Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 6

Bashannana Gaarii Filachuun Kan Danda’amu Akkamitti?

Bashannana Gaarii Filachuun Kan Danda’amu Akkamitti?

“Waanuma hojjettan hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjedhaa!”—1 QORONTOS 10:31.

1, 2. Gama bashannanaatiin filannoo akkamii gochuu nu barbaachisa?

FUDURAA mi’aawaa ta’e tokko nyaachuuf jetta haa jennu; garuu gartokkoonsaa tortoraa akka ta’e argita. Yeroo kanatti maal goota? Isa tortore dabalatee guutummaasaa nyaachuu ykn akkuma jirutti gatuu ykn gara tortore irraa murtee gatuudhaan isa fayyaa qofa nyaachuu dandeessa. Kam filatta?

2 Gama tokkoon bashannannis fuduraa kanaa wajjin yeroo itti wal fakkaatu jira. Al tokko tokko bashannanuun si barbaachisa ta’a; ta’us, bashannanni yeroo har’aatti argamu hedduun akkuma fuduraa gartokkoonsaa tortoraa ta’e sanaa kan manca’aanidha. Yeroo kanatti maal goota? Namoonni tokko tokko bashannana biyyi lafaa dhiheessu hundumaa ni fudhatu. Kaanis, bashannana miidhaa isaanirraan geessisurraa fagaachuuf jecha bashannana hundarraa fagaatu ta’a. Warri kaanimmoo, bashannana gadhee ta’anirraa fagaatanis bashannana amma tokko gaarii ta’anitti darbee darbee ni bashannanu ta’a. Jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf filannoo akkamii gochuu qabda?

3. Amma waa’ee maalii ilaalla?

3 Baay’een keenya isa sadaffaa filachuu barbaanna. Al tokko tokko bashannanni barbaachisaa ta’uusaa hubannus, bashannana gaarii qofa filachuu barbaanna. Kanaaf, bashannana gaarii ta’eefi hin taane beekuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e qoruu nu barbaachisa. Jalqaba garuu, bashannanni filannu waaqeffannaa Yihowaaf dhiheessinurratti dhiibbaa maalii geessisuu akka danda’u haa ilaallu.

“WAANUMA HOJJETTAN HUNDUMAA ULFINA WAAQAYYOOF HOJJEDHAA!”

4. Of murteessuun keenya filannoo bashannanaaf goonurratti dhiibbaa akkamii geessisuu qaba?

4 Dhugaa Baatuun umrii dheeraa qabaniifi bara 1946⁠tti cuuphaman waggoota muraasa dura, “Haasawaa cuuphaa hundaarratti argamuukoorrayyuu, akkuman ofii cuuphamutti xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadha” jedhanii turan. Maaliif? “Yeroo hundaa Yihowaaf akkan of murteesse yaadachuunkoo tarkaanfii barbaachisaa amanamummaakoo eegee jiraachuuf na gargaaredha” jechuun ibsaniiru. Ilaalchasaanii kanaa wajjin akka walii galtu beekamaadha. Waadaa jireenyakee guutuu Yihowaa tajaajiluuf galte of yaadachiisuunkee jabaattee dhaabachuuf si kakaasa. (Lallaba 5:4; Ibroota 10:7) Waadaa galterratti xiinxaluunkee ilaalcha tajaajilaaf qabdurratti qofa utuu hin ta’in, bashannana dabalatee wantoota jireenyakee keessatti raawwattu hundaa kan tuqudha. Phaawulos Kiristiyaanota barasaatti turan haqa kana jabeessee hubachiisuuf, “Yoo nyaattan yookiis yoo dhugdan yookiis waanuma hojjettan hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjedhaa!” jedhee barreesseera.—1 Qorontos 10:31.

5. Lewwoonni 22:18-20 akeekkachiisa karaa kallattii hin taaneen Roomaa 12:1⁠rratti ibsame hubachuuf kan nu gargaaruu akkamitti?

