Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA SADDEET

Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?

Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
  • Macaafni Qulqulluun waa’ee Mootummaa Waaqayyoo maal nutti hima?

  • Mootummaan Waaqayyoo maal raawwatti?

  • Mootummaan kun fedha Waaqayyoo lafarratti kan raawwattu yoomi?

1. Amma waa’ee kadhannaa beekamaa isa kamii qorra?

NAMOONNI addunyaa maratti argamaniifi miliyoonaan lakkaa’aman kadhannaa Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! jedhamu sirriitti beeku. Jechi Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! jedhu kun kadhannaa beekamaa Yesus akka fakkeenyaatti barsiise kan argisiisudha. Kadhannaan kun hiika guddaa kan qabu waan ta’eef fakkeenya kadhannaa kana keessatti ibsaman keessaa sadansaanii qoruun kee beekumsa Macaafa Qulqulluu sirrii ta’e akka argattu si gargaara.

2. Wantoonni sadan Yesus bartoonnisaa akka kadhatan barsiise maalfa’i?

2 Yesus kadhannaa ilaalchisee fakkeenya jalqaba kennerratti, qajeelfama akkas jedhu dhaggeeffattoota isaatiif kenneera: “Egaa yommuu kadhattan, ‘Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu; mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!’ ” (Maatewos 6:9-13) Hiikni kadhannaawwan kana sadanii maalidha?

3. Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo maal baruu nu barbaachisa?

3 Waa’ee maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamuu dursinee waan baay’ee baranneerra. Akkasumas waa’ee fedha Waaqayyoo wanta inni kanaan dura godheefi gara fuulduraatti godhu amma tokko baranneerra. Haata’u malee, Yesus “mootummaan kee haa dhufu” jennee akka kadhannu yeroo dubbatu maal jechuusaa ture? Mootummaan Waaqayyoo maalidha? Dhufaatiin mootummaa kanaa maqaan Waaqayyoo qulqulluu ta’ee akka eegamu kan godhu akkamitti? Jaalala Waaqayyoo wajjinoo walitti dhufeenya akkamii qaba?

MOOTUMMAA WAAQAYYOO JECHUUN MAAL JECHUUDHA?

4. Mootummaan Waaqayyoo maalidha? Mootiinsheehoo eenyu?

4 Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa Waaqayyoon hundeeffamteefi Mootii Waaqayyoon muudame qabdudha. Mootiin Mootummaa kanaa eenyu? Yesus Kiristosidha. Yesus mootota mootummaa ilmaan namootaa hunda kan caalu waan ta’eef ‘gooftaa gooftotaa, mootii moototaa’ jedhamee waamameera. (Mul’ata 17:14) Yesus mootii kamirrayyuu, mootii isa isaan keessaa wayya jedhamu hundaarrallee humna wanta gaarii gochuuf isa dandeessisu qaba

5. Mootummaan Waaqayyoo eessa teessee bulchiti? Kan bulchituhoo eenyuunidha?

5 Mootummaan Waaqayyoo eessa teessee bulchiti? Jalqaba gaaffii Yesus eessa jira? jedhuuf deebii argachuu nu barbaachisa. Yesus mukarratti fannifamee akka ajjeefameefi du’aa akka ka’e barachuu keenya yaadadhu. Sana boodas utuu baay’ee hin turin gara samiitti deebi’e. (Hojii Ergamootaa 2:33) Kanaafuu, Mootummaan Waaqayyoo samiirratti argamti jechuudha. Macaafni Qulqulluunis ‘mootummaa isa waaqarraa’ jedhee kan waamu kanumaafi. (2 Ximotewos 4:18) Mootummaan Waaqayyoo samiirra taatus lafa ni bulchiti.Mul’ata 11:15.

6, 7. Yesus Mootii adda ta’e kan isa godhe maalidha?

6 Yesusiin Mootii hunda caalu kan godhu maalidha? Sababiin inni guddaan kan hin duune ta’uusaati. Macaafni Qulqulluun, Yesusiin mootota biyya lafaa wajjin wal bira qabuudhaan Yesus ‘humna jireenya hin badneetiin akka luba ta’e’ dubbata. (Ibroota 7:16) Kana jechuunis, wantoonni gaariin Yesus raawwatu dhuma kan hin qabnedha jechuudha. Kanaafuu, namoota isa jalatti bulaniif wantoota gaarii ta’an baay’ee akka raawwatu homaa hin shakkisiisu.

