Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 36

Eenyufaatu Duʼaa Kaʼa? Isaanoo Eessa Jiraatu?

Eenyufaatu Duʼaa Kaʼa? Isaanoo Eessa Jiraatu?

BOQONNAA lamaan darbanirratti waaʼee namoota duʼaa kaʼanii meeqaa mariʼannee turre?— Waaʼee namoota shanii mariʼanneerra. Isaan keessaa ijoolleen meeqa turan?— Sadii turan. Inni arfaffaanimmoo dargaggeessa tokko ture. Kun maal kan nu hubachiisu sitti fakkaata?—

Eeyyee, Waaqayyo ijoollee xixinnoofi dargaggoota akka jaallatu argisiisa. Gara fuulduraatti garuu namoota hedduu duʼaa ni kaasa. Waaqayyo namoota wanta gaarii hojjetan qofa duʼaa kaasaa?— Tarii akkas jennee yaanna taʼa. Haataʼu malee, namoonni hedduun dhugaa waaʼee Yihowaafi waaʼee Ilmasaa ibsu hin beekan. Namoonni kun, wanta dogoggora taʼe waan barataniif wanta gadhee raawwatu. Maarree, Yihowaan namoota akkasii duʼaa waan kaasu sitti fakkaataa?—

Macaafni Qulqulluun, “Warra qajeelotaa fi warra jalʼootaafis duʼaa kaʼuun [jira]” jedha. (Hojii Ergamootaa 24:15) Namoonni qajeelota hin taane ykn wanta sirrii taʼe hin raawwanne duʼaa kan kaafaman maaliifi?— Namoonni kun waaʼee Yihowaas taʼe wanta inni namootarraa barbaadu barachuuf carraa waan hin arganneefidha.

Waaqayyo namoota wanta sirrii hin taane raawwachaa turan duʼaa kan kaasu maaliifi?

Namoonni duʼaa kan kaafaman yoom sitti fakkaata?— Mee yeroo Alaazaar duʼeefi Yesus obboleettiisaa Maartaadhaan, “Obboleessi kee in kaʼa” jedhee waadaa galeef yaadadhu. Yeroo kanatti Maartaan, “Guyyaa isa dhumaatti, yeroo warri duʼan duʼaa kaʼanitti, akka inni kaʼu ani beeka” jettee deebisteef. (Yohannis 11:23, 24) Maartaan Alaazaar, “guyyaa isa dhumaatti” duʼaa akka kaʼu yeroo dubbattu maal jechuushee ture?—

Jannanni Yesus namicha yakkamaa kanatti hime sun eessa jirti?

Maartaan abdii Yesus, ‘Warri duʼanii awwaalaman awwaala keessaa in baʼu’ jechuudhaan kenne beekti turte. (Yohannis 5:28, 29) Kanaaf “guyyaa isa dhumaa” jechuun, yeroo warri duʼan deebiʼanii jireenya itti argatan jechuudha. Guyyaa dhumaa jechuun garuu, guyyaa dheerina saʼaatii 24 qabu jechuu miti. Kanaa mannaa, dheerina waggaa kuma tokkoo kan qabudha. Macaafni Qulqulluun guyyaa kanatti, ‘Waaqayyo namoota biyya lafaatti akka faradu’ dubbata. Firdiin kunis namoota duʼaa kaʼan kan dabalatu taʼa.—Hojii Ergamootaa 17:31; 2 Phexros 3:8.

Guyyaan kun hangam akka nama gammachiisu mee yaadi! Guyyaa waggaa kumaaf turu kanatti namoonni miliyoona hedduutti lakkaaʼaman duʼaa kaʼanii jireenya argatu. Yesus bakka namoonni duʼaa kaʼan kun keessa jiraatan Jannata jedhee waameera. Mee amma Jannanni eessa akka taatuufi maal akka fakkaatu haa mariʼannu.

Yesus mukarratti fannifamee duʼuusaa saʼaatii sadii dura, waaʼee Jannata kanaa nama isa biratti fannifame tokkotti himee ture. Namichi kun kan ajjeefamu yakka waan raawwateef ture. Namni kun yommuu Yesusiin ilaaluufi wanta waaʼeesaa dubbatamu yommuu dhagaʼu garuu isatti amane. Kanaaf Yesusiin, “Mootummaa keetiin yommuu dhuftu na yaadadhu!” jedheen. Yesusis, ‘Dhuguman sitti hima harʼa, anaa wajjin jannata keessatti in argamta’ jedhee deebiseef.—Luqaas 23:42, 43.

Waaʼee Jannataa yommuu dubbisnu, waaʼee naannoo akkamii yaaduu qabna?

Yesus yeroo akkas jedhu maal jechuusaa ture? Jannanni eessa jirti?— Mee dhimma kanarratti yaadi. Jalqabarratti Jannanni eessa turte?— Waaqayyo Addaamiifi Hewwaan lafa kanarra akka jiraataniif jannata akka isaanii qopheesse yaadadhu. Iddoon kun dhaaba Eeden jedhama ture. Dhaaba sana keessa bineensonni kan jiran taʼus, eenyuuniyyuu hin miidhan turan. Mukeetiin ija miʼaawaa godhatan hedduuniifi lagni guddaanis achi keessa jira ture. Iddoon kun jireenyaaf baayʼee mijaaʼaa ture.—Uumama 2:8-10.