5 Wanti jireenyakee keessatti raawwattu hundi waaqeffannaa Yihowaa wajjin kan wal qabatedha. Phaawulos xalayaa namoota hidhata amantiisaa Roomaatti argamaniif barreesserratti dhugaa kana hubachiisuuf jecha cimaadhaan gargaarameera. “Namummaan keessan qulqullaa’aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta’utti, aarsaa jiraatu gootanii akka isa dhi’eessitan isin nan gorsa; akkasittis hafuuraan Waaqayyoof in sagaddu” jedheera. (Roomaa 12:1) Namummaankee, yaada, garaafi humnakee kan dabalatudha. Kun hundi wantoota Waaqayyoon tajaajiluuf itti fayyadamtudha. (Maarqos 12:30) Phaawulos tajaajilli garaa guutuu akkasii aarsaa akka ta’e dubbateera. Jechi “aarsaa” jedhu karaa kallattii hin taaneen yaada akeekkachiisa qabu kan dabarsudha. Seera Musee keessatti aarsaan mudaa qabu Waaqayyo duratti fudhatama hin qabu ture. (Lewwoota 22:18-20) Haaluma wal fakkaatuunis, tajaajilli Kiristiyaanni tokko Waaqayyoof dhiheessu karaa ta’e tokkoon mudaa qabaannaan Isa duratti fudhatama hin argatu. Kun akkamiitti ta’a?

6, 7. Kiristiyaanni tokko dhagnasaa xureessuu kan danda’u akkamitti? Kunoo rakkina akkamii geessisa?

6 Phaawulos Kiristiyaanota Roomaatiin, “Bu’aa dhagna keessanii . . . harka cubbuu jala hin galchinaa!,” akkasumas ‘hojii namummaa keessan isa foonii ajjeesaa’ jedhee isaan gorseera. (Roomaa 6:12-14; 8:13) Wantoota ‘hojii namummaa foonii’ kanaaf fakkeenya ta’an tokko tokko dursee xalasaarratti isaaniif ibseera. Ilmaan namootaa cubbamoo ilaalchisee, “Afaan isaanii abaarsaa[n] . . . guutuu dha; miilli isaanii dhiiga dhangalaasuutti ariifataa dha.” “Waaqayyoon sodaachuun [“ijasaanii duranjiru,” hiika bara 1899]. (Roomaa 3:13-18) Kiristiyaanni tokko “bu’aa” dhagnasaa ykn kutaa qaamasaa tokko, cubbuu akkasiitiif yoo itti fayyadame dhagnasaa xureessuu danda’a. Fakkeenyaaf, yeroo har’aatti Kiristiyaanni tokko ta’e jedhee fakkii fedhii saalqunnamtii kakaasu ykn fiilmii gocha gara jabinaa argisiisu yoo ilaale, ijasaa ‘harka cubbuu jala galchuu’ waan ta’uuf, guutummaa dhagnasaa xureessa. Waaqeffannaan inni dhiheessu kamiyyuu, aarsaa qulqulluu waan hin taaneef, Waaqayyo duratti fudhatama hin qabu. (Keessa Deebii 15:21; 1 Phexros 1:14-16; 2 Phexros 3:11) Bashannana gadhee filachuunsaa rakkina guddaa akkasiitiif isa saaxila!

7 Filannoon Kiristiyaanni tokko bashannana ilaalchisee godhu rakkina guddaaf akka isa saaxilu beekamaadha. Kanaaf, bashannana waaqeffannaa Yihowaaf dhiheessinu jabeessu malee nu jalaa xureessu filachuu akka hin barbaanne beekamaadha. Ammammoo, bashannana gaarii ta’efi hin taane akkamitti adda baasnee beekuu akka dandeenyu haa ilaallu.

“WAAN HAMAA JIBBAA”

8, 9. (a) Bashannanni bakka gurguddaa lama akkamiitti ramadama? (b) Bashannana akkamiirraa fagaachuu qabna? Maaliif?

8 Walumaa galatti bashannanni bakka gurguddaa lamatti hiramuu danda’a. Inni tokko Kiristiyaanonni guutummaatti irraa fagaachuu kan qaban si’a ta’u, inni kaanimmoo Kiristiyaanota biratti fudhatamuu ykn dhiisuu danda’a. Kutaa jalqabaa Kiristiyaanonni guutummaatti irraa fagaachuu qabanirraa haa jalqabnu.

