Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Abbaan Koo Araada Cimaa Qaba Yoo Taʼehoo?

Abbaan Koo Araada Cimaa Qaba Yoo Taʼehoo?

BOQONNAA 23

Abbaan koo Araada Cimaa Qaba Yoo Taʼehoo?

“Abbaan koo konkolaataa suphuu akka dhaqu nutti himee deeme; garuu guyyaa guutuu sagalee isaa hin dhageenye. Harmeen isaaf bilbiltee turte. Garuu hin kaasu. Yeroo muraasa booda Harmeen waan yaaddofteef isa barbaacha deemuuf qophaaʼuu jalqabde. ‘Mee dhaqeen isa barbaada’ naan jette.

“Boodas, Harmeen kophaa ishii dhufte. ‘Aabbaan achi hin turre mitii?’ jedheen ishii gaafadhe. ‘Eeyyee achi hin jiru’ naan jette.

“Yeroo kanatti Aabbaan ammas nu gowwoomsuu akka jalqaben hubadhe. Kanaan duras akkas godhee ture. Abbaan koo araada qoricha sammuu hadoochuu qaba. Yeroo inni manatti deebiʼu araada isaatti waan deebiʼeef anii fi Harmeen baayʼee dhiphannee turre. Guyyaa itti aanutti isa cufeen ture; booda garuu akkas gochuu kootti nan gaabbe.”—Kaaran, 14.

DARGAGGOONNI miliyoonaan lakkaaʼaman abbootiin isaanii araada qoricha sammuu hadoochuu ykn dhugaatii alkoolii waan qabaniif dhiphinaan jiraatu. a Abbaan kee araada akkasiitiin qabameera yoo taʼe qaanaʼuu, abdii kutachuu, darbees aaruu dandaʼa.

Fakkeenyaaf, Meeriin abbaan ishii namoota biratti nama gaarii fakkaatee mulʼata. Haa taʼu malee, dhoksaatti dhugaatii alkoolii garmalee dhuga ture; mana keessattis maatii isaarra miidhaa geessisa, akkasumas isaan arrabsa. Meeriin haala isaa yeroo yaadattu gaddaan, “Namoonni abbaan keenya nama gaarii akka taʼee fi carraa gaarii akka qabnu nutti himu turan” jetteetti. b

Abbaan kee araada dhugaatii alkoolii ykn qoricha sammuu hadoochuu qaba yoo taʼe haala isaa dandamachuu kan dandeessu akkamitti?

Sababa Isaa

Rakkina abbaa keetii hubachuun kee si fayyada. Fakkeenyi 1:5, “Namni hubataan qajeelfama gaarii ni argata” jedha. Kanaafuu, araadni maal akka taʼe, araada dhugaatii alkoolii ykn qoricha sammuu hadoochuutiin kan qabaman namoota akkamii akka taʼanii fi maaliif akka taʼe beekuun kee gaariidha.

Fakkeenyaaf, nama dhugduu kan jedhamu nama darbee darbee garmalee dhugu miti. Kanaa mannaa, nama yeroo dheeraadhaaf garmalee dhugaa turee fi dhiisuun isa rakkisedha. Yeroo hunda waaʼee dhugaatii kan yaadu yeroo taʼu, takkaa dhuguu jalqabnaan hamma dhugu toʼachuu hin dandaʼu. Araadni isaa rakkoowwan hedduudhaaf isa saaxila; maatii, hojii fi fayyaa isaarrattis rakkina fida.

Namoonni tokko tokko uumama isaaniitiin dhugaatii waan jaallataniif araada kanaaf kan saaxilaman taʼus, dhiibbaan miiraas gumaacha gochuu dandaʼa. Yeroo baayʼee namoonni dhugduu taʼan ofii isaaniitiif ilaalcha gadaanaa qabu. (Fakkeenya 14:13) Tokko tokko maatii araada dhugaatii qabu keessatti guddatan. Namoonni akkasii dhugaatii alkoolii kan dhugan miidhaa miiraa ijoollummaa isaaniitti isaanirra gaʼe irraanfachuuf taʼuu dandaʼa. Namni tokko araada qoricha sammuu hadoochuutiin kan qabamus sababuma akkasiitiin taʼuu dandaʼa.

