Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 1

Waaqayyoon Dhaggeeffachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Waaqayyoon Dhaggeeffachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Waaqayyo Macaafa Qulqulluutti fayyadamee nutti dubbata. 2 Ximotewos 3:16

Waaqni dhugaan, namoonni kitaaba adda taʼe tokkorratti yaadasaa akka barreessan godheera. Kitaabni kunis Macaafa Qulqulluu jedhama. Macaafni kun, odeeffannoo Waaqayyo namoonni akka beekan barbaadu qabateera.

Waaqayyo wanta hunda caalaa nu fayyaduu dandaʼu kan beeku taʼuusaarrayyuu, ogummaa dhugaa nuu kenna. Atis Isa dhaggeeffachuudhaan ogeessa taʼuu dandeessa.—Fakkeenya 1:5.

Waaqayyoo namni hundi Macaafa Qulqulluu akka dubbisu barbaada. Macaafni kun yeroo ammaatti afaan hedduudhaan argama.

Waaqayyoon dhaggeeffachuu yoo barbaadde, Macaafa Qulqulluu dubbisuufi yaadasaa hubachuu qabda.

Namoonni bakka hundaatti argaman Waaqayyoon dhaggeeffachaa jiru. Maatewos 28:19

Dhugaa Baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluu akka hubattu si gargaaruu dandaʼu.

Addunyaa marattis waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa barsiisu.

Barumsa kana barachuuf qarshii kaffaluun si hin barbaachisu. Galma Mootummaa Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo keetti argamu dhaquudhaan waaʼee Waaqayyoo barachuu dandeessa.