7 Raajii Yesusiin ilaalchisee dubbatame kana ilaali: “Hafuurri Waaqayyoo isa irra in buufata, innis hafuura ogummaatii fi hafuura hubannaa ti, hafuura gorsaatii fi hafuura humnaa ti, hafuura beekumsaatii fi hafuura sodaa Waaqayoo ti. Inni Waaqayyoon sodaachuutti in gammada, faraduudhaaf ijaan arguu, murtoo kennuudhaafis nama irraa dhaga’uu isa hin barbaachisu; warra dhabaniif qajeelummaadhaan in farada, gadadamoota lafa irraatiif murtoo qajeelaa in kenna.” (Isaayaas 11:2-4) Jechoonni kun, Yesus qajeelaafi garalaafessa ta’uudhaan namoota lafarratti argaman bulchuuf waadaa galee akka ture argisiisu. Mootii akkasii qabaachuu barbaaddaa?

8. Yesusii wajjin kan bulchan eenyufa’i?

8 Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee dhugaa garabiraan jirummoo, Yesus kophaasaa kan hin bulchine ta’uusaati. Mootonni garabiraan Yesusii wajjin bulchan jiru. Fakkeenyaaf, Phaawulos Ximotewosiin: “Obsaan yoo dandeenye, isaa wajjin immoo in moona” jedheera. (2 Ximotewos 2:12) Eeyyee, Phaawulos Ximotewosiifi namoonni amanamoo ta’uudhaan Waaqayyoon filataman garabiraan Mootummaa isa samiirratti Yesusii wajjin bulchu. Mirga addaa kana namoota meeqatu argata?

9Mul’ata Boqonnaa 7rratti, Yohannis, ‘hoolicha [Yesus Kiristos] tulluu Xiyoon irra [Mootummaasaa isa samiirratti] dhaabatee akka arge; namoonni kumaatamni dhibbaafi kumni afurtamii afur warri maqaan isaafi maqaan abbaasaa addasaaniitti caafame, isaa wajjin akka turan’ arguusaa dubbateera. Namoonni 144,000 ta’an kun eenyufa’i? Yohannis akkas jechuudhaan nutti hima: “Warri lafa hoolichi dhaqu hundumaatti isa duukaa bu’an isaan kana. Isaan kun warra sanyii namaa keessaa Waaqayyoo fi hoolichaaf furaman, warra jalqabaa ti.” (Mul’ata 14:1, 4) Eeyyee, isaan duuka buutota Yesus Kiristos warra amanamoo samiirratti akka isaa wajjin bulchaniif filatamanidha. Du’aa ka’anii jireenya samii erga argatanii booda Yesusii wajjin ‘lafarratti mo’u.’ (Mul’ata 5:10) Waaqayyo lakkoofsa namoota 144,000 guutuuf bara ergamootaatii kaasee Kiristiyaanota amanamoo ta’an filachaa tureera.

10. Yesusiifi namoonni 144,000 ta’an ilmaan namootaa akka bulchaniif filatamuunsaanii qophii jaalalarratti hundaa’edha kan jennu maaliifi?

10 Yesusiifi namoonni 144,000 ta’an ilmaan namootaa akka bulchan taasifamuunsaa jaalala Waaqayyo nuuf qabu kan argisiisudha. Kan akkas jennu maaliifi? Sababiin inni jalqabaa, Yesus nama ta’uu jechuun maal jechuu akka ta’eefi dhiphinni maal akka ta’e akka gaariitti beeka. Phaawulos Yesusiin ilaalchisee yeroo dubbatu: “Cubbuutu irraa dhabame malee, angafa lubootaa isa karaa hundumaan akka keenya qorame qabna; isa dadhabbiin keenya garaa isaa hin rukunne garuu hin qabnu” jedheera. (Ibroota 4:15; 5:8) Warri isaa wajjin bulchanis yeroo nama turanitti rakkinniifi gidiraan isaanirra ga’eera. Kana malees, namoota gonkummaa hin qabne waan turaniif dhibeen fayyaa adda addaa isaanirra ga’eera. Kanaafuu, rakkoowwan ilmaan namootaa sirriitti hubatu!

MOOTUMMAAN WAAQAYYOO MAAL RAAWWATTI?

