Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaʼee Saalqunnamtii Yaaduu Dhiisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Waaʼee Saalqunnamtii Yaaduu Dhiisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOQONNAA 29

Waaʼee Saalqunnamtii Yaaduu Dhiisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

DARGAGGEESSI Maayikil jedhamu akkana jedheera: “Yeroo hundumaa yeroo isaan na bira hin jirrettillee waaʼee shamarranii nan yaada. Baayʼee nama aarsa. Yeroo tokko tokko yaada koo sassaabbachuullee hin dandaʼu.”

Atoo akkuma Maayikil waaʼee saala faallaa yaaduudhaan yeroo dheeraa dabarsitaa? Taanaan, sammuu kee wajjin waraanarra akka jirtu sitti dhagaʼama taʼa. Yaadawwan saalqunnamtii wajjin wal qabatan akkuma loltoota diinaa gara sammuu keetti yaaʼu. Maayikil akkana jedheera: “Yaadawwan akkasii si toʼatu. Shamarree bareedduu takka ilaaluuf jettee utuu hin barbaachisin karaa dheeraa akka deemtu ykn daandii keerraa akka gortu si taasisuu dandaʼu.”

Haa taʼu malee, fedhiin saalaa mataa isaatti dogoggora akka hin taane yaadadhu. Waaqayyo dhiirrii fi dubartiin akka wal hawwatan godhee uume; gaaʼela keessatti fedhii saalaa walii guutuun sirriidha. Taʼus, utuma qeenxee taatee jirtuu fedhii saalaa cimaa taʼe qabaachuu dandeessa. Taanaan, nama hamaa akka taate ykn karaa naamusaa qulqulluu taʼuu akka hin dandeenye hin yaadin. Yoo barbaadde qulqulluu taʼuu ni dandeessa! Qulqulluu taʼuurratti milkaaʼina argachuuf garuu wanta saala faallaa ilaalchisee yaaddu toʼachuu qabda. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?

Namoota akkamii wajjin akka ooltu gamaaggami. Ijoolleen wajjin barattu waaʼee saalqunnamtii naamusaan alaa dubbachuu yoo jalqaban isaanirraa adda taatee mulʼachuu waan hin barbaanneef isaanitti makamuuf qoramta taʼa. Kun garuu yaada kee toʼachuun caalaatti akka sitti ulfaatu gochuu dandaʼa. Maarree maal gochuu qabda? Bakka sanaa deemi. Akkas gochuun matumaa si qaanessuu hin qabu. Yeroo baayʼee garmalee qajeelaa of fakkeessuudhaan akka sitti qoosan utuu hin godhin karaa itti bakka sanaa deemtu argachuu dandeessa.

Bashannana naamusaan ala taʼerraa fagaadhu. Fiilmiin ykn muuziqaan hundi gadhee akka hin taane beekamaadha. Taʼus, bashannanni yeroo harʼaa jiru baayʼeen fedhii saalaa kakaasuuf qophaaʼa. Maarree, Kitaabni Qulqulluun gorsa akkamii kenna? “Waaqayyoon sodaachuudhaan qulqullummaa keenya guutuu gochuuf, wanta foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of haa qulqulleessinu.” (2 Qorontos 7:1) Kanaafuu, bashannana fedhii saalaa kakaasu akkamiirraayyuu fagaadhu. a

Maastarbeeshiniirraa Fagaadhu

Dargaggoonni tokko tokko fedhii saalaa isaanii guuttachuuf maastarbeeshinii raawwatu. Kana gochuun garuu miidhaa guddaa geessisa. Kitaabni Qulqulluun akkana jechuudhaan Kiristiyaanota gorsa: “Kutaawwan qaama keessanii warra lafa irraa ajjeesaa; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa, fedhii saalqunnamtii toʼannaa hin qabne, hawwii hamaa fi sassata.” (Qolosaayis 3:5) Namni maastarbeeshinii raawwatu ‘fedhii saalaa isaa ajjeesaa’ akka hin jirre beekamaadha. Kanaa mannaa, akka kakaʼuu fi akka guddatu godha.

Maastarbeeshiniin fedhii keetiif akka garboomtu gochuu dandaʼa. (Tiitoo 3:3) Karaan barsiifata kana injifachuun itti dandaʼamu tokko gargaarsa gaafachuudha. Kiristiyaanni waggoota hedduudhaaf maastarbeeshinii wajjin waldhaansoo gochaa ture tokko akkana jedheera: “Dargaggummaa kootti waaʼee kanaa nama tokkotti himuuf ija jabina utuun qabaadhee gaarii ture. Waggoota hedduudhaaf miira balleessaatiin dararamaa tureera; kunimmoo walitti dhufeenyan namoota wajjin qabu, hunda caalaammoo walitti dhufeenyan Yihowaa wajjin qabu na jalaa miidheera.”

Maarree, eenyuun haasofsiisuu dandeessa? Yoo dandaʼame warra kee yoo haasofsiiste caalaatti gaarii taʼa. Yookiinimmoo Kiristiyaanni bilchina qabu tokko si gargaaruu dandaʼa. “Waaʼee rakkina baayʼee na jeequ tokkoo sitti himuun barbaada” jettee jalqabuu dandeessa.

