Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Of Dandaʼee Jiraachuuf Qophaaʼeeraa?

Of Dandaʼee Jiraachuuf Qophaaʼeeraa?

BOQONNAA 7

Of Dandaʼee Jiraachuuf Qophaaʼeeraa?

“Yeroo tokko tokko, umuriin koo waggaa 19 taʼus ammayyuu warra koo wajjin waanan jiraadhuuf warri kaan akka na tuffatan natti dhagaʼama; yoon of dandaʼee jiraadhe malee akka nama guddaatti kan na ilaalan hin fakkaatu.”—Keetii.

“Amma umuriin koo gara waggaa 20 taʼeera; ammayyuu warra koo wajjin waanan jiraadhuuf jireenya koo akkan barbaadetti geggeeffachuu hin dandeenye. Manaa baʼuudhaan of dandaʼee jiraachuuf yaadeera.”—Fiyoonaa.

UMURII manaa baatee jiraachuuf si dandeessisurra gaʼuu baattus of dandeessee jiraachuuf hawwuu jalqabdeetta taʼa. Miirri akkasii sitti dhagaʼamuun isaa rakkina hin qabu. Akkuma Boqonnaa 3ffaarratti ilaalle, kaayyoon Waaqayyoo inni jalqabaa dargaggoonni yeroo guddatan haadhaa fi abbaa isaanii dhiisanii maatii ofii isaanii akka hundeeffatan ture. (Uumama 2:23, 24; Maarqos 10:7, 8) Haa taʼu malee, ati dhuguma of dandeessee jiraachuuf qophaaʼuu kee akkamitti beekta? Kana beekuuf gaaffilee barbaachisoo sadiif deebii kennuu qabda. Gaaffii tokkoffaa:

Sababiin Koo Maalidha?

Yaadawwan armaan gaditti tarreeffaman ilaali. Sababii guddaa of dandeessee jiraachuuf si kakaaserraa jalqabiitii lakkoofsa kenniif.

․․․․․ Rakkina mana keessa jiru jalaa baqachuuf

․․․․․ Bilisummaa dabalataa argachuuf

․․․․․ Hiriyoonni koo akka na kabajaniif

․․․․․ Hiriyaan koo nama isa wajjin jiraatu waan barbaadeef

․․․․․ Bakka biraa deemee namoota gargaaruuf

․․․․․ Muuxannoo argachuuf

․․․․․ Warra koorratti baʼaa akkan hin taaneef

․․․․․ Kan biraa ․․․․․

Sababiiwwan olitti ibsamaniin kan kaʼe of dandeessee jiraachuuf yaaduun dogoggora taʼuu dhiisuu dandaʼa. Gaaffiin kaʼu, ‘Sababiin kee maalidha?’ kan jedhudha. Fakkeenyaaf, bilisummaa dabalataa argachuuf jettee yoo manaa baate tarii wanti ati hin eegne si mudachuu dandaʼa.

Shamarreen Daaniyeel jedhamtuu fi yeroo umuriin ishii waggaa 20 turetti manaa baatee turte muuxannoo ishiirraa wanta hedduu baratteetti. Akkana jetteetti: “Hundi keenyayyuu karaa taʼe tokkoon bilisummaan keenya kan daangeffamedha. Kophaa kee yommuu jiraattu hojii keetiin ykn hanqina maallaqaatiin kan kaʼe wanta barbaadde gochuu hin dandeessu.” Kaarman ishiin jiʼa jaʼaaf biyya kan biraa deemtee turte akkana jetteetti: “Carraa akkasii argachuun kan na gammachiise taʼus, yeroo baayʼee yeroo ofii kootiif taʼu hin qabun ture. Hojiiwwan baramoo mana keessaa kan akka, mana qulqulleessuu, wantoota tokko tokko suphuu, biqiltoota qeʼee keessa jiran kunuunsuu, uffata miiccuu fi lafa qulqulleessuu jiran hojjechuun qaba ture.”

Namoonni kaan waan si jajjabeessaniif qofa manaa baʼuuf hin ariifatin. (Fakkeenya 29:20) Manaa baʼuuf sababii quubsaa yoo qabaattellee kun qofti gaʼaa miti. Of dandeessee jiraachuuf of kunuunsuun si barbaachisa; kunimmoo gaaffii isa lammaffaatti nu ceesisa:

Qophaaʼeeraa?

Of dandeessee manaa baʼuun lafa onaa keessa imaluu wajjin wal fakkaata. Dunkaana dhaabuun, ibidda qabsiisuun, nyaata bilcheessuun ykn kaartaa dubbisuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe utuu hin beekin gara naannoo akkasiitti ni imaltaa? Akkas akka hin goone beekamaadha. Taʼus, dargaggoonni hedduun mana akkamitti qabuun akka dandaʼamu sirriitti utuu hin beekin manaa baʼu.

Solomoon Mootichi inni ogeessa taʼe, “Namni abshaalli . . . tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala” jedheera. (Fakkeenya 14:15) Of dandeessee jiraachuuf qophaaʼaa taʼuu fi dhiisuu kee beekuuf qabxiilee armaan gadiirratti hundaaʼuudhaan of gamaaggami. Wanta sirriitti raawwachuu dandeessurratti mallattoo ✔ godhi; wanta fooyyessuun si barbaachisurratti immoo mallattoo ✘ godhi.

