Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jijjiirama Tirannaa—Ilaalcha Dogoggoraa fi Dhugaasaa

Jijjiirama Tirannaa—Ilaalcha Dogoggoraa fi Dhugaasaa

Saayintistii barumsa jijjiirama tirannaa kan taʼan Piroofeesar Richaardi Dookniz, “Akkuma aduun hoʼa akka kennitu haaluun hin dandaʼamne, jijjiiramni tirannaas dhugaa taʼuusaa haaluun hin dandaʼamu” jedhaniiru.16 Aduun hoʼa akka kennitu qorannaa gochuu fi ilaaluudhaan mirkaneessuun ni dandaʼama. Barumsa jijjiirama tirannaahoo dhugaa taʼuusaa akkuma hoʼa aduu qorannaa gochuu fi ilaaluudhaan mirkaneessuun ni dandaʼamaa?

Gaaffii kana deebisuu keenya dura wanti qulqulleeffachuu qabnu tokko jira. Saayintistoonni hedduun sanyiin lubbu qabeeyyii waggoota hedduu booda hamma tokko jijjiiramuu akka dandaʼu hubataniiru. Fakkeenyaaf, namoonni sanyii saroota garaagaraa walitti makanii, saroota miillisaanii gabaabaa fi rifeensisaanii dheeraa taʼe uumaniiru. a Saayintistoonni tokko tokko jijjiirama xixinnoo akkasii microevolution jedhanii waamu.

Taʼus, namoonni jijjiirama tirannaatti amanan jijjiiramni xixxiqqaan waggoota biiliyoonaa oliif taasifame walitti qabamee, jijjiiramni guguddaan qurxummileen gara amfiibiyaanotaatti, gosi jaldeessaa eeppi jedhamummoo gara namaatti akka jijjiiramu gochuu dandaʼu akka uumame barsiisu. Jijjiiramni guguddaan uumameera jedhamee yaadamu akkasii macroevolution jedhama.

Chaarlas Daarwiinii fi kitaaba isaa Origin of Species jedhu

Fakkeenyaaf, Chaarlis Daarwiin, jijjiiramni xixiqqaan mulʼatu uumamuunsaa, jijjiiramni guguddaan hin mulʼanne uumamuu akka dandaʼu argisiisa jedhee barsiiseera.17 Namni kun, uumamni salphaa fakkaatuu fi jalqaba ture waggoota miliyoonaan lakkaaʼaman keessatti jijjiirama xixiqqaa gochaa deemuudhaan uumamni garaagaraa miliyoonaan lakkaaʼamu akka argamu akka godhe amana.18

Wanti inni dubbate kun namoota hedduutti sirrii fakkaata. ‘Horteewwan muraasa gidduutti jijjiiramni xixiqqaan erga uumamee, waggoota dheeraa keessatti jijjiiramni guguddaanis sababii itti hin uumamne hin qabu’ jedhu. b Barumsi jijjiirama tirannaa ilaalcha dogoggoraa sadii irratti hundaaʼa. Mee yaada armaan gadii ilaali.

Ilaalcha Dogoggoraa 1. Jijjiiramni jiiniirratti uumamu hortee haaraan akka argamuuf buʼuura taʼa. Barumsi macroevolution, jijjiiramni jiiniirratti akka tasaa uumamu, hortee haaraan akka uumamu qofa utuu hin taʼin, maatiin biqiltootaa fi maatiin bineeldotaa haaraan akka uumamu taasisa yaada jedhu irratti kan hundaaʼedha.19

Abaaboon kun, jijjiiramni jiiniirratti taʼu biqiltoonni jijjiirama muraasa gochuu akka dandaʼan argisiisa

Dhugaa jiru. Amalli biqiltoota ykn bineeldota hedduu odeeffannoo jiiniisaanii, jechuunis odeeffannoo niwukilasii seeliisaanii keessatti argamurratti hundaaʼa. c Qorattoonni, jijjiiramni jiinii keessatti uumamu biqiltoota ykn bineeldota yeroo booda dhalatanirratti jijjiirama akka fidu hubataniiru. Taʼus, jijjiiramni jiiniirratti taʼu hortee haaraa argamsiisuu dandaʼaa? Qorannoon jaarraa tokkoof jiiniirratti godhame waaʼee kanaa maal mirkaneesseera?

