Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA SADII

Ilaalcha Waaqayyo Lubbuudhaaf Qabu Qabaadhu

Ilaalcha Waaqayyo Lubbuudhaaf Qabu Qabaadhu
  • Waaqayyo lubbuudhaaf ilaalcha akkamii qaba?

  • Waaqayyo ulfa baasuuf ilaalcha akkamii qaba?

  • Lubbuudhaaf ulfina akka laannu akkamitti argisiisuu dandeenya?

1. Wantoota lubbu qabeeyyii ta’an hundaa eenyutu uume?

ERMIYAAS raajichi “Waaqayyo garuu Waaqayyo isa dhugaa ti” jechuudhaan dubbateera. “Inni Waaqayyo isa jiraataa dha.” (Ermiyaas 10:10) Kana malees Yihowaan Uumaa lubbu qabeeyyii hundaati. Qaamonni hafuuraa samiirratti argaman akkas jedhaniiru: ‘Ati waan hundumaa uumteetta, isaanis jaalala keetiin uumamaniiru, jiraataniirus.’ (Mul’ata 4:11) Daawit faarfannaa galataa Waaqayyoof dhiheesserratti, ‘burqaan jireenya kennu si bira jira’ jedhee dubbateera. (Faarfannaa 36:9) Kanaafuu lubbuun kennaa Waaqayyooti jechuudha.

2. Waaqayyo wantoota jireenyaaf nu barbaachisan nuu guutuuf qophii akkamii godhe?

2 Kana malees Yihowaan wantoota jireenyaaf nu barbaachisan nuu kenna. (Hojii Ergamootaa 17:28) Nyaata nyaannu, bishaan dhugnu, qilleensa hafuura ittiin baafannuufi lafa irra jiraannu nuu qopheesseera. (Hojii Ergamootaa 14:15-17) Yihowaan wantoota kana kan qopheesse haala gammachuu nuuf argamsiisuu danda’uunidha. Haata’u malee, guutummaatti gammachuu argachuuf seerawwan Waaqayyoo baruufi seera kanaafis ajajamuu nu barbaachisa.Isaayaas 48:17, 18.

LUBBUUDHAAF ULFINA KENNUU

3. Yihowaan Abeel ajjeefamuusaatti maaltu itti dhaga’ame?

3 Waaqayyo lubbuu keenyaafis ta’e kan warra kaaniitiif akka ulfina laannu barbaada. Fakkeenyaaf, yeroo Addaamiif Hewwaan turanitti ilmisaanii Qaayin quxisuusaa Abeelitti baay’ee aaree ture. Yihowaan aariinsaa kun cubbuu guddaa raawwachuutti akka isa geessu itti himuudhaan Qaayiniin akeekkachiise. Qaayin akeekkachiisa isaaf kenname tuffatee, “obboleessa isaa Abeel irratti ka’uudhaan isa ajjeese.” (Uumama 4:3-8) Yihowaan, Qaayin obboleessasaa waan ajjeeseef isa adabeera.Uumama 4:9-11.

4. Seera Musee keessatti Waaqayyo lubbuudhaaf ilaalcha sirrii ta’e qabaachuun barbaachisaa ta’uusaa kan ibse akkamitti?

4 Waggoota 2,400 booda Yihowaan Israa’eloonni karaa isa biratti fudhatama qabuun akka isa tajaajilan gargaaruuf seera isaaniif kenne. Seerawwan kana kan isaaniif kenne karaa Musee waan ta’eef al tokko tokko seera Musee jedhamanii waamamu. Seera Musee keessaa inni tokko: “Hin ajjeesin” jedha. (Keessa Deebii 5:17) Kunis Israa’eloonni, Yihowaan lubbuudhaaf bakka guddaa akka kennuufi namoonnis lubbuu warra kaaniitiif iddoo guddaa kennuu akka qaban isaan hubachiiseera.

5. Waa’ee ulfa baasuu ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

5 Lubbuu gadameessa haadhaa keessa jiruufoo ulfina kennuun barbaachisaadhaa? Akka seera Museetti mucaa gadameessa haadhaa keessa jiru ajjeessuun dogoggoradha. Dhugumayyuu, mucaan gadameessa haadhaa keessatti argamu Yihowaa duratti iddoo guddaa qaba. (Ba’uu 21:22, 23; Faarfannaa 127:3) Kana jechuunis ulfa baasuun dogoggora jechuudha.

