Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 17

‘Amantii Keessan Isa Hundumaa Caalaa Qulqulluurratti Of Ijaaraa!’

‘Amantii Keessan Isa Hundumaa Caalaa Qulqulluurratti Of Ijaaraa!’

“Amantii keessan isa hundumaa caalaa qulqulluu irratti [“of ijaaraa, NW”]! . . . Jaalala Waaqayyoo keessatti of egaa.”—YIHUDAA 20, 21.

1, 2. Hojii ijaarsaa akkamiirratti hirmaachaa jirta? Hojiinkee qulqullina qabaachuunsaa barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

HOJII ijaarsaa tokkorratti cimtee hojjechaa jirta. Hojiin kunis erga jalqabe kan ture si’a ta’u fuuldurattis itti fufa. Hojiin hanga ammaatti hojjetame ulfaataa ta’us, kan nama gammachiisudha. Qulqullinni hojichaa jireenyakee isa ammaas ta’e isa gara fuulduraa kan tuqu waan ta’eef wanti fedheyyuu uumame, hojii kana akka hin dhaabne ykn duubatti akka hin harkisne murteessiteetta. Maaliif? Sababiinsaa gamoon ijaaramaa jiru suma waan ta’eefidha!

2 Yihudaan of ijaaruu akka qabnu jabeessee ibseera. Kiristiyaanonni jaalala Waaqayyoo keessatti akka of eegan yommuu gorse, caqasuma sanarratti kana gochuuf, ‘Amantii keessan isa hundumaa caalaa qulqulluurratti of ijaaraa’! jechuun wanta kana gochuuf baay’ee barbaachisaa ta’e addeesseera. (Yihudaa 20, 21) Jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguudhaan, amantiikee jabeessuuf karaawwan itti of ijaaruu dandeessu tokko tokko maalfa’i? Amantiikee isa hunda caalaa qulqulluu ta’e ijaaruuf wantoota si gargaaran sadiirratti haa xiyyeeffannu.

AMANTII ULAAGAA QAJEELUMMAA YIHOWAARRATTI QABDU CIMSADHU

3-5. (a) Seexanni ulaagaa Yihowaatiif ilaalcha akkamii akka qabaattu gochuun si gowwoomsuu barbaada? (b) Ulaagaa Yihowaa qajeelummaarratti hundaa’aniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Kunoo miira keenyarratti dhiibbaa akkamii geessisuu qaba? Fakkeenyaan ibsi.

3 Hunda caalaa, amantii seera Waaqayyoorratti qabnu jabeeffachuu nu barbaachisa. Kitaaba kana yommuu qayyabattu jireenya qulqulluu jiraachuu ilaalchisee, ulaagaa Yihowaan qajeelummaarratti hundaa’ee baase baratteetta. Ulaagaa kanaaf ilaalcha akkamii qabda? Seexanni seera, seera bu’uuraafi ulaagaan qajeelinaa Yihowaa mirga kan nama dhabsiisan, kan nama hacuucan gootee akka ilaaltu gochuudhaan si gowwoomsuu barbaada. Tooftaansaa kun Eedenitti erga isaaf milkaa’ee jalqabee ittiin fayyadamaa jira. (Uumama 3:1-6) Tooftaansaa kun siinis si gowwoomsaa laata? Kun garri caalaansaa ilaalcha keerratti kan hundaa’edha.

4 Fakkeenyaan ibsuuf, bakka bashannanaa miidhagaa tokko keessa utuu deemtuu paarkii dallaa dheeraadhaan marfame argita. Dallicha keessa yommuu ilaaltu akkaataan taa’umsa lafasaa baay’ee kan nama hawwatudha. Jalqabarratti dallichi kan hin barbaachisneefi akka achi hin dhaqneef mirgakee kan daangesse sitti fakkaachuu danda’a. Qaawwa dallichaatiin yeroo ilaaltu, leenca baay’ee nama sodaachisuufi wanta nyaatu barbaacha asiifi achi naanna’u argita! Amma dallichi eegumsa akka ta’uuf ijaaramuusaa hubatta. Yeroo ammaattis bineensi si liqimsuuf riphee si eeggatu jiraa? Dubbiin Waaqayyoo, “Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna’a” jechuun akeekkachiisa.—1 Phexros 5:8.

