Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 14

“Sagalee Tokkoon Murteessine”

“Sagalee Tokkoon Murteessine”

Murtoo Qaamni olaanaan godhee fi tokkummaa murtoon kun gumii keessatti argamsiise

Hojii Ergamootaa 15:13-35rratti kan hundaaʼe

1, 2. (a) Qaama olaanaa jaarraa jalqabaa gaaffii cimaa akkamiitu mudate? (b) Obboloonni kun wantoota murtoo sirrii gochuuf isaan gargaaran akkamii argatan?

 HUNDI isaanii murtoo irra gaʼan beekuuf hawwaniiru. Ergamoonnii fi jaarsoliin mana Yerusaalem keessatti argamu tokko keessa jiran murtoo barbaachisaa tokkorra waan gaʼaniif ajaaʼibsiifannaadhaan wal ilaalaa jiru. Dhimmi dhaqna qabaa gaaffiiwwan ciccimoo kaaseera. Kiristiyaanonni Seera Musee jala jiruu? Kiristiyaanota Yihudoota taʼanii fi hin taane gidduu garaagarummaan jiraachuu qabaa?

2 Dhiironni geggeessitoota taʼan kun ragaa argatanirratti sirriitti yaadaniiru. Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessa jiran ilaalaniiru, muuxannoo saboonni Yihudoota hin taane Yihowaa duratti fudhatama akka argatan argisiisus dhaggeeffataniiru. Hundi isaaniiyyuu yaada qaban ibsaniiru. Dhimmicha ilaalchisee odeeffannoon argatan murtoo gochuuf gaʼaa ture. Hafuurri Yihowaa kallattii isaanitti argisiisaa ture. Maarree dhiironni kun kallattii kanarra ni deemuu laata?

3. Seenaa Hojii Ergamootaa boqonnaa 15​rratti argamu qoruun keenya faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

3 Dhimma kanarratti qajeelfama hafuura qulqulluu fudhachuun amantii fi ija jabina gaafata. Murtoon isaan godhan geggeessitoonni amantii Yihudii caalaatti akka isaan jibban gochuu dandaʼa. Obboloota gumii keessa jiranii fi sabni Waaqayyoo Seera Musee akka eegu barbaadan irraas mormiin isaanirra gaʼuu dandaʼa. Maarree qaamni olaanaan maal godha? Mee haa ilaallu. Kana malees, Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo harʼaatti argamu fakkeenya isaanii hordofaa kan jiru akkamitti akka taʼe ni ilaalla. Nutis jireenya keenya keessatti yommuu murtoo goonutti ykn yeroo rakkinni nu mudatutti fakkeenya kana hordofuu ni dandeenya.

“Wanti Raajonni Dubbatan . . . Kanaa Wajjin Wal Sima” (Hojii Ergamootaa 15:13-21)

4, 5. Yaaqoob raajii Kitaaba Qulqulluu keessaa yaada maricha gabbisu akkamii caqase?

4 Ittaansuudhaan, Yaaqoob baratichi inni karaa haadhaa obboleessa Yesuus taʼe dubbachuu eegale. a Yeroo kanatti dura taaʼaa walgaʼichaa waan ture fakkaata. Yaadni inni dubbate murtoo gareen kun irra gaʼe gabaabsee kan ibsu taʼuu hin oolu. Yaaqoob dhiirota walitti qabamanii jiran sanaan akkana jedhe: “Waaqayyo saba maqaa isaatiif taʼu saboota kaan keessaa fudhachuuf, yeroo jalqabaatiif akkamitti xiyyeeffannaa isaa gara isaaniitti akka naannesse Simiʼoon akka gaariitti ibseera. Wanti raajonni [dubbatanis] . . . kanaa wajjin wal sima.”—HoE. 15:14, 15.

