Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA SAGAL

Kan Jiraannu “Guyyoota Gara Dhumaa” Keessadhaa?

Kan Jiraannu “Guyyoota Gara Dhumaa” Keessadhaa?
  • Wantoonni Macaafa Qulqulluu keessatti dubbatamaniifi bara keenyatti raawwatamaa jiran maalfa’i?

  • Sagaleen Waaqayyoo waa’ee amala namoota “Guyyoota gara dhumaatti” jiraatanii maal jedha?

  • Macaafni Qulqulluun wanta gaarii bara keenyatti dhufu akkamii dubbata?

1. Waa’ee gara fuulduraa eessaa baruu dandeenya?

TELEVIJIINII yeroo ilaaltu ‘Addunyaan kun dhumnisaa maal ta’a jettee gaafattee beektaa?’ Balaawwan akkuma tasaa waan ga’aniif wanta bor ga’u namni beeku hin jiru. (Yaaqoob 4:14) Haata’u malee, Yihowaan wanta gara fuulduraatti raawwatamu beeka. (Isaayaas 46:10) Macaafni Qulqulluun yeroo dheeraa dura wantoota gaddisiisoo bara keenyatti raawwataman qofa utuu hin ta’in, wantoota nama gammachiisaniifi yeroo dhihootti raawwatamanis dubbateera.

2, 3. Bartoonnisaa Yesusiin maal gaafatan? Innoo deebii akkamii kenneef?

2 Yesus waa’ee Mootummaa Waaqayyoo ishee hammeenya balleessituufi lafa kana gara jannataatti jijjiirtuu dubbateera. (Luqaas 4:43) Namoonni Mootummaan kun yoom akka dhuftu baruu barbaadanii turan. Bartoonni Yesusis: “Milikkinni dhufa keetii, kan dhuma barichaas maali?” jedhanii isa gaafatanii turan. (Maatewos 24:3) Yesusis dhumni barichaa kun yoom akka ta’e kan beeku Yihowaa qofa ta’uusaa isaanitti himeera. (Maatewos 24:36) Haata’u malee, Yesus Mootummattiin ilmaan namootaatiif utuu nagaafii tasgabbii hin fidin dura wantoota lafarratti raawwataman ilaalchisee raajii dubbateera. Raajiin inni dubbate yeroo ammaatti raawwatamaa jira!

3 Ragaa “dhuma barichaa” keessa akka jiraannu argisiisan utuu hin ilaalin dura, waa’ee waraana namni tokkoyyuu utuu hin hubatin godhame tokkoo haa ilaallu. Waraanni kun kan raawwatame samiirratti yeroo ta’u, sababii waraana kanaatiin rakkinni nurra ga’e jira.

WARAANA SAMIIRRATTI GODHAME

4, 5. (a) Yesus Mootii ta’ee utuu baay’ee hin turin samiirratti maaltu raawwatame? (b) Akka Mul’ata 12:12rratti ibsametti waraanni samiirratti godhame lafarratti maal geessise?

4 Yesus bara 1914 kaasee samiirratti Mootii ta’uunsaa boqonnaa darberratti ibsameera. (Daani’el 7:13, 14) Yesus aboo Mootummaa qabatee utuu baay’ee hin turin tarkaanfii fudhate. Macaafni Qulqulluun “waaqa keessatti lolli in ka’e” jechuudhaan dubbata. “Mikaa’el, [maqaa garabiraa Yesus ittiin waamamudha] ergamoota isaa wajjin bineensa akka jawwee sana [Seexana isa Diiyaabilos jedhamu] in lole; bineensichi akka jawwee sunis ergamoota isaa wajjin deebisee isa in lole”. * Seexanniifi ergamoonnisaa lola sanaan injifatamanii samiirraa gara lafaatti darbataman. Ergamoonni Waaqayyoo warri amanamoo ta’anis kanatti baay’ee gammadan. Haata’u malee, ilmaan namootaa akka ergamoota sanaa hin gammanne. Sababiisaa Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan dubbata: “Yaa lafaa, . . . Seexanni gara keessanitti waan gad bu’eef isiniif garuu wayyoo! Inni yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf, guddaa aareera!”Mul’ata 12:7, 9, 12.

