Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 3

Warra Waaqayyo Jaallatu Jaallachuu

Warra Waaqayyo Jaallatu Jaallachuu

“Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in ta’a.”—FAKKEENYA 13:20.

1-3. (a) Macaafni Qulqulluun dhugaa hin haalamne akkamii nutti hima? (b)  Michoota wanta gaarii akka raawwanu nu taasisan akkamitti filachuu dandeenya?

KARAA tokko tokkoon namoonni ispoonjii dhangala’aa ofitti fudhatuu wajjin wal fakkaatu. Utuu itti hin beekamin yaada, ulaagaafi amala namoota baay’ee itti dhihaatanii salphaatti fudhatu.

2 Macaafni Qulqulluun dhugaa hin haalamne kana: “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in ta’a; [“hiriyaan,” hiika bara 1899] gowwootaa garuu in bada” jechuudhaan ibsa. (Fakkeenya 13:20) Fakkeenyi kun waa’ee namoota michoota cimaa hin taanee kan dubbatu miti. Jechi “wajjin adeemuu” jedhu michooma yeroo dheeraadhaaf itti fufu kan argisiisudha. * Barreeffamni Macaafa Qulqulluurratti yaada kennu tokko caqasa kan ilaalchisee: “Nama tokkoo wajjin adeemuun jaalalliifi qunnamtii cimaan jiraachuusaa argisiisa” jedheera. Yeroo baay’ee namoota jaallannu fakkaachuu kan barbaannu ta’uunsaa dhugaa mitii? Namoota jaallannuu wajjin hariiroo cimaa waan qabaannuuf gaarii ykn gadhee akka goonu nu taasisuu danda’u.

3 Jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf, michoota wanta gaarii akka raawwannu nu taasisan barbaaduu qabna. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Namoota Waaqayyo jaallatu jaallachuufi michootasaa michoota keenya godhachuudhaan kana raawwachuu dandeenya. Mee yaadi! Amalawwan Yihowaan namoonni michootasaa ta’an akka argisiisan barbaadu qabanii ala, michoota dhugaa eessaa argachuu dandeenya? Kanaaf, Waaqayyo namoota akkamii akka jaallatu haa qorru. Ilaalcha Yihowaa akka gaariitti yaadatti qabachuudhaan michoota gaarii filachuu dandeenya.

NAMOOTA WAAQAYYO JAALLATU

4. Yihowaan namoota michootasaa ta’an filachuuf mirga qaba kan jennu maaliifi? Yihowaan Abrahaamiin “michuukoo” jedhee kan waame maaliifi?

4 Yihowaan namoota michuusaa ta’uu danda’an filata malee akkasumaan namoota hundaa michootasaa hin godhatu. Filannoo gochuuf mirga hin qabuu? Inni uumama cufarratti Olaantummaa waan qabuuf, michuusaa ta’uun mirga guddaa hunda caaludha. Haata’u malee, michootasaa akka ta’aniif namoota akkamii filata? Namoota isatti amanamaniifi guutummaatti amantaasaanii isarra kaa’atanitti dhihaata. Fakkeenyaaf, Abrahaam isa amantaa cimaa qabaachuun beekamu haa ilaallu. Nama abbaa ta’e tokkoof, ilmasaa aarsaa godhee akka dhiheessu gaafatamuu caalaa wanti itti ulfaatu hin jiru. * Haata’u malee Abrahaam, “Waaqayyo warra du’an keessaa iyyuu [isa] kaasuu akka danda’u” amantaa cimaa qabaachuudhaan, ‘Yisihaqin aarsaa godhee dhi’eesseera.’ (Ibroota 11:17-19) Amantaa cimaa akkasii waan argisiiseefi waan abboomameef, Yihowaan “michuukoo” jedhee isa waamuudhaan jaalala isaaf qabu ibseera.—Isaayaas 41:8, hiika bara 1899; Yaaqoob 2:21-23, hiika bara 1899.