5 Yaadni Simiʼoon Pheexiros dubbatee fi ragaan Barnaabaasii fi Phaawulos dhiheessan Yaaqoob caqasoota dhimma irratti mariʼachaa jiranii wajjin wal qabatan akka yaadatu godhee taʼuu dandaʼa. (Yoh. 14:26) Yaaqoob, “Wanti Raajonni dubbatan . . . kanaa wajjin wal sima” erga jedhee booda, yaada Amoos 9:11 fi 12​rratti argamu caqase. Kitaabni kun kan argamu kutaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa ‘raajota’ jedhamee beekamu keessattidha. (Mat. 22:40; HoE. 15:16-18) Yaadni Yaaqoob caqase yaada yeroo harʼaatti kitaaba Amoosirratti argamurraa hamma tokko adda akka taʼe hubatteetta taʼa. Yaaqoob kan caqase Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa isa Afaan Giriikiitti hiikamee fi Saptuujantii jedhamurraa taʼuu hin oolu.

6. Kitaabni Qulqulluun obboloonni yaada Waaqayyoo akka baran kan gargaare akkamitti?

6 Yihowaan karaa raajicha Amos, “daasii Daawit” ol kaasuuf yeroo akka ramade dubbateera. ‘Daasiin Daawit’ hidda sanyii moototaa gara Mootummaa Masiihichaatti geessu argisiisa. (His. 21:26, 27) Yihowaan ammas Yihudootaa wajjin qofa hariiroo addaa ni qabaataa laata? Lakki. Raajichi, ‘namoonni saboota hundumaa keessaa dhufan’ wal faana taʼuudhaan “warra maqaa [Waaqayyootiin] waamaman” akka taʼan dubbata. Pheexiros Waaqayyo “nuu [jechuunis Yihudootaa] fi isaan [jechuunis saboota kaan] gidduutti garaa garummaa hin goone; kanaa mannaa, amantii isaaniitiin garaa isaanii qulqulleesseera” jechuudhaan akka ibse yaadadhu. (HoE. 15:9) Jecha biraatiin Waaqayyo Yihudoonnis taʼan saboonni kaan dhaaltuu mootummichaa akka taʼan barbaada. (Rom. 8:17; Efe. 2:17-19) Namoonni Kiristiyaanummaa fudhatan dhaaltuu mootummichaa taʼuudhaaf jalqaba dhaqna qabachuu qabu ykn amantaa Yihudii fudhachuu qabu yaadni jedhu Kitaaba Qulqulluu keessa hin jiru.

7, 8. (a) Yaaqoob yaada akkamii dhiheesse? (b) Yaada Yaaqoob dubbate akkamitti hubachuu qabna?

7 Yaaqoob ragaa Kitaaba Qulqulluu fi yaada obboloonni dubbatan irratti hundaaʼuudhaan obboloonni dhimmicharratti akka yaadaniif yaada itti aanu dubbate: “Kanaafuu, akka ilaalcha kootti namoota saboota kaan keessaa gara Waaqayyootti deebiʼan utuu rakkisuu baannee gaarii dha; kanaa mannaa, wantoota waaqolii tolfamoodhaan xuraaʼan irraa, halalummaa irraa, foon horii hudhamee duʼee irraa, akkasumas dhiiga irraa akka fagaatan isaaniif haa barreessinu. Bara duriitii jalqabee Museen namoota magaalaa hunda keessatti dubbii isaa lallaban qaba ture; sababiin isaas, kitaabonni isaa namoonni akka dhaggeeffataniif yeroo hunda sanbata sanbata mana sagadaa keessatti ni dubbifamu.”—HoE. 15:19-21.

8 Yaaqoob, “kanaafuu akka ilaalcha kootti” ykn akka miiljaleen jedhutti akka “murtoo” kootti yommuu jedhu dura taaʼaa walgaʼii sanaa waan tureef aangoo isaa argisiifachaa ykn wanta obboloonni murteessu qaban isaanitti himaa turee? Matumaa. Yaaqoob obbolootarratti aangoo isaa argisiisaa hin turre. Kanaa mannaa, ragaa argatee fi wanta Kitaabni Qulqulluun jedhurratti hundaaʼuudhaan dhimma irratti yaaduu qaban isaanitti himaa ture.

