Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 1

“Jaalalli Waaqayyoo Isakana’oo”

“Jaalalli Waaqayyoo Isakana’oo”

“[Jaalalli Waaqayyoo isakana’oo abboommiisaa akka eegnu]; abboommonni isaa immoo ba’aa ulfaatoo miti.”—1 YOHANNIS 5:3.

1, 2. Wantoonni Yihowaa akka jaallattu si kakaasan maalfa’i?

WAAQAYYOON ni jaallattaa? Yihowaaf of murteessuudhaan isaa wajjin hariiroo gaarii yoo qabaatte, mamii tokko malee eeyyee jettee deebisuunkee sirriidha! Yihowaa jaallachuun keenya wanta sirrii ta’edha. Waaqayyoon kan jaallannu inni dursee waan nu jaallateefidha. Macaafni Qulqulluun, “[Yihowaan] duraan dursee waan nu jaallateef, nuyis kottaa [isa] in jaallannaa!” jechuudhaan ibsa.—1 Yohannis 4:19.

2 Yihowaan dursa fudhatee nu jaallateera. Lafa kana bakka jireenyaa miidhagduu godhee nuu qopheesseera. Soora fooniifi karaa hafuuraa nu barbaachisus nuu guuta. (Maatewos 5:43-48) Caalaatti garuu wantoota karaa hafuuraa nu barbaachisaniif yaada. Macaafa Qulqulluu nuu kenneera. Kana malees, kadhannaadhaan isatti akka dhihaannu kan nu afeere yommuu ta’u, kadhannaa keenya akka dhaga’uufi nu gargaaruuf hafuurasaa akka nuu kennus waadaa nuu galeera. (Faarfannaa 65:2; Luqaas 11:13) Hunda caalaatti, cubbuufi du’a jalaa nu oolchuuf Ilmasaa isa jaallatamaa Furii godhee nuu ergeera. Jaalalli Yihowaan nutti argisiise baay’ee guddaadha!—Yohannis 3:16; Roomaa 5:8.

3. (a) Jaalala Waaqayyoo keessatti of eegnee jiraachuuf gama keenyaan maal gochuu qabna? (b) Gaaffii barbaachisaa akkamii gaafachuu qabna? Deebiisaa eessaa arganna?

3 Yihowaan jaalalasaarraa barabaraaf akka fayyadamnu barbaada. Jaalalasaa kanarraa faayidaa argachuufi dhiisuun garuu filannoo keenyarratti kan hundaa’edha. Macaafni Qulqulluun: ‘Jaalala Waaqayyoo isa gara jireenya barabaraatti isin geessu keessatti of eegaa!’ jedhee nu gorsa. (Yihudaa 21) Jechi “of eegaa” jedhu, jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf tarkaanfiin gama keenyaan fudhachuu qabnu akka jiru argisiisa. Jaalalasaa kana akka fudhannu haala qabatamaa ta’een argisiisuu nu barbaachisa. Gaaffii barbaachisaan gaafachuu qabnu, ‘Waaqayyoon akkan jaalladhu argisiisuu kanan danda’u akkamitti?’ kan jedhudha. Deebiisaa dubbii Yohannis geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreesserraa arganna: “[“Jaalalli Waaqayyoo isakana’oo abboommiisaa akka eegnu,” hiika bara 1899]; abboommonni isaa immoo ba’aa ulfaatoo miti.” (1 Yohannis 5:3) Waaqa keenya hammam akka jaallannu argisiisuuf hiika jechoota kanaa of eeggannoodhaan qoruun baay’ee barbaachisaadha.

“JAALALLI WAAQAYYOO ISAKANA’OO”

4, 5. (a) Jechi ‘jaalala Waaqayyoo’ jedhu maal argisiisa? (b) Jaalalli Yihowaaf qabdu keessa keetti guddachuu kan jalqabe akkamitti akka ta’e ibsi.

4 Yohannis waa’ee ‘jaalala Waaqayyoo’ yommuu barreessu maal yaadatti qabatee ture? Jechi kun jaalala Waaqayyo nuuf qabu utuu hin ta’in, jaalala nuti isaaf qabnu kan argisiisudha. Jaalalli Yihowaaf qabdu keessa keetti guddachuu kan jalqabe yoom akka ta’e ni yaadattaa?