6. Nama jibbuu kan hin qabne maaliifi?

6 Lubbuudhaaf ulfina kennuun namoota kaaniifis ilaalcha sirrii ta’e qabaachuu dabalata. Macaafni Qulqulluun 1 Yohannis 3:15rratti akkas jedha: “Obboleessa isaa kan jibbu hundinuu nama nama ajjeesee dha; namni nama ajjeese abdii jireenya bara baraa of keessaa akka hin qabne isin iyyuu beektu.” Yeroo baay’ee humnaan namarratti ka’uuf wanti sababii ta’u jibba waan ta’eef, jireenya bara baraa argachuu yoo barbaanne jibba namootaaf qabnu kamiyyuu guutummaatti of keessaa baasuu qabna. (1 Yohannis 3:11, 12) Kanaa mannaa wal jaallachuun keenya baay’ee barbaachisaadha.

7. Gochiwwan lubbuudhaaf akka dinqisiifannaa hin qabne argisiisan tokko tokko maalfa’i?

7 Lubbuu keenyaaf ulfina kennuu qabnaa? Namoonni du’uu hin barbaadan; haata’u malee, namoonni tokko tokko gammachuu argachuuf jecha lubbuusaanii balaadhaaf saaxilu. Fakkeenyaaf, namoonni baay’een tamboo xuuxu, jimaa qama’u, ykn bashannanaaf jecha qoricha sammuu namaa hadoochu fudhatu. Wantoonni akkasii kun qaama namaarra miidhaa geessisuusaaniirrayyuu, namoota du’aaf saaxilu. Namni wantoota akkasiitiin gargaaramuu amaleeffate lubbuudhaaf iddoo guddaa hin kennu jechuudha. Gochi akkasii kun Waaqayyoo biratti fudhatama hin qabu. (Roomaa 6:19; 12:1; 2 Qorontos 7:1) Waaqayyoon karaa fudhatama qabuun tajaajiluu akka dandeenyutti gocha akkasiirraa fagaachuu qabna. Kana gochuun ulfaataa ta’us, Yihowaan gargaarsa barbaachisaa ta’e nuu kenna. Kana malees, lubbuu isarraa arganne akka gaariitti qabuuf carraaqqii goonu ni dinqisiifata.

8. Balaan nurras ta’e warra kaanirra akka hin geenye of eeggannoo gochuu kan qabnu maaliifi?

8 Lubbuudhaaf ulfina kan laannu yoo ta’e yeroo hundaa of eeggannoo guddaa goona. Gammachuu argachuuf jecha lubbuu keenya balaadhaaf hin saaxillu. Dantaa dhabuudhaan konkolaataa oofuufi ispoortiiwwan lola kaasan ykn balaa geessisanirraa ni fagaanna. (Faarfannaa 11:5) Abboommiin Waaqayyo dur saba Israa’eliif kenne akkas jedha: “Ati mana haaraa [bantii diriiraa qabu] yeroo ijaarrattu, namni bantii isaa irraa kufe dhiiga dhangala’uu fi gumaa mana kee irratti akka hin fidnetti, qarqara bantii mana keetti naannessii ittisa itti hojjedhu.” (Keessa Deebii 22:8) Seera bu’uuraa seera kana keessatti ibsamee wajjin haala wal simuun, boolli qe’eekee keessatti argamu sirriitti utuu hin cufamin ykn utuu hin qadaadamin hafuusaatiin akka namarra balaa hin geessisneef of eeggannoo godhi. Konkolaataa yoo qabaatte kan balaa hin geessisne ta’uusaa mirkaneessi. Manni ykn konkolaataankee sirrattis ta’e namoota kaanirratti akka balaa hin uumne of eeggannoo godhi.