Xumura bara 1930​nii keessa saayintistoonni yaada haaraa tokko argataniiru. Uumamni tokko jiraachuu fi wal horuuf, naannoosaatti baruuf (natural selection) yaalii akka godhu, kunimmoo, jiiniisaanii keessatti jijjiiramni akka uumamu waan godhuuf horteen biqiltootaa ykn bineeldotaa haaraan akka uumamu akka taasisu sana durayyuu hubataniiru. Kanaaf, ammammoo jiiniin namoonni qindeessan karaa caalaatti buʼa qabeessa taʼeen wantuma kanaa wajjin wal fakkaatu uumuu akka dandaʼu yaaduu jalqabaniiru. Saayintistiin Woolfi-Ekkihaardi Looniig jedhamanii fi Dhaabbata Qorannoo Horsiisa Biqiltootaa Maaksi Pilaanki jedhamuu fi Jarmanitti argamu keessaa hojjetan, “Qorattoonni baayooloojii fi jiinii, akkasumas horsiistonni baayʼee gammadaniiru” jedhaniiru. d Wanti baayʼee isaan gammachiise maalidha? Saayintistiin jiinii biqiltootaa qoʼachuudhaan waggoota 30 dabarsan kun akkana jedhaniiru: “Qorattoonni kun yeroon akkaataa biqiltootaa fi bineeldota itti horsiisan itti jijjiiran akka gaʼe yaadu. Jiinii gaarii taʼe filachuu fi akka guddatu gochuudhaan biqiltoota fi bineeldota haaraa fi gaarii taʼan uumuun akka dandaʼamu yaadanii turan.”20 Kaanimmoo, hortee guutummaatti haaraa taʼe uumuun akka dandaʼamu abdatanii turan.

Titiisonni fruit fly jedhamanii fi jiinii isaaniirratti jijjiiramni muraasni taʼe jiraatanis ammayyuu titiisadha

Saayintistoonni Yuunaayitid Isteetis, Eeshiyaa fi Awurooppaa, sagantaa qorannoo jijjiirama tirannaa biqiltootaa fi bineeldotaa saffisiisa jedhanii yaadan jalqabuuf maallaqa hedduu baasaniiru. Waggoota 40 oliif qorannoo cimaa erga godhanii booda, maal irra gaʼan? Qorataan Pitar voon Zeengibushi jedhaman akkana jedhaniiru: “Maallaqa hedduu baasanis, carraaqqiin carallaatti fayyadamanii jiinii haaraa caalaatti gaarii taʼe argachuuf godhan isaaniif hin milkoofne.”21 Kana malees Looniig akkana jedhaniiru: “Bara 1980​tti addunyaa maratti abdii fi gammachuun saayintistootaa fiixaan utuu hin baʼiin hafeera. Dameen qorannaa jiiniirratti jijjiirama gochuudhaan biqiltootaa fi bineeldota gaarii argachuuf yaalii godhu kan itti fufe biyyoota murtaaʼan keessatti qofadha. Biqiltoonnii fi bineeldonni jijjiiramni jiinii irratti godhame hundi jechuun ni dandaʼama, . . . duʼaniiru ykn warra uumamaan turanirra dadhaboo taʼaniiru.” e

Odeeffannoon qorannoo walii galaa gara waggaa 100f jijjiirama jiiniirratti taasifamurratti godhamee fi qorannoo gara waggaa 70f jiiniirratti jijjiirama gochuudhaan hortee haaraa uumuurratti taasifamerraa argame, saayintistoonni gama kanaan xumura tokkorra akka gaʼan godheera. Looniig ragaawwan jiran kana hunda erga qoranii booda akkana jedhaniiru: “Jiiniirratti jijjiirama gochuudhaan hortee guutummaatti haaraa taʼe uumuun hin dandaʼamu. Muuxannoonii fi buʼan qorannoo jijjiirama jiinii jaarraa 20​ffaa hundis taʼe seerri shallaggii tilmaamaa, kun sirrii akka taʼe argisiisa.”

Maarree, jiiniirratti jijjiirama gochuun horteen tokko gara uumama guutummaatti haaraa taʼeetti akka jijjiiramu gochuu dandaʼaa? Ragaan argame, kun taʼuu akka hin dandeenye mirkaneessa! Qorannoon Looniig taasisan, “horteewwan jiinii isa kaanirraa guutummaatti adda taʼe qaban, daangaa jijjiirama akka tasaa jiiniirratti taʼuun guutummaatti akka hin balleeffamne ykn akka hin jijjiiramne dhowwu qabu” jechuuf isaan dandeessiseera.22

Dhugaan armaan olii hiika maalii akka qabu hubachuuf yaali. Saayintistoonni leenjii guddaa argatan jiiniirratti jijjiirama gochuudhaan ykn isuma jiru siʼeessuudhaan hortee haaraa uumuu erga hin dandeenyee, ofuma isaatiin jijjiiramee hortee haaraa uumuu ni dandaʼaa? Qorannoon godhame jiiniirratti jijjiirama gochuudhaan, hortee guutummaatti haaraa taʼe argachuun akka hin dandaʼamne argisiisa erga taʼee, jijjiiramni guguddaan taʼeera jedhanii yaaduun ni dandaʼamaa?

