Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 8

Waaqayyo Namoota Qulqulluu Ni Jaallata

Waaqayyo Namoota Qulqulluu Ni Jaallata

“Isa of qulleessutti, ati ofii keetii qulqullaa’aa ta’uu kee in mul’ifta.”—FAARFANNAA 18:26.

1-3. (a) Haati tokko qulqullina ilmashee kan eegdu maaliifi? (b) Yihowaan waaqeffattoonnisaa qulqulluu akka ta’an kan barbaadu maaliifi? Wanti qulqullina keenya eegnee jiraachuuf nu kakaasu maalidha?

HAATI tokko ilmashee fuutee iddoo tokko dhaquuf qopheessaa jirti. Dhagnasaa dhiqxee uffata qulqulluu itti uffisti. Qulqullinni fayyaasaatiif baay’ee barbaachisaa ta’uusaa beekti. Kana malees, qulqullinni ilmashee waa’ee warrasaa waan ibsu akka qabu ni hubatti.

2 Yihowaan, Abbaan keenya inni samiis tajaajiltoonnisaa qulqulluu akka ta’an barbaada. Dubbiinsaa, “Isa of qulleessutti, ati ofii keetii qulqullaa’aa ta’uu kee in mul’ifta” jedha. * (Faarfannaa 18:26) Yihowaan nu jaallata; qulqullina keenya eeguunis baay’ee akka nu fayyadu beeka. Akkasumas, Dhugaa Baatotasaa waan taaneef ulfinaafi galata akka isaaf argamsiisnu barbaada. Dhugumayyuu, qulqullinni qaamaafi amalli keenya inni gaariin ulfina isaaf fida malee Yihowaafi maqaasaa isa qulqulluu hin salphisu.—Hisqi’el 36:22; 1 Phexros 2:12.

3 Waaqayyo namoota qulqulluu akka jaallatu beekuun, qulqullina keenya eegnee jiraachuuf nu kakaasa. Waan isa jaallannuuf akkaataan jireenyaa keenya akka ulfina isaaf fidu barbaanna. Jaalalasaa keessatti of eegnee jiraachuus ni barbaanna. Kanaaf, qulqulluu taanee jiraachuu kan qabnu maaliif akka ta’e, qulqulluu ta’anii jiraachuun maalfaa akka dabalatuufi qulqullina keenya eegnee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e haa qorru. Qorannaan akkasii, karaawwan fooyya’iinsa itti gochuu qabnu jiraachuusaanii hubachuuf nu gargaara.

QULQULLUU TA’UU KAN QABNU MAALIIFI?

4, 5. (a) Sababbii guddaan qulqullina keenya eegnee jiraachuun itti nu barbaachisu maalidha? (b) Yihowaan qulqulluu ta’uunsaa uumamawwansaa ijaan argamanirratti kan mul’ate akkamitti?

4 Karaa Yihowaan itti nu geggeessu keessaa inni tokko fakkeenya ta’uudhaanidha. Dubbiinsaa “fakkeenya Waaqayyoo fudhadhaa!” jedhee kan nu gorsus kanaafidha. (Efesoon 5:1) Sababi guddaan qulqullina keenya eeguun nu barbaachisu, Waaqni keenya Yihowaan karaa hundaa qulqulluu waan ta’eefidha.—Lewwoota 11:44, 45.

5 Yihowaan qulqulluu ta’uunsaa, akkuma amalawwaniifi karaawwansaa hedduu, uumamawwan ijaan argamanirrattis akka gaariitti mul’ateera. (Roomaa 1:20) Lafti ilmaan namootaatiif bakka jireenyaa qulqulluu akka taatuuf uumamte. Yihowaan, lubbu qabeeyyiin marsaa uumuudhaan (ekoolojikaal saayikil) qilleensiifi bishaan qulqulluu akka ta’an taasiseera. Lubbu qabeeyyiin ijaan hin argamne tokko tokkommoo wantoota xuraa’oo gara wantoota miidhaa hin geessisnetti jijjiiruudhaan qulqullina naannoo eegu. Saayintiistonni, boba’aa dhangala’aa, akkasumas wantoota faalama qilleensaa ofittummaafi sassata ilmaan namootaatiin ga’an garabiraa qulqulleessuuf lubbu qabeeyyii ijaan hin argamne kana keessaa tokko tokkotti fayyadamaniiru. Waa’een qulqullinaa ‘Waaqa isa lafa kana uume’ akka yaaddessu ifadha. (Ermiyaas 10:12) Dhimmi kun nuunis nu yaaddessuu qaba.

