Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA TOKKO

Waaqayyoon Ilaalchisee Barumsi Sirrii Taʼe Isa Kami?

Waaqayyoon Ilaalchisee Barumsi Sirrii Taʼe Isa Kami?
  • Dhugumaan Waaqayyoo waa’ee kee ni yaadaa?

  • Waaqayyo, Waaqa akkamiiti? Maqaahoo qabaa?

  • Waaqayyotti dhihaachuun ni danda’amaa?

1, 2. Gaaffii gaafachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

AKKAATAA ijoollee xixinnoon gaaffii itti gaafatan hubattee beektaa? Akkuma afaan hiikkataniin gaaffii gaafachuu jalqabu. Hawwii waan tokko baruuf qabaniin, ija kee keessa ilaalaa: Samiin cuquliisa kan fakkaatu maaliifi? Urjoonni eessaa dhufani? Simbirroota faarfachuu kan barsiise eenyu? jedhanii si gaafatu. Deebii kennuuf yaalii gootus, deebii sirrii ta’e kennuun salphaa miti. Deebiin ati gaariidha jettu, gaaffii garabiraa “Maaliifi?” jedhu akka kaasan isaan godha.

2 Gaaffii kan gaafatan ijoollee qofa miti. Nuyis gaaffii ni gaafanna. Karaa kamirra akka adeemuu qabnu beekuuf, wantoota gadhee irraa fagaachuu qabnu baruuf, ykn waan tokko beekuuf gaaffii ni gaafanna. Haata’u malee, namoonni baay’een gaaffii barbaachisaa ta’e gaafachuu dagataniiru; ykn deebii gaaffii kanaa argachuuf carraaqqii gochuu dhiisaniiru.

3. Namoonni baay’een, gaaffiiwwan barbaachisoo ta’aniif deebii argachuuf carraaqqii gochuu kan dhiisan maaliifi?

3 Mee gaaffii qola kitaaba kanaarratti, baafatarratti, ykn jalqaba boqonnaa kanaarratti dhihaatanirratti yaadi. Gaaffiiwwan kun, gaaffiiwwan kaasuu dandeessu keessaa muraasasaaniiti. Haata’u malee, namoonni baay’een deebii gaaffiiwwan kanaa argachuuf carraaqqii gochuu dhiisaniiru. Maaliifi? Macaafni kun deebii ni kennaa? Namoonni tokko tokko, deebii Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf kennu hubachuun ulfaataadha jedhanii yaadu. Kaanimmoo gaaffii akkasii gaafachuu saalfatu. Gaaffii akkasii geggeessitotaafi barsiistota amantiitiif dhiisuu wayya jedhanii kan yaadanis jiru. Atoo waa’ee kanaa maal yaadda?

4, 5. Gaaffiiwwan barbaachisoo ta’aniifi jireenya keenya keessatti gaafachuu dandeenyu keessaa tokko tokko maalfa’i? Deebiiwwansaanii argachuuf carraaqqii gochuu kan qabnuhoo maaliifi?

4 Gaaffiiwwan jireenya kee keessatti si mudataniif deebii argachuu akka barbaaddu beekamaadha. Al tokko tokko: ‘Kaayyoon jireenyaa maal inni? Jireenya jechuun isuma ammaa kana qofaa? Waaqayyo Waaqa akkamiiti?’ jettee akka gaafattu beekamaadha. Gaaffiiwwan kanaaf deebii amansiisaa hamma argattutti carraaqqii gootu itti fufi. Yesus: “Kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama” jedhee dubbateera.Maatewos 7:7.

5 Gaaffiiwwan barbaachisoo ta’aniif deebii argachuuf ‘barbaachuu’ kee yoo itti fufte, carraaqqiin kee akka eebba siif argamsiisu hubatta. (Fakkeenya 2:1-5) Namoonni kaan waan barbaadan jedhanis, gaaffiiwwan kun deebii kan qaban yeroo ta’u, deebiisaaniis Macaafa Qulqulluu keessaa argachuu dandeessa. Deebiiwwansaaniis hubachuun ulfaataa miti. Kanaa manaa, abdiifi gammachuu namaaf argamsiisu. Kana malees, yeroo ammaatti jireenya gammachuu qabu akka jiraattu si gargaaru. Jalqaba, gaaffii namoota baay’eetti dalga ta’u mee haa ilaallu.