5 Seexanni adamsituu hamaa namaaf hin hilledha. Yihowaan harka Seexanaa keessa akka buunu waan hin barbaanneef, seera “haxxummaa” isa hamaa kanarraa nu eegan nuu kenneera. (Efesoon 6:11) Kanaaf, seera Waaqayyoorratti yommuu xiinxallu, jaalalli Abbaa keenya isa samii seera kanarratti akka gaariitti akka mul’ifaman hubachuu qabna. Seera Waaqayyoo akkasitti yoo ilaalle, madda tasgabbiifi gammachuu nuu ta’a. Yaaqoobis, “Namni seera birmadummaa isa hir’ina hin qabne keessa lixee ilaalu, isa biraas kan hin deebine, . . . gocha isaatti gammaduuf jira” jechuun barreesseera.—Yaaqoob 1:25.

6. Amantii, seeraafi seera bu’uuraa Waaqayyoo isa qajeelummaarratti hundaa’e jabeessuuf karaan hundaarra caalu kamidha? Fakkeenya kenni.

6 Abboommii Waaqayyoo wajjin walsimnee jiraachuuf, seera inni nuu kenneefi faayidaa seerrisaa qaburratti yaaduu caalaa wanti amantii keenya jabeessu hin jiru. Fakkeenyaaf, ‘seerri Kiristos’ ‘waan inni nu abboome hundumaa’ namoota barsiisuu kan dabalatudha. (Galaatiyaa 6:2; Maatewos 28:19, 20) Kiristiyaanonni abboommii waaqeffannaafi wal jajjabeessuuf akka walitti qabaman isaanii kennameefis bakka guddaa kennu. (Ibroota 10:24, 25) Abboommiin Waaqayyo, yeroo hundaa irra deddeebinee garaa keenyaa akka kadhannu nuu kennes kan dabalatudha. (Maatewos 6:5-8; 1 Tasaloniiqee 5:17) Abboommii akkasii eegnee jiraachuun keenya, qajeelfamoonni kun jaalalarratti kan hundaa’an ta’uunsaanii caalaatti ifa nuu ta’a. Abboommii kanaaf ajajamuun, gammachuu guddaa biyya lafaa rakkinaan guutame kana keessaa argachuu hin dandeenye nuu argamsiisa. Seera Waaqayyoo wajjin haala walsimuun jiraachuunkee, dhuunfaatti akkamitti akka si gargaare yommuu yaaddu, amantiin seericharratti qabdu caalaatti hin jabaatuu?

7, 8. Namoota seera Waaqayyoo waggaa gara waggaatti eeganii jiraachuun ulfaataa akka ta’e isaanitti dhaga’amu Dubbiin Waaqayyoo kan isaan jajjabeessuu akkamitti?

7 Namoonni tokko tokko, waggaa gara waggaatti seera Yihowaa eeganii jiraachuun ulfaataadha jedhanii yaadda’u. Karaa tokkoon dogoggoruun danda’a jedhanii sodaatu. Akkas sitti dhaga’amee beeka taanaan, jechoota armaan gadii yaadadhu: “Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waa’ee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha. Eeyyee, ati seerrata koo utuu eegdeetta ta’ee, silaa nagaan kee akka laga bishaanii in yaa’a, qajeelummaan kees akka guuboo galaanaa ol in ka’a ture.” (Isaayaas 48:17, 18) Jechoonni kun hammam akka nama jajjabeessan irratti yaaddee beektaa?

8 Asirratti Yihowaan yoo isaaf abboomamne akka fayyadamnu nu yaadachiisaa jira. Akkas goonaan eebba lama akka nuu kennu waadaa galeera. Tokkoffaa, nagaan keenya akka laga bishaanii guutee kan yaa’uufi kan dhuma hin qabne ta’a. Lammaffaa, qajeelummaan keenya akka guuboo galaanaa ol ka’a. Qarqaraa galaanaa dhaabattee dha’a bishaanii walitti aansuudhaan yommuu yaa’u utuu argitee, yeroo hunda matumaa kan walirraa hin cinne ta’uusaa hubachuunkee hin oolu. Gara fuulduraattis, dha’aan bishaanii kun gara qarqara galaanaatti dhufuusaa akka itti fufu beekta. Yihowaan, qajeelummaankeee, jechuunis adeemsi ati wanta sirrii ta’e raawwachuuf gootu akkuma kanaa barabaraaf kan itti fufu ta’uu akka danda’u dubbateera. Hamma isaaf amanamaa ta’uuf carraaqxetti, matumaa si hin gatu! (Faarfannaa 55:22) Jechoonni nama jajjabeessan akkasii, amantii Yihowaafi ulaagaa inni qajeelummaaf baaserratti qabdu sii hin cimsinee?