6, 7. Seerri Musee namoota Yihowaa waaqeffatanirraa qulqullinni akka barbaadamu kan ibsame akkamitti?

6 Sababii garabiraan qulqullina keenya eeguun barbaachisaa itti ta’emmoo, Yihowaan inni Bulchaa uumama cufaa ta’e waaqeffattoonnisaa qulqulluu akka ta’an waan barbaaduufidha. Seera Yihowaan Israa’elootaaf kenne keessatti, qulqullinniifi waaqeffannaan wantoota gargar hin baane turan. Seerichi Guyyaa Araaraatti, angafni lubaa al tokko qofa utuu hin ta’in al lama dhagnasaa akka dhiqatu ajaja ture. (Lewwoota 16:4, 23, 24) Luboonni hojii lubummaa yommuu raawwatan, Yihowaaf aarsaa dhiheessuusaanii dura harkaafi miillasaanii dhiqachuu qabu turan. (Ba’uu 30:17-21; 2 Seenaa 4:6) Seerichi, wantoota waaqeffannaafi qulqullina dhabuuf sababii ta’an 70 ibseera. Lammiin Israa’el utuu xuraa’ee jiruu hojii waaqeffannaa kamirrattiyyuu hirmaachuu kan hin dandeenye si’a ta’u, haalawwan tokko tokkoon wanta kana yoo raawwate du’aan adabama ture. (Lewwoota 15:31) Namni seera qulqullina dhagnaafi uffannaa ofii miiccachuu dabalatu eeguu dide kamiyyuu, ‘waldaa keessaa balleeffamuu’ qaba ture.—Lakkoobsa 19:17-20.

7 Seera Musee jala jiraachuu baannus, seerichi ilaalcha Waaqayyo dhimmawwan tokko tokkorratti qabu hubachuuf nu gargaara. Namoota Waaqayyoon waaqeffachuu barbaadan hundaarraa qulqullinni akka barbaadamu seericha keessatti akka gaariitti ibsameera. Har’as Yihowaan hin geddaramne. (Miilkiyaas 3:6) Waaqeffannaan keenya ‘qullaa’aafi xurii kan hin qabne’ ta’uu baannaan isa duratti fudhatama hin qabaatu. (Yaaqoob 1:27) Kanaaf, gama kanaan maal akka nurraa barbaadu beekuu nu barbaachisa.

WAAQAYYO DURATTI QULQULLUU TA’UUN MAALFAA DABALATA?

8. Yihowaan karaawwan kamiin qulqulluu taanee akka jiraannu barbaada?

8 Macaafa Qulqulluu keessatti jechi qulqulluu jedhu qulqullina qaamaa qofa kan argisiisu miti. Waaqayyo duratti qulqulluu ta’uun, guutummaa jireenya keenyaa kan tuqudha. Yihowaan karaawwan gurguddaa afur, jechuunis, waaqeffannaan, amalaa, yaadaafi qaamaan qulqulluu taanee akka jiraannu barbaada. Mee tokkoon tokkoonsaanii maal gochuu akka dabalatan irraa jalaan haa ilaallu.

9, 10. Waaqeffannaa qulqulluu jechuun maal jechuudha? Kiristiyaanonni dhugaa maalirraa fagaachuu qabu?

9 Waaqeffannaa qulqulluu. Gabaabaadhumatti waaqeffannaa qulqulluu jechuun, waaqeffannaa dhugaa sobaa wajjin walitti makuurraa fagaachuu jechuudha. Israa’eloonni Yerusaalemitti deebi’uuf Baabilonii yommuu ba’an gorsa cimaa, “Achii ba’aatii sokkaa! Wanta xuraa’aas harkaan hin qabinaa! . . . of qulleessaa” jedhu dhaga’anii hojiirra oolchuu qabu turan. (Isaayaas 52:11) Sababii guddaan Israa’eloonni biyyasaaniitti deebi’an waaqeffannaa Yihowaa deebisanii hundeessuuf ture. Waaqeffannaan kun qulqulluu ta’uu qaba malee, barumsa, gochaafi duudhaa amantii Baabilon isa Waaqayyoon salphisu kamiiniyyuu kan manca’e ta’uu hin qabu ture.