WAAQAYYO, WAAQA NAMAA HIN YAADNEEFI GARA-JABEESSADHAA?

6. Namoonni baay’een, Waaqayyo rakkoon namootarra ga’aa jiru isatti hin dhaga’amu jedhanii kan yaadan maaliifi?

6 Namoonni baay’een gaaffii kanaaf deebii eeyyee jedhu kennu. Dhuguma ‘Waaqayyo utuu nuuf hin yaada ta’ee biyyi lafaa haala akkasiirratti hin argamtu turte’ jedhu. Kan jiraannu addunyaa waraanaan, jibbaafi dhiphinaan guutamte keessadha; kana malees, ni dhukkubsanna, ni rakkanna, akkasumas namoota jaallannu du’aan ni dhabna. Kanaafuu, namoonni baay’een dhugumaan ‘Waaqayyo waa’ee keenya kan yaaduufi rakkoon nurra ga’us kan isatti dhaga’amu utuu ta’ee, rakkoowwan akkasiirraa nu hin eegu turee?’ jedhu.

7. (a) Dura buutonni amantii namoonni baay’een Waaqayyo gara-jabeessadha jedhanii akka yaadan kan godhan akkamitti? (b) Macaafni Qulqulluun rakkoowwan nurra ga’an ilaalchisee maal barsiisa?

7 Caalaatti kan nama gaddisiisummoo, dura buutonni amantii namoonni Waaqayyo gara-jabeessadha jedhanii akka yaadan gochuusaaniiti. Akkamitti? Balaan nama gaddisiisu yeroo ga’utti, balaa kana Waaqayyotu fide jedhanii dubbatu. Akka jechasaaniitti yoo ta’e, balaawwan ga’an hundaaf kan itti gaafatamu Waaqayyodha jechuudha. Waaqayyoon ilaalchisee barumsi dhugaa kanadhaa? Macaafni Qulqulluun waa’ee kanaa maal barsiisa? Yaaqoob 1:13 “Namni yommuu qoramu, qoramsi kun Waaqayyo biraa anatti dhufe hin jedhin! Waaqayyo hamaa gochuudhaaf qoramuu hin danda’u, ofii isaatiis nama tokko illee hamaadhaaf hin qoru” jechuudhaan deebii kenna. Kanaafuu, rakkina addunyaa kanarratti argitu kan fide gonkumaa Waaqayyo miti. (Iyoob 34:10-12) Dhugaadha, Waaqayyo wantoonni gadhee ta’an akka ga’an heyyameera. Ta’us wanti tokko akka ga’u heyyamuufi akka ta’u gochuu gidduu garaagarummaa guddaatu jira.

8, 9. (a) Rakkinni akka jiraatu heyyamuufi rakkina fiduu gidduu garaagarummaa jiru akkamitti fakkeenyaan ibsita? (b) Waaqayyo, ilmaan namootaa daandii gadheerra akka deddeebi’an heyyamuussaatti, komatamuu kan hin qabne maaliifi?

8 Mee akka fakkeenyaatti waa’ee abbaa ilma dargaggeessa ta’e qabuu tokko yaadi. Abbaan kun ogummaafi jaalala kan qabudha. Mucaan kun yeroo booda didaa ta’uudhaan mana dhiisee ba’uuf yeroo murteessutti abbaansaa isa hin dhowwu. Daandiin jireenyaa mucaan kun filate yoo rakkoo irraan ga’e, rakkoo isarra ga’eef sababii kan ta’u abbaasaatii? Matumaa isa ta’uu hin danda’u. (Luqaas 15:11-13) Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyos ilmaan namootaa daandii jireenyaa gadhee yeroo filatan isaan hin dhowwine; haata’u malee, rakkoo filannoonsaanii isaanirraan ga’eef sababii kan ta’e Waaqa miti. Kanaafuu, rakkoo ilmaan namootaarra ga’e hundaaf Waaqayyoon itti gaafatamaa gochuun sirrii miti.