‘BARSIISA WARRA GA’ANIIF KENNAMUUTTI DARBI’

9, 10. (a) Ga’eessa ta’uun, Kiristiyaanotaaf galma gaarii kan ta’e maaliifi? (b) Ilaalcha hafuuraa qabaachuun gammachuu argachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

9 Ijaarsi lammaffaammoo jecha geggeessaa hafuuraatiin, “Gara barsiisa isa warra ga’aniif kennamuutti in darbina” jedhuun ibsameera. (Ibroota 6:1) Ga’eessa ta’uun galma gaarii Kiristiyaanni tokko bira ga’uu qabudha. Mudaa kan hin qabaanne ta’anii argamuun kan hin danda’amne ta’us, ga’eessa ta’uun garuu galma bira ga’amuu danda’udha. Kana malees, Kiristiyaanonni karaa hafuuraa ga’eessa ta’aa yeroo adeeman, Yihowaa tajaajiluun caalaatti kan isaan gammachiisu ta’a. Kun kan ta’e maaliifi?

10 Kiristiyaanni ga’eessa ta’e tokko wantootaaf ilaalcha Yihowaa qabaata. (Yohannis 4:23) Phaawulos, “Warri akka fedha fooniitti jiraatan, yaada isaanii fedha foonii irra dhaabaniiru; warri akka fedha hafuuraatti jiraatan garuu, waa’ee waan hafuuraa in yaadu” jechuun barreesseera. (Roomaa 8:5) Ilaalchi foonii ofittummaa, fageessanii ilaaluu dadhabuufi qabeenyaarratti qofa xiyyeeffachuu waan ta’eef gammachuu muraasa argamsiisa. Ilaalchi hafuuraammoo, Yihowaa isa “Waaqa gammadaa” ta’erratti kan xiyyeeffatu waan ta’eef gammachuu argamsiisa. (1 Ximotewos 1:11, NW) Kiristiyaanni ga’eessa ta’e Yihowaa gammachiisuu kan hawwu si’a ta’u, qorumsi yommuu isa mudatus gammachuusaa hin dhabu. Maaliif? Qorumsi Seexanni sobduu ta’uusaa mirkaneessuuf, ejjennoo keenya jabeeffachuufi Abbaa keenya isa samii gammachiisuuf carraa nuu bana.—Fakkeenya 27:11; Yaaqoob 1:2, 3.

11, 12. (a) Phaawulos Kiristiyaanonni ‘sammuu hojiin itti bare’ qabaachuu ilaalchisee maal jedhe? Jechi afaan Giriikii ‘leenjii’ jedhu hiika akkamii qaba? (b) Qaamni akka cimuufi akka guddatuuf leenjii akkamii argachuu qaba?

11 Kiristiyaana ga’eessa ta’uun leenjiidhaan argama. Caqasa kana qalbeeffadhu: “Nyaanni jabaan garuu kan warra ga’anii ti; warri kun sammuun isaanii hojiidhaan itti bare [“leenji’ee,” NW] hamaa fi gaarii gargar baasuu in danda’u.” (Ibroota 5:14) Phaawulos sammuu hojiin itti baree ‘leenji’e’ yeroo jedhu, jecha afaan Giriikii inni ittiin fayyadame ‘akka nama jimnaastikii hojjetu tokkootti leenjifamuu’ jedhamee hiikamuu kan danda’u si’a ta’u, jaarraa jalqabaatti jechi kun jimnaaziyamii Giriikitti bal’inaan itti hojjetamaa ture hin ta’in hin oolu. Leenjiin akkasii maalfaa dabalachuu akka danda’u yaadi.