10 Har’as Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, amantii sobaatiin xuraa’uurraa fagaachuuf of eeggannoo cimaa gochuu qabna. (1 Qorontos 10:21) Dhiibbaa amantiin sobaa geessisuun marfamnee waan jirruuf, gama kanaan of eeggannoo gochuun baay’ee barbaachisaadha. Biyyoota hedduutti aadaawwaniifi gochawwan baay’een barumsa amantii sobaa wanti hin duuneefi du’a boodas jiraachuushee itti fuftu keessa keenya jirti jedhuu wajjin walitti dhufeenya cimaa kan qabanidha. (Lallaba 9:5, 6, 10) Kiristiyaanonni dhugaa barsiifata amantii sobaa of keessaa qabanirraa ni fagaatu. * Dhiibbaan warra kaanii ulaagaa Macaafni Qulqulluun waaqeffannaa qulqulluuf baase akka cabsinu akka nu godhu heyyamuu hin barbaannu.—Hojii Ergamootaa 5:29.

11. Amalli qulqulluun maalfaa dabalata? Gama kanaan qulqulluu taanee jiraachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

11 Amala qulqulluu. Amala qulqulluu qabaachuun, amala addaggummaa kamiyyuu raawwachuurraa fagaachuu dabalata. (Efesoon 5:5) Amala qulqulluu qabaannee jiraachuun barbaachisaadha. Boqonnaa ittaanurratti akka ilaallutti, jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf ‘halalummaarraa baqachuu’ qabna. Namoonni halaleen qalbii hin geddaranne “matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan.” (1 Qorontos 6:9, 10, 18) Namoonni akkasii Waaqayyo duratti ‘ciigga’amoodha.’ Amallisaanii qulqulluu ta’uu baannaanis, ‘qoodisaanii du’a lammaffaadha.’—Mul’ata 21:8.

12, 13. Yaadaafi gochi walitti dhufeenya akkamii qabu? Yaada keenya qulqulluu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Yaada qulqulluu. Yaanni gara gochaatti nama geessa. Yaanni dogoggoraa sammuufi garaa keenya keessa akka jiraatu yoo heyyamne, oole bulee wanta qulqulluu hin taane raawwachuun keenya hin oolu. (Maatewos 5:28; 15:18-20) Sammuu keenya yaada gaariin kan guunnu yoo ta’e garuu, amala qulqulluu horachuuf nu kakaasa. (Filiphisiiyus 4:8) Yaada keenya qulqulluu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Jalqaba bashannana yaada keenya mancaasan akkamiirraayyuu fagaachuu qabna. * Akkasumas, yeroo hundaa Dubbii Waaqayyoo qayyabachuufi yaada keenya wantoota qulqulluun guutuu dandeenya.—Faarfannaa 19:8, 9.

13 Jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf, waaqeffannaan, amalaafi yaadaan qulqulluu ta’uu nu barbaachisa. Kallattiiwwan qulqullinaa kun boqonnaawwan garabiraa kitaaba kana keessatti bal’inaan ibsamaniiru. Mee ammammoo kutaa arfaffaa, jechuunis waa’ee qulqullina qaamaa haa qorru.