5 Waraanni samiirratti godhame maal akka geessise qalbeeffadhu. Seexanni baay’ee waan aareef namoota lafarra jiraatanirratti wayyoo ykn rakkina geessiseera. Kanarraa hubachuu akka dandeessutti yeroo ammaatti kan jiraannu bara wayyoo kana keessadha. Haata’u malee, wayyoon kun “yeroo gabaabaa” qofa kan turudha. Seexanumtiyyuu kana beeka. Macaafni Qulqulluun yeroo kana “Guyyoota gara dhumaa” jedhee waama. (2 Ximotewos 3:1) Waaqayyo dhiibbaa Seexanni lafa kanarra geessisu yeroo dhihootti akka balleessu beekuun guddaa nama hin gammachiisuu? Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti dubbatamaniifi yeroo ammaatti raawwiisaanii argachaa jiran keessaa tokko tokko haa ilaallu. Raajiiwwan kun guyyoota gara dhumaa keessa akka jiraannuufi Mootummaan Waaqayyoo yeroo dhihootti namoota Yihowaa jaallataniif eebba bara baraa akka fiddu nuuf mirkaneessu. Jalqaba mallattoowwan Yesus bara keenya ilaalchisee dubbate keessaa arfansaanii haa ilaallu.

WANTOOTA GURGUDDAA GUYYOOTA GARA DHUMAATTI RAAWWATAMAN

6, 7. Jechoonni Yesus waraanaafi beela ilaalchisee dubbate yeroo har’aatti raawwiisaanii kan argatan akkamitti?

6 “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti in ka’a.” (Maatewos 24:7) Waraana jaarraa darbe godhametti namoonni miliyoonaan lakkaa’aman ajjeefamaniiru. Barreessaan seenaa Biritaaniyaa tokko akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Seenaa ilmaan namootaa keessatti akka jaarraa 20ffaatti dhiigni dhangala’ee hin beeku. . . . Jaarraa waraanni utuu walirraa hin citin itti godhamedha; guutummaa biyya lafaatti yeroon waraanni itti hin godhamin hafe yeroo muraasa qofaadha.” Gabaasni Worlid Wooch Inistiitiyuut jedhamuun dhihaatemmoo akkas jedha: “Namoonni waraana jaarraa [20ffaatti] godhameen du’an dhaloota Kiristos booda jaarraa jalqabaatii kaasee hanga bara 1899tti namoota waraanaan dhumanirra harka sadiin caala.” Waraana bara 1914 kaasee godhameen namoonni miliyoona 100 ol ta’an galaafatamaniiru. Sababii waraanaatiin nama jaallannu tokko du’aan dhabuun gadda akkamii akka namarraan ga’u waan beeknuuf dhumaatiin namoota miliyoona hedduudhaan lakkaa’amanii gadda akkamii akka geessise tilmaamuun hin ulfaatu.

7 “Beellis . . . in ta’a.” (Maatewos 24:7) Oomishni midhaanii waggoottan 30n darbanitti baay’ee akka guddate qo’attoonni ni dubbatu. Haata’u malee, namoonni baay’een qarshii midhaan ittiin bitatan ykn lafa midhaan irratti facaafatan waan hin qabneef beelli namoota hedduu hubuusaa itti fufeera. Biyyoota guddachaa jiran keessatti namoonni biliyoona tokkoo ol ta’an beelaan hubamaa jiru. Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tilmaametti, waggaa waggaan daa’imman miliyoona shanii ol ta’an nyaata madaalamaa dhabuusaaniitiin wajjin wal qabateen akka du’an ibseera.

