Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nama Fakkeenya Taʼu​—Phaawulos

Nama Fakkeenya Taʼu​—Phaawulos

Nama Fakkeenya Taʼu​—Phaawulos

Phaawulos ergamaan miira isaatiif ilaalcha madaalamaa qaba ture. “Wanta sirrii taʼe hojjechuu yommuun barbaadu, wanta gadhee hojjechuuf fedhiin akka na keessa jiru nan hubadha” jechuudhaan ifatti dubbateera. Phaawulos nama gaarii ture. “Keessa namummaa kootti seera Waaqayyootti nan gammada” jedhee barreesseera. Maarree, rakkinni isaa maal ture? Akkana jedheera: “Qaama koo keessa garuu seerri kan biraan, seera sammuu koo wajjin wal loluu fi seera cubbuu isa qaama koo keessa jiruuf akkan boojiʼamu godhu akka jiru nan hubadha.” Phaawulos dogoggora raawwachuun isaa isa gaddisiisa ture. “Ani nama gadadamaa dha!” jedheera.—Roomaa 7:21-24.

Atoo dogoggora raawwattuun kan kaʼe gaddi cimaan sitti dhagaʼamaa? Taanaan, Phaawulosillee yeroo tokko tokko miirri akkasii akka isatti dhagaʼamu yaadadhu. Taʼus, Phaawulos Kiristoos kan duʼe namoota akka isaatiif akka taʼes beeka ture; kanaafuu, “Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos Waaqayyoof galanni haa taʼu!” jedheera. (Roomaa 7:25) Phaawulos furichi kennaa dhuunfaatti isaaf kenname akka taʼetti ilaala. “Ilma Waaqayyoo isa na jaallatee fi anaaf jedhee dabarsee of kenne” jedhee barreesseera. (Galaatiyaa 2:20) Yeroo gaddi cimaan sitti dhagaʼamu furicharratti xiinxali. Dogoggorri raawwattu abdii si kutachiiseera yoo taʼe Kiristoos kan duʼe namoota mudaa hin qabneef utuu hin taʼin cubbamootaaf akka taʼe yaadadhu.