11. Yesus, bartoonnisaa jaalalli Waaqayyoo samiirratti akka ta’u akka kadhatan kan dubbate maaliifi?

11 Yesus bartoonnisaa Mootummaan Waaqayyoo akka dhuftu akka kadhatan yeroo dubbatetti, ‘jaalalli Waaqayyoo waaqarratti akka ta’u, akkasumammoo lafarratti haa ta’u’ jedhanii kadhachuu akka qaban dubbachuusaa ture. Waaqayyo kan jiraatu samiirra yeroo ta’u, yeroo hundumaa jaalallisaa karaa ergamoota amanamoo raawwatamaa tureera. Haata’u malee, Boqonnaa 3rratti akka barannetti ergamaan hamaan tokko, jaalala Waaqayyoo raawwachuu dhiisuudhaan Addaamiif Hewwaan akka cubbuu hojjetan godhe. Waa’ee ergamaa hamaa Diiyaabilos isa Seexana jedhamuu Boqonnaa 10ffaarratti baranna. Seexanniifi ergamoonni hafuura hamoo jedhamaniifi isa duukaa bu’uu filatan, yeroo murtaa’eef samiirra akka jiraatan isaaniif heyyamamee ture. Kanaan kan ka’es, yeroo sanatti samiirratti jaalala Waaqayyoo raawwachaa kan turan ergamoota hundaa hin turre. Yeroo Mootummaan Waaqayyoo bulchuu jalqabutti garuu haalli kun ni jijjiirame. Mootii haaraa ta’uudhaan kan muudame Yesus Kiristos Seexanarratti waraana bane.Mul’ata 12:7-9.

12. Mul’ata 12:10rratti wantoota gurguddaa ta’an lama akkamiitu ibsame?

12 Jechoonni raajii kanatti aananii jiran wanta gara fuulduraatti ta’u akkas jechuudhaan ibsu: “Ani immoo waaqa keessaa sagalee guddaa tokko nan dhaga’e; innis, ‘Amma fayyinni, aangoon, mootummaan kan Waaqayyo keenyaa, aboonis kan Masiihii isaatii ta’eera; hadheessituun obboloota keenyaa inni halkanii fi guyyaa Waaqayyo keenya duratti isaan hadheessaa ture [Seexanni] immoo gad darbatameera.’ ” (Mul’ata 12:10) Caqasa kana keessatti wantoonni gurguddaan lama akka ibsaman hubatteettaa? Jalqabarratti Mootummaan Waaqayyoo isheen Yesus Kiristosiin geggeeffamtu bulchuu jalqabdi. Lammaffaarrattimmoo Seexanatu samiirra gara lafaatti gad darbatame.

13. Seexanni samiirraa darbatamuunsaa maal argamsiise?

13 Wantoonni gurguddaa ta’an kun lamaan maal geessisan? Wanta samiirratti ta’e ilaalchisee Macaafni Qulqulluun: “Egaa yaa bantiiwwan waaqaa, warri isaan keessa jiraattanis gammadaa!” jedha. (Mul’ata 12:12) Seexanniifi hafuuronni hamoon waan ari’amaniifi kan samiirratti argaman hundi Yihowaadhaaf amanamoo waan ta’aniif ergamoonni kun ni gammadu. Samiirratti guutummaatti nagaafi walii galteen deebi’ee hin banne argameera. Jaalalli Waaqayyoo samiirratti raawwatameera.

Seexanniifi ergamoonnisaa samiirraa gad darbatamuunsaanii lafarratti wayyoo geessiseera. Rakkinni akkasii kun yeroo dhihootti bada

14. Seexanni gara lafaatti darbatamuunsaa maal geessiseera?

14 Biyyi lafaahoo maal taati? Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Yaa lafaa, yaa galaanaa, Seexanni gara keessanitti waan gad bu’eef isiniif garuu wayyoo! Inni yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf, guddaa aareera!” (Mul’ata 12:12) Seexanni samiirraa waan ari’ameefi yeroo gabaabaa qofti akka isaaf hafe waan beekeef guddaa areera. Aariidhaanis lafarratti rakkina ykn “wayyoo” akka jedhamu godheera. Waa’ee “wayyoo” kanaa boqonnaa itti aanurratti baranna. Haata’u malee, utuu haalli kun jiruu Mootummaan kun jaalala Waaqayyoo lafarratti raawwachuu kan dandeessu akkamitti? gaaffiin jedhu sammuu keenyatti uumamuu danda’a.