5. Yihowaan namoota amanamummaadhaan isaaf ajajaman akkamitti ilaala?

5 Yihowaan amanamummaadhaan ajajamuuf bakka guddaa kenna. Namoota wanta hundumaa caalaa isaaf amanamoo ta’uuf fedhii qaban ni jaallata. (2 Saamu’el 22:26, NW) Akkuma Boqonnaa 1rratti ilaalle, Yihowaan namoota jaalalaan kaka’anii isaaf ajajamuu filatanitti ni gammada. Fakkeenyi 3:32, NW Yihowaan ‘warra yaada qajeelaa qabaniif michuu ta’a’ jedha. Namoonni amanamummaadhaan ulaagaa Waaqayyoo guutan, mirga ‘godoosaa’ keessatti keessumsiifamuu, isa waaqeffachuufi yeroo kamittiyyuu kadhannaan isatti dhihaachuu argachuu danda’u.—Faarfannaa 15:1-5.

6. Yesusiin akka jaallannu akkamitti argisiisuu dandeenya? Yihowaan namoota Ilmasaa jaallatan akkamitti ilaala?

6 Yihowaan namoota, Yesus Ilmasaa isa tokkichaafi isa angafa jaallatan ni jaallata. Yesus, “Eenyu illee yoo na jaallate dubbii koo in raawwata, abbaan koo immoo isa in jaallata; nuyis isa bira in dhufna, iddoo jireenyaas isa bira in godhanna” jedheera. (Yohannis 14:23) Yesusiin akka jaallannu akkamitti argisiisuu dandeenya? Hojii misiraachicha lallabuufi bartoota taasisuuf nutti kenname dabalatee, abboommiisaa eeguudhaan akka isa jaallannu argisiisna. (Maatewos 28:19, 20; Yohannis 14:15, 21) Cubbuu dhaallee dhalannus, hamma dandeenyu dubbiifi gocha keenyaan ‘faanasaa duukaa bu’uuf’ yaaluudhaan akka isa jaallannu argisiisuu dandeenya. (1 Phexros 2:21) Yihowaan namoota jaalala Ilmasaatiif qabaniin faana Kiristos hordofuuf carraaqanitti ni gammada.

7. Namoota michuu Yihowaa ta’anii wajjin michoomuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

7 Amalawwan Yihowaan namoota michootasaa ta’anirraa barbaadu keessaa tokko tokko amantaa, amanamummaa, ajajamuu, akkasumas Yesusiifi daandiisaa jaallachuudha. Hundi keenya gaaffiiwwan armaan gadii of gaafachuu qabna: ‘Michoonnikoo amalawwan kana qabuu? Michoota Yihowaa michootakoo godhadheeraa?’ Akkas gochuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Namoonni amalawwan Waaqayyoon gammachiisan horataniifi misiraachicha hinaaffaadhaan lallaban, murtoo Waaqayyoon gammachiisuuf goone galmaan ga’uurratti gargaarsa guddaa nuu argamsiisu.— Saanduqa “ Michuu Gaariin Kan Akkamiiti?” jedhu ilaali.

MICHUMMAA DAAWITIIFI YONAATAANIRRAA BARACHUU

8. Michooma (a) Naa’omiifi Ruut, (b) Dargaggoota Ibrootaa sadan, (c) Phaawulosiifi Ximotewos gidduu turerraa wanti garaakee xuqe maalidha?

8 Caaffanni Qulqullaa’oon fakkeenya namoota michoota gaarii filachuudhaan faayidaa argatanii hedduu qabateera. Seenaa michooma Naa’omiifi amaatiishee Ruut, dargaggoota Ibrootaa biyya Baabilon keessatti utuu gargar hin ba’in jiraatan sadan, akkasumas michooma Phaawulosiifi Ximotewos gidduu ture dubbisuu dandeessa. (Ruut 1:16; Daani’el 3:17, 18; 1 Qorontos 4:17; Filiphisiiyus 2:20-22) Haata’u malee fakkeenya baay’ee beekamaa, jechuunis michooma Daawitiifi Yonaataan gidduu turerratti haa xiyyeeffannu.

9, 10. Michooma Daawitiifi Yonaataaniif bu’uurrisaa maalidha?

9 Macaafni Qulqulluun Daawit erga Goliyaadiin ajjeesee booda, “Yonaataan ilmi Saa’ol baay’isee Daawititti in maxxane; akka lubbuu isaatiittis isa in jaallate” jedha. (1 Saamu’el 18:1) Garaagarummaan umrii gidduusaanii jiru baay’ee ta’us, michummaan karaa kanaan jalqabame hamma guyyaa Yonaataan dirree waraanaatti ajjeefametti jabaatee itti fufeera. * (2 Saamu’el 1:26) Michooma cimaa namoota kana lamaan gidduu tureef bu’uurrisaa maalidha?

