Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 38

Yesusiin Jaallachuu kan Qabnu Maaliifi?

Yesusiin Jaallachuu kan Qabnu Maaliifi?

BIDIRUU bishaaniin liqimfamaa jiru keessa jirta haa jennu. Balaa kanarraa ooluu ni barbaaddaa?— Namni tokko si oolchuuf lubbuusaa utuu kennee maaltu sitti dhagaʼama?— Wanti Yesus Kiristos godhes kanadha. Akkuma Boqonnaa 37ffaarratti baranne, Yesus fayyina akka argannuuf lubbuusaa furee godhee nuu kenneera.

Yesus bishaaniin nyaatamuurraa utuu hin taʼin, wanta kana caalaa miidhaa geessisurraa nu oolche. Maalirraa akka nu oolche ni yaadattaa?— Cubbuufi duʼa Addaam nutti fiderraa nu oolche. Namoonni tokko tokko wanta baayʼee gadhee taʼe kan raawwatan yoo taʼaniyyuu, Yesus namoota kanaafis duʼeera. Utuu si taʼee, lubbuukee kennitee namoota akkasii fayyisuuf yaalii goota turtee?—

Macaafni Qulqulluun, “Tarii namni, nama waan gaarii godhe tokkoof duʼuuf fedha qaba taʼa malee, nama qajeelaadhaaf waan duʼuuf hin fakkaatu” jedha. Haataʼu malee, Yesus ‘namoota Waaqayyorraa fagaatan hundumaaf akka duʼes’ ni ibsa. Kunimmoo namoota Waaqayyoon hin tajaajilles kan dabalatudha. Macaafni Qulqulluun itti dabaluudhaan, “Utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, [utuma wanta gadhee raawwannuu] Kristos nuuf [duʼe]” jedha.—Roomaa 5:6-8.

Ergamaan Yesus, inni yeroo tokko wanta gadhee raawwachaa ture eenyu akka taʼe ni yaadattaa?— Ergamaan kun, “Kristos Yesus cubbamoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe; . . . Warra cubbamootatti lakkaaʼaman sana keessaa immoo ani isa duraa ti” jechuudhaan barreesseera. Ergamaan kun Phaawulosidha. Phaawulos, ‘yeroo tokko wallaalaa’ akka tureefi “hammina” raawwachaa akka ture dubbateera.—1 Ximotewos 1:15; Tiitoos 3:3.

Waaqayyo namoota akkasiis baayʼee jaallatee, Ilmisaa akka isaaniif duʼu erguunsaa nama hin ajaaʼibsiisuu? Mee Macaafa Qulqulluu keerraa Yohannis boqonnaa 3, lakkoofsa 16 baasiitii waaʼee kanaa dubbisi. Caqasichi, “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa [namoota lafarra jiraatan] jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” jedha.

Yesus yommuu lubbuusaa nuu kenne rakkina akkamiitu isarra gaʼe?

Yesusis akkuma Abbaasaa akka nu jaallatu argisiiseera. Boqonnaa 30ffaa kitaaba kanaarratti, rakkina yeroo inni qabame isarra gaʼe ilaalchisee wanta dubbisne ni yaadatta taʼa. Murtiidhaaf dhihaachuuf gara mana Angafa Lubootaa Qayyaafaa jedhamuutti geeffamee ture. Warri sobaan isarratti dhugaa baʼan kan waamaman taʼuusaarrayyuu, namoonni abootteedhaan isa rukutu turan. Phexros Yesusiin kan gane yeroo kanatti ture. Mee amma akka achi jirru goonee yaaduudhaan, wanta raawwatamaa jiru haa ilaallu.

Lafti bariʼeera. Yesus halkan guutuu utuu hin rafin bule. Murtoon halkan sana isarratti dabarfame seeraan fudhatama kan hin qabne waan tureef, luboonni dafanii yaaʼii Yihudootaa erga walitti qabanii booda yeroo lammataatiif firdiitti isa dhiheessan. Yeroo kanattis Yesus Waaqayyoon yakkeera jedhanii isarratti himata dhiheessan.

Sana booda, luboonni kun Yesusiin hidhanii gara Philaaxos isa bulchaa biyya Roomaatti isa fidan. Achiis Philaaxosiin, ‘Yesus mootummaa waan mormuuf ajjeefamuu qaba’ jedhan. Philaaxos garuu luboonni kun akka sobaa jiran beekeera. Kanaafuu Philaaxos, ‘Ani nama kanarratti balleessaa waanan hin arganneef, nan gadhiisa’ jedheen. Luboonniifi namoonni kaan garuu, ‘Hin taʼu! Ajjeesi!’ jedhanii itti iyyan.

Takka turees, Philaaxos Yesusiin gadhiisuuf akka jedhu isaanitti hime. Haataʼu malee luboonni, namoonni, ‘Yoo isa gadhiiste atis diina mootummaati jechuudha. Ajjeesi malee hin dhiisin!’ jedhanii akka iyyan godhan. Namoonni sunis baayʼee wacan. Yeroo kanatti Philaaxos maal akka godhe beektaa?—

Dhiibbaasaaniitiif waan moʼameef, Yesus akka garafamu godhe. Achiis, akka ajjeefamuuf loltootatti dabarsee isa kenne. Loltoonnis gonfoo qoraattii mataasaarra kaaʼanii, isa duratti sagaduudhaan isatti qoosan. Achiis Yesusiin muka guddaa erga baachisanii booda, magaalicha keessaa baasanii bakka Iddoo Lafee Mataa jedhamutti isa geessan. Sana booda, miillaafi harkasaa mismaaraan mukicharratti rukutan. Achiimmoo, akka inni irratti rarraʼuuf mukicha dhaaban. Wanti isarratti raawwatan dhiignisaa akka dhangalaʼuufi baayʼee akka isa dhukkubu godheera.