9. Yaadni Yaaqoob dhiheesse buʼaa akkamii argamsiise?

9 Yaadni Yaaqoob dhiheesse gaarii turee? Eeyyee! Ergamoonnii fi jaarsoliin booda hojiirra waan oolchaniif gaarii ture. Kunoo buʼaa akkamii argamsiise? Gama tokkoon murtoon godhame Kiristiyaanonni saboota kaan keessaa dhufan Seera Musee akka eegan dirqisiisuudhaan kan isaan ‘rakkisu’ hin turre. (HoE. 15:19) Gama biraatiin immoo murtoon godhame kun ilaalcha Yihudoota Kiristiyaanota taʼanii fi waggoota hedduudhaaf Seerri Musee ‘yeroo hunda sanbata sanbata mana sagadaa keessatti yommuu dubbifamu’ dhagaʼaa turanii akka kabajan kan argisiisu ture. b (HoE. 15:21) Yaadni Yaaqoob dhiheesse kun hariiroo Kiristiyaanota Yihudoota taʼanii fi warra saboota kaan keessaa taʼan gidduu ture akka cimse hin shakkisiisu. Hunda caalaammoo, murtoon kun kaayyoo isaa wajjin waan wal simuuf Yihowaa kan gammachiisu ture. Eeyyee obboloonni kun rakkina tokkummaa fi nagaa gumii saba Waaqayyoo balaadhaaf saaxiluu dandaʼu karaa hundarra caaluun furuu dandaʼaniiru. Kun gumii Kiristiyaanaa yeroo harʼatti argamuuf fakkeenya gaarii taʼa.

Albart Shiroodar Walgaʼii biyyoolessaa bara 1998​tti yommuu haasaa dhiheessu

10. Qaamni Olaanaan yeroo harʼaa fakkeenya Qaama Olaanaa jaarraa jalqabaa kan hordofu akkamitti?

10 Akkuma boqonnaa darberratti ilaalle, Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo harʼaatti argamu, akkuma Qaama Olaanaa jaarraa jalqabaa, Yihowaa isa Uumama Cufarratti Olaanaa taʼee fi Yesuus Kiristoos isa Mataa gumii taʼe irraa waan hundumaarratti qajeelfama argachuuf carraaqa. c (1 Qor. 11:3) Kana kan godhu akkamitti? Albart Shiroodar inni bara 1974 eegalee hanga Bitootessa 2006 yeroo jireenya isaa isa lafarraa xumuretti miseensa Qaama Olaanaa taʼee tajaajile akkana jedheera: “Qaamni Olaanaan walgaʼii isaa kan godhatu Roobii Roobii yommuu taʼu, hafuura Yihowaa argachuudhaafis kadhannaadhaan eegala. Dhimmi irratti mariʼatanii fi murtoon godhan hundi Dubbii Waaqayyoo wajjin akka wal simu gochuuf carraaqqii cimaa godhu.” Haaluma wal fakkaatuun Miiltan Heenshel inni yeroo dheeraadhaaf miseensa Qaama Olaanaa turee fi Bitootessa 2003​tti jireenya isaa isa lafa irraa xumure Eebbifamtoota Mana Barumsaa Giiliyaad kutaa 101f gaaffii barbaachisaa tokko dhiheessee ture. “Lafa kanarra jaarmiyaa kan biraan Qaamni Olaanaan isaa murtoo barbaachisaa taʼe tokko gochuudhaaf dubbii Waaqayyoo irratti qorannaa godhu jiraa?” jedhee gaafateera. Deebiin isaa ifadha! Hin jiru.