8, 9. Raajiiwwan Yesus socho’a lafaafi dha’icha ilaalchisee dubbate dhugaa ta’uusaanii kan argisiisan maalfa’i?

8 “Socho’i lafaa gurguddaan . . . in ta’a.” (Luqaas 21:11) Yuunaayitid Isteetitti gareen Hambaa Lafa Keessaa Qo’atu tokko akka ibsetti, waggaa waggaan giddu galeessaan socho’i lafaa humna guddaa gamoowwanirra miidhaa geessisuufi lafa tarsaasuu danda’u bara 1914 kaasee al 17 ga’eera. Kana malees, giddu galeessaan socho’i lafaa humna guddaa gamoowwan guutummaatti barbadeessuu danda’an waggaa waggaadhaan ga’aniiru. Odeeffannoon garabiraan tokko akkas jechuudhaan dubbateera: “Socho’i lafaa kun waggoottan 100 darbanitti lubbuu namoota kumaatama dhibbaan lakkaa’amanii kan galaafate yeroo ta’u, guddinni gama teeknooloojiitiin argames lubbuu namoota muraasaa qofa hambise.”

9 “Dha’ichis biyya hundumaatti in ta’a.” (Luqaas 21:11) Gama yaalii fayyaatiin guddinni argamus, dhukkuboonni dur turanis ta’e dhukkuboonni haaraan ilmaan namootaarra balaa guddaa geessisaa jiru. Gabaasni tokko akka ibsetti, yeroo dhihoodhaa kaasee dhukkuba sombaa, busaafi koleeraa dabalatee dhukkuboonni 20 ta’aniifi akka gaariitti beekaman baay’ee babal’achaa kan jiran yeroo ta’u, isaan keessaa tokko tokko qorichaanillee fayyisuun baay’ee ulfaataa ta’aa dhufeera. Kan nama dhibummoo dhukkuboonni haaraan 30 ta’an uumamaniiru. Dhukkuboota haaraa kana keessaa tokko tokko qorichi waan isaaniif hin argamneef du’a geessisuu danda’u.

NAMOOTA GUYYOOTA GARA DHUMAATTI JIRAATAN

10. Amalli ati yeroo har’aa namootarratti argitu raajiiwwan 2 Ximotewos 3:1-5rratti dubbataman kamfa’i?

10 Macaafni Qulqulluun wantoota gurguddaa biyya lafaarratti raawwataman bal’inaan ibsuusaarrayyuu, guyyoonni kun jijjiirama ilmaan namootaarra ga’uun akka beekamu dubbateera. Phaawulos 2 Ximotewos 3:1-5rratti namoonni guyyoota gara dhumaatti argaman amala akkamii akka argisiisan ibseera. Caqasichis akkas jedha: “Guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaan akka dhufu hubadhu.” Amala namoonni argisiisan ilaalchisee wantoonni Phaawulos barreesse keessaa tokko tokko kanaa gaditti argamu

  • warra ofittoo

  • warra sassatoota

  • warra abboota isaanii fi haadhota isaaniif hin abboomamne

  • warra dabarsanii nama kennan

  • warra jaalala of keessaa hin qabne

  • warra of hin qabne

  • warra waan gaarii jibban

  • Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan

  • Akka bakkeedhaan mul’atutti nama Waaqayyoo in fakkaatu, humna isa nama akkasii keessa jiru garuu in ganu

11. Faarfannaan 92:7 wanta hamootarra ga’u maal jechuudhaan ibsa?

11 Namoonni akkasii naannoo keetti hin argamanii? Akka argaman homaa hin shakkisiisu. Namoonni amala gadhee qaban bakka hundaatti argamu. Macaafni Qulqulluun Waaqayyo yeroo dhihootti akka tarkaanfii fudhatu akkas jechuudhaan ibsa: “Warri jal’oonni akka margaa biqila yoo tolan iyyuu, warri hamaa godhan hundinuus yoo daraaran iyyuu, isaan raawwatanii balleeffamuuf jiru.”Faarfannaa 92:7.