9 Akkuma Boqonnaa 1rratti ilaalle, bashannanni tokko tokko gochawwan Macaafa Qulqulluurratti ifatti dhowwaman irratti raawwatamanidha. Fakkeenyaaf, Weeb saayitii, fiilmii, sagantaa televijiiniifi muuziqaa gocha gara jabinaa, hojii hafuurota xuraa’oo argisiisan, fakkii fedhii saalqunnamtii kakaasaniifi gocha addaggummaa babal’isan mee yaadi. Bashannanni akkasii kun gochawwan gadhee seeraafi seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu cabsan gaarii fakkeessanii waan dhiheessaniif, Kiristiyaanonni dhugaa irraa fagaachuu qabu. (Hojii Ergamootaa 15:28, 29; 1 Qorontos 6:9, 10; Mul’ata 21:8) Yeroo hundaa bashannana gadhee akkasiirraa fagaachuudhaan, ‘wanta hamaa kan jibbuutuufi’ ‘wanta hamaattii kan fagaattu’ ta’uukee Yihowaaf mirkaneessita. Karaa kanaanis, “amantii gowwoomsaa hin qabne” akka qabdu argisiista.—Roomaa 12:9; Faarfannaa 34:14; 1 Ximotewos 1:5.

10. Bashannana ilaalchisee balaa kan geessisu sababii akkamii dhiheessuudha? Maaliif?

10 Namoonni tokko tokko bashannanni ifatti gocha addaggummaa argisiisu miidhaa hin geessisu jedhanii yaadu ta’a. ‘Wantoota kana fiilmii ykn televijiiniin ilaalus matumaa gocha akkasii hin raawwadhu’ jedhanii sababii dhiheessu. Sababiin akkasii kan nama gowwoomsuufi balaa kan geessisudha. (Ermiyaas 17:9) Gocha Yihowaan dhowwuun bashannanaa dhuguma ‘waan hamaa jibbineerra’ jechuu dandeenyaa? Wanta gadhee irra deddeebinee ilaaluu, dubbisuufi dhaggeeffachuun miira keenya hadoochuu danda’a. (Faarfannaa 119:70; 1 Ximotewos 4:1, 2) Amalli akkasii, gocha keenyarrattis ta’e ilaalcha cubbuu warri kaan raawwataniif qabnurratti dhiibbaa geessisa.

11. Bashannana ilaalchisee, Galaatiyaan 6:7 dhugaa ta’uunsaa kan mirkanaa’u akkamitti?

11 Wanti kun dhugumaan kan ga’edha. Kiristiyaanonni tokko tokko irra deddeebi’anii bashannana gadheerratti hirmaachuusaaniitiin gocha addaggummaa raawwataniiru. Jechi, “Namni immoo waanuma facaase in galfata” jedhu dhugaa ta’uusaa wanta isaanirra ga’erraa barataniiru. (Galaatiyaa 6:7) Ta’us, haalli gaddisiisaan akkasii akka hin uumamne gochuun ni danda’ama. Wanta qulqulluu of eeggannoon sammuukee keessatti yoo facaaste, wanta qulqulluufi si gammachiisu qofa galfatta.—Saanduqa “ Bashannana Akkamiin Filachuu Qaba?” jedhu ilaali.

MURTOOWWAN DHUUNFAA SEERA BU’UURAA MACAAFA QULQULLUURRATTI HUNDAA’AN

12. Galaatiyaan 6:5 bashannanaa wajjin kan wal qabatu akkamitti? Murtoo dhuunfaa gochuuf qajeelfama akkamii qabna?

12 Ammammoo, waa’ee kutaa bashannana lammaffaa, Macaafa Qulqulluurratti gaarii ykn gadhee ta’uunsaanii kallattiidhaan hin ibsamne haa ilaallu. Kiristiyaanonni hundi bashannana akkasii yommuu filatan murtoo dhuunfaa gochuu qabu. (Galaatiyaa 6:5) Haata’u malee, filannoo akkasii yommuu goonuttis qajeelfamni nuu kennameera. Macaafni Qulqulluun seera bu’uuraafi dhugaa bu’uuraa ilaalcha Yihowaa hubachuuf nu gargaaran qabateera. Seera bu’uuraa kana xiyyeeffannaan hordofuudhaan karaa hundaa, filannoo bashannanaa keenya dabalatee “jaalalli [Yihowaa] maal akka ta’e” hubachuu dandeenya.—Efesoon 5:17.