9. Lubbuuf ulfina kan laannu yoo ta’e bineensota akkamitti qabna?

9 Lubbuu bineensotaatiifoo ulfina kennuu qabnaa? Lubbuun bineensotaas Waaqayyoo duratti iddoo guddaa qaba. Waaqayyo nyaataaf, uffataafi namoota balaarraa eeguuf jecha bineensonni akka ajjeefaman heyyameera. (Uumama 3:21; 9:3; Ba’uu 21:28) Haata’u malee, bashannanaaf jecha bineensota dhiphisuufi ajjeessuun dogoggora ta’uusaarrayyuu lubbuudhaaf dantaa dhabuu keenya argisiisa.Fakkeenya 12:10.

DHIIGAAF ULFINA KENNUU

10. Waaqayyo walitti dhufeenya dhiigaafi lubbuu gidduu jiru kan ibse akkamitti?

10 Qaayin obboleessasaa Abeeliin erga ajjeesee booda, Yihowaan Qaayiniin: “Dhiigni obboleessa keetii lafaa anatti in iyyata” jedheera. (Uumama 4:10) Waaqayyo yeroo waa’ee dhiiga Abeel dubbatetti waa’ee lubbuusaa dubbachuusaa ture. Qaayin Abeeliin waan ajjeeseef adabamuu qaba ture. Dhiigni ykn lubbuun Abeel murtoo qajeelaa argachuuf akka waan Yihowaatti iyyeetti lakkaa’ama. Walitti dhufeenyi dhiigaafi lubbuu gidduu jiru Bishaan Badiisaa bara Nohi ga’e boodas ibsameera. Bishaan Badiisaa dura namoonni muduraafi kuduraa, callaafi biqiltuuwwan adda addaa qofa nyaatu turan. Bishaan Badiisaa booda Yihowaan Nohiifi ijoolleesaatiin akkas jedhe: “Wanti jiraatee socho’u hundinuu nyaata isiniif haa ta’u! Akkuman biqila lalisaa isiniif kenne, isaan kana hundumaas isiniif kenneera.” Haata’u malee, Waaqayyo akkas jechuudhaan wanta isaan nyaachuu hin qabne itti hime: “Garuu foon lubbuun keessa jiru, kana jechuunis dhiigni isaa utuu keessa jiruu hin nyaatinaa!” (Uumama 1:29; 9:3, 4) Kanarraas, Yihowaan lubbuufi dhiiga ija tokkoon akka ilaalu hubachuun ni danda’ama.

11. Yihowaan dhiiga ilaalchisee bara Nohii jalqabee abboommii akkamii kenne?

11 Dhiiga nyaachuurraa fagaachuudhaan dhiigaaf akka ulfina kenninu argisiisuu dandeenya. Yihowaan seera Israa’elootaaf kennerratti ajaja akkas jedhu kenneera: “Bineensa yookiis allaattii nyaatamu kan adamsu tokko dhiiga isa adamsamu sanaa lafatti haa dhangalaasu, biyyoos irra haa deebisu! . . . Israa’elootaan, . . . isin dhiiga horii tokko illee hin nyaatinaa!” (Lewwoota 17:13, 14) Dhiiga nyaachuurraa fagaachuu ilaalchisee abboommiin Waaqayyo waggoota 800 dura Nohiif kenne Israa’elootarrattis ni hojjeta ture. Ilaalchi Yihowaan dhiigaaf qabu ifaa ture: Tajaajiltoonnisaa foon bineensota sanaa malee dhiigasaa nyaachuu hin danda’an turan. Dhiiga bineensotaa dhangalaasanii biyyoo irra deebisu turan; kunis lubbuu ykn jireenya uumama sanaa gara Waaqayyootti akka deebisuutti ilaalama.

12. Abboommiin jaarraa jalqabaatti geggeessaa hafuura qulqulluutiin kennameefi yeroo har’aattis hojjetu isa kami?

12 Kiristiyaanotaafis abboommiin wal fakkaatu kennameera. Ergamoonni Kiristosiifi geggeessitoonni gumii bartoota Yesusiif qajeelfama kennan, jaarraa jalqabaatti namoonni gumii Kiristiyaanaa keessatti argaman hundi abboommii isa kam akka eeguu qaban murteessuuf walga’anii turan. Dhumarrattis murtoo akkas jedhu dabarsan: “Waan barbaachisu irra kan caalu ba’aa biraa isin irra akka hin keenyeef, hafuura qulqulluutti, nuttis gaarii fakkaateera. Kunis immoo qalma waaqayyolii tolfamaniif dhi’aate irraa, dhiiga nyaachuu fi dhuguu irraa, foon horii hudhamee du’ee [kan dhiignisaa hin dhangala’in] nyaachuu irraa, halalummaa irraas akka fagaattan.” (Hojii Ergamootaa 15:28, 29; 21:25) Kanaafuu, “dhiiga nyaachuu fi dhuguu irraa” fagaachuu qabna. Akkuma waaqolii tolfamoofi halalummaarraa fagaachuu qabnu dhiiga nyaachuufi dhuguurraas fagaachuun keenya barbaachisaadha.