‘Namoota Filataman Ergan’ (Hojii Ergamootaa 15:22-29)

11. Murtoon qaama olaanaa gumiiwwan bira kan gaʼe akkamitti?

11 Qaamni Olaanaan Yerusaalemitti argamu, dhaqna qabaa ilaalchisee tokkummaadhaan murtoo tokko irra gaʼeera. Haataʼu malee, obboloonni gumiiwwan hunda keessatti argaman murtoo kana fudhachuu akka dandaʼaniif karaa ifa taʼee fi nama jajjabeessuun isaanitti himamuu qaba. Maarree karaa buʼa qabeessa taʼeen kana gochuu kan dandaʼan akkamitti? Seenaan isaa akkas jedha: “Ergamoonnii fi jaarsoliin guutummaa gumichaa wajjin taʼuudhaan, namoota isaan gidduudhaa filataman Phaawulosii fi Barnaabaasii wajjin gara Anxokiyaatti erguuf murteessan; akka kanaan Yihudaa isa Barnaabaas jedhamuu fi Siilaas warra obboloota gidduutti itti gaafatamummaa qaban achitti ergan.” Kana malees, xalayaa qopheessanii gumiiwwan Anxokiyaa, Sooriyaa fi Kiilqiyaa keessa jiraniif akka dubbifamuuf karaa dhiirota kanaa ergan.—HoE. 15:22-26.

12, 13. Qaamni olaanaan (a) Yihudaa fi Siilaasiin erguunsaa (b) xalayaa erguunsaa buʼaa akkamii argamsiise?

12 Yihudaa fi Siilaas ‘obboloota gidduutti itti gaafatamummaa waan qabaniif’ qaama olaanaa bakka buʼuuf gaʼumsa qabu turan. Dhiironni afur bakka buʼanii deemuun isaanii ergaan isaan qabatanii deeman deebii gaaffii gaafatamee qofa utuu hin taʼin, qajeelfama dabalataa qaamni ol aanaan kennes qabatanii akka deeman kan argisiisu ture. ‘Namoonni filataman’ kun achitti argamuun isaanii hariiroon Kiristiyaanota Yerusaalem warra Yihudoota taʼanii fi namoota saboota kaan keessaa Kiristiyaanota taʼan gidduu jiru akka cimu godha. Kun qophii ogummaa fi jaalalarratti hundaaʼedha! Saba Waaqayyoo gidduu nagaa fi tokkummaan akka jiraatu akka godhe beekamaadha.

13 Xalayaan ergame, dhaqna qabaa ilaalchisee saboonni kaan maal gochuu akka qaban kan ibsu qofa utuu hin taʼin, eebba Yihowaa argachuu fi isa biratti fudhatama argachuuf wantoota isaan gochuu qabanis kan ibsu ture. Yaadni ijoo xalayichaa akkana jedha: “Wantoota barbaachisoo taʼan kanaan alatti baʼaa dabalataa akka isinitti hin feene, hafuurri qulqulluu fi nuti murteessineerra: wantoota waaqolii tolfamoodhaaf aarsaa taʼan irraa, dhiiga irraa, foon horii hudhamee duʼee irraa, akkasumas halalummaa irraa fagaadhaa. Wantoota kana irraa guutummaatti yoo fagaattan gaarii isiniif taʼa. Nagaa wajjin!”—HoE. 15:28, 29.

14. Yeroo harʼaa sabni Yihowaa addunyaa qoqqoodame keessatti tokkummaadhaan hojjechuu kan dandaʼan akkamitti?

14 Yeroo harʼaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa 8,000,000 ol taʼanii fi gumiwwan 100,000 ol keessatti argaman amantiidhaanis taʼe hojiidhaan tokkummaa qabu. Addunyaa wal qoqqoodiinsaa fi jeequmsaan guutame kana keessatti tokkummaan akkasii jiraachuu kan dandaʼe akkamitti? Tokkummaan akkasii jiraachuu kan dandaʼe Yesuus Kiristoos inni Mataa gumii Kiristiyaanaa taʼe karaa ‘garbicha amanamaa fi ogeessaa’ jechuunis karaa Qaama Olaanaa qajeelfama ifa taʼe waan kennuufidha. (Mat. 24:45-47) Dabalataanis, tokkummaan jiraachuu kan dandaʼe obboloonni addunyaa maratti argaman qajeelfama Qaama Olaanaarraa argatan fedhiidhaan hojiirra waan oolchaniifi.

