Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 44

Michoonni Keenya Waaqayyoon kan Jaallatan Taʼuu Qabu

Michoonni Keenya Waaqayyoon kan Jaallatan Taʼuu Qabu

MICHOOTA keenya kan jedhaman, namoota waliin haasaʼuufi yeroo dabarsuu barbaannudha. Haataʼu malee, michoota gaarii taʼan argachuun keenya barbaachisaadha. Hunda caalaa michuu gaarii nuu taʼuu kan dandaʼu eenyu sitti fakkaata?— Eeyyee, Yihowaadha.

Dhuguma michuu Waaqayyoo taʼuu ni dandeenyaa?— Macaafni Qulqulluun, bara duriitti namni Abrahaam jedhamu, “michuu Waaqayyoo” akka ture dubbata. (Yaaqoob 2:23, hiika bara 1899) Michuu Yihowaa taʼuu kan dandaʼe maaliif akka taʼe beektaa?— Macaafni Qulqulluun Abrahaam Waaqayyoof akka abboomame dubbata. Abrahaam wanta ulfaataa taʼe akka raawwatu yeroo gaafatamettillee abboomameera. Nuyis, michuu Yihowaa taʼuu yoo barbaanne, akkuma Abrahaamiifi Barsiisaa Guddichi yeroo hunda gochaa turan wanta isa gammachiisu raawwachuu qabna.—Uumama 22:1-14; Yohannis 8:28, 29; Ibroota 11:8, 17-19.

Abrahaam “michuu” Yihowaa kan taʼe maaliifi?

Yesus ergamootasaatiin, “Waanan isin abboome yoo gootan, isin firoota [“michoota,” hiika bara 1899] koo ti” jedheera. (Yohannis 15:14) Wanti Yesus dubbate hundi Yihowaa biraa waan dhufeef, Yesus michoonnisaa namoota wanta Waaqayyo ajaje raawwatan akka taʼan dubbateera. Eeyyee, michoonnisaa hundi Waaqayyoon kan jaallatan turan.

Michoota Barsiisaa Guddichaa warra hunda caalaa isatti dhihaatan keessaa tokko tokko ergamootasaa warra fuula 75⁠rratti fakkiisaanii argitudha. Ergamoonni kun hojii lallabaarratti isa gargaaruuf isaa wajjin adeemaniiru. Yesus isaanii wajjin yeroo dheeraa dabarsa ture. Waliin nyaatu, waaʼee Waaqayyoo waliin haasaʼu, wantoota garabiraas waliin hojjetu turan. Haataʼu malee, Yesus michuuwwan garabiraa hedduus qaba ture. Isaanii wajjinis yeroo gaarii waliin dabarsa ture.

Yesus, maatii magaalaa xinnoo Bitaaniyaa jedhamtuufi Yerusaalemitti dhihoo jirtu keessa jiraatan tokkoo wajjin yeroo baayʼee waliin dabarsa ture. Namoonni kun eenyufaa akka taʼan ni yaadattaa?— Maariyaam, Maartaafi obboleessasaanii Alaazaaridha. Yesus Alaazaar michuusaa akka taʼe dubbateera. (Yohannis 11:1, 5, 11) Yesus kan isaan jaallatuufi isaanii wajjin taʼuun kan isa gammachiisu, namoonni kun Yihowaa waan jaallataniifi waan isa tajaajilaniif ture.

Yesus gara Yerusaalem ennaa dhaqu yeroo baayʼee maatii kanaa wajjin kan taʼu maaliif ture? Maqaasaanii beektaa?

Kana jechuun garuu, Yesus namoota Waaqayyoon hin tajaajilleef wanta gaarii hin goone jechuu miti. Isaaniifis wanta gaarii ni godha ture. Gara manasaanii dhaqee isaanii wajjin nyaatallee nyaateera. Kana gochuusaatiin namoonni tokko tokko Yesus, “hidhata [“michuu,” hiika bara 1899] warra qaraxxuutii fi warra akka seeraatti hin jiraannee” akka taʼe dubbataniiru. (Maatewos 11:19) Yesus gara mana namoota kanaa kan dhaqu, akkaataa jireenyaasaanii waan jaallatuuf utuu hin taʼin, waaʼee Yihowaa isaanitti himuu waan barbaaduuf ture. Jireenyasaanii isa gadhee dhiisanii Waaqayyoon akka tajaajilan isaan gargaaruuf yaalii godheera.

Zakewos muka kana kan yaabbate maaliifi?

Gaaf tokko Yesus magaalaa Yerikootti wanta akkasii raawwateera. Yesus magaalattii keessa darbee gara Yerusaalem deemaa ture. Namoonni hedduun walitti qabamanii kan turan siʼa taʼu, namni Zakewos jedhamu tokkos isaan gidduu ture. Zakewos Yesusiin ilaaluu barbaadee kan ture taʼus, gabaabaa waan taʼeef namoota gidduu dhaabatee isa arguu hin dandeenye. Kanaaf, yommuu Yesus darbu akka gaariitti isa arguuf namoota dura fiigee muka tokkorra yaabbate.