Dhugaatii alkoolii dhuguun ykn qoricha sammuu hadoochu fudhachuun rakkinni nama tokkoo caalaatti akka hammaatu gochuu malee faayidaa hin qabu; yaannii fi miirri nama sanaa caalaatti akka mancaʼu godha. Abbaan kee araada isaarraa bilisa baʼuuf gargaarsi ogeessa fayyaa kan isa barbaachisu kanaafi.

Wanta Eegdurratti Sirreeffama Godhi

Abbaan kee amala gadhee taʼe kan argisiisu maaliif akka taʼe hubachuun kee rakkinichi akka furamu akka hin goone beekamaadha. Taʼus, rakkina abbaa keetii hubachuun kee gara laafinaan isa qabuuf si gargaaruu dandaʼa.

Fakkeenyaaf, abbaan kee miilli isaa cabee kubbaa miilaa akka si wajjin taphatu ni eegdaa? Abbaan kee ofuma isaatiin akka of miidhe yoo beektehoo maaltu sitti dhagaʼama? Akka aartu beekamaadha. Taʼus, abbaan kee hamma fayyutti humni isaa daangeffamaa waan taʼeef kubbaa miilaa si wajjin taphachuun baayʼee akka isatti ulfaatu ni hubatta. Kana hubachuun keemmoo wanta isarraa eegdurratti sirreeffama gochuuf si gargaara.

Haaluma walfakkaatuun, namni araada dhugaatii alkoolii ykn qoricha sammuu hadoochuu qabu tokko karaa miiraas taʼe karaa sammuu miidhamaadha. Abbaan kee miidhaa kana kan ofitti fide ofuma isaatiin waan taʼeef isatti aaruun kee waanuma jirudha. Taʼus, araada isaarraa bilisa taʼuuf gargaarsa hamma argatutti dandeettiin isaa daangeffamaa waan taʼeef si kunuunsuu hin dandaʼu. Araada isaa akka miidhaa qaamaatti ilaaluun kee wanta isarraa eegdurratti sirreeffama gochuuf si gargaaruu dandaʼa.

Wanta Gochuu Dandeessu

Abbaan kee amala isaa hamma jijjiirutti miidhaa amalli isaa geessisu wajjin jiraachuu akka qabdu yaadadhu. Maarree, hammasitti maal gochuu dandeessa?

Abbaan kee araadaan kan qabame balleessaa keetiin akka taʼe sitti hin dhagaʼamin. Abbaan kee araadaan qabamuu isaatiif kan itti gaafatamu isuma qofadha. Galaatiyaan 6:5, “Namni hundi baʼaa ofii isaa baata” jedha. Kanaafuu, abbaa kee fayyisuunis taʼe miidhaa araada isaatiin kan kaʼe isarra gaʼurraa isa eeguun itti gaafatamummaa kee miti. Fakkeenyaaf, balleessaa isaa isaaf dhoksuuf hogganaa isaa sobuun ykn bakka machaaʼee kufee baattee manatti isa galchuun dirqama kee miti.

Abbaan kee gargaarsa akka gaafatu isa jajjabeessi. Dadhabinni abbaan kee qabu inni guddaan rakkina akka qabu amanuu diduu taʼuu dandaʼa. Yeroo machiin isaa irraa galuu fi tasgabbaaʼu haati kee fi obbolaan kee hangafaa amalli isaa maaticharratti dhiibbaa gochaa kan jiru akkamitti akka taʼee fi maal gochuun akka isa barbaachisu itti himuu dandaʼu.

Kana malees, abbaan kee deebii gaaffilee armaan gadii barreessuun isaa gaarii taʼuu dandaʼa: Dhugaatii dhuguu ykn qoricha sammuu hadoochu fudhachuu koo yoon itti fufe anarras taʼe maatii koorra maaltu gaʼa? Araada koo kana yoon dhiise maaltu taʼa? Gargaarsa argachuuf maal gochuun qaba?

Rakkinni uumamuuf akka jedhu yoo sitti dhagaʼame bakka sanaa deemi. Fakkeenyi 17:14, “Lolli kaʼuu isaa dura bakka sanaa deemi” jedha. Lola keessa galuudhaan balaadhaaf of hin saaxilin. Dandaʼamnaan gara kutaa kee gali ykn hiriyoota kee bira deemi. Abbaan kee miidhaa qaamaa kan geessisu yoo taʼe gargaarsa warra kaanii gaafachuun si barbaachisuu dandaʼa.