10 Jaalalliifi fedhiin cimaan Daawitiifi Yonaataan hamma dhumaatti Waaqayyoof amanamoo ta’uuf qaban akkasitti walitti maxxananii akka hafan isaan taasiseera. Namoonni kun michooma akkasii akka qabaatan kan isaan gargaare fedhii Waaqayyoon gammachiisuuf qabanidha. Lamaanuu, amala akka wal jaallatan isaan taasisu qabu turan. Yonaataan ija jabinaafi hinaaffaa dargaggeessi kun maqaa Yihowaa kabachiisuuf argisiisetti garaansaa baay’ee akka tuqame hin shakkisiisu. Daawitis gamasaatiin nama umriidhaan baay’ee isa caaluufi qophii Yihowaa amanamummaadhaan deggeruudhaan fedhii dhuunfaasaa caalaa fedhii Daawitiif dursa kenne kanaaf ulfina cimaa akka qabu ifadha. Fakkeenyaaf, Daawit Saa’ol Mooticha, jechuunis abbaa Yonaataan jalaa baqatee lafa onaa keessa yeroo jooraa ture dhiphina akkamii keessa akka ture haa ilaallu. Yeroo kanatti Yonaataan amanamummaasaa eeguufi dursa fudhachuudhaan “Daawit bira dhaqee, maqaa Waaqayyootiin isa jajjabeesse.” (1 Saamu’el 23:16) Daawit, michuunsaa inni baay’ee isa jaallatu yommuu isa jajjabeessu maaltu akka itti dhaga’amu yaadi! *

11. Michooma ilaalchisee Daawitiifi Yonaataanirraa maal baratta?

11 Fakkeenya Yonaataaniifi Daawitirraa maal baranna? Wantoota namoonni michoota ta’an qabaachuu qabaniifi hunda caalaa barbaachisaa ta’e, dhimmawwan hafuuraatiif ilaalcha wal fakkaatu qabaachuudha. Namoota amantaa, amala keenya isa qulqulluu, fedhii Waaqayyoof amanamoo ta’uuf qabnu qabanii wajjin michoomuun, yaada, wanta nutti dhaga’amuufi muuxannoo walitti himuudhaan wal jajjabeessuu dandeenya. (Roomaa 1:11, 12) Michoota wantoota hafuuraatiif fedhii akkasii qaban namoota hidhata amantaa keenya ta’an gidduudhaa argachuu dandeenya. Kana jechuun, namoonni walga’ii Galma Mootummaatti godhamurratti argaman hundi michoota gaarii nuu ta’u jechuudhaa? Ta’uu dhiisuu danda’a.

MICHOOTA CAALAATTI ITTI DHIHAANNU AKKAMITTI FILANNA?

12, 13. (a) Kiristiyaanota hidhata amantaa keenya keessaallee michoota yommuu filannu of eeggannoon kan barbaachisu maaliifi? (b) Rakkoon gumiiwwan jaarraa tokkoffaa mudate maal ture? Kunoo Phaawulos akeekkachiisa akkamii akka kennu isa kakaaseera?

12 Gumii keessaas namni nuti michuu godhachuu barbaannu, nama hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnu akka guddifannu nu gargaaruu danda’u ta’uu qaba. Kun nu dinqisiisuu qabaa? Gonkumaa. Akkuma firiin muka tokkorratti argamu hundi irgaan takkaa hin bishaanne, Kiristiyaanonni gumii keessatti argaman tokko tokkos, karaa hafuura ga’eessota ta’uuf yeroo dheeraa isaanitti fudhachuu danda’a. Kanaaf, gumiiwwan hundaa keessatti karaa hafuuraa namoota sadarkaa guddinaa addaddaarra jiran argina. (Ibroota 5:12–6:3) Dhugaadha, namoota haaraafi karaa hafuuraa dadhaban gargaaruu waan barbaannuuf jaalalaafi obsa isaanitti argisiisuu qabna.—Roomaa 14:1; 15:1.