Namni jimnaastikii hojjetu qaamnisaa leenjiidhaan bareera

12 Yeroo dhalanne qaamni keenya kan leenji’e miti. Fakkeenyaaf, mucaan dhalate tokko sochii harkaafi miillasaa to’achuu hin danda’u. Kanaaf, akkasumaan harkasaa yeroo asiif achi facaasu fuulasaa rukutee boo’uu danda’a. Yeroo booda garuu qaamni mucichaa ni leenji’a. Achiis, daa’imuu, miilla fuudhuufi fiiguu jalqaba. * Waa’ee nama jimnaastikii hojjetuuhoo maal jechuutu danda’ama? Saffisa dinqisiisaafi gammachiisaa ta’een qilleensarra yommuu garagaggalu qaamni nama kanaa maashinii akka gaariitti qindeeffame sitti fakkaata. Dandeettiin nama kanaa akkasumaan kan dhufe utuu hin ta’in leenjii yeroo dheeraadhaan argamedha. Macaafni Qulqulluun, leenjiin akkasii ‘wanta muraasaaf akka gargaaru’ ibsa. Sammuu keenya leenjisuun garuu faayidaa kana caalu qaba!—1 Ximotewos 4:8.

13. Sammuu keenya leenjisuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Kitaaba kana keessatti, Kiristiyaana ga’eessa Yihowaaf amanamaa ta’e taatee jiraachuuf, wantoota dandeettii hubannaakee leenjisuuf si gargaaran hedduu ilaalleerra. Guyyaa guyyaan yommuu murtoo gootu seeraafi seera bu’uuraa Waaqayyoorratti kadhannaadhaan yaadi. Murtoo gootu hundaarratti akkas jedhii of gaafadhu: ‘Seeraafi seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu dhimma kanaa wajjin wal qabate kami? Akkamittan hojiirra oolchuu danda’a? Murtoon Abbaakoo isa samii gammachiisu kami?’ (Fakkeenya 3:5, 6; Yaaqoob 1:5) Murtoon ati karaa kanaan gootu hundi, sammuukee caalaatti sii leenjisa. Leenjiin akkasiimmoo, Kiristiyaana ga’eessa akka taatuufi ejjennookee kanatti akka fuftu si gargaara.

14. Karaa hafuuraa guddachuuf, maal gochuuf hawwii qabaachuu qabna? Ta’us of eeggannoo akkamii gochuu qabna?

14 Ga’eessa ta’uun galma bira ga’uu danda’amu yommuu ta’u, karaa hafuuraa guddachuun kan itti fufudha. Guddinni nyaatarratti kan hundaa’edha. Kanaaf Phaawulos, “Nyaanni jabaan garuu kan warra ga’anii ti” jedheera. Wanti guddaan amantiikee ijaaruuf si gargaaru yeroo hundaa nyaata hafuuraa jabaa nyaachuudha. Wanta baratte yeroo hojiirra oolchitu ogummaa kan argattu si’a ta’u, Macaafni Qulqulluunis, “Ogummaan hundumaa irra in caalti” jedha. Kanaaf, dhugaa Abbaan keenya nuu kennu fedhii guddaadhaan soorachuu qabna. (Fakkeenya 4:5-7; 1 Phexros 2:2) Beekumsaafi ogummaa Waaqayyoo argachuun keenya warra kaanirra akka caalletti of ilaaluudhaan akka koorru nu gochuu hin qabu. Koorri ykn dadhabbiin kamiyyuu keessa keenyatti akka hin guddanneef yeroo hunda of qoruu nu barbaachisa. Phaawulos, “Amantiitti qabamtanii jirtu yoo taatan isinumti of ilaalaa! Of qoraa!” jedhee barreesseera.—2 Qorontos 13:5.

15. Jaalalli karaa hafuuraa guddachuuf barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

15 Manni tokko ijaaramee xumuramus, manicha akka gaariitti qabuuf wantoonni hojjetamuu qaban garabiraan jiru. Suphiinsaafi haaromsi kan barbaachisan ta’uusaaniirrayyuu, haallisaa yeroo jijjiiramuttimmoo kutaawwan dabalataa ijaaruun barbaachisaa ta’uu danda’a. Kiristiyaana ga’eessa ta’uufi karaa hafuuraa guddachuuf maal gochuu qabna? Wanti hunda caalaa barbaachisu jaalaladha. Jaalalli Yihowaafi namoota hidhata amantii keenyaaf qabnu guddachaa akka adeemu gochuu qabna. Jaalala hin qabnu taanaan, beekumsis ta’e hojiin keenya, akkuma sagalee hiika hin qabneefi waa’ee hin baafne ta’a. (1 Qorontos 13:1-3) Jaalala qabaannaan, Kiristiyaana ga’eessa ta’uufi karaa hafuuraa guddachuu keenya itti fufuu dandeenya.

