Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Saala Faallaa

Saala Faallaa

KUTAA 1

Saala Faallaa

Mana barumsaatti dhiirri tokkoo fi shamarreen takka harka wal qabatanii suuta yeroo deeman argite. Yeroo kanatti maaltu sitti dhagaʼama?

□ Homaa natti hin fakkaatu

□ Xinnoo nan hinaafa

□ Baayʼeen hinaafa

Hiriyoota kee wajjin utuu fiilmii ilaalaa jirtuu siin alatti hundi isaaniiyyuu jaalallee isaanii wajjin akka taʼan hubatte. Yeroo kanatti maaltu sitti dhagaʼama?

□ Homaa natti hin fakkaatu

□ Xinnoo nan qaanaʼa

□ Baayʼeen hinaafa

Hiriyaan kee baayʼee itti dhihaattu tokko shamarreen takka isa hawwatteetti, ammammoo hariiroo jaalalaa jalqabaniiru. Yeroo kanatti maaltu sitti dhagaʼama?

□ Nan gammada

□ Xinnoo nan hinaafa

□ Nan aara

Mana barumsaatti, karaarrattii fi gabaatti dhiirrii fi durbi waliin taʼanii argita. Yeroo kana argitu hundatti atis jaalallee qabachuuf baayʼee hawwita. Garuu jaalallee qabachuuf qophoofteettaa? Taanaan, nama siif taʼu argachuu kan dandeessu akkamitti? Argatteetta taanaanimmoo, hariiroon keessan qulqulluu akka taʼu gochuu kan dandeessu akkamitti? Boqonnaan 1-5 gaaffilee kanaaf deebii argachuuf si gargaara.

[Fakkii guutuu fuula 12, 13rra jiru]