Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaʼela Dura Saalqunnamtii Raawwachuurraa Of Qusachuu Kanan Qabu Maaliifi?

Gaaʼela Dura Saalqunnamtii Raawwachuurraa Of Qusachuu Kanan Qabu Maaliifi?

BOQONNAA 5

Gaaʼela Dura Saalqunnamtii Raawwachuurraa Of Qusachuu Kanan Qabu Maaliifi?

“Saalqunnamtii raawwachuun maal akka fakkaatu ofuma kootiin akkan ilaalu dhiibbaan narra gaʼaa akka jiru natti dhagaʼama.”—Keelii.

“Saalqunnamtii raawwadhee waanan hin beekneef warra kaanirraa adda akkan taʼe natti dhagaʼama.”—Jordaan.

“MATUMAA saalqunnamtii raawwattee hin beektuu?” Gaaffiin kuniyyuu baayʼee si qaanessuu dandaʼa. Naannoo hedduutti nama saalqunnamtii raawwatee hin beekne tokko duubatti hafaa akka taʼetti ilaalu. Dargaggoonni hedduun umurii waggoota kurnanii keessa utuma jiranii saalqunnamtii kan raawwatan kanaafi.

Dhiibbaa Fedhii Ofii fi Hiriyootaa

Kiristiyaana yoo taate Kitaabni Qulqulluun gorsa, “Halalummaa irraa fagaadhaa” jedhu akka kennu beekta. (1 Tasalonqee 4:3) Taʼus, fedhii saalaa toʼachuun baayʼee ulfaataa akka taʼe sitti dhagaʼama taʼa. Dargaggeessi Pool jedhamu, “Yeroo tokko tokko sababii tokko malee akkuma tasaa waaʼeen saalqunnamtii gara sammuu kootti dhufa” jechuudhaan ifatti dubbateera. Miirri akkasii sitti dhagaʼamuun isaa waanuma jiru akka taʼe mirkanaaʼaa taʼi.

Haa taʼu malee, gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuu diduu keetiin kan kaʼe yeroo hunda sitti qoosamuun isaa fi qeeqamuun kee wanta akka salphaatti ilaalamu miti. Fakkeenyaaf, hiriyoonni kee, ‘Saalqunnamtii hin raawwattu taanaan ati nama miti’ yoo siin jedhan hoo? Eelan akkana jetteetti: “Hiriyoonni kee saalqunnamtiin wanta gammachiisaa fi rakkina hin qabne akka taʼe dubbatu. Nama garaa garaa wajjin hin ciistu taanaan duubatti hafaa akka taatetti ilaalamta.”

Haa taʼu malee, saalqunnamtii gaaʼela dura raawwatamu ilaalchisee wanti hiriyoonni kee hin dubbannes jira. Fakkeenyaaf, Maariyaan jaalallee ishii wajjin saalqunnamtii raawwattee turte; akkana jetteetti: “Sana booda baayʼeen qaanaʼe, akkasumas akkan salphadhe natti dhagaʼame. Ofis taʼe jaalallee koo nan jibbe.” Muuxannoowwan akkasii wanta dargaggoonni hedduun yaadanirraa addadha. Saalqunnamtiin gaaʼela dura raawwatamu yeroo baayʼee karaa miiraa miidhaa guddaa geessisa, rakkina kanarra hammaatu garaa garaas ni geessisa.

Haa taʼu malee, shamarreen Shaandaa jedhamtu, “Waaqayyo hanga gaaʼela dhaabbatanitti saalqunnamtii raawwachuu akka hin qabne utuu beekuu, dargaggootaaf fedhii saalaa kan kenne maaliifi?” jettee gaafatteetti. Kun gaaffii gaariidha. Garuu mee haalawwan armaan gaditti ibsamanirratti yaadi:

Miirri cimaan qabdu fedhii saalqunnamtii qofadhaa? Matumaa. Waaqni keenya Yihowaan kan si uume fedhii fi miira adda addaa akka qabaattu godheeti.

Wanta sitti dhagaʼamu hundumaa yeruma sana gochuu qabdaa? Waaqayyo gocha kee akka toʼattus dandeettii waan sii kenneef akkas hin gootu.

