Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 6

Bishaan Badiisaa Isa Guddaarraa Barumsa Akkamii Arganna?

Bishaan Badiisaa Isa Guddaarraa Barumsa Akkamii Arganna?

Waaqayyo namoota hamoo balleessee, Nohiifi maatiisaa oolcheera. Uumama 7:11, 12, 23

Guyyaa 40fi halkan 40f bokkaa cimaan waan roobeef guutummaan lafaa bishaaniin uwwifame. Namoonni hamoon hundi ni balleeffaman.

Ergamoonni Waaqayyorratti kaʼan garuu qaama foonii uffatanii turan dhiisanii hafuurota xuraaʼoo taʼan.

Yeroo kanatti namoota markaba keessa turan qofatu oole. Nohiifi maatiinsaa yeroo booda kan duʼan taʼus, gara fuulduraatti barabaraaf akka jiraataniif Waaqayyo duʼaa isaan kaasa.

Gara fuulduraattis Waaqayyo namoota hamoo balleessee, namoota gaarii ni oolcha. Maatewos 24:37-39

Seexanniifi hafuuronni hamoon namoota gowwoomsuusaanii itti fufaniiru.

Yeroo ammaattis akkuma bara Nohi, namoonni hedduun qajeelfama Yihowaan jaalalaan kakaʼee kennu fudhachuu hin barbaadan. Yeroo dhihootti Yihowaan namoota hamoo taʼan hunda ni balleessa.—2 Phexros 2:5, 6.

Namoonni akkuma Nohi Waaqayyoon dhaggeeffataniifi wanta inni jedhe raawwatan muraasni jiru; isaanis Dhugaa Baatota Yihowaati.