Yesus muka sana bira yommuu gaʼu, ol isa ilaalee, ‘Yaa Zakewos, dafii gad buʼi, harʼa manakee ooluun qaba’ jedheen. Zakewos garuu nama sooressa wanta gadhee raawwatu ture. Yesus gara mana nama kanaa deemuu kan barbaade maaliifiree?—

Yesus gara mana Zakewos kan dhaqe, akkaataa jireenyaasaa waan jaallateef utuu hin taʼin, waaʼee Waaqayyoo isatti himuu waan barbaadeef ture. Yesus, Zakewos isa arguuf carraaqqii akkamii akka godhe hubateera. Kanaaf, Zakewos isa dhagaʼuu akka dandaʼu yaadee ture. Yeroon kun, namoonni akkamitti jiraachuu akka qaban ilaalchisee wanta Waaqayyo jedhe isatti himuuf mijaaʼaa ture.

Yesus Zakewos bira kan dhaqe maaliifi? Zakewosoo maal gochuuf waadaa gale?

Yeroo kana Zakewositti maaltu itti dhagaʼame?— Barumsa Yesusitti ni gammade. Namoota gowwoomsaa waan tureef baayʼee gadde; namoota karaa sirrii hin taaneen qarshiisaanii jalaa fudhateef qarshiisaanii deebisuufis waadaa gale. Sana booda duuka buutuu Yesus taʼe. Yesusiifi Zakewos michoota walii kan taʼan kana booda ture.—Luqaas 19:1-10.

Nuyis fakkeenya Barsiisaa Guddichaa hordofuudhaan, gara namoota michoota keenya hin taanee dhaquu qabna jechuudhaa?— Eeyyee dhaquu qabna. Gara manasaanii kan dhaqnu garuu, akkaataa jireenyaasaanii waan jaallannuuf miti. Isaanii wajjinis wanta gadhee taʼe hin raawwannu. Kanaa mannaa, waaʼee Waaqayyoo isaanitti himuuf gara manasaanii dhaqna.

Michoonni keenya warri caalaatti nutti dhihaatan garuu, namoota yeroo wajjin dabarsuu jaallannudha. Michoonni gaarii jedhaman, namoota Waaqayyo biratti jaallatamanidha. Namoonni tokko tokko Yihowaan eenyu akka taʼellee hin beekan taʼa. Waaʼeesaa barachuu yoo barbaadan garuu, isaan gargaaruu dandeenya. Akkuma keenya Yihowaa jaallachuu yeroo jalqaban, michoota keenya taʼuu dandaʼu.

Karaan namni tokko michuu gaarii taʼuunsaa itti beekamu garabiraanis jira. Wanta inni godhu ilaali. Namootarratti waan hamaa erga hojjetee booda ni kolfaa? Akkas gochuun sirriidhaa?— Yeroo hunda rakkina keessa of galchaa? Nuyis isaa wajjin rakkina keessa galuu barbaannaaree?— Yookiin taʼe jedhee wanta gadhee erga raawwatee booda, namoonni kaan waan isarratti hin beekneef gamna akka taʼe isatti dhagaʼamaa? Namni irratti beekuu baatus Waaqayyo wanta inni hojjete arguu hin dandaʼuu?— Namoota wanta akkasii raawwatan hiriyoota godhachuun gaarii sitti fakkaataa?—

Mee Macaafa Qulqulluukee baasiitii, hiriyoonni keenya dhiibbaa akkamii nurraan gaʼuu akka dandaʼan ilaalchisee wanta achirratti ibsame haa ilaallu. Caqasichi 1 Qorontos boqonnaa 15, lakkoofsa 33⁠rratti argama. Iddoosaa argattee?— “Hin gowwoominaa! Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa” jedha. Kana jechuun, namoota gadhee wajjin yoo oolle nuyis gadhee taana jechuudha. Hiriyoonni gaarii taʼanimmoo amala gaarii akka qabaannu nu gargaaru.

Jireenya keenya keessatti hunda caalaa Yihowaadhaaf bakka guddaa kennuu akka qabnu dagachuu hin qabnu. Michooma isaa wajjin qabnu dhabuu hin barbaannu mitii?— Kanaaf, michoota Waaqayyoon jaallatan qofa filachuu qabna.

Michoota gaarii qabaachuun barbaachisaa akka taʼe, Faarfannaa 119:115; Fakkeenya 13:20; 2 Ximotewos 2:22 fi 1 Yohannis 2:15⁠rratti ibsameera.