Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dogoggora Tokkollee Akkan hin Raawwanne Kanan Ofirraa Eegu Maaliifi?

Dogoggora Tokkollee Akkan hin Raawwanne Kanan Ofirraa Eegu Maaliifi?

BOQONNAA 27

Dogoggora Tokkollee Akkan hin Raawwanne Kanan Ofirraa Eegu Maaliifi?

Qormaata yoo cufuu baatte ni aartaa?

□ Eeyyee

□ Lakki

Wanta xinnoo irrattillee yeroo komatamtu homtuu akka siif hin milkoofne sitti dhagaʼamaa?

□ Eeyyee

□ Lakki

Namni ulaagaa kee guutu akka hin jirre waan sitti dhagaʼamuuf hiriyaa horachuun ykn hariiroo keessan itti fufsiisuun si rakkisaa?

□ Eeyyee

□ Lakki

GAAFFILEE armaan olii keessaa isa tokkoof ykn tokkoo oliif deebii ‘eeyyee’ jedhu yoo kennite, dogoggora akka hin raawwanne ofirraas taʼe warra kaanirraa eeguurratti rakkina qabaachuu dandeessa. ‘Garuu wanta hunda dogoggora tokko malee hojjechuu barbaaduun rakkina maalii qaba?’ jettee gaafatta taʼa. Rakkinallee hin qabu. Kitaabni Qulqulluunis “nama hojii isaa irratti dandeettii qabu” ni leellisa. (Fakkeenya 22:29) Haa taʼu malee, namni dogoggora tokkollee akka hin raawwanne ofirraa eegu daangaa isaa darba.

Fakkeenyaaf, dargaggeessi waggaa 19 Jeesan jedhamu akkana jedheera: “Yeroon barumsa sadarkaa lammaffaa xumuruuf jedhutti qormaata hunda yoon cufuu baadhe barataa cimaa akkan hin taane natti dhagaʼama ture. Piyaanoos taphachaa waanan tureef akkuma namoota koonsartiirratti piyaanoo taphataniitti taphachuu akkan qabu natti dhagaʼama ture.”

Namni tokko dogoggora akka hin raawwanne ofirraa eeguun isaa waaqeffannaa dhiheessurrattis gufuu taʼuu dandaʼa. Mee dargaggeessa yeroo hunda akka fakkeenyaatti ilaalamu tokkorra maaltu gaʼuu akka dandaʼu haa ilaallu. Yeroo hunda namoonni waan isarratti xiyyeeffataniif warri kaan wanta inni godhu hunda akka ilaalan isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Dargaggoonnii fi maanguddoonni Kiristiyaanota taʼan fakkeenya gaarii obboloota gumii keessa jiraniirraa akka fayyadaman beekamaadha. Haa taʼu malee, dargaggeessi tokko wanta hundumaarratti mudaa kan hin qabne fakkaatee mulʼachuuf kan yaalu yoo taʼe gammachuu Waaqa tajaajiluudhaan argamu dhabuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti dargaggeessi kun gargaarsi isa barbaachisa. Taʼus, namoota ilaalcha guddaa isaaf qaban akka hin qaanessine waan sodaatuuf gargaarsa gaafachuu dhiisuu dandaʼa. ‘Wanta hunda dogoggora tokko malee raawwachuu ergan hin dandeenyee maaltu na dhamaase?’ jedhee yaaduudhaan abdii kutachuullee ni dandaʼa.

Ilaalcha Akkasii Injifachuu

Namni akkasii dogoggorri tokkollee akka isarratti hin argamne gochuuf dhamaʼa. Dhugaa dubbachuuf garuu, ilaalchi akkasii sirrii miti. Kitaabni Qulqulluun, “Hundi isaanii cubbuu hojjetaniiru, ulfina Waaqayyoo calaqqisiisuus hin dandaʼan” jechuudhaan ifatti dubbata. (Roomaa 3:23) Kanaafuu, wanta hunda dogoggora tokko malee raawwachuu namni dandaʼu hin jiru. Dogoggora tokkollee akkan hin raawwanne yaaduun akkuma balaliʼuuf yaaluu gowwummaadha. Hammamiyyuu cimsitee yoo amante balaliʼuu hin dandeessu!

Ilaalchi akkasii jireenya kee akka hin toʼanne gochuu kan dandeessu akkamitti? Yaadawwan armaan gadii hojiirra oolchuuf yaali:

Ilaalcha milkaaʼinaaf qabdu gamaaggami. Warra kaan caaluuf dhamaʼaa jirtaa? Kitaabni Qulqulluun carraaqqii akkasii gochuun “akkuma bubbee duukaa fiiguu” akka taʼe dubbata. (Lallaba 4:4) Gama kanaan milkaaʼina kan argatan namoota muraasa qofadha. Namni tokko gama kanaan milkaaʼina yoo argatellee yeroo muraasa booda namni isa caalu dhufuun isaa hin oolu. Milkaaʼina argachuu jechuun nama kan biraa caaluu utuu hin taʼin, wanta dandeessu hunda gochuu jechuudha.Galaatiyaa 6:4.