Ogeessi fayyaa dhugaatii dhuguu utuu si dhowwee, dhugaaticha karaa hidda dhiigakee ni fudhattaa?

13. Dhiigarraa fagaachuu ilaalchsee abboommiin kenname dhiiga karaa hidda dhiigaa fudhachuurraa fagaachuus kan dabalatu maaliif akka ta’e fakkeenyaan ibsi.

13 Abboommiin dhiigarraa fagaachuu ilaalchisee kenname dhiiga karaa hidda dhiigaa fudhachuurraa fagaachuu ni dabalataa? Eeyyee ni dabalata. Kana fakkeenyaan ibsuuf: Ogeessi fayyaa tokko dhugaatii hin dhugin utuu siin jedhee, dhugaatii hin dhugin malee karaa hidda dhiigakee fudhachuu ni dandeessa jechuudhaa? Akkas jechuu miti! Haaluma wal fakkaatuunis dhiigarraa fagaachuu jechuun karaa kamiiniyyuu dhiiga gara qaama keenyaatti galchuurraa fagaachuu jechuudha. Kanaafuu, dhiigarraa akka fagaannuuf abboommii nuu kenname eeguuf namni kamiyyuu karaa hidda dhiiga keenyaa akka dhiiga nuuf kennu hin heyyamnu jechuudha.

14, 15. Ogeeyyiin fayyaa Kiristiyaana tokkoon dhiiga fudhachuu qabda yoo jedhan deebii akkamii kenna? Maaliif?

14 Kiristiyaana tokkorra balaa cimaan yoo ga’e ykn oppiraasoniin yoo isa barbaachisehoo? Ogeeyyiin fayyaa dhiiga hin fudhatu taanaan ni du’a yoo jedhanoo? Dhugaadha, Kiristiyaanni tokko du’uu akka hin barbaanne beekamaadha. Lubbuusaa isa kennaa Waaqayyoo ta’e oolchuuf jecha yaaliiwwan dhiiga malee kennaman ni fudhata. Kanaafuu, gargaarsa yaalii fayyaa akkasii argachuuf carraaqqii gochuusaarrayyuu wantoota bakka dhiigaa kennaman fudhachuuf yaalii godha.

15 Kiristiyaanni tokko sirna kana keessatti umurriisaa dheeressuuf jecha, abboommii Waaqayyoo ni cabsaa? Yesus akkas jedhee dubbateera: “Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade, jireenyi isaa duraa in fudhatama; namni anaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo, isa in argata.” (Maatewos 16:25) Du’uu hin barbaannu. Haata’u malee, lubbuu keenya isa ammaa oolchuuf jecha abboommii Waaqayyoo yoo cabsine jireenya bara baraa dhabuu dandeenya. Kanaafuu, sababii kamiiniyyuu yoo duune, Uumaan keenya yeroo du’aa ka’uun ga’utti akka nu yaadatuufi deebisee jireenya akka nuuf kennu guutummaatti seerasaa isa qajeelaatti amanamuun keenya barbaachisaadha.Yohannis 5:28, 29; Ibroota 11:6.

16. Dhiiga ilaalchisee tajaajiltoonni Yihowaa maal gochuuf murteessaniiru?

16 Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo har’aatti argamanis dhiiga ilaalchisee qajeelfama Waaqayyo isaaniif kenne hordofuuf murteessaniiru. Karaa kamiiniyyuu dhiiga hin nyaatan. Yookiin yaalii fayyaaf jecha dhiiga hin fudhatan. * Isaan Waaqayyoo inni dhiiga uume wanta isaan fayyadu akka beeku mirkanaa’oodha. Atoo Waaqayyo wanta nu fayyadu beeka jettee amantaa?