13. Bashannana Yihowaa gaddisiisurraa fagaachuuf maaltu nu kakaasa?

13 Kiristiyaanonni hundi amala gaarii qabaachuu ilaalchisee beekumsi ykn hubannaansaanii qixxee akka hin guddanne beekamaadha. (Filiphisiiyus 1:9) Kana malees, Kiristiyaanonni bashannana ilaalchisee filannoon namoota hundaa tokko akka hin taane ni hubatu. Kanaaf, Kiristiyaanonni hundi murtoo wal fakkaatu godhu jedhanii eeguun hin danda’amu. Ta’us, seerri bu’urraa Waaqayyoo sammuufi garaa keenya akka to’atu yoo heyyamne, bashannana Yihowaa gaddisiisu kamirraayyuu fagaachuuf fedhii guddaa qabaanna.—Faarfannaa 119:11, 129; 1 Phexros 2:16.

14. (a) Bashannana yommuu filannu wantoota akkamii tilmaama keessa galchuu qabna? (b) Jireenya keenya keessatti fedhii Mootummichaaf dursa kennuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Bashannana yommuu filattu wanti barbaachisaan tilmaama keessa galchuu qabdu garabiraan jira; innis yeroo keeti. Bashannanichi fudhatama qabaatus, yeroon ati bashannanaaf ramaddu wanta akkamiitiif bakka guddaa akka kennitu kan argisiisudha. Kiristiyaanotaaf dhimmi hafuuraa caalaa barbaachisaa akka ta’e beekamaadha. (Maatewos 6:33) Kanaaf, jireenyakee keessatti wanti bakka guddaa qabu fedhii Mootummichaa ta’uusaa mirkaneessuuf maal gochuu dandeessa? Phaawulos akkas jedheera, “Attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta’iniitti hin jiraatinaa! . . . yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!” (Efesoon 5:15, 16) Dhugumayyuu, bashannanaaf yeroo murtaa’e ramaduunkee “waan wayyu,” jechuunis sochiiwwan hafuuraa guddifachuuf yeroo ga’aa argachuuf si gargaara.—Filiphisiiyus 1:10.

15. Bashannana yommuu filannu of eeggannoo gochuun baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

15 Kana malees, bashannana yommuu filannu of eeggannoo gochuun baay’ee barbaachisaadha. Kana jechuun maal jechuudha? Fakkeenya fudurichaa irra deebinee haa ilaallu. Utuu sitti hin beekamin fuduraa kutaa isa tortore akka hin nyaanneef, bakka tortore sana qofa utuu hin ta’in, kutaa naannoo fuduraa tortore sanatti argamu isa fayyaa itti dabaltee murtee gatta. Bashannana yommuu filattus of eeggannoo gochuunkee baay’ee barbaachisaadha. Kiristiyaanni ogeessi tokko bashannana kallattiin seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu cabsu qofa utuu hin ta’in, bashannana shakkisiisaa ykn hariiroofi ejjennoo Yihowaa wajjin qabu jalaa mancaasurraa fagaata. (Fakkeenya 4:25-27) Gorsa Macaafa Qulqulluu keessa jiru cimsitee hordofuunkee bashannana akkasiirraa fagaachuuf si gargaara.

“WAANUMA QULQULLUU TA’E” HUNDUMAA

Yeroo bashannana filannutti qajeelfama waaqayyoo hojii irra oolchuun miidhaa hafuuraa irraa nu eega

16. (a) Dhimmoota amalaa wajjin walitti dhufeenya qaban ilaalchisee, ilaalcha Yihowaa akka qabnu akkamitti argisiisna? (b) Jireenyakee keessatti seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuu kan dandeessu akkamitti?

16 Kiristiyaanonni dhugaa bashannana yommuu filatan ilaalcha Yihowaatiif dursa kennu. Macaafni Qulqulluun miiraafi ejjennoo Yihowaan qulqullinaaf qabu nuu ibsa. Fakkeenyaaf, Solomoon Mootichi, Yihowaan, “arraba sobu, harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu, garaa akeeka hamaa yaadee qopheessu, miilla waan hamaa gochuuf ariifatee fiigu” akka jibbu barreesseera. (Fakkeenya 6:16-19) Ilaalchi Yihowaa ilaalcha keerratti dhiibbaa geessisuu kan qabu akkamitti? Faarfatichi, “warri Waaqayyoon jaallattan wanta hamaa jibbaa!” jedhee gorseera. (Faarfannaa 97:10) Filannoon gama bashannanaatiin gootu, wanta Yihowaan jibbu akka jibbitu kan argisiisu ta’uu qaba. (Galaatiyaa 5:19-21) Wanta ati dhuunfaatti hojjettu, mul’inatti isa hojjettu caalaa eenyummaakee isa dhugaa kan argisiisu ta’uusaas hin dagatin. (Faarfannaa 11:4; 16:8) Kanaaf, guutummaa jireenya keetti ilaalcha Yihowaan amalaaf qabu garaakeetii calaqqisuu yoo barbaadde, yeroo hundaa filannoo seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu wajjin walsimu goota. Kana gochuunkee jireenyikees kanarratti kan hundaa’e akka ta’u godha.—2 Qorontos 3:18.