Madaallii kee eeggadhu. Wanta dandeettii fi humna keetii ol taʼe ofirraa eeguu hin qabdu. Wanta humna keetii ol taʼe ofirraa eeguun, humna kee akka hin beekne, darbees of tuulummaa akka qabdu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Phaawulos ergamaan gorsa gaarii akkana jedhu kenneera: ‘Namni isin gidduu jiru kam iyyuu hamma yaaduu qabu caalaa waaʼee ofii isaa akka hin yaanne isinan gorsa.’ (Roomaa 12:3) Kanaafuu, ofii keetiif ilaalcha madaalamaa qabaadhu. Wanta ofirraa eegdurratti sirreeffama godhi. Mudaa kan hin qabne taʼuuf utuu hin taʼin wanta dandeessu gochuuf yaali.

Salphistee ilaaluuf yaali. Wantoota sirriitti hojjechuu hin dandeenye, fakkeenyaaf meeshaa muuziqaa taphachuuf yaali. Yeroo baayʼee dogoggoruu akka dandeessu beekamaadha. Taʼus dogoggora keetiif ilaalcha adda taʼe qabaachuuf yaali. Kitaabni Qulqulluun, ‘Kolfuun yeroo qaba’ jedha. (Lallaba 3:4) Kanaafuu, dhimmicha salphistee ilaaluuf maaliif yaaltu? Akkas gochuun kee dogoggora raawwachuun karaa itti waa barannu akka taʼe hubachuuf si gargaara. Dogoggora akka raawwattu amantee fudhachuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Yaada dogoggoraa fi abdii si kutachiisu sammuu kee keessaa baasuuf carraaqqii godhi.

Yihowaan mudaa kan hin qabne akka taanu utuu hin taʼin, isaaf amanamoo akka taanu akka nurraa eegu yeroo hunda yaadadhu. (1 Qorontos 4:2) Amanamaa taʼuuf carraaqqii yoo goote wanta hunda dogoggora tokko malee raawwachuu baattus ofitti gammaduu ni dandeessa.

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Sodoomummaan yeroo harʼaatti namoota baayʼee biratti fudhatama argachaa dhufeera. Irraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti? Fedhii akkasii qabda yoo taʼehoo?

CAQASA IJOO

Namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii godhuu fi matumaa cubbuu hin hojjenne tokko illee lafa irratti hin argamu.Lallaba 7:20.

GORSA GAARII

Hojii sirriitti raawwachuu akka hin dandeenye sodaachuudhaan yeroo biraatti dabarsite tokko yaadi. Achiis yeroo itti hojjettee xumurtu murteessi.

KANA BEEKTAA?

Yihowaan mudaa hin qabu; garuu ilmaan namootaa cubbamoota taʼan dogoggora tokkollee akka hin raawwanne isaanirraa hin eegu. Humni keenya daangaa akka qabu beeka, kanas tilmaama keessa galcha.

WANTAN GOCHUU YAADE

Utuu hin barbaachisin yeroon of ceephaʼu akkanan godha ․․․․․

Utuu hin barbaachisin yeroon warra kaan ceephaʼu akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Kallattii jireenyaa kee isa kamirratti galmawwan humna keetii ol taʼan baafachuuf qoramta?

● Caqasoonni Kitaaba Qulqulluu Yihowaan dogoggora tokkollee akka hin raawwanne tajaajiltoota isaarraa akka hin eegne siif mirkaneessan kamfaʼi?

● Dogoggora tokkollee akka hin raawwanne namootarraa eeguun kee warri kaan akka sirraa fagaatan kan godhu maaliifi?

● Gara fuulduraatti dogoggora yeroo raawwattu maal goota?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 226rra jiru]

“Wanta dandeessu hunda gochuunii fi dogoggora tokkollee akka hin raawwanne ofirraa eeguun garaagara; inni tokko sirriidha, inni tokko garuu sirrii miti.”—Meegan

[Saanduqa fuula 228​rra jiru]

Dogoggora Akka hin Raawwanne Eeguu fi Hiriyummaa

Namoonni tokko tokko ulaagaa kee waan hin guunneef qofa isaanirraa ni fagaattaa? Yookiin ulaagaan kee baayʼee ol kaʼaa waan taʼeef namoonni gaggaariin sirraa ni fagaatuu? Kitaabni Qulqulluun, “Garmalee qajeelaa hin taʼin, garmalees ogeessa hin taʼin. Maaliif badiisa ofitti fidda?” jedha. (Lallaba 7:16) Karaan itti namni warri kaan dogoggora tokkollee akka hin raawwanne eegu badiisa ofitti fidu tokko namoonni hiriyoota gaarii isaaf taʼuu dandaʼan akka isarraa fagaatan gochuudhaani. Shamarreen Ambar jedhamtu akkana jetteetti: “Namni namoota gadaantummaan akka isaanitti dhagaʼamu godhan wajjin taʼuu barbaadu hin jiru. Namoonni akkasii wantoota baayʼee xixinnoo taʼaniin hiriyoota gaarii yeroo dhaban argeera.”

[Fakkii fuula 229​rra jiru]

Dogoggora tokkollee akkan hin raawwanne yaaduun akkuma balaliʼuuf yaaluu gowwummaadha