15. Kaayyoon Waaqayyo lafaaf qabu maalidha?

15 Kaayyoon Waaqayyo lafaaf qabu maal akka ture yaadadhu. Boqonnaa 3rratti waa’ee kanaa baratteetta. Jaalalli Waaqayyo akka Eeden keessatti ibsetti, lafti jannata akka taatu, akkasumas ilmaan namootaa hin duuneefi qajeelota ta’aniin akka guutamtu ture. Seexanni Addaamiifi Hewwaan akka cubbuu hojjetan waan godheef jaalalli Waaqayyoo kun utuu hin raawwatamin akka turu godhus, kaayyoonsaa hin geeddaramne. Yihowaan ‘warri qajeelonni lafa akka dhaalaniifi yeroo hundumaafis akka keessa jiraatan’ gochuuf kaayyoo qaba. (Faarfannaa 37:29) Mootummaan Waaqayyoo kana ni raawwata. Akkamitti?

16, 17. Daani’el 2:44, waa’ee Mootummaa Waaqayyoo maal nutti hima?

16 Raajii Daani’el 2:44rratti argamu ilaali. Caqasichi akkas jedha: “Bara mootota sanaatti Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebi’ee matumaa hin badne, isa mo’ichi isaas saba biraatti hin darbine dhaabuuf jira; inni mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.” Kun waa’ee Mootummaa Waaqayyoo maal nutti hima?

17 Jalqabarratti Mootummaan Waaqayyoo “Bara mootota sanaatti” ykn mootummaan namootaa utuu jiruu akka hundaa’u nutti hima. Lammaffaarratti mootummaan kun akka bara baraaf jabaatee dhaabatu nutti hima. Mootummaan kun, mootummaa garabiraadhaan kan hin mo’amneefi kan bakka hin buufamne taati. Sadaffaarrattimmoo Mootummaa Waaqayyoofi mootummoota biyya lafaa gidduutti waraanni akka godhamu ilaalla. Waraana kanarratti Mootummaa Waaqayyootu injifannoo argata. Sanaan booda ilmaan namootaa kan bulchu Mootummaa kana qofa ta’a. Dhumarrattis ilmaan namootaa bulchiinsa hundaa caaluufi kanaan dura arganii hin beekne jala jiraatu.

18. Waraanni dhumaa Mootummaa Waaqayyoofi mootummoota addunyaa gidduutti godhamu maal jedhama?

18 Macaafni Qulqulluun waa’ee waraana Mootummaa Waaqayyoofi mootummaa ilmaan namootaa gidduutti godhamu waan baay’ee dubbata. Fakkeenyaaf, dhumni yeroo dhihaachaa dhufutti hafuuronni hamoon “mootota, guutummaa biyya lafaa” wallaalchisuudhaaf oduu sobaa akka babal’isan dubbata. Kaayyoo maaliitiif? ‘Mootota sana lola guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa danda’u sanaaf, walitti qabuufidha.’ Mootonni biyya lafaa “iddoo afaan Ibrootaatti ‘Armaagedoon’ ” jedhamutti walitti qabamu. (Mul’ata 16:14, 16) Akka caqasoota kanarratti ibsametti waraanni dhumaa, bulchiinsa ilmaan namootaafi Mootummaa Waaqayyoo gidduutti godhamu Harmaagedoon ykn Armaagedoon jedhama.

19, 20. Wantoonni yeroo ammaatti jaalalli Waaqayyoo lafarratti akka hin raawwatamne dhowwan maalfa’i?

19 Mootummaan Waaqayyoo Armaagedooniin gargaaramee maal raawwata? Kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu yaadadhu. Lafti Jannata ilmaan namootaa qajeeloo ta’aniifi gonkummaadhaan isa tajaajilaniin akka guutamtu kaayyoo Yihowaati. Kaayyoon kun yeroo ammaatti akka hin raawwatamne wanti dhowwe maalidha? Tokkoffaa, cubbamoota waan taaneef ni dhukkubsanna, akkasumas ni duuna. Haata’u malee, Yesus bara baraaf akka jiraannuuf nuu du’uusaa Boqonnaa 5rratti baranneerra. Jechoota Wangeela Yohannisirratti galmeeffame utuu hin yaadatin hin haftu; caqasichi akkas jedha: “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!”Yohannis 3:16.