Maarree, kanarraa maal baratte? Fedhiiwwan tokko tokko akka hin kakaane gochuu hin dandeessu taʼa; garuu tarkaanfii fudhattu toʼachuu ni dandeessa. Yeroo fedhiin saalaa kee kakaʼu hundumaatti saalqunnamtii raawwachuun akkuma yeroo aartu hundumaatti nama tokko rukutuu dogoggoraa fi gowwummaadha.

Waaqayyo dandeettii wal horuuf qabnutti matumaa karaa sirrii hin taaneen akka fayyadamnu hin barbaadu. Kitaabni Qulqulluun, “Tokkoon tokkoon keessan qulqullummaa fi ulfinaan akkamitti qaama keessan akka toʼattan beekuu qabdu” jedha. (1 Tasalonqee 4:4) Akkuma ‘jaallachuunis taʼe jibbuun yeroo qabu,’ fedhii saalaa guuttachuunis taʼe akkas gochuurraa of qusachuun yeroo qaba. (Lallaba 3:1-8) Kanaafuu, fedhii kee toʼachuu ni dandeessa.

Haa taʼu malee, namni tokko, “Dhuguma saalqunnamtii raawwattee hin beektuu?” jechuudhaan yoo sitti qoose maal gochuu dandeessa? Hin sodaatin. Nama gad aantummaan akka sitti dhagaʼamu gochuu barbaaduuf, “Eeyyee, raawwadhee hin beeku; wanti beekuu qabdu tokkommoo jira: Kun na hin qaanessu” jettee deebisuu dandeessa. Yookiinimmoo, “Kun dhimma dhuunfaa waan taʼeef warra kaan wajjin waaʼee kanaa hin haasaʼu” jechuu dandeessa. a (Fakkeenya 26:4; Qolosaayis 4:6) Karaa kan biraatiinimmoo, namni si gaafachaa jiru caalaatti beekuu akka qabu sitti dhagaʼama taʼa. Haala akkasii keessatti ejjennoo kee isa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe ibsuuf filachuu dandeessa.

Deebii nama, “Dhuguma saalqunnamtii raawwattee hin beektuu?” jedhee sitti qoosuuf kennuu dandeessu kan biraa yaaduu ni dandeessaa? Taanaan gaditti barreessi.

․․․․․

Kennaa Gatii Guddaa Qabu

Namoonni gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuuf yeroo murteessan Waaqayyotti maaltu dhagaʼama? Fakkeenyaaf, hiriyaa kee tokkoof kennaa bitteetta haa jennu. Garuu isaaf kennuu kee dura kennaa sana banee ilaale. Kun si hin aarsuu? Waaqayyos gaaʼela dura saalqunnamtii yoo raawwatte maaltu akka isatti dhagaʼamu yaadi. Kennaa saalqunnamtii raawwachuutti gammaduuf hanga gaaʼela dhaabbattutti akka turtu barbaada.—Uumama 1:28.

Maarree, fedhiin saalaa kee yeroo kakaʼu maal gochuu qabda? Miira kee toʼachuu baradhu. Cimina akkas gochuuf si dandeessisu qabda. Yihowaan akka si gargaaru kadhadhu. Hafuurri isaa caalaatti of toʼachuu akka dandeessu si gargaara. (Galaatiyaa 5:22, 23) “Yihowaan warra amanamummaadhaan deddeebiʼan, wanta gaarii tokko iyyuu [akka hin dhowwanne]” of yaadachiisi. (Faarfannaa 84:11) Dargaggeessi Goordan jedhamu akkana jedheera: “Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun hamma kana rakkina akka hin qabne yaaduu yeroon jalqabu, miidhaa inni karaa hafuuraa geessisurrattin xiinxala; achiis cubbuun kamiyyuu hariiroon Yihowaa wajjin qabu caalaa gammachuu akka naaf hin argamsiisnen hubadha.”