Ilaalcha Dogoggoraa 2. Carraaqqiin uumamni naannoo isaatti baruuf godhu (natural selection) hortee haaraan akka uumamu godha. Akka ilaalcha Daarwiinitti uumamni naannoosaatti baruuf yaalii godhu jiraachuusaa itti fufa, warri itti baruu hin dandeenyemmoo suutuma suuta duʼu. Namoonni jijjiirama tirannaatti amanan horteen tokko yeroo bakka adda addaatti faffacaʼuu fi gargar baʼu, jiiniinsaa naannoo haaraa sanatti baruu yoo dandaʼe jiraachuusaa akka itti fufu barsiisu. Kanaaf, horteewwan faffacaʼanii bakka addaa addaa jiraachuu jalqaban kun yeroo booda hortee guutummaatti haaraa taʼe akka uuman yaadu.

Dhugaa jiru. Akkuma olitti ibsame, ragaan qorannaarraa argame akka argisiisutti, jijjiiramni jiiniirratti taʼu biqiltoota ykn bineeldota guutummaatti haaraa taʼan argamsiisuu hin dandaʼu. Maarree, namoonni jijjiirama tirannaatti amanan, yaada ‘yaaliin uumamni naannoosaatti baruuf godhu jiiniin fooyyaʼee hortee haaraan akka uumuu godha’ jedhu deggeruuf ragaa akkamii caqasu? Birooshurri bara 1999​tti Dhaabbata Qorannaa Saayinsii Yuunaayitid Isteetisiin qophaaʼe, “horteewwan simbira fiinchii 13n Daarwiin odoloota Gaalaappaagoos irratti waaʼee isaanii qoratee fi yeroo ammaatti Fiinchii Daarwiin jedhamuudhaan beekaman” caqasee ture.23

Bara 1970n keessa, gareen qorattoota Yunivarsiitii Piriinsitan inni Piitarii fi Roozmarii Giraantiin geggeeffamu, fiinchiiwwanirratti qorannaa gochuudhaan, odolawwan fiinchiiwwan irra jiraatanirra waggaa tokkoof ongeen erga gaʼee booda, fiinchiiwwan huuruu gaggabaabaa qabanirra warri huuruu dhedheeraa qaban haalasaa akka dandamatan hubateera. Horteewwan fiinchii 13 kan adda baafaman dheerina ykn gabaabinaa fi boca isaarratti hundaaʼuudhaan yeroo taʼu, argannoon kunis iddoo guddaa akka qabutti yaadamee ture. Birooshurichi itti fufuudhaan akkana jedheera: “Piitarii fi Roozmarii Giraantiin odolawwan kanarratti ongeen waggaa 10 keessatti siʼa tokko yoo gaʼe, fiinchiin hortee haaraa uumamuu kan dandaʼu gara waggaa 200 keessatti qofa akka taʼe tilmaamaniiru.”24

Haa taʼu malee, birooshurichi waggoota ongee sana booda jiranitti fiinchiiwwan huuruu gaggabaabaa qaban ammas deebiʼanii akka baayʼatan utuu hin caqasin hafeera. Qorattoonni, haalli qilleensa odolichaa yommuu jijjiiramu fiinchiiwwan huuruu dhedheeraa qaban waggaa tokkoof warra kaan caalaa akka baayʼatan, sana booda garuu fiinchiiwwan huuruu gaggabaabaa qaban warra kaan caalaa akka baayʼatan hubataniiru. Kana malees, fiinchiin hortee garagaraa wal horaa akka jiranii fi fiinchii warrasaa caalaa haala qilleensaa ulfaataa taʼe dandamatu akka argamsiisan hubataniiru. Xumurarrattis horteen garaagaraa wal horuusaanii yoo itti fufan, horteen lamaan hortee tokko taʼuu akka dandaʼan hubataniiru.25

Qorannaan Daarwiin simbirroo fiinchiirratti geggeesse, horteewwan haala qilleensa naannoo isaaniitti baruu akka dandaʼan qofa argisiisa