Kanaaf namichi yakkamaan sun, Jannata keessa akka jiraatu ibsamuusaa yommuu dubbisnu, lafti kun jireenyaaf mijooftuu akka taatu yaaduu qabna. Yesus namicha yakkamaa sanaa wajjin Jannata keessa lafa kanarra ni jiraata jechuudhaa?— Akkas jechuu miti. Yesus lafarra kan hin jiraanne maaliif akka taʼe beektaa?—

Yesus samiirratti Mootii taʼee lafa Jannata taatu kana waan bulchuufidha. Kanaaf Yesus namichaa wajjin taʼa jechuun, duʼaa isa kaasee wanta isa barbaachisu hunda isaaf guuta jechuudha. Haataʼu malee, Yesus namichi yakkamaan kun Jannata keessa akka jiraatu kan isaaf heyyamu maaliifi?— Mee amma deebii gaaffii kanaa haa ilaallu.

Namichi yakkamaan sun, Yesusii wajjin dubbachuusaa dura waaʼee kaayyoo Waaqayyoo beeka turee?— Hin beeku. Waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa waan hin beekneef, wanta gadhee raawwachaa tureera. Jannata keessatti garuu waaʼee kaayyoo Waaqayyoo ni barata. Sana booda, fedhasaa raawwachuudhaan dhugumaan Waaqayyoon akka jaallatu argisiisuuf carraa argata.

Namoonni duʼaa kaʼan hundi lafa Jannata taaturra jiraatuu?— Hin jiraatan. Maaliif akka taʼe beektaa?— Namoonni duʼaa kaʼan tokko tokko Yesusii wajjin jiraachuuf gara samii waan dhaqaniifidha. Namoonni kun isaa wajjin mootota taʼanii lafa Jannata taatu sana bulchu. Mee amma kana beekuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

Yesus galgala duʼuusaa dura turetti bartootasaatiin, ‘Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baayʼeetu jira; iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaaf nan deema’ jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif, deebiʼee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha” jedhee waadaa isaanii galeera.—Yohannis 14:2, 3.

Yesus erga duʼaa kaʼee booda eessa dhaqe?— Eeyyee, Abbaasaa wajjin jiraachuuf gara samiitti deebiʼe. (Yohannis 17:4, 5) Kanaaf, Yesus ergamootasaafi duuka buutotasaa warra kaan duʼaa kaasuudhaan isaa wajjin samiirra akka jiraatan waadaa isaanii gale. Achitti Yesusii wajjin maal hojjetu?— Macaafni Qulqulluun, ergamoonnisaa warri “duʼaa kaʼuu isa jalqabaa” argatan samiirra akka jiraataniifi ‘luboota taʼanii, isaa wajjin waggaa kuma tokkoof akka lafa bulchan’ dubbata.—Mulʼata 5:10; 20:6; 2 Ximotewos 2:12.

Namoonni “duʼaa kaʼuu isa duraa” argataniifi Mootota taʼuudhaan lafa bulchan meeqadha?— Yesus duuka buutotasaatiin, “Isin yaa warra karra xinnayyoo nana! . . . Hin sodaatinaa; abbaan keessan mootummaa isaa isiniif kennuu jaallateera” jedheera. (Luqaas 12:32) ‘Karri xinnayyoon’ Mootummaa samii keessatti Yesusii wajjin bulchuuf duʼaa kaʼan kun lakkoofsisaanii kan murtaaʼedha. Macaafni Qulqulluun lakkoofsisaanii, ‘kuma dhibbaafi kuma afurtamii afur’ akka taʼe dubbata.—Mulʼata 14:1, 3.

Namoonni duʼaa kaʼan eessa jiraatu? Isaanoo hojii akkamii hojjetu?

Namoonni lafa Jannata taaturra jiraatanoo meeqadha?— Macaafni Qulqulluun lakkoofsasaanii hin ibsu. Haataʼu malee, Waaqayyo Addaamiifi Hewwaan yommuu dhaaba Eeden keessa turan, ijoollee akka godhataniifi lafa akka guutan isaanitti himee ture. Taʼus, isaan kana gochuu hin dandeenye. Waaqayyo garuu, kaayyoon inni lafti kun namoota gaggaariidhaan akka guutamtu baase akka raawwatamu godha.—Uumama 1:28; Isaayaas 45:18; 55:11.

Jannata keessa jiraachuun hangam akka nama gammachiisu mee yaadi! Lafti kun guutummaatti bakka bashannanaa taati. Simbirrootaafi bineensota hedduudhaan, akkasumas mukeetiifi abaaboowwan hedduudhaan guutamti. Achi keessa namni dhukkubsatu ykn namni duʼu hin jiraatu. Namni hundi michuu waliif taʼa. Barabaraaf Jannata keessa jiraachuu yoo barbaanne, yeroon jireenya sanaaf itti qophoofnu ammadha.

Kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu, Fakkeenya 2:21, 22, hiika bara 1899; Lallaba 1:4; Isaayaas 2:4; 11:6-9; 35:5, 6 fi 65:21-24rraa dubbisi.