Yesus dafee hin duune. Yeroo muraasaaf akkuma fannifametti ture. Yeroo kanatti angafoonni lubootaa itti qoosu turan. Namoonni karaarra darbanis, ‘Ilma Waaqayyoo yoo taate mee fannoorraa gad buʼi!’ jedhuun turan. Yesus garuu Abbaansaa maaliif akka isa erge beeka ture. Jireenya barabaraa akka argannuuf, lubbuusaa isa mudaa hin qabne kennuu akka qabu beeka. Dhumarrattis, gaafas waaree booda gara saʼaatii sagalii Abbaasaatti erga iyyatee booda ni duʼe.—Maatewos 26:36–27:50; Maarqos 15:1; Luqaas 22:39–23:46; Yohannis 18:1–19:30.

Yesus Addaamirraa baayʼee adda ture. Addaam Waaqayyoon akka jaallatu hin argisiisne. Isaaf utuu hin abboomamin hafeera. Nuufis jaalala akka qabu hin argisiisne. Inni cubbuu waan hojjeteef, hundi keenya isarraa cubbuu dhaalleerra. Yesus garuu Waaqayyoonis taʼe nuun akka jaallatu argisiiseera. Inni yeroo hunda Waaqayyoof ni abboomama ture. Rakkina Addaam nutti fide nurraa balleessuuf, lubbuusaa aarsaa godhee nuu kenneera.

Yesusiin akka jaallannu argisiisuuf maal gochuu dandeenya?

Ati wanta gaarii Yesus sii godhe ni dinqisiifattaa?— Yommuu Waaqayyotti kadhannaa dhiheessitu, Ilmasaa waan nuu kenneef isa ni galateeffattaa?— Phaawulos ergamaan wanta Kiristos isaa godhe dinqisiifateera. Phaawulos, Ilma Waaqayyoo ilaalchisee, “isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kenne” jechuudhaan barreesseera. (Galaatiyaa 2:20) Yesus siifis taʼe anaaf duʼeera. Jireenya barabaraa akka argannuuf, lubbuusaa isa mudaa hin qabne nuu kenneera. Kun sababii guddaa Yesusiin akka jaallannu nu godhu akka taʼe beekamaadha.

Phaawulos ergamaan, “Jaalalli Kiristos hojiidhaaf nu kakaasa” jechuudhaan Kiristiyaanota magaalaa Qorontositti argamaniif barreesseera. Jaalalli Kiristos hojii akkamiitiif nu kakaasuu qaba? Maal sitti fakkaata?— Phaawulos, “Namoonni akka isaaf jedhanii jiraataniif Kiristos namoota hundumaatiif duʼeera. Kanaaf of gammachiisuuf jiraachuu hin qaban” jechuudhaan deebii kenneera.—2 Qorontos 5:14, 15, Niiwu Laayif Varshin.

Karaawwan Kiristosiin gammachiisuuf akka jiraattu itti argisiistu keessaa tokko tokko natti himuu dandeessaa?— Karaan inni tokko, waaʼeesaa wanta baratte warra kaanitti himuudha. Yookiinimmoo, tarii yeroo kophaakee taatu haatikee ykn abbaankee wanta raawwattu hin argan taʼa; ykn namni tokkoyyuu si hin argu taʼa. Yeroo kanatti sagantaawwan Televijiinii Yesusiin akka hin gammachiisne beektu ilaaluuf ykn wantoota gadhee taʼan garabiraa raawwachuuf ni qoramtaa?— Yesus yeroo ammaatti lubbuudhaan akka jiruufi wanta ati gootu hunda arguu akka dandaʼu hin dagatin.

Wantoota goonu hunda arguu kan dandaʼu eenyudha?

Sababiin Yesusiin jaallachuu itti qabnu inni kaanimmoo, fakkeenya Yihowaa fudhachuu waan barbaannuufidha. Yesus, “Abbaan koo na jaallata” jedheera. Yihowaan Yesusiin kan jaallatu maaliif akka taʼeefi nuyis isa jaallachuu kan qabnu maaliif akka taʼe beektaa?— Yesus fedhiin Waaqayyoo akka raawwatamuuf jedhee, ofiin kakaʼee waan duʼeefidha. (Yohannis 10:17) Kanaaf, wanta Macaafni Qulqulluun, “Akka ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqayyoo fudhadhaa! Kristos akkuma nu jaallate, isinis immoo jaalalatti jiraadhaa! Inni . . . nuuf jedhee dabarsee of kenneera” jedhu hojiirra haa oolchinu.—Efesoon 5:1, 2.

Dinqisiifannaa Yesusiifis taʼe wanta inni nuu godheef qabdu guddisuuf, Yohannis 3:35; 15:9, 10 fi 1 Yohannis 5:11, 12 dubbisi.