WANTOOTA NAMA GAMMACHIISAN

12, 13. ‘Bara dhumaatti’ “beekumsi” kan baay’ate akkamitti?

12 Akkuma Macaafa Qulqulluurratti ibsametti guyyoonni gara dhumaa rakkinaan kan guutamanidha. Haata’u malee, addunyaa rakkinaan guutame kana keessatti namoota Yihowaa waaqeffatan gidduutti wantoonni nama gammachiisan raawwatamaa jiru.

13 Kutaa Macaafa Qulqulluu kan ta’e macaafni Daani’el ‘Beekumsi ni baay’ata’ jedhee dubbateera. Kun kan ta’u yoomi? ‘Bara isa dhumaattidha.’ (Daani’el 12:4) Yihowaan keessumaa bara 1914 kaasee namoonni garaa guutuudhaan isa tajaajiluuf carraaqqii godhan, hubannaa Macaafa Qulqulluurratti qaban akka guddisan isaan gargaareera. Waa’ee maqaa Waaqayyoo, waa’ee kaayyoosaa, waa’ee aarsaa furii Yesus Kiristos, namoonni du’an haala akkamiirratti akka argamaniifi du’aa ka’uu ilaalchisee beekumsisaanii yeroodhaa gara yerootti guddachaa adeemeera. Kana malees, tajaajiltoonni Yihowaa karaa isaaniif bu’aa argamsiisuufi Yihowaadhaaf ulfina fiduun akkamitti jiraachuu akka danda’an barataniiru. Akkasumas, shoora Mootummaan Waaqayyoo taphattuufi haala addunyaarratti argamu akkamitti akka sirreessitu sirriitti hubataniiru. Beekumsa kanaan gargaaramanii maal raawwatu? Gaaffiin kun gara raajii garabiraa guyyoota gara dhumaatti raawwatamaa jirutti nu geessa.

“Wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama.”Maatewos 24:14

14. Yeroo har’aatti Wangeela Mootummatti lallabuun hangam babal’ateera? wangeela kana kan lallabaa jiranoo eenyufa’i?

14 Yesus “dhuma barichaa” ilaalchisee raajii dubbaterratti, “Wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama” jedheera. (Maatewos 24:3, 14) Wangeelli Mootummaa kun, jechuunis mootummattiin maal akka taate, maal akka raawwattuufi, eebbawwan isheen fiddurraa akkamitti hirmaachuu akka dandeenyu, addunyaa maratti biyyoota 230 ol ta’aniifi afaan 400 ol ta’een lallabamaa jira. Dhugaa Baatonni Yihowaa miliyoonaan lakkaa’aman wangeela kana hinaaffaadhaan lallabaa jiru. Isaanis “saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan dubbatamu hundumaa keessaa dhufan.” (Mul’ata 7:9) Namoota Macaafa Qulqulluu barachuu barbaadanis kaffaltii malee qayyabsiisu. Haalli raajiin kun itti raawwatamaa jiru, raajii Yesus Kiristiyaanonni dhugaan akka ‘jibbaman’ dubbatee wajjin yeroo waliin ilaalamu baay’ee kan nama ajaa’ibsiisudha!Luqaas 21:17.

MAAL GOCHUU YAADDA?

15. (a) Guyyoota gara dhumaa keessa akka jirru ni amantaa? Akkas jettee kan deebiste maaliifi? (b)  “Dhuma” jechuun, namoota Yihowaa mormaniif maal jechuudha? Namoota bulchiinsa Mootummaa Waaqayyootiif ajajamaniifoo?

