Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 31

Jajjabina Eessaa Argachuu Dandeenya?

Jajjabina Eessaa Argachuu Dandeenya?

GADDIIFI kophummaan sitti dhagaʼamee beekaa?— Namni na jaallatu hin jiru jetteehoo yaaddee beektaa?— Ijoolleen tokko tokko akkas jedhanii yaadu. Waaqayyo garuu, “Ani matumaa si hin irraanfadhu!” jechuudhaan waadaa galeera. (Isaayaas 49:15) Kana beekuun nama hin gammachiisuuree?— Eeyyee, Yihowaan dhugumaan nu jaallata!

Ilmoo hoolaa badde kanatti maaltu itti dhagaʼama jettee yaadda?

Barreessaan Macaafa Qulqulluu tokko, “Abbaan koo fi haati koo yommuu na dhiisan, Waaqayyo immoo simee ana in fudhata” jedheera. (Faarfannaa 27:10) Kana beekuun keenya nu hin jajjabeessuu?— Eeyyee Yihowaan, “Ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! . . . Ani sin gargaara” jedheera.—Isaayaas 41:10.

Haataʼu malee, yeroo tokko tokko Yihowaan Seexanni rakkina akka nurraan gaʼu, akkasumas akka nu qoru heyyamuu dandaʼa. Yeroo tokko Seexanni rakkina cimaa waan isarraan gaʼeef, Yesus “Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?” jechuudhaan Yihowaa kadhateera. (Maatewos 27:46) Yesus yeroo kanatti kan dhiphate taʼullee, Yihowaan akka isa jaallatu beeka ture. (Yohannis 10:17) Haataʼu malee, Yesus Waaqayyo Seexanni tajaajiltootasaarratti rakkina fiduudhaan akka isaan qoru akka heyyameefis beeka ture. Waaqayyo, Seexanni akkas akka godhu maaliif akka heyyameef boqonnaa garabiraarratti ilaalla.

Ijoollee xixinnoo yeroo turretti yeroo tokko tokko sodaa keenya moʼuun nu rakkisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, warrakee jalaa baddee beektaa?— Yeroo kanatti sodaattee turtee?— Ijoolleen hedduun ni sodaatu. Barsiisaa Guddichi yeroo tokko waaʼee baduu ilaalchisee seenaa tokko dubbatee ture. Yeroo kanatti kan bade garuu mucaa utuu hin taʼin, hoolaa tokko ture.

Siinis, wantoonni hoolaa wajjin wal si fakkeessan tokko tokko jiru. Akkas kan jennu maaliifi? Hoolaan horii guddaafi jabaa hin taanedha. Kanaaf, hoolonni nama isaan kunuunsuufi nama isaan eegu argachuun isaan barbaachisa. Namni hoolota eegummoo tiksee jedhama.

Yesus seenaa sanarratti waaʼee tiksee hoolota dhibba tokko qabuu dubbateera. Haataʼu malee, isaan keessaa hoolaan tokko ni badde. Hoolaan kun kan badde, tarii marga gaara tokko duuba jiru dheeduu waan barbaaddeef taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, utuma baayʼee hin turin hoolota kaanirraa fagaattee adeemte. Hoolaan kun eenyuyyuu naannooshee akka hin jirre yommuu hubattu, maaltu itti dhagaʼamee akka ture tilmaamuu dandeessaa?—

Tikseen kun hoolaa badde kana yommuu argatu maal godhe? Kun balleessaa hoolattii waan taʼeef waaʼeeshee hin dhiphadhu jedheeraa? Moo hoolota 99 bakka gaariitti dhiisee ishee badde sana barbaacha dhaqe? Hoolaa tokkoof carraaqqii hammanaa gochuun barbaachisaadhaa?— Hoolaan badde sun utuu sidha taʼee, tikseen sun akka si barbaadu ni feeta turtee?—

Qaamni tiksee hoolaasaa ishee badde oolchee wajjin wal fakkaatu eenyudha?

Tikseen sun hoolaa badde sana dabalatee, hoolota hunda baayʼee jaallata ture. Kanaaf hoolaa badde sana barbaacha dhaqeera. Hoolaan badde sun, tikseen kun garashee dhufaa akka jiru yommuu argitu hangam gammaddee akka turte mee yaadi. Yesus, tikseen sun hoolaa jalaa baddee turte sana argachuusaatti akka gammade ibseera. Tikseen kun hoolota 99 warra hin badne caalaa ishee badde sana argachuusaatti gammadeera. Seenaa Yesus dubbate kana keessatti qaamni tiksee sanaa wajjin wal fakkaatu eenyudha? Akkuma tikseen sun hoolotasaatiif kunuunsa godhu, nuufoo kunuunsa kan nuu godhu eenyu?— Yesus kana kan nuu godhu Abbaasaa isa samii akka taʼe dubbateera. Abbaansaammoo Yihowaadha.