9 Waaqayyo, ilmaan namootaa daandii gadheerra akka deddeebi’an heyyamuusaatiif sababii ga’aa qaba. Uumaa ogummaafi humna guddaa qabu waan ta’eef, sababii wanta kana itti heyyame nutti himuuf dirqama hin qabu. Haata’u malee, jaalalaan kaka’ee sababa wanta kana itti heyyame nuuf ibseera. Rakkinni akka jiraatu maaliif akka heyyame Boqonnaa 11rratti bal’inaan ni baratta. Kanaafuu, rakkoowwan nurra ga’aa jiraniif kan itti gaafatamu Waaqayyo akka hin taane mirkanaa’aa ta’i. Kanaa mannaa, rakkoowwan kana keessaa akka baanuuf abdii nuu kenneera!Isaayaas 33:2.

10. Waaqayyo rakkoowwan sababii hammeenyaatiin ga’an guutummaatti ni balleessa jennee kan amannu maaliifi?

10 Kana malees, Waaqayyo qulqulluudha. (Isaayaas 6:3) Kana jechuun, hir’inni ykn hamminni tokkoyyuu isa bira hin jiru jechuudha. Kanaafuu, guutummaatti isatti amanamuu dandeenya. Ilmaan namootaa warra amallisaanii manca’uu danda’utti amanamuu hin dandeenyu. Namni aangoo qabuufi amanamaadha jedhamullee, gocha gadhee namoonni hamoon raawwatan hambisuu hin danda’u. Waaqayyo garuu, waan hundumaa gochuuf humna qaba. Rakkoo sababii hammeenyaatiin ilmaan namootaarra ga’an hundaa hambisuu ni danda’a. Waaqayyo yeroo tarkaanfii fudhatu, hammeenya bara baraaf ni balleessa!Faarfannaa 37:9-11.

JAL’INA NURRATTI RAAWWATAMUUF WAAQAYYOTTI MAALTU DHAGA’AMA?

11. (a) Waaqayyo hacuuccaadhaaf ilaalcha akkamii qaba? (b) Waaqayyo rakkina sirra ga’uu akkamitti ilaala?

11 Hanga yeroonsaa ga’utti garuu, Waaqayyo rakkoowwan addunyaa kanarras ta’e sirra ga’aa jiraniif maaltu itti dhaga’ama? Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo “waan dhugaa ta’e in jaallata” jedhee barsiisa. (Faarfannaa 37:28) Kanaafuu, wantoonni sirrii ta’aniifi hin ta’inii baay’ee isa yaachisu. Hacuuccaa kamiyyuu ni jibba. Macaafni Qulqulluun, bara duriitti jal’inni namootaa lafarratti baay’achuusaatti, Waaqayyo ‘guutummaa garaasaatti akka gadde’ ibsa. (Uumama 6:5, 6) Har’as Waaqayyo hin jijjiiramne. (Miilkiyaas 3:6) Kanaan kan ka’es rakkina biyya lafaarra guute kana yeroo argu ni gadda. Dhiphina namootaas yeroo argu ni gadda. Macaafni Qulqulluun, ‘inni isiniif ni yaada’ jedha.1 Phexros 5:7.

Macaafni Qulqulluun,Yihowaan jaalala-qabeessaafi Waaqa waan hundumaa uume ta’uusaa barsiisa

12, 13. (a) Jaalala dabalatee, amalawwan gaarii qabaachuu kan dandeenye maaliifi? Jaalalli ilaalcha nuyi biyya lafaatiif qabnu kan tuqu akkamitti? (b) Waaqayyo rakkoowwan addunyaa kanarratti argaman balleessuuf tarkaanfii ni fudhata jennee kan amannu maaliifi?

12 Waaqayyo hacuuccaa namootarra ga’u yeroo argu akka gaddu akkamitti mirkanaa’oo ta’uu dandeenya? Ragaa dabalataa ilaali. Macaafni Qulqulluun, namni bifa Waaqayyootiin akka uumame barsiisa. (Uumama 1:26) Amalawwan gaarii qabaachuu kan dandeenye, Waaqayyo amalawwan gaarii waan qabuufidha. Fakkeenyaaf, namoonni utuu yakka hin raawwatin yeroo dhiphatan arguun kee si hin gaddisiisuu? Dabni akkasii yeroo namootarratti raawwatamu kan si gaddisiisu erga ta’ee, caalaadhumattimmoo Waaqayyoon akka gaddisiisu mirkanaa’aa ta’i.

