Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 33

Yesus Nu Eeguu ni Danda’a

Yesus Nu Eeguu ni Danda’a

Yeroo ammaatti Yesus Mootii aboo qabumoo daaʼima humna hin qabne sitti fakkaata?

YESUS erga guddatee booda, ijoollummaasaatti eegumsi akkamii akka isaaf godhame yommuu hubatu Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan kan isa galateeffate sitti hin fakkaatuu?— Yesus yeroo booda Maariyaamiifi Yoseef gara Gibxiitti isa geessanii balaarraa akka isa oolchan yommuu hubatuhoo maal kan isaaniin jedhe sitti fakkaata?—

Yeroo ammaatti Yesus daaʼima akka hin taane beekamaadha. Akka kanaan duraas lafarra jiraachaa hin jiru. Haataʼu malee, yeroo ammaatti namoonni tokko tokko Yesus daaʼima siree horiin irraa nyaatanirra ciisu qofa akka taʼe godhanii akka yaadan hubatteettaa?— Keessumaa tibba Ayyaana Qilleetti fakkiin Yesus daaʼima taʼuusaa argisiisu biyyoota hedduutti kan argamu taʼuunsaa kanaaf ragaa taʼa.

Yeroo ammaatti Yesus lafarra kan hin jirre taʼus, lubbuudhaan jiraachuusaa garuu ni amantaa?— Eeyyee, inni duʼaa kaʼee, Mootii humna guddaa qabu taʼuudhaan samiirra jiraachaa jira. Namoota isa tajaajilan eeguuf maal gochuu kan dandaʼu sitti fakkaata?— Yesus yeroo lafarra ture namoota isa jaallatan akkamitti eeguu akka dandaʼu argisiiseera. Mee amma gaaf tokko duuka buutotasaa wajjin yommuu bidiruu keessa turetti akkamitti akka isaan eege haa ilaallu.

Yeroonsaa gara galgalaa ture. Yesus, guyyaa guutuu ciisa bishaan Galiilaa isa kiilomeetira 20 dheeratuufi kiilomeetira 12 balʼatu qarqaratti namoota barsiisaa oole. Achiis duuka buutotasaatiin, “Kottaa bishaan ciisaa kana gamatti ceenaa” jedheen. Kanaaf bidiruu yaabbatanii bishaanicha ceʼuu jalqaban. Yeroo kanatti Yesus baayʼee dadhabee waan tureef, gara duuba bidiruu sanaa dhaqee boraafatee rafuu jalqabe. Yeruma sana hirribni cimaan isa fudhate.

Yesus qilleensaa fi dhaʼaa bishaanichaatiin maal jechaa jira?

Bartoonnisaa garuu dammaqanii bidiruu sana oofaa turan. Yeroo muraasaaf rakkinni kan hin uumamne taʼus, akka tasaa qilleensi jabaan qilleensaʼuu jalqabe. Qilleensi kun hammaachaa waan dhufeef, dhaʼaan bishaanichaa ittuma cimaa adeeme. Bishaanichi facaʼee bidiruu sana keessatti namʼuu waan jalqabeef, bidiruun sun bishaaniin guutame.

Kanaaf bartoonnisaa bishaanichi nu nyaata jedhanii sodaatan. Yesus garuu hin sodaanne. Yeroo kun hundi raawwatamutti inni bidiruu sana duubaan ciisaa ture. Dhumarrattis bartoonni isa dammaqsanii, ‘Yaa Barsiisaa, yaa Barsiisaa, dhaʼaa bishaanii kanaan dhumuuf jenna nu oolchi!’ jedhaniin. Yeroo kanatti Yesus kaʼee qilleensaafi dhaʼaa bishaanii sanaan, “Cal jedhi, gab jedhis!” jedheen.

Qilleensichis yeruma sana ni dhaabate; bishaanichis gab jedhe. Bartoonni wanta akkasii arganii waan hin beekneef baayʼee ajaaʼibsiifatan. Waliisaaniitiinis, “Namni kun eenyu? Innoo qilleensaa fi bishaan in abbooma; isaanis isaaf in abboomamu” jedhan.—Luqaas 8:22-25; Maarqos 4:35-41.

Yesus eenyu akka taʼe beektaa?— Humna guddaa akkasiihoo eessaa akka argate beektaa?— Yesus namoota kaan caalaa humna guddaa waan qabuuf, bartoonnisaa yommuu inni isaanii wajjin jiru sodaachuu hin qaban turan. Dinqiiwwan namoonni kaan hojjechuu hin dandeenye hojjechuu dandaʼa ture. Ammammoo wanta Yesus galaana dhaʼaa bishaaniitiin jeeqamurratti raawwate garabiraa tokkon sitti hima.