“Jajjabina Argatanitti Baayʼee Gammadan” (Hojii Ergamootaa 15:30-35)

15, 16. Gumiiwwan qaama olaanaarraa qajeelfama yeroo argatan maaltu isaanitti dhagaʼame? Maaliif?

15 Seenaan Hojii Ergamootaa itti fufuudhaan bakka buutonni Yerusaalemii dhufan sun akkuma Anxokiyaa gaʼaniin, “namoota achitti argaman hunda walitti qabanii xalayaa sana isaanitti kennan” jedha. Maarree obboloonni qaama olaanaarraa qajeelfama kana yommuu argatan maaltu isaanitti dhagaʼame? “Xalayicha erga dubbisanii booda, jajjabina argatanitti baayʼee gammadan.” (HoE. 15:30, 31) Dabalataanis, Yihudaa fi Siilaas “haasaa hedduu dhiheessanii obboloota jajjabeessan.” Obboloonni lamaan kun akkuma Barnaabaas, Phaawulosii fi namoota kaanii “raajota” kan jedhaman fedha Waaqayyoo warra kaanitti waan beeksisaniif ture.—HoE. 13:1; 15:32; Bau. 7:1, 2.

16 Yihowaan murtoo qaamni olaanaan godhe waan eebbiseef gumiin hundi jajjabina argachuu dandaʼeera. Buʼaa gaariin akka argamu gumaacha guddaa kan godhe maalidha? Qaamni olaanaan Dubbii Waaqayyoo irratti hundaaʼuu fi hafuura qulqulluudhaan geggeeffamuudhaan yeroo sirrii taʼetti qajeelfama ifa taʼe waan kenneef akka taʼe beekamaadha. Obboloota karaa jaalala qabeessa taʼeen murtoo kana isaanitti himan erguun isaaniis gumaacha godheera.

17. Daawwattoonni olaanoo aanaa yeroo harʼaatti argaman fakkeenya Phaawulos, Barnaabaas, Yihudaa fi Siilaas kan hordofan karaawwan kamiini?

17 Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo harʼaatti argamu fakkeenya kana hordofuudhaan obboloota addunyaa maratti argamaniif yeroo sirriitti qajeelfama kenna. Murtoo yeroo godhuttis karaa ifa taʼee fi kallattiidhaan gumiiwwaniif dabarsa. Karaawwan kana keessaa tokko daawwannaa daawwattoota olaanaa aanaati. Obboloonni fedhii isaanii aarsaa godhan kun gumii tokkorraa gara gumii kan biraa deemuudhaan miira hoʼaadhaan qajeelfama ifa taʼe kennu. Obboloonni kun akkuma Phaawulosii fi Barnaabaas, ‘namoota kaan hedduu wajjin misiraachoo dubbii Yihowaa barsiisuu fi lallabuudhaan’ tajaajilarratti yeroo dheeraa dabarsu. (HoE. 15:35) Akkasumas, akkuma Yihudaa fi Siilaas ‘haasaa hedduu dhiheessuudhaan’ obboloota jajjabeessu.

