Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maallaqa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Maallaqa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOQONNAA 18

Maallaqa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

“Konkolaataa bitachuun barbaada.”—Serjiyoo.

“Wantoota tokko tokko bitachuu nan barbaada.”—Looriyaan.

“Wantoonni gaggaariin utuun qabaadhee natti tolan jiru; warri koo garuu naa bituu hin dandaʼan.”—Maayik.

ATIS wantoota tokko tokko bitachuuf maallaqa argachuu barbaadda taʼa. Yookiinimmoo maatii kee gargaaruuf maallaqni si barbaachisa taʼa. Kallattiidhaan baasii mana keessaatiif gumaacha gochuu baattus, uffata kee ykn wanta kan biraa bitachuu yoo dandeesse maatii keetiif hamma tokko baʼaa hirʼisuu dandeessa.

Kanas taʼe sana, ofii keetiifis taʼe maatii keetiif wantoota tokko tokko bituuf maallaqni si barbaachisa. Yesuus Waaqayyo namoota ‘hundumaa dura Mootummicha barbaadaniif’ wanta isaan barbaachisu akka kennu waadaa kan gale taʼus, Kiristiyaanni tokko wanta isa barbaachisu argachuuf hojjechuu qaba. (Maatewos 6:33; Hojii Ergamootaa 18:1-3; 2 Tasalonqee 3:10) Maarree, maallaqa argachuu kan dandeessu akkamitti? Hunda caalaammoo maallaqaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu kan dandeessu akkamitti?

Hojii Argachuu kan Dandeessu Akkamitti?

Wanti warri kee sii bituu hin dandeenye tokko baayʼee yoo si barbaachise ofuma keetiin bitachuuf hojii hojjechuun si barbaachisuu dandaʼa. Waaʼee kanaa warra kee mariisisi. Warri kee kana yaaduu keetti baayʼee ajaaʼibsiifamuu dandaʼu. Warri kee yaada keerratti yoo walii galanii fi seerri biyyattii hojii akka hojjettu kan siif heyyamu yoo taʼe, yaadawwan armaan gadii hojii argachuuf si gargaaru.

Warra kaanitti himi. Hojii barbaadaa akka jirtu olloota keetti, barsiisota keettii fi firoota keetti himi. Kallattiidhaan isaan gaafachuun yoo si qaanesse umurii keerra yeroo turanitti maal hojjechaa akka turan isaan gaafachuu dandeessa. Hojii barbaadaa akka jirtu namoonni baayʼeen yoo beekan carraan itti hojii argattu hammasuma dabala.

Carraa argattu hundatti fayyadami. Beeksisa hojii gaazexaa ykn intarneetiirratti baʼu, akkasumas naannoo gabaa, mana barumsaa fi iddoowwan namni itti baayʼatu kan biraatti maxxanfamu hordofi. Dargaggeessi Deev jedhamu akkana jedheera: “Hojii kanan argadhe karaa kanaani. Beeksisa gaazexaarratti baʼe ilaaleen odeeffannoo waaʼee gaʼumsa kootii ibsu isaaniif erge, achiis isaaniifan bilbile.” Kana gootee yoo siif milkaaʼuu baate nama namoota qaxaree hojjechiisu tokko bira dhaqxee hojii siif taʼu yoo qabaate isa gaafachuu dandeessa.

Odeeffannoo waaʼee gaʼumsa keetii ibsu raabsi. Teessoo kee, dandeettii kee fi muuxannoo hojii kee waraqaarratti barreessi. Dandeettii ykn muuxannoo barreessitu hin qabduu? Irra deebiʼii yaadi. Yeroo warri kee mana hin jirretti obbolaa kee warra quxusuu ykn ijoollee nama kan biraa kunuunsitee beektaa? Kun nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu akka taate argisiisa. Abbaan kee konkolaataa yeroo suphu isa gargaartee beektaa? Tarii kun wantoota tokko tokko suphuu akka dandeessu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Kompiitaraan barreessuu ykn kompiitaratti fayyadamuu ni dandeessaa? Yookiinimmoo mana barumsaatti hojii kalaqaa tokko tokko hojjechuudhaan qabxii gaarii argatteettaa? Wantoonni olitti ibsaman dandeettiiwwan gaggaarii namoonni nama qaxaranii hojjechiisan barbaadan taʼuu dandaʼu. Kanaafuu, odeeffannoo waaʼee gaʼumsa keetii ibsutti dabaluu dandeessa. Odeeffannoo kana nama namoota qaxaree hojjechiisuuf kennuu, akkasumas hiriyoonni kee fi firoonni kee namoota hojjettoota barbaadaniif akka kennan gaafachuu dandeessa.

