Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bilisummaa Dabalataa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Bilisummaa Dabalataa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOQONNAA 3

Bilisummaa Dabalataa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

“Warri koo yeroo tokko tokko kophaa koo iddoo garaagaraa akkan deemu utuu naaf heyyamanii baayʼee natti tola.”—Saaraa, 18.

“Warri koo yommuun hiriyoota koo wajjin iddoo tokko dhaqee yeroo dabarsuu barbaadutti kan na hin amanne maaliif akka taʼe yeroo hundan isaan gaafadha. Yeroo baayʼee, ‘Nuti si amanna. Hiriyoota kee garuu hin amannu’ naan jedhu.”—Kiristiin, 18.

ATOO akkuma Saaraa fi Kiristiin bilisummaa dabalataa argachuu barbaaddaa? Bilisummaa dabalataa argachuuf, warri kee akka si amanan gochuu qabda. Warri kaan akka nu amanan gochuun maallaqa argachuu wajjin baayʼee wal fakkaata. Argachuun baayʼee ulfaataa taʼus, salphaatti dhabuu dandeessa; hammamiyyuu yoo siif kenname, gaʼaa akka taʼe sitti dhagaʼamuu dhiisuu dandaʼa. Shamarreen waggaa 16 Eliyaanaa jedhamtu akkana jetteetti: “Eessayyuu dhaquu yoon barbaade warri koo gaaffiidhaan na muddu; eessa akkan dhaqu, eenyufaa wajjin akkan deemu, maal akkan godhuu fi yoom akkan deebiʼu na gaafatu. Warra koo akka taʼan beeka; garuu gaaffii akkasii na gaafachuun isaanii baayʼee na aarsa.”

Warri kee caalaatti akka si amananii fi bilisummaa dabalataa akka siif kennan gochuuf maal gochuu dandeessa? Deebii gaaffii kanaa ilaaluu keenya dura, warra hedduu fi ijoollee isaanii dargaggoota taʼan gidduutti dhimmi kun dhimma cimaa kan taʼe maaliif akka taʼe haa ilaallu.

Carraaqqii Guddaa Gaafata

Kitaabni Qulqulluun, “Namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa” jedha. (Uumama 2:24) Dhiiras taate durba yeroo umurii dargaggummaarra jirtutti galmi kee inni guddaan gaʼeessummaadhaaf qophaaʼuudha; yeroo gaʼeessa taatu of dandeessee jiraatta, tariimmoo maatii ofii keetii qabaachuus ni dandeessa. *

Haa taʼu malee, gaʼeessummaan akkuma balbala umurii taʼe tokkorra yeroo geessu calluma jettee itti seentuu miti. Kanaa mannaa, kortoo suutuma suuta yaabbattu wajjin wal fakkaata; umurii dargaggummaa keessa darbuu gaafata. Yeroo kortoo kana yaabbachaa deemtu tarii atii fi warri kee ilaalcha wal faallessu qabaachuu dandeessu. Shamarreen Maariyaa jedhamtu filannaa hiriyaa wajjin haala wal qabateen warri ishii akka ishii hin amanne ishiitti dhagaʼama; akkana jetteetti: “Umuriin koo waggaa 20 taʼus, ammayyuu warri koo na hin amanan. Cimina haala rakkisaa keessaa baʼuuf na barbaachisu akkan hin qabne isaanitti dhagaʼama. Kanaan durayyuu haala rakkisaa keessaa baʼee akkan beeku isaanitti himuuf kanan yaale taʼus, kun gaʼaa akka taʼe isaanitti hin dhagaʼamu.”

Yaanni Maariyaan dubbatte akka argisiisutti, dhimmi kun dargaggootaa fi warra isaanii gidduutti dhimma walitti buʼiinsa uumudha. Haalli maatii keetii hoo akkasii? Taanaan, warri kee caalaatti akka si amanan gochuu kan dandeessu akkamitti? Wanta gaarii hin taane tokko gochuu keetiin kan kaʼe amantii sirratti dhabaniiru yoo taʼe, amantii akka sirratti qabaataniif maal gochuu dandeessa?

Amanamaa Taʼuu Kee Argisiisi

Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti turaniif, “Eenyummaa keessan beekuuf yeroo hunda of gamaaggamaa” jedhee barreesseera. (2 Qorontos 13:5) Gorsa kana kallattiidhaan kan kenne dargaggootaaf miti. Taʼus, dargaggootaafis ni hojjeta. Bilisummaa argachuun kee kan hundaaʼe amanamaa taʼuu kee argisiisuu kee irrattidha. Kana jechuun nama mudaa hin qabne taʼuu qabda jechuu miti. Namni hin dogoggorre hin jiru. (Lallaba 7:20) Haa taʼu malee, amalli argisiistu warri kee akka si hin amanne kan godhudhaa?