13 Al tokko tokko namoota gumii keessaa michoota godhachuu barbaannu ilaalchisee of eeggannoon barbaachisaa ta’uu danda’a. Warri tokko tokko amalawwan hin taane argisiisuu danda’u. Kaanimmoo, namoota kan hadheessaniifi kan guunguman ta’uu danda’u. Gumiiwwan jaarraa tokkoffaatti turan rakkoon akkasii mudatee ture. Miseensonni gumii garri caalaan amanamoo ta’aniyyuu, kaan garuu daandii sirrii hin taanerra deddeebi’u turan. Gumii Qorontos keessa namoonni barsiisa Kiristiyaanummaa tokko tokko hin fudhanne waan turaniif, Phaawulos gumicha: “Hin gowwoominaa! Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa” jechuudhaan akeekkachiiseera. (1 Qorontos 15:12, 33) Phaawulos Kiristiyaanota keessaallee namoonni amanamummaadhaan hin deddeebine jiraachuu akka danda’an Ximotewosiin akeekkachiiseera. Ximotewos namoota akkasiirraa akka fagaatuufi michootasaa akka hin godhanne isa gorseera.—2 Ximotewos 2:20-22.

14. Michooma ilaalchisee, seera bu’uuraa akeekkachiisa Phaawulos kenne duuba jiru hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Seera bu’uuraa akeekkachiisa Phaawulos kenne duuba jiru hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? Gumii keessaas ta’e alaa namoota dhiibbaa gadhee nurraan ga’an hundaa wajjin michooma uumuurraa fagaachuudhaan kana hojiirra oolchuu dandeenya. (2 Tasaloniiqee 3:6, 7, 14) Wantoota hariiroo Yihowaa wajjin qabnu mancaasuu danda’anirraa of eeguu qabna. Ilaalchaafi amala michuu baay’ee itti dhihaannuu akka ispoonjiitti akka ofitti fudhannu yaadadhu. Ispoonjii wanta dhangaggaa’aa keessa cuuphne, bishaan fudhatee ba’a jennee eeguu hin dandeenyu; haaluma wal fakkaatuunis, namoota wanta hin taane akka raawwannu nu taasisan michuu godhannee amala gaarii qabaanna jennee eeguu hin dandeenyu.—1 Qorontos 5:6.

Namoota hidhata amantaa keenya ta‵an keessaa michoota gaarii argachuu dandeessa

15. Gumii keessaa namoota ilaalcha hafuura qaban argachuuf maal gochuu dandeessa?

15 Carraan namoota hidhata amantaa keenya gidduudhaa michoota gaarii argachuuf qabnu bal’aa ta’uunsaa nama gammachiisa. (Faarfannaa 133:1) Gumii keessaa michoota ilaalcha hafuuraa qaban akkamitti argachuu dandeessa? Amalawwan Waaqayyo biratti fudhatama siif argamsiisan yommuu horattu, qalbii namoota Waaqayyoon gammachiisuuf carraaqqii wal fakkaatu godhanii hawwachuunkee hin oolu. Atis gama keetiin michoota haaraa horachuuf dursitee tarkaanfii fudhachuu si barbaachisa ta’a. (Saanduqa “ Michoota Gaarii Horachuu Kan Dandeenyu Akkamiiti?” jedhu ilaali.) Namoota amalawwan ati argisiisuu barbaaddu qaban barbaadi. Sanyii, qomoo ykn aadaadhaan utuu hin daangeffamin namoota hidhata amantaakee ta’an hundaa wajjin michooma uumuudhaan gorsa Macaafni Qulqulluun, ‘garaa bal’adhaa’ jechuudhaan kennu hojiirra oolchi. (2 Qorontos 6:13; 1 Phexros 2:17) Michoomakee namoota umriidhaan wal gittuu wajjin qofa hin daangessin. Yonaataan umriidhaan Daawitiin baay’ee akka caalu yaadadhu. Namoonni umrii dheeraa qaban hedduun muuxannoofi ogummaa yeroo dheeraadhaan argataniin michooma keenya cimsuu danda’u.

RAKKOOWWAN YOMMUU UUMAMAN

16, 17. Namni hidhata amantaa keenya karaa tokkoon yoo nu miidhe gumiirraa fagaachuu kan hin qabne maaliifi?