Andireen jaarsa gumii tokko haasofsiise, akkas gochuu isaattis gammadeera. Akkana jedheera: “Jaarsi gumii kun yeroo na dhaggeeffatu ijji koo imimmaaniin guutame. Ergan dubbadhee fixee booda Yihowaan akka na jaallatu naaf mirkaneesse. Rakkina akkasii kan qabu ana qofa akka hin taane natti hime. Sana boodas fooyyaʼiinsan godhu akka hordofuu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan akka naa fidu waadaa naaf gale. Anis sana booda gara fuulduraatti yoo natti deebiʼellee qabsoo gochuu koo itti fufuufan kutadhe.”

Maariyoonimmoo abbaa isaa haasofsiisuuf murteesse; abbaan isaas miira isaa isaaf hubateera. Dargaggummaa isaatti innis barsiifata kana injifachuun isatti ulfaatee akka turellee isatti himeera. Maariyoon akkana jedheera: “Abbaan koo iftoominaan dubbachuun isaa baayʼee na jajjabeesse. Erga inni injifachuu dandaʼee anis akkan dandaʼun of amansiise. Ilaalchi abbaan koo qabu garaa koo baayʼee waan tuqeef booʼuun jalqabe.”

Atis akkuma Andiree fi Maariyoo carraaqqii barsiifata maastarbeeshinii injifachuuf gooturratti gargaarsa argachuu dandeessa. Barsiifanni kun yoo sitti deebiʼellee abdii hin kutatin! Injifachuu akka dandeessu mirkanaaʼaa taʼi. b

Yaada Kee Toʼadhu

Phaawulos ergamaan, “Qaama koo haleeleen akka garbichaatti akka naaf ajajamu godha” jedheera. (1 Qorontos 9:27) Atis yaadawwan saala faallaa wajjin wal qabatan sammuu kee yeroo weeraran akkas gochuun si barbaachisuu dandaʼa. Yaadawwan kun sammuu kee keessaa baʼuu yoo didan sochii qaamaa gochuuf yaali. Kitaabni Qulqulluun, “Leenjiin qaamaa wanta muraasaaf fayyada” jedha. (1 Ximotewos 4:8) Gadi baatee miilaan deemuun ykn daqiiqaa muraasaaf sochii qaamaa gochuun yaadawwan nama jeeqan kana of keessaa baasuuf si gargaaruu dandaʼa.

Hunda caalaammoo Abbaa kee isa samii gargaarsa gaafachuurraa duubatti hin jedhin. Kiristiyaanni tokko, “Fedhiin saalaa koo yeroo kakaʼu cimseen kadhadha” jedheera. Waaqayyo miirri saala faallaatiif qabdu akka badu hin godhu. Garuu gargaarsa isaatiin wantoonni irratti yaaduu dandeessu kan biroo hedduun akka jiran hubachuu dandeessa.

[Miiljaleewwan]

a Waaʼeen bashannanaa Kutaa 8​ffaaa kitaaba kanaa keessatti balʼinaan ibsameera.

b Barsiifata maastarbeeshinii injifachuu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf Jildii 1​ffaarraa boqonnaa 25 ilaali.

CAQASA IJOO

Wanta gaarii taʼe hundaa fi wanta galateeffamu hunda, eeyyee, wantoota kana yaaduu keessan itti fufaa.Filiphisiyus 4:8.

GORSA GAARII

Barsiifanni maastarbeeshinii yoo sitti deebiʼe abdii kutattee qabsaaʼuu kee hin dhiisin. Wanti akka mooʼamtu si taasise maal akka taʼe yaadi, achiis wanta sana irra deebiʼuu dhiisuuf yaali.

KANA BEEKTAA?

Wanti sammuun kee akka irratti xiyyeeffatu heyyamtu eenyummaa kee fi gocha keerratti dhiibbaa gochuu dandaʼa.—Yaaqoob 1:14, 15.

WANTAN GOCHUU YAADE

Waaʼee saala faallaa yaaduu dhiisuun yeroo na barbaachisutti akkanan godha ․․․․․

Ijoolleen na wajjin baratan wanta sirrii hin taane akkan godhu yoo na jajjabeessan ykn dubbii addaggummaa yoo dubbatan akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Fedhiin saalaa yeroo hunda dogoggora akka taʼetti ilaaluu kan hin qabne maaliifi?

● Fedhii saalaa kee toʼachuun kan si barbaachisu maaliifi?

● Bashannanawwan waaʼee saala faallaa yeroo hunda akka yaaddu si taasisuu dandaʼan kamfaʼi?

● Hiriyoonni kee wanta sirrii hin taane akka gootu yoo jajjabeessan ykn dubbii addaggummaa yoo dubbatan biraa deemuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 240rra jiru]

“Wantoota fedhii saalaa koo kakaasan sammuu koo keessaa baasee wanta kan biraarratti xiyyeeffachuun koo na gargaareera. Miirri kun yeroo booda akka badu ofan yaadachiisa.”—Iskoot

[Fakkii fuula 239​rra jiru]

Vaayirasiin kompiitara kee keessa akka galu ni heyyamtaa? Maarree yaadawwan naamusaan ala taʼan gara sammuu keetti maaliif affeerta?