Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA DABALATAA

Abbaa, Ilmaafi Hafuura Qulqulluu Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?

Abbaa, Ilmaafi Hafuura Qulqulluu Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?

NAMOONNI barumsa Sillaaseetti amanan, Abbaan, Ilmiifi Hafuurri Qulqulluun sadansaanii Waaqayyodha jedhu. Qaamonni sadan kun qixxeedha; waan hundumaa kan danda’anidha; akkasumas jalqaba hin qaban jedhamee dubbatama. Akka barumsa Sillaaseetti, Abbaan Waaqadha, Ilmi Waaqadha, Hafuurri Qulqulluunis Waaqadha, haata’u malee, Waaqayyo tokko qofadha.

Namoonni Sillaaseetti amanan baay’een waa’ee barumsa kanaa sirriitti ibsuu akka hin dandeenye ni amanu. Haata’u malee, barumsi kun barumsa Macaafa Qulqulluu akka ta’e isaanitti dhaga’ama ta’a. Jechi “Sillaasee” jedhu gonkumaa akka Macaafa Qulqulluu keessatti hin argamne hubatamuu qaba. Haata’u malee, yaadni waa’ee Sillaasee ibsu Macaafa Qulqulluu keessatti ni argamaa? Deebii gaaffii kanaa argachuuf mee jalqaba namoonni barumsa kanatti amanan barumsa Sillaaseetiif ragaa dhiheessuuf caqasa isaan akka ragaatti dhiheessan tokko haa ilaallu.

“SAGALICHI OFII ISAA WAAQAYYO TURE”

Yohannis 1:1 akkas jedha: “Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture.” Yohannis “Sagalichi” Yesus ta’uusaa boqonnaadhuma kanarratti ifatti argisiiseera. (Yohannis 1:14) Namoonni tokko tokko Sagalichi Waaqayyo jedhamee waan waamameef Abbaafi Ilmi Waaqa tokko ta’uu qabu jedhanii yaadu.

Kutaan Macaafa Qulqulluu kun jalqaba kan barreeffame afaan Giriikiitiin ta’uusaa yaadadhu. Yeroo boodammoo namoonni Macaafa Qulqulluu afaan garabiraatti hiikan kutaawwan Macaafa Qulqulluu kana gara afaansaaniitti jijjiiran. Haata’u malee namoonni Macaafa Qulqulluu afaan garabiraatti hiikan baay’een “sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture” jedhanii hin hiikne. Maaliifi? Beekumsa Macaafa Qulqulluu afaan Giriikiitiin barreeffame ilaalchisee beekumsa qabanirratti hundaa’uudhaan jecha “sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture” jedhu haala kanarraa adda ta’een hiikamuu akka qabu hubataniiru. Akkamitti hiikamuu qabaree? Fakkeenyonni muraasni kanaa gaditti dhihaataniiru: “Sagalichi waaqa ture.” (Za Niwuu Teestaamant iin aan Impruuvd Varshin) “Sagaleen Waaqayyoo wajjin ture, akkasumas amala isaa wajjin wal fakkaatu qaba ture.” (Za Tiraansileetars Niwuu Teestaamant) Hiika Macaafota Qulqulluu kanarraa hubachuun akka danda’amutti, Sagaleen ofumasaatii Waaqayyo miti. * Kanaa mannaa, Sagaleen kun uumamawwan Yihowaa keessaa iddoo guddaa qabuun kan ka’e “waaqa” jedhamee waamameera. Asirratti jechi “waaqa” jedhu “jabaa” jechuudha.

RAGAAWWAN DABALATAA ILAALI

Namoonni baay’een Macaafa Qulqulluu afaan Giriikiitiin barreeffame hin beekan. Erga akkas ta’ee wanta Yohannis jechuu barbaade akkamitti beekuu dandeenyaree? Fakkeenya kana ilaali: Barsiisaan tokko waa’ee mataduree tokkoo barattootasaatiif ibsa. Boodas, barattoonni kun mataduree kana karaa adda addaa hubatan. Barattoonni kun garaagarummaa gidduusaaniitti uumame akkamitti hiikuu danda’u? Barsiisaansaanii odeeffannoo dabalataa akka isaaniif kennu gaafachuu danda’u. Odeeffannoo dabalataa argachuunsaanii mataduree kana caalaatti akka ifa isaaniif godhu homaa hin shakkisiisu. Haaluma wal fakkaatuunis iddoo Yesus qabu ilaalchisee, jecha Yohannis 1:1rratti argamu caalaatti hubachuuf odeeffannoo dabalataa Wangeelli Yohannis kennu ilaaluu dandeessa. Odeeffannoowwan dabalataa mataduree kanaa wajjin walitti dhufeenya qaban argachuunkee murtoo sirrii ta’erra akka geessu si gargaaruu danda’a.