13 Kennaawwan gaarii ilmaan namootaa qaban keessaa inni tokko jaalala argisiisuu danda’uudha. Kunis amala Waaqayyoo kan calaqqisudha. Macaafni Qulqulluun ‘Waaqayyo jaalaladha’ jedhee barsiisa. (1 Yohannis 4:8) Nutis jaalala qabaachuu kan dandeenye, Waaqayyo jaalala waan ta’eefidha. Jaalalli kun, rakkoofi jal’ina addunyaa kanarratti argitu akka balleessitu si kakaasaa? Humna utuu qabaattee akkas goota turtee? Akka kana gootu beekamaadha! Haaluma wal fakkaatuun Waaqayyos, rakkinaafi jal’ina akka balleessu mirkanaa’aa ta’uu ni dandeessa. Abdiiwwan baafata kitaaba kanaarratti ibsaman, abjuu miti. Waaqayyo abdii kenne akka raawwatu homaa hin shakkisiisu! Abdiiwwan kennaman kun ni raawwatamu jettee amanuu akka dandeessutti, waa’ee Waaqa isa abdiiwwan kana kennee caalaatti barachuu si barbaachisa.

WAAQAYYO EENYUMMAASAA AKKA BEEKTU NI BARBAADA

Namni tokko akka sii wajjin wal baru yoo barbaadde, maqaa kee itti hin himtuu? Waaqayyo maqaasaa Macaafa Qulqulluurratti nuu ibseera

14. Maqaan Waaqayyoo eenyu? Maqaa kanaan fayyadamuu kan qabnuhoo maaliifi?

14 Namni tokko akka sii wajjin wal baru yoo barbaadde maal goota? Maqaa kee itti hin himtuu? Waaqayyo maqaa qabaa? Dhaabbileen amantii baay’een maqaansaa “Waaqayyodha” ykn “Gooftaadha” jedhu. Haata’u malee, maqaawwan kun maqaa dhuunfaa miti. Akkuma jechoonni “mootii” fi “pireezidaantii” jedhaman maqaawwan ulfinaa argisiisan, maqaawwan kunis maqaa ulfinaa kan argisiisanidha. Macaafni Qulqulluun Waaqayyo maqaa ulfinaa baay’ee akka qabu barsiisa. Jechoonni “Waaqayyo” ykn “Gooftaa” jedhaman maqaawwan ulfinaa kana keessaa muraasasaaniiti. Macaafni Qulqulluun maqaan Waaqayyoo inni dhuunfaa Yihowaa akka ta’e ibsa. Faarfannaan 83:18, “Maqaan kee Waaqayyo ‘Yihowaa’ [NW] akka ta’e, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru ta’uu kees haa beekan!” jedha. Macaafa Qulqulluu ittiin gargaaramturratti maqaan kun kan hin argamne yoo ta’e, sababii kun itti ta’e Kutaa Dabalataa fuula 195-197rratti argamu ilaaluu dandeessa. Dhugaa dubbachuuf yoo ta’e garuu, maqaan Waaqayyoo barreeffamoota Macaafa Qulqulluu bara durii harkaan barreeffamanirratti al kumaatama caqasamee argama. Kanaafuu, Yihowaan maqaasaa akka beektuufi akka itti fayyadamtu barbaada. Kana jechuunis, Macaafa Qulqulluudhaan gargaaramee, of si barsiisaa jira jechuudha.

15. Maqaan Yihowaa jedhamu waa’eesaa maal argisiisa?

15 Maqaan Waaqayyo ofiisaatiif moggaase kun hiika baay’ee qaba. Maqaansaa inni Yihowaa jedhamu kun, Waaqayyo abdii kenneefi kaayyoo baase hundaa galmaan ga’uu akka danda’u argisiisa. * Maqaan Waaqayyoo maqaa adda ta’edha. Maqaan kun maqaa isa qofaaf kennamedha. Yihowaan karaa baay’eedhaan Waaqa adda ta’edha. Kun kan ta’uu danda’e akkamitti?

16, 17. Maqaawwan ulfinaa kanatti aananii jiran waa’ee Yihowaa maal nu barsiisu? (a) “Waan hundaa kan danda’u”? (b) “Mootii bara baraa”? (c) “Uumaa”?

