Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 2

Waaqni Dhugaan Eenyu?

Waaqni Dhugaan Eenyu?

Waaqni dhugaa tokko qofadha; maqaansaas Yihowaa jedhama. (Faarfannaa 83:18, NW) Inni Hafuura waan taʼeef isa arguu hin dandeenyu. Inni nu jaallata; nuyis akka isa jaallannu barbaada. Namoota kaanis akka jaallannu barbaada. (Maatewos 22:35-40) Inni Waaqa Hundumaa Dandaʼuufi Uumaa wantoota hundaati.

Uumamawwan Waaqayyo jalqaba uume keessaa inni tokko qaama hafuuraa humna guddaa qabu siʼa taʼu, innis yeroo booda Yesus Kiristos jedhameera. Yihowaan ergamootas uumeera.

Yihowaan wantoota samii keessa jiraniifi . . . lafarra jiran hunda uumeera. Mulʼata 4:11

Yihowaan urjiiwwan, lafaafi wantoota lafarratti argaman hunda uumeera.—Uumama 1:1.

Waaqayyo nama jalqabaa kan taʼe Addaamiin biyyoo lafaarraa tolche.—Uumama 2:7.