Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA DABALATAA

Nama Gumii Keessaa Baafame Akkamitti Ilaaluu Qabna?

Nama Gumii Keessaa Baafame Akkamitti Ilaaluu Qabna?

Firri ykn michuun baay’ee itti dhihaannu cubbuu hojjeterraa qalbii geddarachuu diduusaatiin gumii keessaa yoo baafame baay’ee gaddina. Qajeelfama Macaafni Qulqulluun dhimma kana ilaalchisee kennuuf fedhiidhaan abboomamuun keenya, jaalalli Waaqayyoof qabnu gad fageenya hammamii akka qabuufi qophii kanaaf amanamoo ta’uu keenya kan argisiisudha. * Gaaffiiwwan dhimma kana wajjin wal qabatanii ka’an tokko tokko haa ilaallu.

Nama gumii keessaa baafame akkamitti ilaaluu qabna? Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “‘Ani amaneera’ jedhee nama halalummaatti jiraatu yookiis nama sassatu yookiis nama Waaqayyo tolfamaadhaaf sagadu yookiis nama machaa’u yookiis nama nama saamuu wajjin walitti hin hidhatinaa! Isaa wajjin illee hin nyaatinaa.” (1 Qorontos 5:11) Nama “barsiisa Kristositti qabamuu dhiise” ilaalchisee yaada akkas jedhu dubbisna: “Mana keessanitti isa hin simatinaa! Nagaa iyyuu isa hin gaafatinaa! Namni nagaa isa gaafatu, hojii isaa isa hamaattii hirmaachuu isaa ti.” (2 Yohannis 9-11) Namoota gumii keessaa baafamanii wajjin karaa hafuuraas ta’e karaa hawaasummaa walitti dhufeenya hin qabaannu. Masaraan Eegumsaa Fulbaana 15, 1981, fuula 25, (Ingiliffa) akkas jedha: “Nagaa gaafachuun haasaaf ykn michooma uumuuf tarkaanfii jalqabaati. Nama gumii keessaa baafame nagaa gaafachuun tarkaanfii jalqabaa fudhachuu barbaannaa?”

Guutummaatti hariiroo keenya dhaabuun baay’ee barbaachisaadhaa? Eeyyee, sababii baay’een jiru. Tokkoffaa, kun Waaqayyoofi Dubbiisaatiif amanamoo ta’uu kan ilaallatudha. Yihowaaf yeroo nuu mijatu qofa utuu hin ta’in, yeroo rakkisaattis ni abboomamna. Inni qajeelaafi jaalala qabeessaa akka ta’e, seerrisaas faayidaa keenyaaf ta’uusaa waan beeknuuf, jaalalli Waaqayyoof qabnu abboommiisaa hundaaf abboomamuuf nu kakaasa. (Isaayaas 48:17; 1 Yohannis 5:3) Lammaffaa, hariiroo nama cubbuu hojjetee qalbiisaa hin geddarannee wajjin qabnu dhaabuun keenya, nunis ta’e obboloonni ejjennoo isaan Waaqayyoo wajjin qabaniifi maqaa gaarii gumichi qabu akka hin mancaane eega. (1 Qorontos 5:6, 7) Sadaffaa, seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu cimsinee hordofuun keenya nama gumii keessaa baafame sana fayyaduu danda’a. Murtoo koreen firdii godhe deggeruudhaan, nama gargaarsa jaarsoliin isaaf gochuuf carraaqaniif deebii kennuu dide kana garaasaa tuquu dandeenya. Michootasaarraa cituunsaa ‘yaadasaa akka naanneffatuufi’ cubbuu inni hojjete cimaa ta’uusaa hubachuudhaan, tarkaanfii gara Yihowaatti deebi’uuf isa gargaaru akka fudhatu gochuu danda’a.—Luqaas 15:17.

Firri keenya gumii keessaa yoo baafame maal goona? Yeroo kanatti miseensonni maatii hariiroo cimaa qaban, amanamummaa isaan seera Yihowaatiif qaban qoramuu danda’a. Fira keenya gumii keessaa baafame kanaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Haala uumamuu danda’u hundaa caqasuu baannus, wantoota bu’uura ta’an lamarratti haa xiyyeeffannu.

Al tokko tokko, miseensi maatii gumii keessaa baafame manuma sana keessa jiraachuu danda’a. Gumii keessaa baafamuunsaa firoomasaa waan isa hin dhabsiisneef, hariiroo inni guyyaa guyyaatti godhu akkuma jirutti itti fufu danda’a. Haata’u malee, karaa dogoggoraarra adeemuunsaa, hariiroon hafuuraa isaafi maatiisaa gidduu jiru akka dhaabatu filateera. Kanaaf miseensonni maatii amanamoo ta’an tasumaa karaa hafuuraa isaa wajjin hariiroo qabaachuu hin danda’an. Fakkeenyaaf, namni gumii keessaa baafame kun, miseensonni maatiisaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu yeroo godhan argamus, irratti hirmaachuu hin danda’u. Gumii keessaa kan baafame mucaa xinnoo taanaan, warrisaa ammas isa barsiisuufi isa adabuuf itti gaafatamummaan isaanirra jira. Kanaaf warri mucaasaanii jaallatan Macaafa Qulqulluu isa qayyabsiisuu danda’u. *Fakkeenya 6:20-22; 29:17.

Karaa biraammoo, firri gumii keessaa baafame qofaa jiraata ta’a. Darbee darbee dhimma tokko tokkoof wal arguun barbaachisaa ta’us, hariiroon akkasii daangeffamuu qaba. Kiristiyaanonni amanamoon, carraa firasaanii gumii keessaa baafameefi isaanii wajjin hin jiraanne itti wal argan ni daangessu. Amanamummaan Yihowaafi jaarmiyaasaatiif qaban, qajeelfama Caaffata Qulqullaa’aan namoota gumii keessaa baafaman ilaalchisee kennu deggeruuf isaan kakaasa. Amanamummaan isaan ejjennoo cimaa akkasii fudhachuudhaan argisiisan, nama gumii keessaa baafameef akka yaadan kan argisiisu waan ta’eef, adaba kennameefirraa faayidaa akka argatu isa gargaaruu danda’a. *Ibroota 12:11.

^ key. 1 Seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu waa’ee namoota gumii keessaa baafamanii ibsu, namoota of qoodanirrattis ni hojjeta.

^ key. 2 Ijoollee xixinnoo warraa wajjin jiraataniifi gumii keessaa baafaman ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 1, 2001, fuula 16-17(Amaariffa) fi Sadaasa 15, 1988, fuula 20 ilaali. (Ingiliffa)

^ key. 3 Firoota gumii keessaa baafaman akkamitti ilaaluu akka qabnu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf gorsa Caaffata Qulqullaa’aa, Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 1988, fuula 26-31fi Fulbaana 15, 1981, fuula 26-31⁠rra jiran ilaali. (Ingiliffa)