16 Faarfannaan 83:18 Yihowaa ilaalchisee yeroo dubbatu: ‘ati kophaa kee gooftaa isa hundumaa gararraa jirudha!’ jedha. Haaluma wal fakkaatuun, ‘hundumaa kan danda’u’ jedhamee kan waamames Yihowaa qofadha. Mul’anni 15:3: “Yaa Waaqayyo gooftaa hundumaa dandeessuu, hojiin kee guddaa dha, dinqisiisaa dhas! Ati yaa mootii saba hundumaa, karaan kee hundinuu qajeelaa dha dhugaa dhas!” jedha. Maqaan ulfinaa “hundumaa kan danda’u” jedhu, Yihowaan hundumaa caalaa humna kan qabu ta’uusaa nu hubachiisa. Wanti humnasaatiin wal gitu hin jiru. Maqaan ulfinaa “mootii bara baraa” jedhummoo, karaa garabiraadhaan Yihowaan adda ta’uusaa nu hubachiisa. Yeroo hundaaf kan jiraatu isa qofadha. Faarfannaan 90:2: “Bara baraa jalqabee hamma bara baraatti ati Waaqayyoo dha” jedha. Kun ulfina sodaarratti hundaa’e akka isaaf laannu nu hin godhuu?

17 Yihowaan qofti Uumaa ta’uunsaas adda isa godha. Mul’anni 4:11 akkas jedha: “Ati waan hundumaa waan uumteef, isaanis jaalala keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniif, gooftaa keenyaa! Waaqayyo keenyaa! Guddina, ulfina, aangoos fudhachuun siif in ta’a.” Qaamawwan hafuuraa ijaan hin argamneefi samiirratti argaman, urjoota samiirratti argaman, firii mukeetiifi qurxummiiwwan galaana keessa munyuuqan hundaa jiraachuu kan danda’an Yihowaan waan isaan uumeefidha!

GARA YIHOWAATTI DHIHAACHUU NI DANDEESSAA?

18. Namoonni tokko tokko Waaqayyotti dhihaachuu akka hin dandeenye kan itti dhaga’amu maaliifi? Macaafni Qulqulluunoo maal barsiisa?

18 Namoonni tokko tokko, amalawwan Yihowaa akka isaaf ulfina laannu nu godhan yeroo dubbisan akka isa sodaatan isaan godha. Waaqayyo guddaafi ulfina qabeessa waan ta’eef, garasaatti dhihaachuu akka hin dandeenyeefi, akka inni wayitti isaan hin lakkoofne isaanitti dhaga’ama. Haata’u malee, ilaalchi akkasii kun sirriidhaa? Wanti Macaafni Qulqulluun barsiisu faallaa kanaati. Waa’ee Yihowaa ilaalchisee yeroo dubbatu: “Waaqayyo hunduma keenyattii fagoo miti” jedha. (Hojii Ergamootaa 17:27) Kana malees, Macaafni Qulqulluun: “Waaqayyotti dhi’aadhaa, innis isinitti in dhi’aata” jechuudhaan nu gorsa.Yaaqoob 4:8.

19. (a) Yihowaatti dhihaachuuf, jalqaba tarkaanfii akkamii fudhachuu qabna? (b) Kana gochuun keenyahoo faayidaa maalii nuuf argamsiisa?

19 Waaqayyootti dhihaachuu kan dandeessu akkamitti? Jalqaba, akka amma gochaa jirtu waa’ee Waaqayyoo barachuu kee itti fufi. Yesus akkas jedheera: “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.” (Yohannis 17:3) Eeyyee, Macaafni Qulqulluun waa’ee Yihowaafi waa’ee Yesus beekuun “jireenya bara baraa” akka argamsiisu barsiisa! Akkuma olitti ibsametti, ‘Waaqayyo jaalaladha.’ (1 Yohannis 4:16) Yihowaan amalawwan gaggaariifi namatti tolan garabiraas qaba. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun Yihowaan ‘oo’a-qabeessaafi araara-qabeessa; aariitti suuta-jedhaa; gaarummaansaafi amanamummaansaa guddaa’ akka ta’e dubbata. (Ba’uu 34:6) Inni ‘gaarii waan ta’eef jaalalasaatiin namaaf cubbuusaa ni dhiisa.’ (Faarfannaa 86:5) Waaqayyo obsa-qabeessadha. (2 Phexros 3:9) Macaafa Qulqulluu yeroo dubbisaa adeemtu, Yihowaan amalawwan gaarii ta’an garabiraa akkamitti akka argisiise ni hubatta.