Of murteessuu fi cuuphamuun, Yihowaadhaaf jaalalaan abboomamuuf tarkaanfii jalqabaa fudhachuu keenya kan argisiisu dha

5 Dhugaa waa’ee Yihowaa, kaayyoosaafi waa’ee isatti amanuu ibsu jalqabaaf yeroo itti baratterratti mee yaadi. Cubbuu dhaaltee kan dhalatteefi Waaqayyorraa kan fagaatte taatus, jireenya mudaa hin qabneefi Addaam dhabe akka argattu, akkasumas jireenya barabaraa akka dhaaltuuf qophii Yihowaan karaa Kiristos godhe hubatteetta. (Maatewos 20:28; Roomaa 5:12, 18) Yihowaan Ilmisaa inni hunda caalaa jaallatamaan akka sii du’uuf yeroo erge aarsaa guddaa akkamii akka kaffale hubatteetta. Garaankee baay’ee waan tuqameefis, Waaqa isa jaalala guddaa akkasii sitti argisiise jaallachuu jalqabde.—1 Yohannis 4:9, 10.

6. Jaalalli dhugaa akkamitti ibsama? Jaalalli Waaqayyoof qabdu maal gochuuf si kakaaseera?

6 Haata’u malee, miirri jaalalaa guddaan Yihowaaf qabdu isa jalqabaa qofadha. Jaalalli miira nutti dhaga’amu ykn jechaan qofa kan ibsamu miti. Jaalalli dhugaa Waaqayyoof qabnu, akkasumaan afaaniin “Yihowaa nan jaalladha” jedhanii dubbachuu caalaa waan dabalatu qaba. Akkuma amantaa, jaalalli dhugaas hojiidhaan mul’ifama. (Yaaqoob 2:26) Jaalalli wantoota qaama jaallatame sana gammachiisu hojjechuudhaan ibsama. Kanaaf, jaalalli Yihowaaf qabdu keessa keetti guddachaa yommuu adeemu, karaa Abbaakee isa samii gammachiisuun akka jiraattu si kakaasa. Dhugaa Baatuu cuuphamte taateettaa? Taanaan, murtoo hunda caaluufi baay’ee barbaachisaa ta’e kana gochuuf kan si kakaase amanamummaafi jaalala guddaa Yihowaaf qabdudha. Jaalalasaa raawwachuuf Yihowaaf kan of murteessite yommuu ta’u, murtookee kanas ifa gochuuf cuuphamteetta. (Roomaa 14:7, 8) Waadaa Yihowaaf galte kana raawwachuuf, wanta Yohannis armaan gaditti dubbate gochuu qabda.

“ABBOOMMIISAA AKKA EEGNU”

7. Abboommota Waaqayyoo keessaa tokko tokko kamfa’i? Isaan eeguun maalfaa dabalata?

7 Yohannis, Waaqayyoon jaallachuun: ‘Abboommiisaa eeguu’ akka ta’e ibseera. Abboommonni Waaqayyoo maalfa’i? Yihowaan karaa Macaafa Qulqulluu abboommota ifa ta’an nuu kenneera. Fakkeenyaaf, machii, ejja, waaqa tolfamaa waaqessuu, hannaafi sobni gochawwan dhowwamanidha. (1 Qorontos 5:11; 6:18; 10:14; Efesoon 4:28; Qolosaayis 3:9) Abboommota Waaqayyoo eeguun, seera Macaafa Qulqulluu kallattiidhaan ibsamee wajjin haala walsimuun jiraachuu dabalata.

8, 9. Haalawwan Macaafa Qulqulluu keessatti kallattiidhaan hin ibsamne yommuu nu mudatan, wanti Yihowaa gammachiisu maal akka ta’e beekuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya kenni.

8 Yihowaa gammachiisuuf, abboommota kallattiidhaan kennameef ajajamuu caalaa gochuu gaafata. Yihowaan seera guutummaa jireenya keenyaa to’atu baasuudhaan nu hin dhiphisu. Kanaaf, haalawwan hedduun Macaafa Qulqulluurratti kallattiidhaan hin ibsamne nu mudachuu danda’u. Yeroo akkasiitti wanti Yihowaa gammachiisu maal akka ta’e akkamitti beekuu dandeenya? Macaafni Qulqulluun yaanni Waaqayyoo maal akka ta’e ifatti dubbata. Macaafa Qulqulluu qo’achuudhaan, wanta Yihowaan jaallatuufi jibbu baranna. (Faarfannaa 97:10; Fakkeenya 6:16-19) Gochaafi ilaalchi Yihowaan bakka guddaa kennu warra kam akka ta’an hubanna. Amalaafi karaa Yihowaa caalaatti barachaa yommuu adeemnu, ilaalchisaa murtoowwaniifi tarkaanfiiwwan keenya caalaatti akka nuu qajeelchaan gochuu dandeenya. Seerri Macaafa Qulqulluu kallattiidhaan ibsame yeroo hin kennamnettis, “jaalalli [Yihowaa] maal akka ta’e” hubachuu dandeenya.—Efesoon 5:17.