Hojii uumi. Waaʼee namoota naannoo kee jiraatanii yaadi. Miini ykn tajaajilli isaan barbaadanii fi naannoo keessanitti hin argamne jiraa? Fakkeenyaaf, beelladoota ni jaallatta haa jennu. Mana namaa dhaqxee beelladoota manaa isaanii dhiquu ykn rifeensa isaanii sirreessuu dandeessa. Yookiinimmoo meeshaa muuziqaa tokko taphachuu dandeessa taʼa. Warra kaan barsiisuu ni dandeessaa? Hojii qulqullinaa dabalatee hojiiwwan yeroo baayʼee namoonni hojjechuu hin barbaanne hojjechuus ni dandeessa. Kiristiyaanni tokko harka isaatiin hojjechuun isa qaanessuu hin qabu. (Efesoon 4:28) Dhugaadha, hojii uumuun kakaʼumsa, of toʼachuu fi dursa fudhachuuf fedhii qabaachuu gaafata.

Of eeggannoo: Hojiin tokko baasii hammamii akka gaafatuu fi maalfaa akka dabalatu utuu hin mirkaneeffatin hojii sana jalqabuuf hin ariifatin. (Luqaas 14:28-30) Jalqaba, warra kee mariisisi. Akkasumas namoota hojii akkasii hojjetan haasofsiisi. Gibira kaffaluun si barbaachisaa? Heyyama baafachuun hoo si barbaachisaa? Odeeffannoo dabalataa argachuuf abbootii taayitaa naannoo keetii haasofsiisi.—Roomaa 13:1.

Madaallii Kee Eeggadhu

Boorsaa mana barumsaa, kubbaa fi nyaata dabalatee wantoota hedduu baattee biskileetiidhaan deemuuf yaalaa akka jirtu godhii yaadi. Meeshaa baayʼee baattee deemuuf yoo yaalte madaallii kee eeguun caalaatti sitti ulfaata. Hojii humna keetii ol taʼe hojjechuuf yoo yaaltes akkasuma. Yeroo fi humna hedduu kan fayyadamtu yoo taʼe, fayyaan kee miidhamuu fi qabxiin kee gadi buʼuu dandaʼa. Hunda caalaammoo hojiirratti saʼaatii dheeraa kan dabarsitu yoo taʼe yeroo hunda walgaʼii gumiirratti argamuun, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuunii fi tajaajilarratti hirmaachuun sitti ulfaachuu dandaʼa. Shamarreen Miisheel jedhamtu, “Guyyaa guutuu barachaa fi hojjechaa ergan oolee booda waanan dadhabuuf walgaʼii nan hafan ture” jetteetti.

Ilaalchi maallaqaaf qabdu karaa kanaan madaallii kee akka si dhabsiisu hin heyyamin. Yesuus “warri wantoota hafuuraa dheebotan” gammachuu dhugaa akka argatan dubbateera. (Maatewos 5:3) ‘Namni tokko qabeenya hedduu yoo qabaate illee jireenyi isaa wantoota inni qabu irratti kan hundaaʼe akka hin taanes’ dubbateera. (Luqaas 12:15) Shamarreen Mooriin jedhamtu gorsa kana hojiirra oolchiteetti. Akkana jetteetti: “Qabeenya kuufachuurratti xiyyeeffachuu hin barbaadu. Maallaqa argachuu qofarratti xiyyeeffachuun hariiroon Waaqayyo wajjin qabu akka na jalaa balleessu beeka.”