QULQULLINA QAAMA KEENYAA EEGUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

14. Qaama ofii qulqullinaan eeguun dhimma dhuunfaa qofa kan hin taane maaliifi?

14 Qulqullinni, dhagnaafi naannoo keenya qulqulluu gochuu kan dabalatudha. Qulqullinni akkasii dhimma dhuunfaa qofadhaa? Namoonni Yihowaa waaqeffatan matumaa yaada akkasii hin qaban. Akkuma armaan olitti ilaalle, qaama keenya qulqullinaan eeguun faayidaa waan nuu argamsiisuuf qofa utuu hin ta’in, isa waan bakka buunuuf dhimmi kun Yihowaa ni yaaddessa. Mee fakkeenya seensarratti ibsame yaadadhu. Mucaa yeroo hundaa qulqullina hin qabneefi uffannaa seeraan hin qabamne uffatu yoo argite warra akkamiitu isa guddise jettee hin gaafattuu? Qulqullinni qaamaa ykn akkaataan jireenyaa keenya, Abbaa keenya isa samii kan arrabsiisu ykn namoonni ergaa nuti lallabnu akka hin dhaggeeffanne akka godhu hin barbaannu. Dubbiin Waaqayyoo akkas jedha: “Ergaan keenya maqaa gadhee akka hin arganneef nama tokko iyyuu matumaa hin gufachiifnu. Haa ta’u iyyuu malee, nuyi karaa hundumaan akka hojjetoota Waaqayyootti of in dhi’eessina.” (2 Qorontos 6:3, 4) Kanaaf, qaama keenya qulqullinaan eeguu kan dandeenyu akkamitti?

15, 16. Barsiifanni qulqullinaa gaariin maalfaa dabalata? Uffannaa keenya ilaalchisee wanti dhugaa ta’e maalidha?

15 Qulqullina ofii eeguu. Aadaafi akkaataan jireenyaa biyyaa biyyaatti addadda ta’us, saamunaafi bishaan ga’aa yeroo hundaa qaama keenya dhiqachuufis ta’e qulqullina ijoollee keenyaa eeguuf nu gargaaru argachuu dandeenya. Barsiifata qulqullinaa gaarii qabaachuun, nyaata nyaachuu ykn qabuu dura, erga mana boolii dhaqnee, daa’ima erga dhiqnee ykn uffata itti jijjiirree booda harka keenya bishaaniifi saamunaan dhiqachuu dabalata. Harka ofii saamunaafi bishaaniin dhiqachuun dhukkuba qofa utuu hin ta’in, du’arraallee nama oolchuu danda’a. Vaayirasoonniifi baakteeriyaan akka hin babal’anne waan godhuuf, dhukkuba garaa kaasaarraa nama baraaruu danda’a. Namoonni manneen biyyoota mannisaanii wantoota xurii dhangala’aa ittiin ofirra fageessanii wajjin wal qabsiifamanii hin hojjetamne keessa jiraatan, akkuma Israa’eloota durii xurii dhangala’aa kana awwaaluun ofirra fageessuu danda’u ta’a.—Keessa Deebii 23:12, 13.

16 Uffanni keenyas qulqulluufi miidhagaa akka ta’utti yeroo hundaa miiccamuu qaba. Uffanni Kiristiyaana tokkoo gatii baay’eedhaan kan bitame ykn faashinii haaraa kan hordofu utuu hin ta’in, qulqulluufi seera qabeessa ta’uu qaba. (1 Ximotewos 2:9, 10) Eessayyuu yoo jiraanne qulqullinni qaama keenyaa namatti kan toluufi “Barsiisichi waa’ee Waaqayyo fayyisaa keenyaa dubbatu . . . akka namatti tolee mul’atu” barbaanna.—Tiitoos 2:10.

17. Manaafi naannoon keenya, qulqulluufi namaatti kan tolu ta’uu kan qabu maaliifi?

17 Manaafi naannoo keenya. Manni keenya kan nama dinqisiisu ykn meeshaa gati jabeessaan kan ijaarame ta’uu baatus, hamma haallisaa heyyametti qulqulluufi ija namaatti kan tolu ta’uu qaba. Haaluma wal fakkaatuunis, konkolaataa keenyaan walga’iifi tajaajila kan adeemnu yoo ta’e, keessaafi allisaa qulqulluu akka ta’uuf wanta dandeenyu hundaa gochuu qabna. Manaafi naannoon keenya qulqulluu ta’uunsaa, waa’ee Waaqa waaqeffannuu dhugaa akka ba’u dagachuu hin qabnu. Yihowaan Waaqa qulqulluu akka ta’e, ‘namoota biyya lafaa balleessan akka balleessuufi’ Mootummaansaa yeroo dhihootti lafa gara jannataatti akka jijjiiru namoota barsiifna. (Mul’ata 11:18; Luqaas 23:43) Dhugumayyuu, haalli manaafi qabeenyaa keenya, barsiifata qulqullina gaarii addunyaa haaraaf nu gargaaru garanumaa guddifachaa akka jirru kan argisiisu akka ta’u barbaanna.