18. Sabni Waaqayyoo eebba Yihowaa argachuusaa itti fufuuf maal gochuu qaba?

18 Mee ammammoo waaʼee gumiiwwanii haa ilaallu. Gumiiwwan addunyaa maratti argaman, addunyaa qoqqoodame kana keessatti nagaa fi tokkummaa qabaatanii itti fufuu kan dandaʼan akkamitti? Yeroo booda Yaaqoob baratichi akkas jedhee barreesseera: ‘Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu garuu, hundumaa dura qulqulluudha, achiis naga qabeessa, yaada ofiitti kan hin cichinee fi ajajamuuf kan qophaaʼedha.’ “Kana malees, warra nagaa uumaniif, firiin qajeelinaa haala naga qabeessa taʼe keessatti facaafama.” (Yaq. 3:17, 18) Yaaqoob yaada kana kan dubbate walgaʼii Yerusaalemitti geggeeffame sammuutti qabatee taʼuuf dhiisuu isaa wanta beeknu hin qabnu. Haataʼu malee, seenaan Hojii Ergamootaa boqonnaa 15​rratti argamu akka argisiisutti gumiin eebba Yihowaa argachuu kan dandaʼu tokkummaa yoo qabaate qofa akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

19, 20. (a) Gumii Anxokiyaa keessa tokkummaa fi nagaan akka ture wanti argisiisu maalidha? (b) Amma Phaawulosii fi Barnaabaas maalirratti xiyyeeffachuu dandaʼu?

19 Amma, gumiin Anxokiyaa nagaa fi tokkummaa qaba. Obboloonni gumii Anxokiyaa, obboloota Yerusaalemii dhufanii wajjin falmuu mannaa, daawwannaa Yihudaa fi Silaas isaaniif godhanitti gammadaniiru. Seenaansaa itti fufuudhaan, “Yeroo muraasa erga achitti dabarsanii booda, obboloonni nagaadhaan gara warra isaan erganitti [jechuunis gara Yerusaalemitti] isaan geggeessan” jedha. d (HoE. 15:33) Obboloonni Yerusaalem keessa jiranis wanta obboloonni kun daawwannaa isaanii ilaalchisee isaanitti himanitti baayʼee akka gammadan mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Gaarummaa guddaa Yihowaatiif galanni haa taʼuutii, obboloonni kun hojiisaanii milkaaʼinaan xumuraniiru.

20 Akkuma daawwattoonni olaanaa aanaa yeroo gumii daawwatanitti godhan, Phaawulosii fi Barnaabaas warri Anxokiyaatti hafan amma hojii lallabaa geggeessuurratti xiyyeeffachuu dandaʼu. (HoE. 13:2, 3) Kun Saba Yihowaatiif eebba guddadhaa. Haataʼu malee Yihowaan labsitoota wangeelaa hinaaffaa qaban kana lamaanitti fayyadamuusaa fi eebbisuusaa kan itti fufe akkamitti? Boqonnaa itti aanu irratti kana ilaalla.

Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti argaman nyaata hafuuraa karaa Qaama Olaanaa fi bakka buʼoota isaa dhihaaturraa fayyadamaa jiru

a Saanduqa, “ Yaaqoob—‘Obboleessa Gooftaa’” jedhu ilaali.

b Yaaqoob barreeffamoota Musee irraa malaan caqaseera. Barreeffamoonni kunimmoo seenaawwan Seerri Musee kennamuusaa durayyuu wanta Waaqayyo namoota irraa barbaaduu fi fedhiin Isaa maal akka taʼe argisiisan qabataniiru. Fakkeenyaaf, ilaalchi Waaqayyo dhiigaaf, ejjaa fi waaqa tolfamaa waaqeffachuudhaaf qabu kitaaba Uumamaa keessatti akka gaariitti ibsameera. (Uma. 9:3, 4; 20:2-9; 35:2, 4) Kanaafuu Yihowaan ulaagaasaa Yihudootaa fi namoota Yihudoota hin taane dabalatee namoota hundumaaf ibseera.

d Hiiktonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko lakkoofsa 34​rratti yaada Siilaas Anxokiyaa keessa turuuf akka murteesse argisiisu itti dabalaniiru. Haataʼu malee, jechoonni kun yeroo booda kan itti dabalaman taʼuu hin oolu.