Dhugaadha, biyyoota tokko tokko keessatti dargaggoonni maatii isaanii gargaaruuf saʼaatii dheeraadhaaf hojjechuuf dirqamu. Haalli kee akkas miti taanaan garuu saʼaatii dheeraadhaaf hojjechuun madaallii kee akka dhabdu si taasisuu dandaʼa. Hayyoonni hedduun barumsa barachaa torbanitti saʼaatii 20 ol hojjechuun humnaa ol akka taʼee fi faayidaa isaarra miidhaan isaa akka caalu dubbatu. Tokko tokkommoo torbanitti saʼaatii saddeetii hanga kudhanii hojjechuun gaʼaa akka taʼe dubbatu. Solomoon Mootichi, “Hojii cimaa harka lama guutuu qabaachuun akka bubbee duukaa fiiguu ti; kana irra boqonnaa harka tokko guutuu qabaachuu wayya” jedheera.—Lallaba 4:6.

“Humni qabeenyi gowwoomsuuf qabu” fedhii hafuuraa kee hudhuu akka dandaʼu yaadadhu. (Maarqos 4:19) Kanaafuu, barumsa utuma barattuu maallaqa argachuuf hojii hojjechuu yoo yaadde sochiiwwan hafuuraatiif dursa kennuuf sagantaa gaarii baafadhu. Waaʼee dhimmichaa Yihowaa kadhadhu. Dhiibbaa haalli kee sirraan gaʼu dandamachuudhaan karaa hafuuraa madaallii kee akka eeggattu si gargaaruu dandaʼa.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 21 DUBBISI

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Maallaqa kee situ toʼata moo isatu si toʼata? Toʼachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.

CAQASA IJOO

Namni dhibaaʼaan ni hawwa, taʼus homaa hin qabaatu, namni dhimmee hojjetu garuu akka gaariitti ni quufa.Fakkeenya 13:4.

GORSA GAARII

Kaampaaniin tokko beeksisa hojii hamma baasutti eeguu mannaa odeeffannoo waaʼee gaʼumsa keetii ibsu ergiif.

KANA BEEKTAA?

Biyyoota tokko tokkotti hojiin gara dhibbeentaa 85 taʼu hin beeksifamu.

WANTAN GOCHUU YAADE

Carraan itti hojii argadhu dabaluuf akkanan godha ․․․․․

Torban torbaniin saʼaatii ․․․․․qofan hojjedha.

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Maallaqni kan si barbaachise maaliifi?

● Hojii yoo argatte haala rakkisaa akkamiitu si mudata?

● Maallaqaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu kan dandeessu akkamitti?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 153rra jiru]

“Gammachuun kee kan hundaaʼe waa argachuurratti yoo taʼe matumaa gammachuu hin qabaattu. Yeroo hunda wanti haaraan argachuu barbaaddu hin dhabamu. Wanta qabdutti gammaduu barachuu qabda.”—Jonaataan

[Saanduqa fuula 155rra jiru]

Maallaqaaf Ilaalcha Madaalamaa Qabaadhu Malee hin Jaallatin

Halbeen qara qabu nama nyaata hojjechuurratti dandeettii qabu tokkoof meeshaa faayidaa guddaa qabudha. Harka nama muuxannoo hin qabnee ykn of hin eeggannee keessa yeroo galu garuu miidhaa cimaa geessisuu dandaʼa. Maallaqni akkuma halbee qara qabuuti. Itti fayyadama isaa yoo beekte meeshaa faayidaa qabudha. Yoo of eeggachuu baatte garuu miidhamuu dandeessa. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan maallaqa jaallachuun miidhaa akka qabu akeekkachiiseera. Namoonni tokko tokko qabeenya horachuuf jedhanii michummaa warra kaan wajjin qabanii fi hariiroo maatii isaanii wajjin qaban, darbees hariiroo Waaqayyo wajjin qaban aarsaa godhaniiru. Kanaan kan kaʼes, ‘dhiphina hedduudhaan of waraananiiru.’ (1 Ximotewos 6:9, 10) Kanarraa maal baratta? Maallaqatti ogummaadhaan fayyadamuu baradhu. Maallaqaaf ilaalcha madaalamaa qabaadhu malee hin jaallatin.

[Fakkii fuula 153​rra jiru]

Itti gaafatamummaa baayʼee fudhachuun madaallii kee eeggachuun akka sitti ulfaatu godha