Fakkeenyaaf, wanta Yohannis ergamaan boqonnaa 1, lakkoofsa 18rratti barreesse ilaali: “Homtinuu takkaa Waaqayyoon [Waaqayyo isa Waan Hundumaa Danda’u] hin argine.” Haata’u malee, namoonni Yesusiin jechuunis Ilma Waaqayyoo isa Yohannis: “Sagalichis [Yesus] nama foonii ta’ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine” jedhee dubbate arganiiru. (Yohannis 1:14) Erga akkas ta’ee, Ilmi akkamitti Waaqayyo isa Waan Hundumaa Danda’u ta’uu danda’aree? Yohannis itti dabaluudhaan Sagalichi “Waaqayyo bira ture” jechuudhaan ibseera. Haata’u malee, namni tokko nama tokko bira utuu jiruu yeruma sanatti nama bira jiru sana ta’uu kan danda’u akkamitti? Kana malees, Yohannis 17:3rratti, Yesus garaagarummaa isaafi Abbaasaa gidduutti argamu ifatti kaa’eera. Abbaasaatiin “Si Waaqayyo isa tokkicha” jedhee waameera. Akkasumas Yohannis xumura Wangeelasaarratti: “Isaan kun garuu, Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo ta’uu isaa akka amantaniif, . . . caafaman” jechuudhaan ibseera. (Yohannis 20:31) Asirratti Yesus Waaqayyo utuu hin ta’in, ilma Waaqayyoo jedhamee waamamuusaa qalbeeffadhu. Yaadni dabalataa Wangeela Yohannis keessatti argamu kun, yaada Yohannis 1:1rratti ibsame akkamitti hubachuu akka qabnu argisiisa. Yesus, jechuunis Sagalichi “waaqa” kan jedhame iddoo guddaa inni qabuun malee Waaqayyo isa Waan Hundumaa Danda’uu wajjin tokko ta’ee miti.

RAGAAWWAN JIRAN MIRKANEEFFADHU

Fakkeenya barsiisaafi barattoota ilaalchisee kenname irra deebi’ii yaadi. Barattoota sana keessaa tokko tokko odeeffannoo dabalataa barsiisichi kenne erga dhaga’anii boodas shakkuusaanii hin dhaabne haa jennu. Maal gochuu danda’u? Barsiisaa garabiraan mataduree sanarratti odeeffannoo dabalataa akka isaaniif kennu gochuu danda’u. Barsiisaan inni lammaffaan kun, ibsi barsiisaan inni duraa isaaniif kenne sirrii ta’uusaa yoo isaaniif mirkaneesse baay’eesaaniitiif shakkiisaanii balleessu danda’a. Haaluma wal fakkaatuunis, barreessaa Macaafa Qulqulluu kan ta’e Yohannis walitti dhufeenya Yesusiifi Waaqayyo isa Wanta Hundumaa Danda’u gidduu jiru ilaalchisee ibsi inni kenne yoo si shakkisiise, barreessaa Macaafa Qulqulluu garabiraarraa ragaa dabalataa argachuu ni dandeessa. Fakkeenyaaf wanta Maatewos barreesse ilaali. Wanta Yesus dhuma sirna kanaa ilaalchisee dubbate caqasuudhaan: “Guyyicha sanaa fi yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa, ilmis, namni tokko illees kana hin beekan” jedheera. (Maatewos 24:36) Jechoonni kun Yesus Waaqayyo isa Wanta Hundumaa Danda’u akka hin taane kan mirkaneessan akkamitti?

Yesus Abbaan Ilma caalaa akka beeku dubbateera. Yesus Waaqayyo isa Wanta Hundumaa Danda’u utuu ta’ee wanta Abbaansaa beeku hundaa beekuu qaba ture. Kanaafuu, Abbaafi Ilmi qixxee ta’uu hin danda’an. Haata’u malee, ammayyuu namoonni tokko tokko ‘Yesus amala lama qaba ture. Asirratti kan dubbate yeroo nama turettidha’ jedhu. Haata’u malee, utuma jechisaanii kun dhugaa ta’eellee, hafuurri qulqulluunoo maalidha? Hafuurri qulqulluun akka Waaqayyo Abbaa erga ta’ee, Yesus hafuurri qulqulluun wanta Abbaan beeku beeka jedhee kan hin dubbanne maaliifi?

Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kee yeroo itti fuftutti, caqasawwan Macaafa Qulqulluu barumsa kanaa wajjin walitti dhufeenya qaban baay’ee argatta. Yaadni argattu kunis, waa’ee Abbaa, waa’ee Ilmaafi waa’ee hafuura qulqulluu dhugaansaa maal akka ta’e caalaatti siif mirkaneessu.Faarfannaa 90:2; Hojii Ergamootaa 7:55; Qolosaayis 1:15.

^ KEY. 3 Seerluga afaan Giriikii Yohannis 1:1rratti ittiin hojjetame gadi fageenyaan ilaaluu yoo barbaadde, birooshuura Sillaaseetti Amanuu Qabdaa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e, fuula 26-29 ilaali.