Dhugaan isaa kanadha: Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuu dhiisuun wanta baramaa hin taane ykn wanta sirrii hin taane miti. Kan nama salphisu, nama qaanessuu fi miidhaa kan geessisu halalummaadha. Kanaafuu, ololli addunyaa ulaagaa Kitaaba Qulqulluu hordofuun dogoggora akka taʼe akka si amansiisu hin heyyamin. Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuu dhiisuudhaan fayyaa qaamaa kee, fayyaa miiraa fi hunda caalaammoo hariiroo Waaqayyo wajjin qabdu eeggachuu dandeessa.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 24 DUBBISI

[Miiljalee]

a Yesuus yeroo Heroodis isa gaafatetti callisuu filateera. (Luqaas 23:8, 9) Gaaffii sirrii hin taane yeroo gaafatamnu yeroo baayʼee callisuun gaariidha.

CAQASA IJOO

Namni tokko . . . qeerrummaa isaatiin jiraachuuf garaa isaatti yoo kutate gaarii godha.1 Qorontos 7:37, miiljalee.

GORSA GAARII

Namoota amantaa akka keetii akka hordofan dubbachaa ejjennoo naamusaa cimaa taʼe hin qabnerraa fagaadhu.

KANA BEEKTAA?

Namoonni gama saalqunnamtiitiin dadhabina qaban gaaʼela waan dhaabbataniif qofa barsiifata isaanii kana hin dhiisan. Faallaa kanaatiin, namoonni gaaʼela dura ulaagaalee naamusaa Waaqayyootiif amanamoo taʼan gaaʼela boodas hiriyaa gaaʼelaa isaaniitiif amanamoo taʼu.

WANTAN GOCHUU YAADE

Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuurraa of qusachuuf akkana gochuun na barbaachisa ․․․․․

Hiriyoonni koo ejjennoo koo eeguun akka natti ulfaatu yoo godhan akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

Namoonni tokko tokko warra gaaʼela dura saalqunnamtii hin raawwannetti kan qoosan maaliif sitti fakkaata?

Gaaʼela dura saalqunnamtii utuu hin raawwatin turuun ulfaataa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?

Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuurraa of qusachuun faayidaa akkamii qaba?

Faayidaa gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuu dhiisuun qabu quxusuu keetiif ibsuu kan dandeessu akkamitti?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 51rra jiru]

“Yeroo hunda yaada, ‘Namni halaleen yookiin namni xuraaʼaan Mootummaa Waaqayyoo keessatti dhaala tokko illee hin qabaatu’ jedhu yaadachuun koo dhiibbaa saalqunnamtii raawwachuu dandamachuuf na kakaasa.” (Efesoon 5:5)—Liidiyaa

[Saanduqa fuula 49​rra jiru]

Gilgaala

Dhugumaan Wanti Sana Booda Taʼu Maalidha?

Hiriyoonni kee fi wanti ittiin bashannantu yeroo baayʼee miidhaa gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun geessisu ni dhoksu. Mee haalawwan sadan armaan gaditti ibsaman ilaali. Wanti dhugumaan dargaggoota kanarra gaʼu maalidha jettee yaadda?

● Gurbaan wajjin barattu tokko shamarran hedduu wajjin saalqunnamtii akka raawwate of jajuudhaan dubbata. Kan nama gammachiisu akka taʼee fi namni kamiyyuu akka hin miidhamne dubbata. Garuu dhugumaan sana booda isarras taʼe shamarran sanarra maaltu gaʼa? ․․․․․

● Fiilmiin tokko dargaggoonni gaaʼela hin dhaabbanne lama jaalala waliif qaban ibsuuf yeroo saalqunnamtii raawwatan argisiisuudhaan xumurame. Jireenya isa dhugaa keessatti wanti sana booda taʼu maalidha? ․․․․․

● Gurbaa miidhagaan tokko isa wajjin saalqunnamtii akka raawwattu si gaafate. Waaʼee kanaa eenyuyyuu akka hin beekne sitti hime. Isa wajjin saalqunnamtii raawwattee dhimmicha yoo dhoksite wanti dhugumaan sana booda taʼu maalidha? ․․․․․

[Fakkii fuula 54​rra jiru]

Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun akkuma kennaan tokko siif kennamuu isaa dura kennaa sana banuuti