20 Sababii garabiraanimmoo, namoonni wanta hamaa hojjechuusaaniiti. Ni sobu, ni gowwomsu, akkasumas ni ejju. Jaalala Waaqayyoo raawwachuu hin barbaadan. Namoonni waan hamaa hojjetan kun waraana Armaagedoonitti ni badu. (Faarfannaa 37:10) Sababiin garabiraan jaalalli Waaqayyo lafa kanarratti akka hin raawatamne godhemmoo, mootummoonni addunyaa kanaa namoonni jaalala Waaqayyoo akka raawwatan waan hin jajjabeessineefidha. Mootummoonni baay’een haala kana sirreessuudhaaf humna kan hin qabne yeroo ta’an, gara jabeeyyii ykn amala manca’aadhaan kan guutamanidha. Macaafni Qulqulluun: “Yeroon inni tokko warra kaan irratti mo’ee isaan miidhus jira” jedha.Lallaba 8:9.

21. Mootummattiin jaalalli Waaqayyoo lafarratti akka raawwatamu kan gootu akkamitti?

21 Armaagedoon booda, ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo jalatti qofa bulu. Mootummaan kun jaalala Waaqayyoo kan raawwatuufi eebba gammachiisaa kan fidudha. Fakkeenyaaf, Seexanaafi ergamootasaa ni balleessa. (Mul’ata 20:1-3) Aarsaan Yesus waan hojiirra ooluuf ilmaan namootaa amanamoo ta’an dhukkubaafi du’a jalaa walaba ta’u. Bulchiinsa Mootummichaa jalatti bara baraaf jiraatu. (Mul’ata 22:1-3) Lafti gara jannataatti jijjiiramti. Mootummattiin akkasitti jaalalli Waaqayyoo lafarratti akka raawwatamuufi maqaan Waaqayyoo qulqulluu ta’ee akka eegamu gooti. Kana jechuun bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jala kan jiraatu hundi maqaa Yihowaatiif ulfina kenna jechuudha.

MOOTUMMAAN KUN JAALALLI WAAQAYYOO LAFARRATTI AKKA RAAWWATAMU KAN GOOTU YOOMI?

22. Mootummaan kun yeroo Yesus lafarra turettis ta’e du’aa ka’ee yeroo muraasa booda akka hin dhufne akkamitti beekuu dandeenya?

22 Yeroo Yesus bartootasaatiin, “mootummaan kee haa dhufu” jedhanii akka kadhatan isaanitti hime Mootummattiin akka hin dhufne ifaadha. Yeroo Yesus gara samiitti ol ba’ettoo Mootummattiin dhuftee turtee? Hin dhufne. Sababiinsaas, Phexrosiifi Phaawulos, Yesus erga du’aa ka’ee booda raajiin Faarfannaa 110:1rratti: “Waaqayyo gooftaa kootiin, ‘Diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti, ati gara mirga koo taa’i!’ ” jedhu isarratti akka raawwiisaa argate dubbataniiru. (Hojii Ergamootaa 2:32-35; Ibroota 10:12, 13) Yeroon gidduutti darbu jira jechuudha.

Mootummaa Waaqayyoo jalatti, jaalalli Waaqayyoo akkuma samiirratti ta’e lafarrattis ni ta’a

23. (a) Mootummaan Waaqayyoo bulchuu kan jalqabe yoomi? (b) Boqonnaa itti aanutti waa’ee maaliitu ibsama?

23 Yesus yeroo hammamiitiif eeguudhaan dabarse? Barattoonni Macaafa Qulqulluu jaarraa 19ffaafi 20ffaatti turan yeroon kun kan raawwatamu bara 1914tti ta’uusaa irraa jalaan hubataniiru. (Waa’ee yeroo kanaa Kutaa Dabalataa fuula 215-218rratti argamu ilaali.) Haalliwwan bara 1914 kaasee biyya lafaarratti raawwatamuu jalqaban hubannaan barattoota Macaafa Qulqulluu kun dhugaa ta’uusaa kan mirkaneessanidha. Raawwiin raajii Macaafa Qulqulluu Kiristos bara 1914tti Mootii ta’ee samiirratti bulchuu akka jalqabe mul’isu. Kanaafuu, amma kan jiraannu “yeroo gabaabduu” Seexanaaf hafe keessadha. (Mul’ata 12:12; Faarfannaa 110:2) Mootummaan Waaqayyoo yeroo dhihootti jaalalli Waaqayyoo akka lafarratti raawwatamuuf tarkaanfii fudhatti jennee dubbachuu dandeenya. Wanti kun oduu gammachiisaa akka ta’e sitti dhaga’amaa? Wanti kun dhugaa ta’uusaa ni amantaa? Boqonnaan itti aanu Macaafni Qulqulluun waa’ee wantoota kanaa akka barsiisu hubachuuf si gargaara.