Of hin komatin. Dargaggoonni tokko tokko abbaa isaaniitti waan aaraniif of ceephaʼu. Abbaan kee araada isaatiin kan kaʼe jaalalaa fi deeggarsa si barbaachisu siif hin kennu taanaan hamma tokko isatti aaruun kee waanuma jirudha. Dhugaadha, Kitaabni Qulqulluun abbaa kee kabajuu akka qabdu dubbata. (Efesoon 6:2, 3) Haa taʼu malee, ‘kabajuu’ jechuun akkuma poolisii ykn abbaa murtii tokkoof ulfina kennitutti aangoo abbaa keetii kabajuu jechuudha. Araada abbaa keetii deeggaruu jechuu miti. (Roomaa 12:9) Araada isaa waan jibbiteef ati nama hamaadha jechuus miti; dhugaa dubbachuufimmoo dhugaatii alkooliitiif ykn qoricha sammuu hadoochuuf garba taʼuun wanta jibbisiisaadha.—Fakkeenya 23:29-35.

Hiriyoota si jajjabeessan filadhu. Jireenyi mana keessanii jeequmsaan kan guutame yoo taʼe wanti sirriin maal akka fakkaatu irraanfachuu dandeessa. Kanaafuu, namoota karaa miiraa fayya buleeyyii taʼanii fi Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabanitti dhihaachuun kee barbaachisaadha. Miseensonni gumii Kiristiyaanaa jajjabinaa fi deeggarsa siif kennuu, akkasumas dhiphina maatii keerraa boqonnaa akka argattu si gargaaruu dandaʼu. (Fakkeenya 17:17) Maatiiwwan Kiristiyaanota taʼanitti dhihaachuun kee jireenyi maatii fakkeenya taʼu akka jiru hubachuuf, akkasumas wanti maatii kee keessatti argitu dhiibbaa akka sirratti hin goone si gargaara.

Gargaarsa gaafadhu. Nama amanamaa bilchina qabuu fi miira kee itti himuu dandeessu qabaachuun kee si fayyada. Jaarsoliin gumii yeroo barbaaddutti si gargaaruuf fedhii qabu. Kitaabni Qulqulluun dhiirota kana ilaalchisee, “Bakka bubbee jalaa itti dhokatan, bakka bokkaa yandoo jalaa dahoo itti argatan ni taʼu; biyya bishaan hin qabne keessatti akkuma yaaʼaawwan bishaanii, biyya waxalame keessattis akkuma gaaddisa qarsaa guddaa ni taʼu” jedha. (Isaayyaas 32:2) Kanaafuu, jajjabina ykn gorsa argachuuf isaan haasofsiisuu hin sodaatin ykn hin qaanaʼin.

Tarkaanfiiwwan olitti ibsaman jaʼan keessaa isa jalqabarratti hojiirra oolchuu barbaaddu barreessi.․․․․․

Haala mana keessan keessa jiru jijjiiruu hin dandeessu taʼa; dhiibbaa sirraan gaʼu garuu jijjiiruu ni dandeessa. Abbaa kee toʼachuuf yaaluu mannaa of toʼachuurratti xiyyeeffadhu. Phaawulos ergamaan, “Fayyina keessan mirkaneessuuf carraaqqii gochuu keessan itti fufaa” jedhee barreesseera. (Filiphisiyus 2:12) Akkas gochuun kee ilaalcha gaarii qabaachuuf si gargaara; abbaan kees araada isaarraa bilisa baʼuuf gargaarsa akka gaafatu isa kakaasuu dandaʼa.

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Warri kee yeroo hunda kan wal falman yoo taʼehoo? Miidhaa karaa miiraa sirraan gaʼu dandamachuu kan dandeessu akkamitti?

[Miiljaleewwan]

a Qajeelfamoonni boqonnaa kana keessatti kennaman haadholiidhaafis taʼe abbootiidhaaf walqixa hojjetu.

b Abbaan kee dhugduu yoo taʼee fi miidhaa sirraan geessisaa jira taanaan gargaarsa gaafachuun kee gaariidha. Nama guddaa amantu tokko haasofsiisi. Dhugaa Baatuu Yihowaa yoo taate jaarsa gumii ykn Kiristiyaana bilchina qabu tokko haasofsiisuu dandeessa.

