyyaa kana ayyaana Saatarni jedhanii waamuudhaan guyyaa dhaloota aduu kabajaa waan turaniifidha.” (Za Worlid Buuk Insaayikilooppiidiyaa) Kanaaf, namoonni guyyaa dhaloota Yesus, guyyaa ayyaanaa namoota Waaqayyoon hin waaqeffannee wajjin akka walirra buʼu godhanii kabajuu filataniiru.

Yesus jiʼa Muddeetti hin dhalanne akka jennu kan nu godhu maal akka taʼe beektaa?— Macaafni Qulqulluun yeroo Yesus dhalatu tiksitoonni halkaniin hoolota eegaa akka bulan nutti hima. (Luqaas 2:8-12) Haataʼu malee, tiksitoonni biyya sanaa jiʼa Muddee isa garmalee qorruufi bokkaa cimaan itti roobu kanatti ala buluu hin dandaʼan.

Yesus jiʼa Muddeetti hin dhalanne kan jennu maaliifi?

Namoonni hedduun guyyaan ayyaanni qillee itti kabajamu, guyyaa dhalootaa Yesus akka hin taane beeku. Guyyaa sanatti namoonni saba Waaqayyoo hin taane ayyaana Waaqayyoon hin gammachiisne akka kabajanis beeku. Taʼus, namoonni hedduun ayyaana kana ni kabaju. Namoota kana caalaatti kan yaaddessu, Waaqayyo waaʼee kanaa maaltu itti dhagaʼama isa jedhu utuu hin taʼin, yeroo kanatti bashannanuusaaniiti. Nuyi garuu Yihowaa gammachiisuu barbaanna mitii?—

Kanaaf yeroo afeerrii qopheessinus taʼe afeerriirratti argamnu, wantoonni kun Yihowaa biratti fudhatama qabaachuufi dhiisuusaanii mirkaneessuu qabna. Waggaa keessatti yeroo barbaanne afeerrii qopheessuu dandeenya. Afeerrii qopheessuuf guyyaa adda taʼe eeguun nu hin barbaachisu. Nyaata adda taʼe nyaachuufi taphawwan addaddaa taphachuudhaanis gammaduu dandeenya. Atoo kana gochuu ni barbaaddaa?— Taanaan warrakee wajjin irratti mariʼachuudhaan, gargaarsasaaniitiin afeerrii qopheessuu dandeessa. Kana gochuunkee gaarii mitii?— Haataʼu malee, afeerrii qopheessuukee dura, afeerrichi Waaqayyoon kan gammachiisu taʼuufi dhiisuusaa mirkaneessuu qabda.

Afeerriin tokko Waqayyoon kan gammachiisu taʼuusaa akkamitti beekna?

Yeroo hunda wanta Waaqayyoon gammachiisu raawwachuun barbaachisaa taʼuusaa, Fakkeenya 12:2; Yohannis 8:29; Roomaa 12:2 fi 1 Yohannis 3:22⁠rratti ibsameera.