Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 3

Jireenyi Jannataa Maal Fakkaata Ture?

Jireenyi Jannataa Maal Fakkaata Ture?

Yihowaan Addaamiifi Hewwaaniif wantoota gaggaarii hedduu kenneera. Uumama 1:28

Yihowaan dubartii ishee jalqabaa Hewwaaniin erga uumee booda, haadha manaasaa akka taatuuf Addaamiif kenne.—Uumama 2:21, 22.

Yihowaan sammuufi qaama mudaa hin qabne akka qabaatan godhee isaan uumeera.

Dhaaba Eeden, ishee miidhagduu bakka lageen, mukeetiin ija godhataniifi bineensoonni keessatti argaman keessa jiraatu turan.

Yihowaan isaanitti dubbata ture; isaan barsiisas ture. Utuu isa dhaggeeffataniiru taʼee lafa Jannata taaterra barabaraaf jiraatu turan.

Waaqayyo ija mukeetii keessaa isa tokko akka hin nyaanne isaan dhowwee ture. Uumama 2:16, 17

Ergamoota Waaqayyoo keessaa inni tokko Yihowaarratti kaʼe. Ergamaan hamaa taʼe kun Seexana ykn Diiyaabilos jedhama.

Yihowaan ija mukaa tokko Addaamiifi Hewwaanitti argisiisuudhaan, yoo ija mukaa kana nyaatan akka duʼan isaanitti hime.

Seexanni, Addaamiifi Hewwaan Yihowaadhaaf akka ajajaman hin barbaadu ture. Kanaaf, bofatti fayyadamee ija mukaa sanarraa yoo nyaatte akka hin duuneefi akka Waaqayyoo akka taatu Hewwaanitti hime. Wanti inni dubbate kun garuu soba ture.—Uumama 3:1-5.