Maarree, carraaqqiin uumamnii naannoo isaatti baruuf godhu horteen guutummaatti haaraa taʼe akka uumamu gochuu dandaʼaa? Waggoota kudhaniin dura baayoolojistiin Joorji Kiristoofar Wiliiyaamsi jedhamanii fi jijjiirama tirannaatti amanan carraaqqiin uumamni haala naannoo isaatti baruuf godhu hortee haaraa argamsiisuu dandaʼuu isaarratti gaaffii kaasanii turan.26 Qorataa jijjiirama tirannaa kan taʼan Jeefrii Shiwoortis bara 1999​tti, carraaqqiin uumamnii naannoosaatti baruuf godhu jijjiirama naannoosaatti isa mudatutti akka baru isa gargaaruurraa kan hafe wanta haaraa tokkollee akka hin uumne barreessaniiru.27

Fiinchiiwan Daarwwiinis uumama haaraa kan biraatti hin jijjiiramne. Ammayyuu fiinchiidha. Fiinchiiwan garaagaraa kun wal horaa kan jiran taʼuunsaa immoo akkaataa namoonnii jijjiirama tirannaatti amanan waaʼee hortee itti ibsanirratti gaaffii kaaseera. Kana malees, simbirroota kana ilaalchisee odeeffannoon argame, dhaabbileen qorannoo saayinsii beekamoo taʼanillee dhugaa jiru sirriitti akka hin gabaasne saaxileera.

Ilaalcha Dogoggoraa 3. Galmeen hambaalee jijjiiramni guguddaan akka uumame mirkaneessa. Birooshurri gubbaatti caqasame, dubbistoonnisaa ‘Hambaaleen saayintistoonni argatan jijjiiramni guguddaan akka uumame mirkaneessa’ jedhanii akka yaadan godheera. Akkana jedheera: “Uumamawwan qurxummiilee fi amfiibiyaanota, amfiibiyaanotaa fi reppitaayilota, reppitaayilotaa fi hoosiftoota gidduu jiran, akkasumas horteewwan hosftootaa kan biroon argamaniiru. Taʼus, horteewwan kun hortee tokkorraa gara isa kaaniitti yoom akka jijjiiraman sirriitti beekuun ulfaataadha.”28

Dhugaa jiru. Yaadni birooshurri kun ija jabinaan dubbate nama dinqisiisa. Maaliif? Jijjiirama tirannaatti cimsanii kan amanan Naayilzi Eldireeji, galmeen hambaalee jijjiiramni suuta suuta taʼaa ture akka jiru utuu hin taʼin, yeroo dheeraaf “horteewwan hedduun jijjiirama xinnoo qofa akka godhan ykn homaa jijjiirama akka hin goone” akka argisiisu dubbataniiru. f29

Galmeen hambaalee akka argisiisutti, horteewwan bineeldotaa guguddoon akkuma tasaa argamanii waggoota hedduudhaaf utuu hin jijjiiramin turan

Hamma yoonaatti saayintistoonni addunyaa maraa hambaalee guguddaa gara miliyoona 200 taʼanii fi hambaalee xixinnoo biliyoonaan lakkaaʼaman argatanii galmeessaniiru. Qorattoonni hedduun galmeen waaʼee hambaalee kanaa odeeffannoo balʼaa qabate akka argisiisutti gosti bineeldotaa hedduun akkuma tasaa argamanii utuu hin jijjiiramin akka turan, horteewwan hedduun akkuma tasaa argamanis akkuma tasaa akka badan amanu.

Jijjiirama tirannaatti amanuun faduulumaan amanuu gaafata

Namoonni beekamoon jijjiirama tirannaatti amanan jijjiiramni guguddaan taʼeera jedhanii kan dubbatan maaliifi? Jijjiirama tirannaatti cimsanii kan amanan Richaardi Liiwontiin, saayintistoonni hedduun “durumayyuu maateeriyaalizimiitti g cimsanii waan amananiif” yaada saayinsii hin mirkanoofne callisanii akka fudhatan ifatti dubbataniiru. Saayintistoonni hedduun qaamni dandeettii yaaduu qabuu fi wantoota kana uume jiraachuu dandaʼa jedhanii yaaduullee hin barbaadan. Liiwontiin sababa isaa yommuu ibsan, “Saayinsiin yaada Waaqayyo jira jedhu hin fudhatu” jechuudhaan barreessaniiru.30