9 Fakkeenyaaf, sagantaawwan fiilmiifi televijiinii gochawwan gara jabinaa ykn saalqunnamtii seeraan ala ta’e argisiisan ilaalchisee abboommiin kallattiidhaan kenname hin jiru. Ta’us, dhugumaan seerri ifaan wantoota kana ilaaluu nu dhowwu nu barbaachisaa? Ilaalcha Yihowaan wantoota kanaaf qabu beekna. Dubbiinsaa: Yihowaan “isa humnaan nama irratti ka’uu jaallatus garaa guutuudhaan in jibba” jechuudhaan ifatti dubbata. (Faarfannaa 11:5) Kana malees, “Waaqayyo warra halalee fi ejjituutti faraduuf jira” jedha. (Ibroota 13:4) Yaadawwan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman kanarratti kan yaannu yoo ta’e, jaalalli Yihowaa maal akka ta’e hubachuun ulfaataa miti. Kanaaf, wanta Waaqayyo jibbu karaa televijiinii ilaaluudhaan bashannanuu hin filannu. Bashannana biyyi lafaa akka miidhaa hin geessineefi akka laayyootti ilaalurraa fagaachuun Yihowaa akka gammachiisu beekna. *

10, 11. Yihowaaf abboomamuu kan filannu maaliifi? Kan isaaf abboomamnu akkamitti?

10 Sababii guddaan abboomii Waaqayyoo itti eegnu maalidha? Yeroo hundaa ilaalchaafi yaada Waaqayyoo isa beeknuu wajjin haala walsimuun jiraachuu kan barbaannu maaliifi? Daandii akkasii kan filanne, adaba jalaa miliquuf ykn miidhaan namoota jaalala Waaqayyoo tuffatanirra ga’u akka nurra hin geenyeef qofa miti. (Galaatiyaa 6:7) Kanaa mannaa, Yihowaaf akka abboomamnuufi carraa gaarii jaalala isaaf qabnu itti argisiisnu goonee ilaalla. Akkuma mucaan tokko abbaasaa biraatti faara tolaadhaan ilaalamuu barbaadu, nutis Yihowaa biratti akkasitti ilaalamuu barbaanna. (Faarfannaa 5:12) Abbaa keenya waan ta’eef isa jaallanna. Karaa ‘Yihowaa biratti ayyaana nuuf argamsiisuun’ jiraachuu caalaa wanti gammachuu nuu argamsiisu hin jiru.—Fakkeenya 12:2.

11 Kanaaf, isaaf kan abboomamnu fedhii tokko utuu hin qabaatin filannee ykn haalasaa ilaallee miti. * Abboommota ofii filanne qofa ykn kan nuu mijaa’u ykn rakkoo kan nurraan hin geenye filannee ajajamna miti. Kanaa mannaa, ‘garaa guutuudhaan abboomamna.’ (Roomaa 6:17) Akkuma faarfataan Macaafa Qulqulluu: “Abboommiin kee inni ani jaalladhu, garaa na ciibsa” jedhee barreesse nutti dhaga’ama. (Faarfannaa 119:47) Eeyyee, Yihowaaf abboomamuu ni jaallanna. Daangaa tokko malee guutummaatti isaaf abboomamuun kan isaaf malu akka ta’eefi kanas akka inni nurraa barbaadu ni hubanna. (Keessa Deebii 12:32) Macaafni Qulqulluun wanta Yihowaan Nohiin ilaalchisee dubbate akkuma ibsu, waa’ee keenyas akkasuma akka dubbatu barbaanna. Macaafni Qulqulluun nama amanamaa waggoota kurnan hedduuf jaalala Waaqayyoof qabu hojiidhaan argisiise ilaalchisee: “Nohi akkuma Waaqayyo isa abboometti kana hundumaa hojjetee in raawwate” jedha.—Uumama 6:22.

