Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kophummaa Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Kophummaa Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOQONNAA 9

Kophummaa Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Guyyaan isaa namatti tola, wanta gochuu yaaddes hin qabdu. Hiriyoonni kee garuu qabu. Alatti bashannanaa jiru. Harʼas si hin waamne. Affeeramuu dhiisuun kee kan si mufachiisu taʼus, wanti kana caalaa si aarsu garuu sababii itti si waamuu dhiisanidha. ‘Rakkina wayiin qabaa laata? Namni tokkoyyuu na wajjin taʼuu kan hin barbaanne maaliifi?’ jettee yaadda.

HAALLI fuula darberratti ibsame yeroo garaa garaatti si mudateera taʼa. Hallayyaa guddaan sii fi hiriyoota kee gargar baase tokko akka jiru sitti dhagaʼama taʼa. Isaan wajjin haasaʼuuf yeroo yaaltu hundatti arrabni kee ni hidhama. Haasaʼuuf yeroo carraa argattummoo ija laafessa taʼuun kee gufuu sitti taʼa. Isaan wajjin haasaʼuun hamma kana ulfaataa kan taʼe maaliifi?

Hallayyaan sun akka walirraa isin fageessu heyyamuu mannaa riqicha ijaaruu ni dandeessa. Mee akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

Hallayyaa 1​ffaa: Ilaalcha gadaanaa ofiif qabdu. Dargaggoonni tokko tokko yeroo hunda ofiif ilaalcha gadaanaa qabu. Eenyuyyuu akka isaan hin jaallanne ykn namoota wajjin yeroo haasaʼan wanta gaarii dubbachuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama. Atoo akkas sitti dhagaʼamaa? Ofiif ilaalcha gadaanaa qabaachuun kee hallayyaan hiriyoota keerraa si fageessu akka balʼatu godha.

Riqicha: Cimina keerratti xiyyeeffadhu. (2 Qorontos 11:6) ‘Ciminni koo maalidha?’ jedhii of gaafadhu. Dandeettiiwwan ykn amaloota gaggaarii qabdu muraasa gaditti barreessi.

․․․․․

Dadhabina akka qabdu beekamaadha; kana beekuun keemmoo gaariidha. (1 Qorontos 10:12) Garuu wantoota gaggaarii hedduus qabda. Cimina qabdu beekuun kee ilaalcha gadaanaa ofiif qabdu sirreessuuf si gargaara.

Hallayyaa 2​ffaa: Ija laafina. Namoota wajjin utuu haasoftee sitti tola; yeroo carraa isaa argattu garuu arrabni kee ni hidhama. Shamarreen waggaa 19 Elizaabeet jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo dheeraadhaaf ija laafina wajjin waldhaansoo gochaa tureera. Walgaʼii gumiirratti namootatti dhihaachuun baayʼee natti ulfaata, warra salphaatti namootatti dhihaachuu dandaʼan baayʼeen dinqisiifadha.” Atis akkuma Elizaabeet yoo taate hallayyaa kana ceʼuun akka hin dandaʼamne sitti dhagaʼama taʼa.

Riqicha: Namootaaf garaadhaa yaadi. Nama xiyyeeffannaa namootaa ofitti harkisuuf yaalu taʼuun si hin barbaachisu. Nama tokkoof xiyyeeffannaa kennuudhaan jalqabi. Dargaggeessi Hoorhee jedhamu, “Nageenya isaanii ykn waaʼee hojii isaanii gaafachuun qoftillee caalaatti isaan beekuuf si gargaara” jedheera.

Gorsa gaarii: Namoota umurii keerratti argaman qofarratti hin xiyyeeffatin. Kitaaba Qulqulluu keessatti namoonni umurii garaa garaarratti argaman michummaa cimaa akka uuman ibsameera; fakkeenyaaf, Ruutii fi Naaʼomiin, Daawitii fi Yonaataan, akkasumas Ximotewosii fi Phaawulos umuriidhaan baayʼee kan wal caalan taʼus michummaa cimaa qabu turan. (Ruut 1:16, 17; 1 Saamuʼel 18:1; 1 Qorontos 4:17) Haasaan tokko gaarii kan jedhamu namni tokko qofti kan toʼatu utuu hin taʼin namoonni irratti hirmaatan hundi yaada isaanii ibsuu kan dandaʼan yoo taʼedha. Namoonni nama akka gaariitti isaan dhaggeeffatuuf iddoo guddaa kennu. Kanaafuu, ija laafessa yoo taate, yeroo hunda dubbachuun akka si hin barbaachisne yaadadhu.

Maqaa namoota guguddaa caalaatti beekuu barbaaddu lamaa barreessi.

․․․․․

Namoota olitti maqaa isaanii barreessite keessaa isa tokkotti dhihaattee maaliif hin haasofsiistu? Namoota “guutummaa waldaa obbolootaa” keessa jiran wajjin haasaʼuuf carraaqqii yoo goote kophummaan sitti dhagaʼamu hirʼachuu dandaʼa.—1 Pheexiros 2:17.