Gaaf tokko gara galgalaa, Yesus bartoonnisaa bidiruudhaan isa dursanii galaana gamatti akka ceʼan isaanitti hime. Achiis Yesus kophaasaa gara gaara tokkootti ol baʼe. Iddoon kunis, iddoo tasgabbii qabuufi Yihowaatti kadhannaa dhiheessuuf mijaaʼaa turedha.

Bartoonnis bidiruudhaan galaanicha gamatti ceʼuuf karaa jalqaban. Haataʼu malee, yeruma sana qilleensi cimaan hammaachaa deemu tokko galaanicha jeequu jalqabe. Yeroo kanatti dukkanaaʼee waan tureef, sharaa bidiruu sanaa irraa hiikanii akkasumatti oofuu jalqaban. Haataʼu malee, dhaʼaan bishaanichaa ittuma caalaa waan deemeef baayʼee fagaatanii adeemuu hin dandeenye. Bidiruun sun dhaʼaa bishaanichaatiin asiifi achi daddarbatamaa kan turte siʼa taʼu, bishaanichis bidiruu sana keessa ni seena ture. Bartoonni gara qarqara galaanaa gaʼuuf carraaqqii guddaa yoo godhaniyyuu achi gaʼuu hin dandeenye.

Yeroo kanattis Yesus kophaasaa gaaricharra ture. Achirras yeroo dheeraa ture. Haataʼu malee, bartoonnisaa dhaʼaa bishaaniitiin balaadhaaf saaxilamuuf akka jiran arguu dandaʼeera. Kanaaf, gaara sanarraa buʼee gara qarqara galaanichaa dhufe. Yesus bartootasaa gargaaruu waan barbaadeef, galaana dhaʼaa bishaaniitiin jeeqamu sanarra adeemee garasaanii dhufuu jalqabe.

Ati bishaanirra adeemuuf utuu yaalii gootee maal taata?— Bishaanichi gad si liqimsa. Yesus garuu namoota kaanirra addadha. Inni humna adda taʼe qaba. Yesus bidiruu sana bira gaʼuuf karaa dheeraa adeemuu qaba ture. Kanaaf, yommuu Yesus bishaanirra adeemee garasaanii dhufu bartoonnisaa kan isa argan yeroo lafti bariʼuuf jedhetti ture. Haataʼu malee, wanta argan sana amanuu hin dandeenye. Baayʼee sodaatanii waan turaniif ni iyyan. Yesus garuu “Jabaadhaa, innoo anaa, hin sodaatinaa!” jedheen.

Yesus dinqii kan raawwate maaliifi?

Akkuma Yesus bidiruu sana keessa seeneen dhaʼaan bishaanichaa ni dhaabate. Bartoonnis baayʼee waan dinqisiifataniif Yesusiif sagadanii, “Ati dhuguma ilma Waaqayyoo ti!” jedhaniin.—Maatewos 14:22-33; Yohannis 6:16-21.

Yeroo sana jiraannee wantoota Yesus raawwachaa ture kana utuu argineerra taʼee gaarii mitii?— Yesus dinqiiwwan akkasii maaliif akka raawwate beektaa?— Bartootasaa waan jaallatuufi isaan gargaaruu waan barbaaduuf ture. Kana malees, humna guddaa akka qabuufi yeroo Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼu humna kanatti akka fayyadamu argisiisuu waan barbaadeefidha.

Yesus yeroo ammaatti duuka buutotasaa kan eegu akkamitti?

Yesus yeroo ammaattillee humnasaatti fayyadamee, duuka buutonnisaa misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo akka hin lallabne dhowwuuf carraaqqii Seexanni godhurraa isaan eega. Haataʼu malee, Yesus duuka buutonnisaa akka hin dhukkubsanne gochuuf ykn dhukkubasaaniirraa akka fayyan gochuuf humnasaatti hin fayyadamu. Yeroo booda ergamoonni Yesus hundi duʼaniiru. Fakkeenyaaf, obboleessa Yohannis kan ture Yaaqoob ajjeefameera; Yohannisis hidhameera.—Hojii Ergamootaa 12:2; Mulʼata 1:9.

Harʼas haallisaa kanaa wajjin wal fakkaata. Namoonni Yihowaa tajaajilanis tajaajiluu baatanis, dhukkubsachuufi duʼuunsaanii hin oolu. Dhiheenyatti yeroo Yesus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee lafa kana bulchutti garuu wantoonni kun ni jijjiiramu. Yeroo sanatti Yesus humnasaatti fayyadamee namoota isaaf abboomamaniif eebbawwan hedduu waan argamsiisuuf, namni tokkoyyuu wanta sodaatuuf hin qabu.—Isaayaas 9:6, 7.

Caqasoota, Yesus inni Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼe humna akkamii akka qabu argisiisan Daaniʼel 7:13, 14; Maatewos 28:18 fi Efesoon 1:20-22⁠rraa ilaali.