16 Namoonni amalaafi akkaataa guddinaa garagaraa qaban baay’inaan gumii keessatti waan argamaniif, yeroo gara yerootti rakkoowwan uumamuu danda’u. Namni hidhata amantaa keenya ta’e wanta nu miidhu dubbachuu ykn gochuu danda’a. (Fakkeenya 12:18) Yeroo tokko tokko wanti rakkoon akka uumamu godhu garaagarummaa amalaa, wal hubachuu dadhabuu ykn ilaalcha addaddaa qabaachuu ta’uu danda’a. Rakkoowwan kanatti gufannee gumii dhiifnaa? Yihowaafi namoota inni jaallatuuf jaalala cimaa yoo qabaanne gumiirra hin fagaannu.

17 Yihowaan Uumaa keenyaafi jireenya kan nuu kenne waan ta’eef, jaalala keenya isa garaa guutuu argachuutu isaaf mala. (Mul’ata 4:11) Gumii inni itti fayyadamaa jirus amanamummaadhaan akka deggerru barbaada. (Ibroota 13:17) Kanaaf, namni hidhata amantaa keenya karaa tokkoon yoo nu miidhe ykn yoo nu gaddisiise kanatti akka hin gammanne argisiisuuf gumiirra hin fagaannu. Matumaa gumiirraa fagaachuu hin qabnu! Kan nu mufachiise Yihowaa miti. Jaalalli nuti Yihowaaf qabnu matumaa isarraas ta’e sabasaarraa akka fagaannu nu hin taasisu!—Faarfannaa 119:165.

18. (a) Gumii keessatti nagaan akka dagaagu gochuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Sababii ga’aan dhiifama gochuuf nu dandeessisu jiraatee dhiifama gochuu filachuun eebba akkamii nuu argamsiisa?

18 Jaalalli namoota hidhata amantaa keenyaaf qabnu, nagaan gumii keessatti akka dagaagu gochuuf nu kakaasa. Yihowaan namoonni inni jaallatu mudaa hin qaban jedhee waan hin eegneef, nutis namoonni kun mudaa hin qaban jennee eeguu hin qabnu. Jaalalli, hundi keenya cubbamoo akka taaneefi dogoggora akka raawwannu hubachuudhaan dogoggora xixinnoo tuffannee akka irra darbinu nu kakaasa. (Fakkeenya 17:9; 1 Phexros 4:8) Jaalalli akkasumaan ‘waliif dhiisuu’ keenya akka itti fufnu nu gargaara. (Qolosaayis 3:13) Yeroo baay’ee gorsa kana hojiirra oolchuun salphaa miti. Yaanni sirrii hin taane akkasii akka nu to’atu yoo heyyamne, dallansuun keenya nama nu mufachiise sana waan adabu nutti fakkaatee mufannaa keenyatti akka itti fufnu nu gochuu danda’a. Dhugaa dubbachuuf taanaan garuu, haaloo qabannee turuun keenya numaan miidha. Sababii ga’aa dhiifama gochuu nu dandeessisu qabaannee dhiifama gochuu yoo filanne eebba guddaa arganna. (Luqaas 17:3, 4) Sammuunfi keessi keenya nagaa argata; nagaa gumichaa cimsa; hunda caalaattimmoo hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nuu jabeessa.—Maatewos 6:14, 15; Roomaa 14:19.

MICHOOMNI GARGAR CITUU KAN QABU YOOMI?

19. Michooma nama tokkoo wajjin qabnu akka gargar kunnu haalli nu dirqisiisu akkamii uumamuu danda’a?

19 Michooma nama miseensa gumii ta’e tokkoo wajjin qabnu gargar kutuuf yeroon itti dirqamnu jira. Namni seera Waaqayyoo cabse tokko qalbii geddarachuu diduudhaan yeroo gumii keessaa baafamu ykn barumsa sobaa barsiisuudhaan amantaa yommuu ganu ykn yeroo inni gumiirra of qoodu michooma keenya gargar kutuuf dirqamna. Macaafni Qulqulluun nama akkasii wajjin “walitti hin hidhatinaa!” jechuun ifatti dubbata. * (1 Qorontos 5:11-13; 2 Yohannis 9-11) Dhugaadha, michuu ykn fira keenyarraa fagaachuun baay’ee ulfaataa ta’uu danda’a. Wanta hunda caalaa Yihowaafi seerasaa warra qajeelummaarratti hundaa’aniif amanamoo ta’uudhaan ejjennoo cimaa fudhannaa? Yihowaan amanamummaafi abboomamuuf bakka guddaa akka kennu yaadadhu.