Karaa qaamaa qulqulluu taʼuu jechuun, dhaqna keenyaa fi naannoo keenya qulqulleessuu kan dabalatudha

18. Galma Mootummaa keenyaaf ulfina akka kenninu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Bakka waaqeffannaa keenya. Jaalalli Yihowaaf qabnu, Galma Mootummaa isa handhuura waaqeffannaa keenyaa ta’eef ulfina kennuuf nu kakaasa. Namoonni haaraa gara galma keenyaa yommuu dhufan, bakka walga’ii kanatti akka gammadan barbaanna. Galmichi miidhagaafi namaatti kan tolu akka ta’uuf, yeroo hundaa qulqulleessuufi suphuun barbaachisaadha. Qulqullinasaa eeguuf wanta dandeenyu hundaa gochuudhaan, Galma Mootummaa keenyaaf ulfina akka kenninu argisiisna. Bakka waaqeffannaa keenya suphuufi ‘haaressuuf’ yeroo keenya aarsaa gochuun mirga guddaadha. (2 Seenaa 34:10) Seerri bu’uuraa kun, walga’iiwwan gurguddaa, Galma Walga’iitti ykn bakka biraatti yommuu walgeenyus ni hojjeta.

ARAADAAFI GOCHA NU XUREESSURRAA OF QULLEESSUU

19. Qaama keenyaa qulqullinaan eeguuf maalirraa fagaachuu qabna? Gama kanaan Macaafni Qulqulluun kan nu gargaaru akkamitti?

19 Qaama keenya qulqullinaan eeguuf, araada nama xureessu, jechuunis tamboo xuuxuu, dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu, wantoota araada namatti ta’an ykn akkaataa yaada nama tokkoorratti dhiibbaa geessisu, ajaja ogeessa fayyaatiin ala fudhachuurraa fagaachuu qabna. Macaafni Qulqulluun araadaafi gocha nama xureessan hundaa tokko tokkoon ibsuu baatus, wantoota kana ilaalchisee seera bu’uuraa Yihowaatti maaltu akka dhaga’amu ibsan hubachuuf nu gargaaran qabateera. Ilaalcha Yihowaan wantoota kanaaf qabu waan beeknuuf, jaalalli isaaf qabnu karaa isa duratti fudhatama nuu argamsiisuun jiraachuuf nu kakaasa. Gama kanaan seera bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo shan haa ilaallu.

20, 21. Yihowaan gocha akkamiirra akka fagaannu barbaada? Sababii guddaan kan gochuuf nu kakaasu maalidha?

20 “Yaa michoota ko! Abdii kana erga qabaannee, kottaa, waanuma dhagna keenyaa fi hafuura keenya xureessuttii of in qulleessinaa; Waaqayyoon sodaachuutti jiraachuudhaanis qulqullummaa fiixaan in baafannaa.” (2 Qorontos 7:1) Yihowaan gocha dhagnaafi hafuura keenya xureessu ykn sammuu keenyarra miidhaa geessisurraa walaba akka taanu barbaada. Kanaaf, araada gadhee qaamaafi sammuu keenyarra miidhaa geessisuun beekamanirraa fagaachuu qabna.

21 Macaafni Qulqulluun ‘waanuma nu xureessu hundaarraa of qulleessuuf’ sababii guddaa akka qabnu ibsa. Qorontos Inni Lammaffaa 7:1, “Abdii kana erga qabaannee” jedhee akka jalqabu qalbeeffadhu. Abdii isa kamidha? Yihowaan, lakkoofsa caqasa kana dura jirurratti, “Ani abbaa isiniif nan ta’a” jedhee ture. (2 Qorontos 6:17, 18) Abdii Yihowaan akka abbaa jaallatamaa, ilma ykn intalasaa eegutti si eeguuf kennerratti mee yaadi. Haata’u malee, Yihowaan abdii kana kan sii raawwatu wantoota ‘dhagnaafi hafuurakee’ xureessanirraa yoo of eegde qofadha. Araadi ykn gochi ciiggaasisaan kamiyyuu, carraa addaa Yihowaa wajjin hariiroo uumuuf si dandeessisu akka si dhabsiisu heyyamuun gowwummaa guddaadha!