KARAA ITTI DHIIGNI FAAYIDAARRA OOLUU DANDA’U

17. Israa’el durii keessatti faayidaan dhiigaa Yihowaa duratti fudhatama qabu maal qofa ture?

17 Seerri Musee faayidaa dhiigaa isa tokko ibsa. Yihowaan waaqeffannaa Israa’elootarraa barbaadamu ilaalchisee abboommii akkas jedhu kennee ture: “Lubbuun uumama foon uffatee dhiiga keessa waan jiruuf, furee kan ta’us dhiiga waan ta’eef, inni furee lubbuu keessanii akka ta’uuf iddoo aarsaa irratti ani Waaqayyo isa isiniif kenneera.” (Lewwoota 17:11) Israa’eloonni yeroo cubbuu hojjetan, godoo qulqullaa’aa, boodas mana qulqullummaa keessatti aarsaa dhiheessuufi iddoo aarsaarratti dhiiga xinnoo facaasuudhaan dhiifama cubbuu argachuu ni danda’u turan. Faayidaan dhiigaa aarsaa dhiheessuuf qofa kan oolu ture.

18. Dhiigni Yesus faayidaafi eebbawwan akkamii nuuf argamsiisuu danda’a?

18 Kiristiyaanonni dhugaan seera Musee jala waan hin jirreef aarsaa horii hin dhiheessan; dhiiga horiis iddoo aarsaarratti hin facaasan. (Ibroota 10:1) Haata’u malee, bara durii iddoo aarsaarratti dhiigni facaafamuunsaa aarsaa guddaa Yesus Kiristos dhiheessuuf fakkeenya kan ta’u ture. Boqonnaa 5rratti akka barannetti Yesus lubbuusaa aarsaa godhee dhiheessuudhaan dhiigasaa nuuf dhangalaaseera. Boodas gara samiitti ol deebi’uudhaan gatii furii dhiigasaa al tokko bara baraaf Waaqayyo duratti dhiheesseera. (Ibroota 9:11, 12) Kunis dhiifama cubbuu nuuf argamsiisuu isaarrayyuu karaa jireenya bara baraa itti argannu nuu baneera. (Maatewos 20:28; Yohannis 3:16) Dhiigni karaa kanaan hojiirra ooluunsaa faayidaa guddaa argamsiiseera! (1 Phexros 1:18, 19) Fayyina argachuu kan dandeenyu dhiiga Yesus isa dhangala’etti yoo amanne qofadha.

Lubbuufi dhiigaaf ulfina kennuu kan dandeessu akkamitti?

19. ‘Dhiiga namoota hundumaattii’ walaba ta’uuf maal gochuu qabna?

19 Yihowaan kennaa guddaa kan ta’e jireenya waan nuu kenneef isa galateeffachuu qabna! Kennaan kun aarsaa Yesusitti amanuudhaan karaa jireenyi bara baraa itti argamu warra kaanitti akka himnu nu hin kakaasuu? Nuyis akka Yihowaa namootaaf kan yaannu yoo taane wanta kana hawwiifi hinaaffaa guddaadhaan warra kaanitti akka dubbannu nu kakaasa. (Hisqi’el 3:17-21) Itti gaafatamummaa kana raawwachuuf yoo carraaqne, nuyis akkuma Phaawulos akkas jechuu dandeenya: “Kanaafis dhugaa isiniifan ba’a guyyaa kanatti an qulqulluu akkan ta’e dhiiga hunduma keessaniittii. Anoo mar’a Waaqayyoo hundumaa isin barsiisuuttii hin dhowwamne’oo.” (Hojii Ergamootaa 20:26, 27, 1899.) Waa’ee Waaqayyoofi waa’ee kaayyoosaa namootatti himuudhaan dhiigaafi lubbuudhaaf akka iddoo guddaa laannu argisiisuu dandeenya.

^ KEY. 16 Filannoowwan yaalii fayyaa bakka dhiigaa kennaman ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, birooshuura mataduree Dhiigni Lubbuukee Oolchuu Kan Danda’u Akkamitti jedhuun Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e fuula 13-17 ilaali.