20-22. (a) Waaqayyoon arguu dadhabuun keenya isatti akka hin dhiyaanne nu dhowwuu danda’aa? Ibsi. (b) Namoonni tokko tokko akka siif yaadan itti dhaga’amuudhaan maal akka gootu dhiibbaa sirraan ga’uu danda’u? Haata’u malee maal gochuu qabda?

20 Dhugaadha, Waaqayyo hafuura waan ta’eef ijaan arguu hin dandeessu. (Yohannis 1:18; 4:24; 1 Ximotewos 1:17) Haata’u malee, waa’eesaa Macaafa Qulqulluurraa yoo baratte, akka nama qaamaan argituutti isa beekuu ni dandeessa. Akkuma faarfatichi jedhe, “gaarummaa Waaqayyo hojjetu ilaaluu” ni dandeessa. (Faarfannaa 27:4; Roomaa 1:20) Waa’ee Yihowaa caalaatti yeroo barachaa adeemtu, innis caalaatti siif dhugooma; kunis caalaatti akka isa jaallattuufi isatti dhihaattu si godha.

Jaalalli, abbaan jaalala-qabeessa ta’e tokko ijoolleessaatiif qabu, jaalala abbaan keenya inni samii nuuf qabu akka gaariitti kan argisiisudha

21 Macaafni Qulqulluun, Yihowaa akka Abbaa keenyaatti ilaaluu akka qabnu kan nu barsiisu maaliif akka ta’e irraa jalaan barachaa adeemta. (Maatewos 6:9) Abbaan ijoolleesaa jaallatu tokko ijoolleensaa jireenya gaarii akka jiraatan akkuma barbaadu, Yihowaanis jireenya nuu kennuu qofa utuu hin ta’in, jireenya gaarii akka jiraannu barbaada. (Faarfannaa 36:9) Kana malees, Macaafni Qulqulluun namoonni michuu Waaqayyoo ta’uu akka danda’an barsiisa. (Yaaqoob 2:23) Mee michuu Waaqayyoo, isa waan hundumaa uumee ta’uun hammam akka guddaa ta’e yaadi!

22 Macaafa Qulqulluu yeroo qayyabachaa adeemtu, namoonni tokko tokko waan siif yaadan isaanitti fakkaatee, qayyabannaa kee akka dhaabdu sitti himuu danda’u. Amantii kee si jijjiirsisa jedhanii si sossodaachisuu danda’u. Haata’u malee, eenyuyyuu michummaa hundaa caalu kana akka si dhabsiisu hin heyyamin.

23, 24. (a) Wantoota barachaa jirtu ilaalchisee, gaaffii gaafachuu kee itti fufuu kan qabdu maaliifi? (b) Boqonnaa itti aanurratti waa’ee maaliitu ibsama?

23 Dhugaadha, jalqabarratti wantoonni tokko tokko ifa sii ta’uu dhiisuu danda’u. Kanaafuu, gargaarsa warra kaanii gaafachuuf xinnoo gad of qabuun sirraa barbaadamuu danda’a; haata’u malee, saalfiin gargaarsa gaafachuurraa akka duubatti jettu si gochuu hin qabu. Yesus akka ijoollee gad of qabuun barbaachisaa ta’uusaa dubbateera. (Maatewos 18:2-4) Ijoollee xixinnoonimmoo, akkuma beeknu gaaffii baay’ee gaafatu. Waaqayyo gaaffii keetiif deebii akka argattu barbaada. Macaafni Qulqulluun namoota Waaqayyoon beekuuf hawwii guddaa qaban jajuusaa dubbata. Namoonni kun wanti baratan dhugaa ta’uusaa mirkaneeffachuuf Caaffata Qulqullaa’oo akka qoratan dubbata.Hojii Ergamootaa 17:11.

24 Waa’ee Yihowaa baruuf karaan hunda caalu Macaafa Qulqulluu qorachuudha. Macaafni Qulqulluun kitaabota hundaarraa kan adda ta’edha. Karaa kamiin? Boqonnaan itti aanu waa’ee kanaa ibsa.

^ KEY. 15 Hiikaafi akkaataa dubbifama maqaa Waaqayyoo ilaalchisee odeeffannoon wal fakkaatu Kutaa Dabalataa fuula 195-197rratti bal’inaan argama.