Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 8

Duuti Yesus Faayidaa Akkamii Siif Argamsiisa?

Duuti Yesus Faayidaa Akkamii Siif Argamsiisa?

Yesus jireenya akka argannuuf nuu duʼeera. Yohannis 3:16

Yesus duʼee guyyaa sadii booda, dubartoonni tokko tokko bakka inni itti awwaalame yeroo dhaqan boolla keessaa isa dhaban. Yihowaan Yesusiin duʼaa kaasee ture.

Yesus yeroo booda ergamootasaatti mulʼateera.

Eeyyee, Yihowaan qaama hafuuraa humna guddaa qabuufi barabaraaf hin duune godhee duʼaa isa kaaseera. Ergamoonni Yesus, yeroo inni gara samiitti ol baʼu isa arganiiru.

Waaqayyo Yesusiin duʼaa kaasee, Mootii Mootummaa Waaqayyoo isa godheera. Daaniʼel 7:13, 14

Yesus ilmaan namootaatiif lubbuusaa furii godhee kenneera. (Maatewos 20:28) Waaqayyo furii kanarratti hundaaʼee jireenya barabaraa nuu kenna.

Yihowaan, Yesus lafa kana akka bulchu Mootii godhee isa muudeera. Namoonni amanamoon 144,000 taʼan duʼaa kaʼanii samiirratti isaa wajjin bulchu. Yesusiifi namoonni 144,000 taʼan, Mootummaa Waaqayyoo, jechuunis bulchiinsa samii isa qajeelaa taʼe hundeessu.—Mulʼata 14:1-3.

Mootummaan Waaqayyoo lafa kana jannata godha. Waraanni, hammeenyi, hiyyummaaniifi beelli hin jiraatu. Namoonni gammachuu dhugaa argatanii jiraatu.—Faarfannaa 145:16.