CAQASA IJOO

Hubannaan, namni tokko aariin isaa akka qabbanaaʼu godha.Fakkeenya 19:11.

GORSA GAARII

Abbaa keetiif utuu hin taʼin gocha dogoggoraa inni raawwatuuf jibba qabaadhu.—Fakkeenya 8:13; Yihudaa 23.

KANA BEEKTAA?

Kitaaba Qulqulluu keessatti ‘kabajuu’ jechuun aangoo qaama tokkoo fudhachuu jechuu taʼuu dandaʼa. (Efesoon 6:1, 2) Kanaafuu, abbaa kee kabajuu jechuun yeroo hunda amala isaa deeggaruu jechuu miti.

WANTAN GOCHUU YAADE

Abbaan koo dubbiidhaan ykn karaa qaamaa miidhaa yoo narraan gaʼe akkanan godha ․․․․․

Abbaan koo gargaarsa akka gaafatu jajjabeessuuf akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

Namoonni tokko tokko araada dhugaatii alkooliitiin ykn qoricha sammuu hadoochuutiin akka qabaman kan godhu maalidha?

Abbaan kee araadaan qabamuun isaa balleessaa kee miti kan jennu maaliifi?

Wantoonni toʼachuu dandeessu maalfaʼi? Akkas gochuu kan dandeessuhoo akkamitti?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 192rra jiru]

“Gochi warra kootii gara fuulduraatti na qaanessuu akka dandaʼu beeka; Yihowaatti yoon amaname garuu cimina jabaadhee dhaabbachuuf na barbaachisu akka naaf kennu beeka.”—Maaksiweel

[Saanduqa fuula 198​rra jiru]

Abbaan Kee ykn Haati Kee Yihowaa Tajaajiluu Yoo Dhiisanoo?

Abbaan kee ykn haati kee ulaagaalee Kitaaba Qulqulluutiin jiraachuu yoo dhiisan, darbees kana booda miseensota gumii Kiristiyaanaa taʼuu akka hin barbaanne yoo dubbatan maal gochuu dandeessa?

Yihowaan gocha warra keetiitiif akka si hin komanne yaadadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Tokkoon tokkoon keenya waaʼee ofii keenyaa Waaqayyoof deebii ni kennina” jedha.—Roomaa 14:12.

Dargaggoota haala gaarii keessatti argaman wajjin walbira of qabuurraa of qusadhu. (Galaatiyaa 5:26) Dargaggeessi abbaan isaa maatii isaa dhiisee deeme tokko, “Wanta akkasiirratti xiyyeeffachuu mannaa, karaa itti haala sana dandamachuun dandaʼamurratti xiyyeeffachuun caalaatti faayidaa qaba” jedheera.

Akka isaan kabajju argisiisuu kee itti fufi; wanti isaan si ajajan ulaagaalee Waaqayyoo wajjin walitti hin buʼu yoo taʼe isaaniif ajajami. Warri Yihowaa kan tajaajilan taʼanis taʼuu baatanis ijoolleen isaanii akka isaan kabajan Yihowaan ajajeera. (Efesoon 6:1-3) Warri kee dogoggora kan raawwatan taʼus kan isaan kabajjuu fi kan isaaniif ajajamtu yoo taʼe Yihowaa akka jaallattu argisiista.—1 Yohaannis 5:3.

Gumii Kiristiyaanaatti dhihaadhu. Gumii keessaa namoota akka maatii siif taʼan argachuu dandeessa. (Maarqos 10:30) Dargaggeessi Deevid jedhamu abbaan isaa Yihowaa tajaajiluu waan dhiiseef obboloonni gumii keessa jiran isarraas taʼe miseensota maatii isaarraa akka hin fagaanne sodaatee ture. Taʼus, wanti sodaate isaanirra hin geenye. Akkana jedheera: “Warra kaanirraa adda akka baafamne nutti hin dhagaʼamne. Kun gumichi baayʼee akka nuuf yaadu na amansiiseera.”

[Fakkii fuula 194​rra jiru]

Araada abbaa keetii akka miidhaa qaamaatti ilaaluun kee wanta eegdurratti sirreeffama gochuuf si gargaaruu dandaʼa