Fakkeenyaaf Phaawulos, “Waan hundumaa [irratti] amanamummaadhaan jiraachuu hawwina” jedhee barreesseera. (Ibroota 13:18) ‘Iddoon dhaqee fi wantan raawwadhe warra kootti yeroon himu amanamaa taʼuu koo argisiiseeraa?’ jedhii of gaafadhu. Mee shamarran gama kanaan sirreeffama gochuun akka isaan barbaachisu hubatan lama maal akka jedhan haa ilaallu. Yaada isaanii erga dubbistee booda gaaffilee gaditti argamaniif deebii kenni.

Loorii: “Gurbaa na hawwate tokko wajjin dhoksaatti iimeelii walii barreessina turre. Warri koo waan narratti beekaniif akkan dhaabu natti himan. Anis wanta naan jedhan gochuuf waadaa galee kanan ture taʼus, waadaa koo hin eegne. Waggaa tokkoof akkasumattan itti fufe. Gurbaa sanaaf iimeelii nan barreessa, achiis warri koo narratti beeku; yeroo kanatti dhiifama isaan gaafadheen akkan itti hin deebine waadaa isaaniif gala; taʼus ammas akkasuman godha. Sana booda warri koo wanta akkamiirratti iyyuu na amanuu hin dandeenye.”

Warri Loorii amantii ishiirratti kan dhaban maaliif sitti fakkaata? ․․․․․

Ati haadha ykn abbaa Loorii utuu taatee maal goota turte? Maaliif? ․․․․․

Looriin jalqaba warri ishii waaʼee rakkinichaa kaasanii erga ishii haasofsiisanii booda amanamtuu taʼuu ishii argisiisuuf maal gochuu dandeessi turte? ․․․․․

Beevarlii: “Warri koo dhiirota dargaggoota taʼan wajjin haala wal qabateen na hin amanan turan; amma sababiin isaanii naa galeera. Dhiirota waggaa lama na caalan wajjin wal kolomsina turre. Kana malees, bilbilaan saʼaatii dheeraa haasofna turre; yeroo baayʼannee walitti qabamnuttis isaan wajjin malee nama kan biraa wajjin hin haasaʼu. Achiis warri koo bilbila koo narraa fudhatanii jiʼa tokkoof na dhowwatan; bakka ijoolleen sun jiran akkan dhaqus naaf hin heyyaman.”

Ati haadha ykn abbaa Beevarlii utuu taatee maal goota turte? Maaliif? ․․․․․

Warri Beevarlii dhorkaa akkasii ishiirra kaaʼuun isaanii sirrii akka hin taane sitti dhagaʼamaa? Taanaan, maaliifi? ․․․․․

Beevarliin warri ishii deebiʼanii akka ishii amananiif maal gochuu dandeessi? ․․․․․

Deebiʼanii Sirratti Amantii Akka Qabaatan Gochuu

Atis akkuma shamarran olitti caqasamanii, wanta warri kee amantii akka sirratti dhaban godhu raawwatteetta yoo taʼe hoo? Haalli isaa akkas yoo taʼellee, warri kee deebiʼanii sirratti amantii akka qabaatan gochuu akka dandeessu mirkanaaʼaa taʼi. Garuu kana gochuu kan dandeessu akkamitti?

Nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu akka taate argisiisuu kee yoo itti fufte warri kee caalaatti amantii sirratti qabaachuun isaanii fi bilisummaa dabalataa sii kennuun isaanii hin oolu. Aneet yeroo booda dhugaa kana hubatteetti. Akkana jetteetti: “Ijoollummaa keetti amanamaa taʼuun hammam barbaachisaa akka taʼe guutummaatti hin hubattu. Amma caalaatti itti gaafatamummaan natti dhagaʼama; wanta warri koo amantii akka narratti qabaatan godhu gochuu akkan qabus natti dhagaʼama.” Kanarraa maal baratta? Warri kee amantii sirratti dhabuu isaaniitti isaan komachuu mannaa, wantoota amantii akka sirratti qabaatan godhan raawwachuurratti xiyyeeffadhu. Akkas yoo goote bilisummaa dabalataa argachuun kee hin oolu.

Fakkeenyaaf, ati dhimmoota armaan gaditti tarreeffaman irratti nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamudhaa? Saanduqa wanta irratti hojjechuu qabdu biratti argamurratti mallattoo ✔ godhi.