17. Bashannana filachuu keenya dura gaaffiiwwan kam of gaafachuu qabna?

17 Bashannana yeroo filattu filannoo ilaalcha Yihowaa wajjin walsimu gochuukee mirkanaa’aa ta’uuf dabalataan maal gochuu dandeessa? Wanti kun ‘Anaafi hariiroo ani Waaqayyoo wajjin qabu kan tuqu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Fakkeenyaaf, fiilmii tokko ilaaluuf murteessuukee dura qabiyyeen fiilmii kanaa yaada garaa koorratti dhiibbaa kan geessisu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Gama kanaan seerri bu’uuraa hojiirra ooluu danda’u kam akka ta’e haa ilaallu.

18, 19. (a) Seerri bu’uuraa Filiphisiiyus 4:8⁠rra jiru bashannanni tokko gaarii ta’uufi dhiisuusaa murteessuuf kan nu gargaaru akkamitti? (b) Seera bu’uuraa bashannana gaarii akka filattu si gargaaran garabiraan kamfa’i? (Miiljalee ilaali.)

18 Seerri bu’uuraa barbaachisaa ta’e tokko Filiphisiiyus 4:8⁠rratti argama: “Waa’ee waanuma dhugaa ta’ee, waanuma ulfina qabuu, waanuma qajeelaatti lakkaa’amuu, waanuma qulqulluu ta’ee, waanuma jaallatamaa, waanuma gurratti toluu, waanuma gaarii ta’ee, waanuma galata qabuu yaadaa!” Phaawulos kan dubbachaa jiru wanti garaa keenyatti yaannu Yihowaa kan gammachiisu ta’uu akka qabu malee, waa’ee bashannanaa akka hin taane beekamaadha. (Faarfannaa 19:14) Ta’us, jechoonni Phaawulos seera bu’uuraa ta’an bashannanarrattis ni hojjetu. Akkamitti?

19 Akkas jedhii of gaafadhu, ‘Fiilmii, viidiyoo, muuziqaa ykn bashannanni garabiraan sammuunkoo “waanuma qulqulluu ta’e” hundaan akka guutamu kan godhudhaa? Fakkeenyaaf, fiilmii tokko erga ilaaltee booda fakkiin gara sammuukeetti deddeebi’ee dhufu maalidha? Kan nama gammachiisu, qulqulluu, kan nama jajjabeessu yoo ta’e, bashannanichi gaarii akka ta’e beekta. Haata’u malee, fiilmiin ilaalte wantoota qulqulluu hin taanee akka yaaddu kan si taasisu yoo ta’e, bashannanichi qulqulluu kan hin taane ta’uusaarrayyuu, miidhaa kan geessisu ture jechuudha. (Maatewos 12:33; Maarqos 7:20-23) Maaliif? Sababiinsaas, wanta qulqulluu hin taane yaaduunkee naga si dhabsiisa; yaada garaakee isa Macaafa Qulqulluun leenjifame si jalaa miidhuufi hariiroo Waaqayyoo wajjin qabdu si jalaa balleessuu danda’a. (Efesoon 5:5; 1 Ximotewos 1:5, 19) Bashannanni akkasii waan si miidhuuf irraa fagaachuuf murtoo godhi. * (Roomaa 12:2) Akkuma Faarfatichaa atis, “Ija koo wanta waa’ee hin baafne ilaaluu irraa jal’isi” jedhii Yihowaa kadhadhu.—Faarfannaa 119:37.

FEDHII NAMOOTA KAANIIF DURSA KENNI

20, 21. Qorontos Inni Duraa 10:23, 24 bashannana gaarii filachuu wajjin walitti dhufeenya maalii qaba?