Gama kanaan sooshiyoolojistiin Roodnii Istaarki jedhaman barruu Scientific American jedhamurratti, “Yaadni, ‘nama saayinsii taʼuu yoo barbaadde dhiibbaa amantiirraa bilisa taʼuu qabda’ jedhu gara waggoota 200f babalʼachaa tureera” jedhaniiru. Itti fufaniis yunivarsiitiiwwan qorannoon keessatti godhamu keessatti, “namoonni amantii afaan isaanii qabachuu qabu” jedhaniiru.31

Jijjiiramni guguddaan uumameera jettee amanuuf, saayintistoonni jiraachuu Waaqayyoo shakkan ykn Waaqayyotti hin amanne ilaalchisaanii akkaataa argannoo saayinsii tokko itti ibsanirratti dhiibbaa akka hin goone amanuu qabda. Qorannoon gara jaarraa tokkoof taasifame, jijjiiramni jiiniirratti taʼu horteen tokkollee gara uumama guutummaatti haaraa taʼeetti jijjiiramuusaa mirkaneessuu baatus, jijjiiramni jiiniirratti taʼuu fi carraaqqiin uumamni naannoosaatti baruuf godhu uumamawwan walxaxoo taʼan kana hunda akka argamsiise callistee amanuu qabda. Galmeen hambaalee gosti biqiltootaa fi bineeldotaa guguddoon akkuma tasaa akka argamanii fi waggoota miliyoonaan lakkaaʼaman keessattillee gara gosa kan biraatti akka hin jijjiiramne utuma argisiisuu, uumamni hundi hortee tokkorraa jijjiirama tirannaatiin argame jettee amanuu qabda. Maarree, amantiin akkasii dhugaa qabatamaarratti moo ilaalcha dogoggoraarratti kan hundaaʼedha? Dhugumayyuu, jijjiirama tirannaatti amanuun faduulumaan amanuu gaafata.

a Kun kan taʼu, yeroo baayʼee jiiniinsaanii hanqina taʼe tokko waan qabaatuufidha. Fakkeenyaaf, sareen dachshund jedhamtu baayʼee gabaabduu kan taate kaartleejiin ishii sirriitti waan hin guddanneefi.

b Kutaa kana keessatti jecha “hortee” jedhu irra deddeebinee kan itti fayyadamne taʼus, jechi kun kitaaba Uumamaarratti hin argamu. Kitaaba kanarratti jecha “akaakuu” jedhuu fi hiika balʼaa qabutu argama. Yeroo baayʼee wanti saayintistoonni hortee uumama haaraa jedhanii waaman garaagarummaa uumamaa akaakuu tokko keessatti argamuu fi kitaaba Uumamaa irratti ibsamedha.

c Qorannoon taasifame akka argisiisutti, saayitoopilaazimiin, membireenii fi kutaawwan seelii kaan, uumamni tokko bocaa fi amala taʼe tokko akka qabaatu gochuurratti gaʼee guddaa qabu.

d Looniig jireenyi uumamaan akka argame amanu. Yaadni asirratti ibsame yaada dhuunfaa isaaniiti malee kan Dhaabbata Qorannoo Horsiisa Biqiltootaa Maaksi Pilaanki miti.

e Namoonni jiiniirratti jijjiirama gochuudhaan jiinii haaraa uumuuf irra deddeebiʼanii yaalanis carraan waan haaraa argachuuf qaban jalaa xiqqaachaa jira ykn immoo jiinii isuma duraanii wajjin wal fakkaatu argatu. Kana malees, jiiniiwwan biqiltootaa qorannoo dabalataatiif fudhataman dhibbeentaa tokkoo gadi qofa yommuu taʼu, kana keessaammoo dhibbeentaa tokko qofatu hojii daldalaatiif oola. Taʼus, hortee guutummaatti haaraa taʼe tokkoyyuu uumuun hin dandaʼamne. Malli jiinii bineeldotaarratti jijjiirama gochuudhaan horsiisuuf itti fayyadamanimmoo kan biqiltootaarra baayʼee gad aanaa yommuu taʼu, guutummaatti itti fayyadamuuyyuu dhiisaniiru.

f Fakkeenyonni galmee hambaalee muraasni qorattoonni jijjiirama tirannaa akka deggeranitti dhiheessanillee falmii kaasu. Birooshura Dhugaa Baatonni Yihowaa qopheessanii fi Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Deebii Argachuu Qaban Shan jedhu fuula 22 hanga 29 ilaali.

g Asirratti jechi “maateeriyaalizimii” jedhame, barumsa ‘lubbu qabeeyyii hunda dabalatee wantoonni hawaa keessa jiran hundi kan argaman, qaamni dandeettii guddaa qabu utuu isaan hin uumini’ jedhu argisiisa.