Hallayyaa 3​ffaa: Amala namatti hin tolle. Namni wanta hunda akka beeku yaadu yeroo hunda warra kaan arrabsuu, warra kaanitti qoosuu ykn warra kaan tuffachuu jaallata. Namni falmii jaallatuu fi ilaalcha isaa warra kaanitti feʼuuf yaalus jira. Namni akkasii “garmalee qajeelaa” waan of godhuuf, namoota ulaagaa inni baase hin hordofne dafee balaaleffata. (Lallaba 7:16) Namoota akkasii wajjin taʼuun akka sitti hin tolle ifadha. Haa taʼu malee, sii fi hiriyoota kee gidduutti hallayyaan kan uumame ati nama akkasii waan taateefii laata? Kitaabni Qulqulluun, “Gowwaan dubbachuu isaa hin dhiisu,” akkasumas “Dubbiin yoo baayʼate, dogoggora hambisuun hin dandaʼamu” jedha.—Lallaba 10:14; Fakkeenya 10:19.

Riqicha: ‘Miira warra kaanii hubadhu.’ (1 Pheexiros 3:8) Ilaalcha nama sanaarratti kan walii hin galle yoo taʼellee obsaan isa dhaggeeffadhu. Wantoota irratti walii galtanirratti xiyyeeffadhu. Dhimmoota tokko tokkorratti akka walii hin galle ibsuun akka sirra jiru yoo sitti dhagaʼame garraamummaa fi malaan dubbadhu.

Akkaataa itti namoonni kaan akka si haasofsiisan barbaadduun dubbadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Waan hundumaa gungummii fi falmii malee hojjedhaa” jedha. (Filiphisiyus 2:14) Falmiin hin barbaachisne ykn warra kaanitti qoosuun, akkasumas warra kaan arrabsuun ykn qajeelaa of gochuudhaan isaan balaaleffachuun namoonni akka nurraa fagaatan godha. ‘Dubbiin kee yeroo hunda gurratti kan tolu’ yoo taʼe warri kaan caalaatti sitti dhihaatu.—Qolosaayis 4:6.

Hammam Carraaqqii Gochuu Qabda?

Erga of qortee booda karaawwan riqicha hallayyaa sii fi hiriyoota kee gidduu jiru ceʼuuf si gargaaru ijaaruu itti dandeessu hubatteetta taʼa. Dhugaa jiru amantee fudhachuun si barbaachisa. Namni hundi akka si jaallatu eeguu hin dandeessu. Yesuus namoonni tokko tokko warra wanta sirrii raawwatanillee akka jibban dubbateera. (Yohaannis 15:19) Kanaafuu, hiriyoota qabaachuuf jecha garmalee carraaqqii gochuu hin qabdu.

Taʼus, ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu utuu hin cabsin warra kaan biratti jaallatamaa taʼuuf hamma tokko carraaqqii gochuu dandeessa. Saamuʼel inni bara duriitti jiraate wanta Waaqa gammachiisu raawwachuuf kutatee ture. Buʼaan isaa maal ture? “Ulfinaan Yihowaa durattii fi namoota duratti guddachuu isaa itti fufe.” (1 Saamuʼel 2:26) Atis carraaqqii muraasa gochuudhaan akka isaa taʼuu dandeessa.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 8 DUBBISI

Odeeffannoo dabalataa argachuuf viidiyoo “Gaaffii Dargaggootaa—Hiriyaa Dhugaa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu ilaali. Viidiyoon kun afaanota 40 oliin argama

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Hiriyaan kee baayʼee itti dhihaattu tokko akkuma tasaa diina kee taʼe. Yeroo akkasiitti maal gochuu dandeessa?

CAQASA IJOO

Namni warra kaan dheebuu baasu [hundi] ofii isaatiif dheebuu ni baʼa.Fakkeenya 11:25.

GORSA GAARII

Haasaan keessan akka itti fufu godhi. Fakkeenyaaf, namni tokko, ‘Sanbattan akkam ture?’ jedhee yoo si gaafate, ‘Gaaridha’ jettee hin dhiisin. Kanaa mannaa sababa isaa ibsiif. Achiis, ‘Kan keehoo akkam ture?’ jedhii isa gaafadhu.

KANA BEEKTAA?

Kitaaba Qulqulluurraa akka hubannutti Museen, Ermiyaasii fi Ximotewos ija laafeyyii taʼuu hin oolan.—Baʼuu 3:11, 13; 4:1, 10; Ermiyaas 1:6-8; 1 Ximotewos 4:12; 2 Ximotewos 1:6-8.

WANTAN GOCHUU YAADE

Hallayyaan yeroo baayʼee na mudatu ․․․․․

Naannoo kanatti riqicha ijaaruuf akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Kiristiyaanonni tokko tokko kophummaan kan isaanitti dhagaʼamu maaliif taʼuu dandaʼa?

● Yaada sirrii hin taaneen liqimfamuu mannaa ofiif ilaalcha madaalamaa qabaachuuf maaltu si gargaara?

● Quxusuu kee kophummaan itti dhagaʼamaa jiru jajjabeessuu kan dandeessu akkamitti?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 88rra jiru]

“Obboleettiin takka natti dhihaachuuf carraaqqii gochaa turte, ani garuu yeroo sanatti ishiitti hin dhihaanne. Ergan ishiitti dhihaadhee booda garuu baayʼee gowwoomee akkan turen hubadhe. Waggaa 25 kan na caaltu taatus michuun baayʼee itti dhihaadhu naaf taateetti.”—Maarii

[Fakkii fuula 87​rra jiru]

Hallayyaa sii fi hiriyoota kee gargar baasu ceʼuuf riqicha ijaaruu ni dandeessa