15 Yeroo har’aatti raajiiwwan Macaafa Qulqulluu garri caalaansaanii raawwatamaa waan jiraniif, kan jiraannu guyyoota gara dhumaa keessadha jedhamuunsaa sirrii sitti hin fakkaatuu? Wangeelli hamma Yihowaan ni ga’a jedhutti erga lallabamee booda, “dhumni” akka dhufu homaa hin shakkisiisu. (Maatewos 24:14) “Dhuma” jechuun, yeroo Yihowaan hammeenya lafarraa itti balleessudha. Yihowaan namoota ta’e jedhanii isa morman balleessuuf Yesusiifi ergamootaan gargaarama. (2 Tasaloniiqee 1:6-9) Seexanniifi ergamoonnisaa lammata ilmaan namoota gowwomsuu hin danda’an. Sanaan booda Mootummaan Waaqayyoo namoota bulchiinsasaatiif ajajaman hundaaf eebba guddaa dhangalaasa.Mul’ata 20:1-3; 21:3-5.

16. Waaqayyo biratti fudhatama argachuuf maal gochuun barbaachisaadha?

16 Badiisni sirna Seexanaa waan dhihaateef ‘Maal gochuun qaba?’ jennee of gaafachuu nu barbaachisa. Waa’ee Yihowaafi ulaagaa inni baase caalaatti barachuu keenya itti fufuu qabna. (Yohannis 17:3) Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf carraaqqii cimaa godhi. Namoota jaalala Yihowaa raawwachuu barbaadanii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaadhu. (Ibroota 10:24, 25) Waaqayyo biratti fudhatama argachuu yoo barbaadde, beekumsa inni namoota addunyaa maratti argamaniif qopheesse argachuuf carraaqqii godhi; akkasumas jireenya kee keessatti jijjiirama barbaachisu godhi.Yaaqoob 4:8.

17. Badiisni hamootarra ga’u namoota baay’ee kan rifaasisu maaliifi?

17 Yesus namoonni baay’een ragaawwan guyyoota gara dhumaa keessa jiraachuu keenya argisiisan fudhachuu akka didan dubbateera. Namoota hamoorra badiisni kan ga’u akkuma tasaattidha. Akkuma hattuu halkan dhuftuu badiisni namoota baay’eerra akka tasaa ga’a. (1 Tasaloniiqee 5:2) Yesus akkas jechuudhaan akeekkachiiseera: “Bara Nohitti akkuma ture, bara dhufa ilma namaattis akkasuma in ta’a. Bara sana bishaan badiisaa dura, hamma gaafa Nohi markabatti galetti, namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan. Isaan hamma gaafa bishaan badiisaa dhufee hunduma isaanii haree sokketti, utuu hin beekin akka turan, bara dhufa ilma namaattis akkasuma in ta’a.”Maatewos 24:37-39.

18. Akeekkachiisa Yesus isa kamiif xiyyeeffannaa kennuu qabna?

18 Yesus dhaggeeffattootasaatiin akkas jedheera: “Gad-dhiisiitti jiraachuudhaan, machiidhaan, yaaddoo jireenyaatiinis yaada garaa keessanitti ba’aa fiddanii, akka kiyyoon bineensa qabutti guyyichi sun dingata akka isin irra hin baanetti of eeggadhaa. Akkuma kanatti namoota guutummaa biyya lafaa irra jiraatan hundumaa irra in ba’ao. Yeroo hundumaa dammaqaa, wanta ta’uuf jedhu kana hundumaa jalaa ba’uudhaaf, ilma namaa duras dhaabachuudhaaf humna akka argattaniif kadhadhaa.” (Luqaas 21:34-36) Jechoota Yesusiif xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaadha. Maaliifi? Namoonni Yihowaafi Yesus isa “ilma namaa” jedhame biratti fudhatama argatan, badiisa ga’urraa oolanii addunyaa haaraa dhiheenyatti dhufu keessatti jireenya bara baraa waan argataniifidha!Yohannis 3:16; 2 Phexros 3:13.

^ KEY. 4 Maqaan Yesus inni garabiraan Mikaa’el ta’uusaa ragaa dabalataa argachuuf Kutaa Dabalataa fuula 218-219rratti argamu ilaali.