□ Saʼaatii warri koo barbaadanitti manatti deebiʼuu

□ Waadaan gale eeguu

□ Beellama kabajuu

□ Maallaqa qusannaadhaan fayyadamuu

□ Hojii mana keessaa xumuruu

□ Ofuma kootiin saʼaatii eegee hirribaa kaʼuu

□ Kutaa koo qulqulleessuu

□ Dhugaa dubbachuu

□ Bilbila ykn kompiitara yeroon fayyadamu madaallii eeguu

□ Balleessaa koo amanee dhiifama gaafachuu

□ Kan biraa

Wantoota fooyyessuu akka qabdu sitti dhagaʼamurratti amanamaa taʼuu kee argisiisuuf maaliif hin murteessitu? Gorsa Kitaaba Qulqulluu armaan gadii hordofi: ‘Namummaa moofaa isa jireenya keessan isa durii wajjin wal simu ofirraa baasaa gataa.’ (Efesoon 4:22) “‘Eeyyeen’ keessan eeyyee . . . haa taʼu.” (Yaaqoob 5:12) “Tokkoon tokkoon keessan dhugaa namatti dubbadhaa.” (Efesoon 4:25) “Waan hundumaatiin warra keessaniif ajajamaa.” (Qolosaayis 3:20) Yeroo booda, guddinni kee warra kee dabalatee namoota hundumaatti ifatti ni mulʼata.—1 Ximotewos 4:15.

Haa taʼu malee, warri kee wanta dandeessu hundumaa kan goote taʼus bilisummaa siif malu akka siif hin kennine yoo sitti dhagaʼame hoo? Waaʼee kanaa maaliif isaan hin haasofsiistu? Yeroo kana gootu, isaan si amanuu akka qaban dubbachuu mannaa, sirratti amantii akka qabaataniif maal gochuu akka qabdu kabajaan isaan gaafadhu. Gama kanaan galmawwan akkamii akka qabdu isaaniif ibsi.

Warri kee yeruma sana bilisummaa dabalataa akka siif kennan hin eegin. Waadaa galte kan eegdu taʼuu kee mirkaneeffachuu akka barbaadan ifadha. Carraa kana amanamaa taʼuu kee argisiisuuf itti fayyadami. Yeroo booda, warri kee caalaatti amantii sirratti qabaachuu fi bilisummaa dabalataa siif kennuun isaanii hin oolu. Beevarliin kana jireenya ishii keessatti argiteetti. “Warri kaan akka si amanan gochuun ulfaataadha; amantii akka sirratti dhaban gochuun garuu salphaadha” jetteetti; itti dabaluudhaanis, “Amma warri koo narratti amantii qabu; kunis baayʼee na gammachiiseera” jetteetti.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 2FFAARRAA BOQONNAA 22 DUBBISI

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Warri kee wal hiikaniiruu? Sababa kanaatiin jireenyi kee baayʼee kan jeeqame fakkaatus madaallii kee eeggachuu kan dandeessu akkamitti?

[Miiljalee]

^ Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Boqonnaa 7​ffaa kitaaba kanaa ilaali.

CAQASA IJOO

“Bilisummaa keessan hammina hojjechuuf itti hin fayyadaminaa.”—1 Pheexiros 2:16.

GORSA GAARII

Wanta amma dhowwamte bilisummaa obbolaan hangafaa kee qaban wajjin wal bira qabuu mannaa, wanta kanaan dura dhowwamtee turte bilisummaa amma qabdu wajjin wal bira qabi.

KANA BEEKTAA?

Bilisummaa daangaa hin qabne argachuun kee warri kee akka si jaallatan utuu hin taʼin akka si dagatan argisiisa.

WANTAN GOCHUU YAADE

Wantoota armaan gadiirratti caalaatti amanamaan taʼa ․․․․․

Warri koo yoo amantii narratti dhaban akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Amanamaa taʼuu kee argisiisuuf carraaqqii kan goote taʼus, warri kee bilisummaa dabalataa sii kennuurraa duubatti kan jedhan maaliif taʼuu dandaʼa?

● Akkaataan warra kee itti haasofsiistu fedhii bilisummaa dabalataa siif kennuuf qabanirratti dhiibbaa akkamii godha?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 24rra jiru]

“Yeroon warra koo wajjin haasaʼu, rakkina na mudatuu fi wanta na yaaddessu ifattan isaanitti hima. Kun narratti amantii qabaachuun akka isaaniif salphatu kan godhe natti fakkaata.”—Diyaanaa

[Diyaagiraamii fuula 23rra jiru]

Gaʼeessa amanamaa taʼuun kortoo suutuma suuta yaabbattu wajjin wal fakkaata; umurii dargaggummaa keessa darbuu gaafata

[Diyaagiraamii]

(Guutuun isaa maal akka fakkaatu ilaaluuf barreeffamicha ilaali)

DARGAGGUMMAA

GAʼEESSUMMAA

IJOOLLUMMAA