ABDII YIHOWAAN KENNERRATTI XIYYEEFFADHU

16. Seexanni ilaalcha akkamii akka qabaannu barbaada? Yihowaanoo maal nuu kenneera?

16 Ammammoo hojii ijaarsaa raawwattu kan biraa haa ilaallu. Duuka buutuu Kiristos isa dhugaa taatee of ijaaruuf, yaadakee to’achuu si barbaachisa. Seexanni inni biyya lafaa seerratu, namoonni ilaalcha sirrii akka hin qabaanne, hamileensaanii akka cabu, waan hundaa akka shakkaniifi abdii akka kutatan gochuudhaan baay’ee beekamaadha. (Efesoon 2:2) Ilaalchi akkasii Kiristiyaana tokkoof akka muka qiinqaniidhaan nyaatamee waan ta’eef balaa qaba. Yihowaan abdii, jechuunis meeshaa wanta kana mo’uuf nu gargaaru nuu kennuunsaa nama gammachiisa.

17. Dubbiin Waaqayyoo abdiin barbaachisaa ta’uusaa kan argisiisu akkamitti?

17 Macaafni Qulqulluun, wal’aansoo Seexanaafi biyya lafaa wajjin goonuun mi’a lolaa addaddaa isa kan hafuuraa tarreessa. Mi’a lolaa inni guddaan gonfoo sibiilaa isa ‘abdii fayyinaatti’ fakkeeffamedha. (1 Tasaloniiqee 5:8) Bara durii, loltuun tokko gonfoo sibiilaa utuu hin godhatin waraanarratti yoo hirmaate, akka ooluu hin dandeenye beeka. Gonfoon yeroo baay’ee sibiilarraa kan hojjetamu si’a ta’u, huccuu waaroo ykn gogaarraa hojjetamu keessasaatti galee waan hojjetamuuf, wantoonni diinarraa darbataman itti rukutamanii akka lafa bu’an gochuudhaan mataasaa balaarraa eega. Akkuma gonfoon mataa balaarraa eegu, abdiinis sammuufi yaadakee sii eega.

18, 19. Yesus abdiisaa jabeessee qabachuudhaan fakkeenya akkamii nuu kaa’eera? Nutoo isa fakkaachuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Yesus abdiisaa jabeessee qabachuudhaan fakkeenya hunda caalu nuu ta’a. Galgala dhumaa lafarratti dabarsetti rakkoo akkamii akka danda’e yaadadhu. Michuun inni baay’ee itti dhihaatu qarshiif jedhee dabarsee isa kenne. Inni tokkos matumaa akka isa hin beekne dubbate. Kaanimmoo isa dhiisanii baqatan. Namoonni biyyasaas waan isa jibbaniif harka loltoota Roomaatti dhiphatee akka du’uuf dabarsanii isa kennan. Rakkinni Yesusirra ga’e rakkina hunda keenyarra ga’uu danda’u hunda caala jechuun ni danda’ama. Jabaatee akka dhaabatu maaltu isa gargaare? Ibroonni 12:2 deebiisaa nuu kenna: “Inni gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du’uu isaatiif yeelloo isa irra ga’e homaatti utuu hin lakkaa’in, obsaan fannoo irratti du’uu in danda’e; ergasiis gara mirga teessoo Waaqayyoo taa’e.” Yesus “gammachuu fuula isaa dura jiru” matumaa dagatee hin beeku.

19 Gammachuun fuula Yesus dura ture maalidha? Yeroo rakkinaatti jabaatee dhaabachuunsaa, maqaan Yihowaa qulqulluu ta’ee akka eegamu gochuurratti ga’ee guddaa akka qabu beeka ture. Seexanni sobduu ta’uusaa akka gaariitti mirkaneesseera. Abdiin kana caalaa Yesusiin gammachiisu hin jiru! Amanamummaadhaan jabaatee dhaabachuusaatti, Yihowaan baay’ee akka isa eebbisuufi abdiin deebi’ee Abbaasaa wajjin jiraachuun akka isa eegus beeka ture. Yesus dhiphina dabarse hundaa keessatti abdii gammachiisaa kanarratti xiyyeeffatee ture. Nutis akkas gochuu nu barbaachisa. Gammachuun nu eeggatus jira. Yihowaan maqaansaa inni guddaan qulqulluu ta’ee akka eegamu gochuurratti tokkoon tokkoon keenya ga’ee akka qabaannu gochuudhaan ulfina nuu kenneera. Yihowaan bulchaa Olaanaa keenya akka ta’u filachuudhaan, rakkinniifi qorumsi akkamiiyyuu nurra ga’us, jaalala Abbaa keenyaa keessatti of eeguun Seexanni sobduu ta’uusaa saaxiluu dandeenya.