12. Abboomamuun keenya Yihowaa kan gammachiisu yoomi?

12 Jaalalaan yommuu isaaf abboomamnu Yihowaatti maaltu dhaga’ama? Macaafni Qulqulluun, akkas gochuun keenya ‘garaasaa akka ciibsu’ dubbata. (Fakkeenya 27:11) Dhugumaan abboomamuun keenya Gooftaa uumama cufaa ni gammachiisaa? Eeyyee isa gammachiisa! Kanaafis sababii ga’aa qaba. Yihowaan filannoo dhuunfaa gochuu akka dandeenyu godhee nu uume. Kana jechuun filachuuf mirga qabna jechuudha; Waaqayyoof ajajamuus ta’e diduu dandeenya. (Keessa Deebii 30:15, 16, 19, 20) Fedhii keenyaan Yihowaa tajaajiluu yommuu filannuufi filannoo akkasii akka goonu kan nu kakaasummoo jaalala garaa guutuudhaan Isaaf qabnu yoo ta’e, Abbaa keenya isa samii baay’ee gammachiisna. (Fakkeenya 11:20) Daandii jireenyaa hundarra caalus filanneerra.

“ABBOOMMONNI ISAA IMMOO BA’AA ULFAATOO MITI”

13, 14. “Abboommonni [Waaqayyoo] ba’aa ulfaatoo miti” jechuun kan danda’amu akkamitti? Kana fakkeenyaan ibsuun kan danda’amu akkamitti?

13 Yohannis, “Abboommonni isaa immoo ba’aa ulfaatoo miti” jechuudhaan wanta Yihowaan nurraa barbaaduufi garaa nu ciibsu nutti hima. Jechi afaan Giriikii 1 Yohannis 5:3⁠rratti “ulfaatoo” jedhu kallattiidhaan yommuu hiikamu ba’aa argisiisa. * Hiikni Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo bara 1899⁠tti maxxanfame, “Abboommiinsaas ulfaataa miti” jedha. Wanti Yihowaan nurraa barbaadu humna keenyaa ol kan ta’e ykn kan nu hacuucu miti. Abboommonnisaa humna ilmaan namootaa cubbamoo ta’anii ol miti.

14 Kanas fakkeenya kanaan ibsuu dandeenya. Hiriyaan baay’ee itti dhihaattu mana jireenyaasaa jijjiirrachuuf waan ka’eef mi’asaa feesisuudhaan akka isa gargaartu si gaafata. Saanduqoonni fe’aman baay’eedha. Isaan keessaa tokko tokko nama tokkoon baatamuu kan danda’an yommuu ta’u, warri kaan garuu waan ulfaataniif nama lamaan baatamuu qabu. Hiriyaankee saanduqa akka ati baattuuf barbaade fila. Saanduqa ati baachuu hin dandeenye akka baattu si gaafataa? Matumaa! Qofaakee baachuuf yaalii utuu gootuu akka miidhamtu hin barbaadu. Haaluma wal fakkaatuunis, Waaqni keenya inni jaalala qabeessiifi gaariin abboomii humna keenyaa ol ta’e nu hin ajaju. (Keessa Deebii 30:11-14) Matumaa ba’aa ulfaataa akkasii akka baannu nu hin gaafatu. Yihowaan ‘akka nuyi itti hojjetamne waan beekuuf, biyyoo ta’uu keenyas waan yaadatuuf’ daangaa humna keenyaa beeka.—Faarfannaa 103:14.

15. Abboommonni Yihowaa faayidaa keenyaaf akka kennaman mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu akkamitti?

15 Abboommonni Yihowaa faayidaa keenyaaf kan kennaman malee matumaa ba’aa ulfaatoo miti. (Isaayaas 48:17) Kanaaf, Museen Israa’eloota bara duriitiin akkas jedheera: “Waaqayyo egaa yeroo hundumaa gaarii akka nuuf ta’uuf, innis akkuma har’aa kana jireenyatti akka nu eeguuf, nuyi Waaqayyoon gooftaa keenya akka sodaannutti, seerrata isaa kana hundumaa eeguu nu abboome.” (Keessa Deebii 6:24) Nutis, Yihowaan seerasaa kan nuu kenne waan nuu yaaduufi faayidaa barabaraa akka argannuuf akka ta’e mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Yihowaan abboommii nu miidhu nuu kenna jennee yaaduun matumaa wanta yaadamu miti! Yihowaan Waaqa ogummaansaa qoramee bira hin ga’amnedha. (Roomaa 11:33) Kanaaf, wanta nu fayyadu beeka. Jaalalaan Yihowaa wajjin kan walgitus hin jiru. (1 Yohannis 4:8) Dubbiinsaas ta’e gochisaa hundi jaalalasaa isa hundaa caaluun geggeeffama. Abboommonnisaa hundi jaalalarratti waan hundaa’aniif wanta humnasaanii ol ta’e tajaajiltootasaarratti hin fe’u.