Yihowaan sabasaatiif Tiksee Guddaadha. Inni ijoollee akkakee dabalatee, namoota isa tajaajilan hunda ni jaallata. Namni tokkollee akka miidhamu ykn akka badu hin barbaadu. Waaqayyo kunuunsa akkasii akka nuu godhu beekuun baayʼee kan nama gammachiisu mitii?—Maatewos 18:12-14.

Yihowaa akka abbaakeetti ykn akka nama si kunuunsu tokkootti ilaaltaa?

Dhuguma Yihowaan akka jiru ni amantaa?— Inni, akkuma abbaakee ykn akka nama kunuunsa sii godhu tokkoo akka taʼe sitti dhagaʼamaa?— Yihowaan hafuura waan taʼeef, isa arguu akka hin dandeenye beekamaadha. Haataʼu malee, inni dhugumaan jira; nu arguus ni dandaʼa. Inni yeroo itti gargaarsi nu barbaachisu beeka. Akkuma nama tokkoo wajjin dubbachuu dandeenyu, kadhannaadhaan isatti dubbachuu dandeenya. Yihowaanis kana akka goonu barbaada.

Maarree gaddi ykn kophummaan yoo sitti dhagaʼame maal gochuu qabda?— Dhimma kana Yihowaatti himuu dandeessa. Yoo isatti dhihaatte, inni si jajjabeessa; si gargaaras. Kophaakee akka taate yommuu sitti dhagaʼamullee, Yihowaan akka si jaallatu yaadadhu. Mee amma Macaafa Qulqulluu keenya haa baasnu. Faarfannaa 23 lakkoofsa 1⁠rraa jalqabee, “Waaqayyo tiksee koo ti, ani homaa hin dhabu! Inni marga lalisaa keessa akkan boqodhu in godha, gara laga itti aara galfataniittis na geessa” jedha.

Barreessaan kun lakkoofsa 4⁠rratti, “Ani bowwaa dukkanaaʼaa sodaachisaa keessa yoon adeeme iyyuu, hamaan anatti dhufa jedhee hin sodaadhu; ati anaa wajjin jirta, uleen keetii fi dhaabanni kee ana in jajjabeessu” jechuusaa qalbeeffadhu. Namoonni Yihowaa waaqeffatan akkas isaanitti dhagaʼama. Rakkinni yoo isaan mudatellee jajjabina argatu. Atoo akkas sitti dhagaʼamaa?—

Akkuma tikseen tokko hoolotasaatiif kunuunsa godhu, Yihowaanis sabasaatiif kunuunsa gaarii godha. Karaa sirrii taʼe isaanitti argisiisa, isaanimmoo gammachuudhaan isa duukaa buʼu. Naannoonsaanii rakkinaan kan guutame yoo taʼellee sababii itti sodaataniif hin qaban. Tikseen tokko, bineensonni hoolota akka hin miine irraa ittisuuf uleesaatti ykn dhaabatasaatti fayyadama. Macaafni Qulqulluun, Daawit ijoollummaasaatti yommuu tiksee ture akkamitti hoolotasaa leencaafi amaaketarraa akka eege nutti hima. (1 Saamuʼel 17:34-36) Sabni Waaqayyoos, Yihowaan akka isaan eegu beeku. Waaqayyo isaanii wajjin waan jiruuf hin sodaatan.

Akkuma tikseen hoolotasaa eegu, yeroo rakkinaatti eenyutu nu gargaaruu dandaʼa?

Yihowaan hoolotasaa baayʼee kan jaallatu taʼuusaarrayyuu, gaarummaadhaan kunuunsa isaanii godha. Macaafni Qulqulluun, “Inni akka tikseetti hoolota isaa in tiksa, ilmoolees harka isaatiin walitti in sassaaba” jedha.—Isaayaas 40:11.

Yihowaan Waaqa akkasii taʼuunsaa si hin gammachiisuu?— Atoo hoolotasaa keessaa tokko taʼuu hin barbaadduu?— Hoolonni sagalee tikseesaanii ni dhagaʼu. Tikseesaaniirraas hin fagaatan. Atoo Yihowaa ni dhageessaa?— Isattoo maxxantee ni jiraattaa?— Taanaan, Yihowaan sii wajjin waan jiruuf matumaa sodaachuu hin qabdu.

Yihowaan jaalalaan kakaʼee namoota isa tajaajilan ni kunuunsa. Dhimma kana ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu, Faarfannaa 37:25; 55:22 fi Luqaas 12:29-31⁠rraa haa dubbisnu.