20. Yeroo hundaa ilaalcha sirrii akka qabaattuufi abdiinkee ifatti akka sitti mul’atu gochuuf maaltu si gargaara?

20 Yihowaan tajaajiltootasaa amanamoodhaaf gatii deebisuuf fedhii kan qabu ta’uusaarrayyuu, kana gochuuf hawwii guddaa qaba. (Isaayaas 30:18; Miikiyaas 3:10) Fedhii tajaajiltootasaa guutuun isa gammachiisa. (Faarfannaa 37:4) Kanaaf, abdii gara fuulduraarratti xiyyeeffadhu. Matumaa ilaalchi dogoggoraa, manca’aafi micciiramaan inni biyya lafaa seexanni seerratu kun akka si mo’u hin heyyamin. Hafuurri biyya lafaa kun gara sammuu ykn garaakeetti suuta suuta seenaa akka jiru sitti dhaga’amnaan, ‘nagaasaa isa hubannaa namaa hundumaarra caalu’ akka sii kennuuf jabeessii Yihowaa kadhadhu. Nagaan Waaqayyo kennu garaakeefi yaadakee sii eega.—Filiphisiiyus 4:6, 7.

21, 22. (a) ‘Tuutni sonaan baay’een” abdii dinqisiisaa akkamiitu isaan eeggata? (b) Abdii Kiristiyaanotaaf kenname keessaa caalaatti inni kam yeroo raawwatamu arguu hawwita? Murtoonkee maalidha?

21 Abdii gammachiisaa yeroo hundaa irratti xiinxaltu qabda! Kutaa “tuuta sonaan baay’ee,” “rakkina guddaa keessaa ba’anii dhufan” keessaa tokko taanaan, jireenya gammachiisaa yeroo dhihootti argattu xiinxali. (Mul’ata 7:9, 14) Seexanniifi hafuuronni hamoon waan hin jirreef, boqonnaa guddaa argatta. Nu keessaa jireenyi dhiibbaa Seexanaa isa ilaalcha namaa mancaasu hin qabne maal akka fakkaatu kan dhamdhamee beeku jiraa? Dhiibbaan kun lafarraa erga balleeffamee booda, qajeelfama Kiristosiifi namoota 144,000 jalatti ta’uudhaan hojii lafa gara jannataatti jijjiiruurratti hirmaachuun gammachuu guddaa kan argamsiisu mitii! Dhukkubniifi hir’inni qaamaa balleeffamee, namoota jaallannuufi du’aan dhabne yeroo du’aa ka’an simachuufi karaa Waaqayyo jalqaba nuu yaadee tureen jiraachuun baay’ee kan nama gammachiisu mitii! Akka Roomaa 8:21⁠rratti ibsamettimmoo, yeroo guutummaatti cubbuurraa walaba taanuufi “birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qaban” itti taanutu nu eeggata.

22 Yihowaan birmadummaa guddaa ati tilmaamuu hin dandeenyee akka argattu barbaada. Kana argachuunkee abboomamuurratti kan hundaa’edha. Kanaaf, guyyaa guyyaan Yihowaaf abboomamuuf hamma dandeesse carraaqqii gochuun si hin barbaachisuu? Egaan jaalala Waaqayyoo keessatti barabaraaf of eeguuf, amantiikee isa hunda caalaa qulqulluurratti of ijaaruukee itti fufi!

^ key. 12 Saayintiistonni qaamni keenya bakka buusaan dhagna keenyaa garagaraa itti argaman beekuu, akkasumas dandeettii sochii harkaafi miilla keenya to’achuu akka qabu dubbatu. Fakkeenyaaf dunuunfannee sirriitti harka keenya walitti rukutuu kan dandeenyu qaamnikee dandeettii addaa kana waan qabuufidha. Dubartiin dhukkubsattuun dandeettii kana dhabde tokko, dhaabachuu, deemuus ta’e ol jettee taa’uu dadhabdeetti.