Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nama Fakkeenya Taʼu​—Yoseef

Nama Fakkeenya Taʼu​—Yoseef

Nama Fakkeenya Taʼu​—Yoseef

Yoseef qorumsi cimaan isa mudateera. Haati manaa gooftaa isaa ishii wajjin saalqunnamtii akka raawwatu irra deddeebitee isa gaafatte. Ammas irra deebitee isa gaafatte. Yoseef garuu affeerraa ishii fudhachuuf hin qoramne. Kanaa mannaa, kutannoodhaan deebii kenneef. “Ani badii guddaa kana akkamittan raawwadha? Waaqayyo irrattis akkamittan cubbuu hojjedha?” ishiidhaan jedhe. Ishiin garuu diddee yeroo isa qabattu Yoseef ishii jalaa baqachuun isa hin qaanessine. Kanaafuu, alatti baqate. Yoseef nama naamusa qulqulluu qabu taʼuu isaa argisiiseera.—Uumama 39:7-12.

Atis qorumsi fedhii saalqunnamtii keetiif akka moʼamtu dhiibbaa sirratti godhu si mudata taʼa. Qorumsa akkasii injifachuuf kutannoo qabaachuun qofti gaʼaa miti. Yihowaa isa Uumaa kee taʼe gammachiisuuf fedhii qabaachuu qabda. Yoseef akkuma kee fedhii saalaa qaba ture. Haa taʼu malee, karaa Uumaa isaa gaddisiisuun fedhii kana guuttachuu matumaa hin barbaadu ture. Haaluma wal fakkaatuun, karaa naamusaa xuraaʼuun Waaqayyoon akka gaddisiisuu fi dhumarratti gadda guddaa akka geessisu amanuu qabda. Kanaafuu, akkuma Yoseef naamusa qulqulluu qabaachuu fi qabaattee itti fufuuf carraaqqii godhi.