20 Phaawulos dhimmawwan dhuunfaarratti murtoo yeroo goonu seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu barbaachisoo tilmaama keessa galchuu qabnu caqaseera. Akkas jedheera: “‘Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu!’ garuu wanti hundinuu ijaarsaaf hin ta’u. Namni waan isatti tolu utuu hin ta’in, waan nama kan biraatti tolu haa barbaadu!” (1 Qorontos 10:23, 24) Seerri bu’uuraa kun bashannana gaarii filachuu wajjin walitti dhufeenya maalii qaba? ‘Bashannanni ani filadhu warra kaan kan tuqu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu.

21 Yaanni garaakee bashannana “dhowwaa hin qabu” jettee yaadu tokko tokkorratti akka hirmaattu sii heyyama ta’a. Ta’us, obboloonni bashannana akkasiirratti akka hin hirmaanneef yaanni garaasaanii akka isaaniif hin heyyamne yoo hubatte, irratti hirmaachuu dhiisuuf murteessita ta’a. Maaliif? Akkuma Phaawulos ibse namoonni hidhata amantiikee ta’an Waaqayyoof amanamoo ta’anii dhaabachuun caalaatti akka isaan rakkisu gochuudhaan ‘obbolootakee ykn Kiristosiin yakkuu’ waan hin barbaanneefidha. Gorsa, “gufuu hin ta’inaa!” jedhu hordofta. (1 Qorontos 8:12; 10:32) Kiristiyaanonni dhugaa yeroo har’aa jiran, gorsa Phaawulos isaaniif yaaduufi hubannaadhaan kenne hordofuun, bashannana ‘dhowwaa hin qabne’ ta’us ‘ijaarsaaf’ hin taanerraa fagaatu.—Roomaa 14:1; 15:1.

22. Kiristiyaanonni dhimmawwan dhuunfaarratti ilaalchi addaddaa jiraachuusaa kan amanan maaliifi?

22 Haata’u malee, karaa fedhii namoota kaaniif dursa itti kenninu kan biraanis jira. Kiristiyaanni yaanni garaasaa bashannana tokkorratti akka hin hirmaanne isa dhowwu, obboloonni kaan hundi bashannana inni gaariidha jedhee yaadu akka fudhatan dirqisiisuu hin qabu. Akkas kan godhu taanaan nama, konkolaachistonni isaa wajjin daandii tokkorra adeeman hundi saffisa inni ittiin adeemuun oofuu qabu jedhee yaaduu wajjin tokko ta’a. Fedhiin akkasii sirrii miti. Jaalalli Kiristiyaanummaa, namni yaada gara bashannana ta’e tokkorratti akka hin hirmaanne isa dhowwu qabu, ilaalcha namoota hidhata amantiisaa ta’aniifi bashannana ilaalchisee daangaa seera bu’uuraa utuu hin cabsin, obboloota ilaalcha isarraa adda ta’e qaban kabajuu isa barbaachisa. Akkas gochuudhaanis, sababi qabeessa ta’uunsaa ykn ‘gaarummaansaa nama hundumaa biratti’ akka beekamu godha.—Filiphisiiyus 4:5; Lallaba 7:16.

23. Bashannana gaarii filachuukee mirkanaa’aa ta’uu kan dandeessu akkamitti?

23 Walumaa galatti, bashannana gaarii filachuukee mirkanaa’aa ta’uu kan dandeessu akkamitti? Bashannana gadhee, gocha addaggummaa ifatti argisiisaniifi Dubbii Waaqayyoo keessatti kallattiin balaaleffatamanirraa fagaadhu. Seera bu’uuraa hojiirra ooluu danda’uufi gosa bashannanaa ilaalchisee kallattiin Macaafa Qulqulluurratti hin ibsamne hordofi. Bashannana yaada garaakeefi keessumaa obboloota hidhata amantiikee jeeqan kamirraayyuu fagaachuuf fedhii qabaadhu. Murtoonkee Waaqayyoof ulfina kan fidu, atis taate maatiinkee jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf kan si gargaaru akka ta’u hawwii keenyadha.

^ key. 19 Seerri bu’uuraa gama bashannanaatiin hojiirra ooluu danda’an kaan kanaa gaditti argamu: Fakkeenya 3:31; 13:20; Efesoon 5:3, 4 fi Qolosaayis 3:5, 8, 20.