20, 21. (a) Gumii keessaa baasuun, qophii jaalalarratti hundaa’edha kan jennu maaliifi? (b) Michoota keenya of eeggannoon filachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

20 Qophiin gumii keessaa baasuuf godhame qophii jaalalaa Yihowaan godhedha. Akkamitti? Nama qalbii geddarachuu dide gumii keessaa baasuun, maqaa Yihowaa isa qulqulluu, ulaagaa inni qajeelummaaf baaseefi jaalala Isaaf qabaachuu keenya argisiisa. (1 Phexros 1:15, 16) Gumii keessaa baasuun nagaan gumichaa akka eegamu godha. Miseensota gumii amanamoos dhiibbaa namoota ta’e jedhanii cubbuu hojjetanirraa eega; gumichi biyya lafaa isa hamaa kanarraa eegumsa argachuudhaan da’oo sodaa tokko malee waaqeffannaasaanii keessatti geggeeffatan isaaniif ta’a. (1 Qorontos 5:7; Ibroota 12:15, 16) Adabni cimaan akkasii namni kun kan jaallatamu ta’uusaa argisiisa. Ilaalchasaa jijjiiruu akka qabu akka hubatuufi gara Yihowaatti deebi’uuf tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatu kan isa taasisu adaba cimaa akkasii ta’uu danda’a.—Ibroota 12:11.

21 Michoonni baay’ee itti dhihaannu gaarii ykn hamaa gochuuf dhiibbaa akka nurraan ga’an haaluu hin dandeenyu. Kanaaf, michoota keenya of eeggannoon filachuun baay’ee barbaachisaadha. Michoota Yihowaa michoomfachuufi namoota inni jaallatu jaallachuudhaan, michoota gaarii giddu jiraachuu dandeenya. Wanti isaanirraa argannu, murtoo Yihowaa gammachiisuuf goone eegnee jiraachuuf nu gargaara.

^ key. 2 Jechi afaan Ibrootaa “hiriyaa” jedhame, “michoomuu” ykn “firoomuu” jedhamees hiikameera.—Abboota Firdii 14:20, hiika bara 1899; Fakkeenya 22:24.

^ key. 4 Abrahaam ilmasaa aarsaa akka godhu yommuu isa gaafatu, Yihowaan Ilmasaa isa tokkicha kennuudhaan aarsaa akkamii akka kaffalu argisiiseera. (Yohannis 3:16) Haala Abrahaamii wajjin wal qabateen garuu, Yihowaan gidduu seenee hoolaa bakka Yisihaq aarsaa ta’u qopheesseera.—Uumama 22:1, 2, 9-13.

^ key. 9 Daawit yommuu Goliyaadiin ajjeese “ijoollee” kan ture yommuu ta’u, yeroo Yonaataan du’etti garuu umriinsaa naannoo waggaa 30 ture. (1 Saamu’el 17:33; 31:2; 2 Saamu’el 5:4) Yonaataan gara waggaa 60⁠tti kan du’e si’a ta’u, Daawitiin naannoo waggaa 30 caala ture.

^ key. 10 Akka 1 Saamu’el 23:17⁠rratti argamutti, Yonaataan Daawitiin jajjabeessuuf wantoota shan dubbateera: (1) Carraaqqiin Saa’ol godhu akka isaaf hin milkoofne mirkaneesseef. (2) Waaqayyo akkuma Daawitiif waadaa galetti mootii ta’uunsaa akka hin oolle isa yaadachiise. (3) Amanamummaa Daawitiif qabu mirkaneesseef. (4) Saa’olumtiyyuu inni Daawitiif amanamaa ta’uusaa akka beeku ibseef. (5) Daawit akka hin sodaanne isa gorse.

^ key. 19 Namoota gumii keessaa baafamaniifi of qoodan ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, Kutaa Dabalataa, fuula 207-9⁠rra jiru ilaali.