22-25. Seerri bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’aa araadaafi gocha qulqulluu hin taanerraa akka fagaannu nu gargaaran maalfa’i?

22 “Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta’a.” (Maatewos 22:37) Yesus abboommiin kun hundaarra kan caalu ta’uusaa adda baasee ibseera. (Maatewos 22:38) Yihowaan jaalala akkasii nurraa argachuutu isaaf mala. Garaa, jireenyaafi yaada guutuun isa jaallachuuf, gocha umrii keenya gabaabsan ykn dandeettii waa yaaduu Waaqayyo nuu kenne nu jalaa hadoochan kamirraayyuu fagaachuu qabna.

23 [Yihowaan] sanyii namaa hundumaaf, jireenyaa fi qilleensa, kan isa barbaachisu hundumaas in kenna.” (Hojii Ergamootaa 17:24, 25) Jireenyi kennaa Waaqayyooti. Yihowaa isa jireenya nuu kenne waan jaallannuuf, ulfina kennaa kanaaf qabnu argisiisuu barbaanna. Gochi akkasii jireenyaaf dinqisiifannaa akka hin qabne argisiisuusaa waan hubannuuf, araada ykn gocha fayyaa keenyarratti miidhaa geessisu kamirraayyuu ni fagaanna.—Faarfannaa 36:9.

24 “Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta’a.” (Maatewos 22:39) Yeroo hedduu araadaafi gochi qulqulluu hin taane kun, nama sana qofa utuu hin ta’in, namoota naannoo sanatti argamanis ni miidha. Fakkeenyaaf fooliin aara tamboo namoota tamboo hin xuuxnerratti miidhaa geessisuu danda’a. Namni namoota naannoosaatti argaman miidhu, seera Waaqayyoo isa nama akka mata keetiitti jaallachuutu siif ta’a jedhu cabsa. Waaqayyoon nan jaalladha jedhee dubbachuunsaas soba ta’a.—1 Yohannis 4:20, 21.

25 “Harka warra biyya bulchanii fi warra aboo qabanii jala of galchuu[fi], abboomamuu.” (Tiitoos 3:1) Biyyoota hedduutti, qoricha sammuu hadoochu qabatanii argamuun ykn fudhachuun seeraan dhowwamaadha. Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, qoricha sammuu hadoochuufi seeraan dhowwame qabannee hin argamnu ykn hin fudhannu.—Roomaa 13:1.

26. (a) Jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf maal gochuu nu barbaachisa? (b) Wanti Waaqayyo duratti qulqulluu ta’anii jiraachuu caalu kan hin jirre maaliifi?

26 Jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf, karaa muraasaan qofa utuu hin ta’in karaa hundaa qulqulluu ta’uu qabna. Araadaafi gocha nama xureessan dhiisuufi irraa fagaachuun salphaa ta’uu baatus, wanta hin danda’amne miti. * Yihowaan yeroo hundaa wanta nu fayyadu waan nu barsiisuuf, daandiin jireenyaa kana caalu hin jiru. (Isaayaas 48:17) Hunda caalaattimmoo, qulqullina keenya eeguudhaan Waaqa keenya isa jaallannu akka kabachiisnuufi kana gochuudhaanis jaalalasaa keessatti akka of eegnu beekuun gammachuu nuu argamsiisa.

^ key. 2 Jechi afaan Ibrootaatiin “qulqulluu” jedhame qaamaan qofa utuu hin ta’in waaqeffannaa qulqulluus kan argisiisudha.

^ key. 10 Ayyaanaafi duudhaa Kiristiyaanonni dhugaa irra fagaatan ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, Boqonnaa 13 ilaali.

^ key. 67 Maqaanshee jijjiirameera.