16. Biyyi lafaa inni manca’aafi foon keenya inni cubbamaan dhiibbaa nurraan ga’us, daandii abboomamuurra jabaannee deddeebi’uu kan dandeenyu maaliifi?

16 Kana jechuun Waaqayyoof abboomamuun salphaadha jechuu miti. Dhiibbaa ‘biyya lafaa isa harka isa hamaa jala jiruufi’ gadhiisiitti jiraaturraa nurra ga’u mormuuf qabsaa’uu qabna. (1 Yohannis 5:19) Akkasumas, foon keenya isa cubbamaafi seera Waaqayyoo akka cabsinu dhiibbaa nurraan ga’uu wajjin qabsaa’uu nu barbaachisa. (Roomaa 7:21-25) Haata’u malee, jaalalli nuti Waaqayyoof qabnu injifachuunsaa hin oolu. Yihowaan namoota jaalalasaanii isaaf abboomamuudhaan argisiisan hundaa ni eebbisa. Waaqayyo, “warra isaaf abboomamaniif” hafuurasaa ni kenna. (Hojii Ergamootaa 5:32) Hafuurri kunimmoo, amalawwan gaarii abboomamuuf nu gargaaran horachuuf nu gargaara.—Galaatiyaa 5:22, 23.

17, 18. (a) Kitaaba kana keessatti waa’ee maalii qoranna? Yeroo kanatti maal yaadachuu qabna? (b) Mataduree ittaanurratti waa’ee maalii mari’anna?

17 Kitaaba kana keessatti, seera bu’uuraa, qulqullina amalaafi wantoota jaalalli Yihowaa maal akka ta’e argisiisan hedduu ilaalla. Seera bu’uuraa Yihowaa yeroo qorru wantoota barbaachisaa ta’an tokko tokko yaadatti qabachuu nu barbaachisa. Yihowaan seeraafi seera bu’uuraasaatiif akka abboomamnu akka nu hin dirqisiisne haa yaadannu; jaalalaafi garaa guutuudhaan akka isaaf abboomamnu barbaada. Wanti Yihowaan nurraa barbaadu yeroo har’aatti eebba hedduu, gara fuulduraattimmoo, karaa jireenya barabaraa nuu argamsiisuun akka jiraannuuf ta’uusaa hin dagannu. Kanaaf, garaa guutuudhaan isaaf abboomamuun keenya, carraa jaalala guddaa Yihowaaf qabnu ittiin argisiisnu goonee haa ilaallu.

18 Wanta sirriifi dogoggora ta’e gargar baasnee hubachuu akka dandeenyutti, Yihowaan jaalalasaatiin dhageettii yaada garaa nuu kenneera. Ta’us, yaanni garaa keenyaa sirriitti akka hojjetu yoo barbaanne karaa boqonnaan ittaanu ibsuun leenjifamuu qaba.

^ key. 11 Hafuuronni hamoonillee dirqamaan abboomamu. Namootarraa akka ba’an yommuu Yesus isaan abboome, fedhiisaanii ta’uu baatus dirqamaan aboosaatiif abboomamaniiru.—Maarqos 1:27; 5:7-13.

^ key. 13 Jechi kun Maatewos 23:4⁠rrattti, Fariisonniifi Barreessitoonni seeraa seericharratti ibsa kennuufi seera namootaa akka kan Waaqayyootti barsiisuudhaan namoota gad aanoorratti “ba’aa ulfaataa” akka fe’an ibsuuf itti hojjetameera. Jechi kun Hojii Ergamootaa 20:29, 30⁠rratti akka hiika bara 1899⁠tti ‘kan hin oo’ine’ ykn oo’a kan hin qabne jedhamee kan hiikame yommuu ta’u, namoota ‘dubbii micciiramaa dubbataniifi’ gantoota warra kaan gowwoomsuu barbaadan argisiisuuf itti hojjetameera.