Maallaqa gaʼaa qabaachuu: Shamarreen waggaa 19 Seeriinaa jedhamtu akkana jetteetti: “Wanta kamiifiyyuu maallaqa kaffalee hin beeku. Manaa yoon baʼe maallaqa koo baasii adda addaatiif waliin gaʼee jiraachuun natti ulfaata jedheen sodaadha.” Maarree, akkaataa itti maallaqa qaban barachuu kan dandeessu akkamitti?

Fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu tokko, “Namni ogeessi ni dhagaʼa, barumsa dabalataas ni argata” jedha. (Fakkeenya 1:5) Kanaafuu, namni tokko jiʼa jiʼaan kiraa manaatiif, nyaataa fi geejjibaaf maallaqni hangamii akka isa barbaachisu maaliif warra kee hin gaafattu? Achiis warri kee baajata baafachuu fi baasii kee kaffalachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe akka sitti argisiisan isaan gaafadhu. *

Akkaataa mana itti qaban: Dargaggeessi waggaa 17 Biraayan jedhamu manaa baʼee jiraachuuf yommuu yaadu wanti baayʼee isa dhiphisu uffata isaa miiccachuu akka taʼe dubbateera. Atoo of dandeessee jiraachuuf qophaaʼaa taʼuu kee beekuu kan dandeessu akkamitti? Dargaggeessi waggaa 20 Aaron jedhamu yaada akkana jedhu kenneera: “Torban tokkoof akkuma waan kophaa kee jiraattuutti jiraachuuf yaali. Nyaata maallaqa keetiin bitattee ofii qopheessite qofa nyaadhu. Uffata ofuma keetiin miiccatte uffadhu. Kutaa kee ofuma keetiin qulqulleessi. Akkasumas bakka deemuun si barbaachisu warra kee gargaarsa utuu hin gaafatin dhaqxee galuuf yaali.” Yaada kana hordofuun kee faayidaa lama siif argamsiisa: (1) dandeettii barbaachisaa horachuuf si gargaara, akkasumas (2) wanta warri kee siif godhan caalaatti akka dinqisiifattu godha.

Jireenya hawaasummaa: Warra kee ykn obbolaa kee wajjin walii galtee jiraattaa? Taʼuu baannaan, manaa baatee hiriyaa kee wajjin yoo jiraatte jireenyi salphaa akka siif taʼu gootee yaadda taʼa. Taʼus, shamarreen waggaa 18 Iiv jedhamtu maal akka jette qalbeeffadhu: “Hiriyoonni koo lamaan of dandaʼanii waliin jiraachuu jalqaban. Waliin jiraachuu jalqabuu isaanii dura hiriyoota baayʼee walitti dhihaatan turan; amma garuu matumaa walii galanii jiraachuu hin dandeenye. Ishiin tokko mana isaanii akka gaariitti qabdi, ishiin tokko garuu akka ishii miti. Ishiin tokko nama hafuuraati, ishiin tokko garuu hamma kana miti. Kanaafuu, matumaa walii galuu hin dandeenye.”

Maarree furmaanni isaa maalidha? Shamarreen waggaa 18 Eeriin jedhamtu akkana jetteetti: “Utuma warra kee wajjin jirtuu karaa itti namoota kaan wajjin walii galtee jiraachuu dandeessu barachuu dandeessa. Rakkoowwan furuu fi nagaadhaaf jecha wantoota tokko tokko dhiisuu baratta. Ijoolleen wal dhabiinsa warra isaanii wajjin uumamu baqachuuf manaa baʼan walitti buʼiinsa akkamitti hiikuu akka dandaʼan hin baratan; kanaa mannaa, warra kaan wajjin yeroo walitti buʼan baqachuu akka filatan hubadheera.”

Sochiiwwan hafuuraa: Dargaggoonni tokko tokko manaa kan baʼan sochiiwwan amantaa warra isaaniirratti hirmaachuu waan hin barbaanneefi. Kaanimmoo yeroo manaa baʼan sagantaa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu fi sagantaa waaqeffannaa gaarii taʼe qabaatanii itti fufuuf fedhii guddaa kan qaban taʼus utuma baayʼee hin turin raawwachuun isaanitti ulfaata. Maarree, amantiin kee ‘akka doonii balaan irra gaʼeetti akka hin caccabneef’ maal gochuu dandeessa? *1 Ximotewos 1:19.

Yihowaan hundi keenya wanta itti amannu ofuma keenyaa qorree akka mirkaneeffannu barbaada. (Roomaa 12:1, 2) Kanaafuu, sagantaa gaarii yeroo Kitaaba Qulqulluu itti qoʼattuu fi sochiiwwan hafuuraarratti hirmaattu baafadhu; sagantaa baafattes sirriitti hordofi. Sagantaa wantoota hafuuraa itti raawwattu kaalaandarii keerratti barreeffadhu; achiis utuu warri kee sitti hin himin sagantaa baafatte sana jiʼa tokkoof hordofuu kan dandeessu taʼuu kee ilaali.

Dhumarratti, gaaffii irratti yaaduu qabdu isa sadaffaa:

Galmi Koo Maalidha?

Of dandeessee jiraachuu kan barbaadde rakkoowwan mana keessa jiran jalaa baqachuufii? Yookiin toʼannaa warra keetii jalaa baʼuufii? Taanaan xiyyeeffannaan kee wanta gara fuulduraatti si eeggaturratti utuu hin taʼin wanta dhiistee deemaa jirturrattidha jechuudha. Akkas gochuunimmoo yeroo konkolaataa ooftu daawwitii duubaa ilaalaa oofuuf yaaluu wajjin wal fakkaata; xiyyeeffannaan kee wanta dhiistee deemaa jirturratti waan taʼeef wanti fuuldura kee jiru sitti hin mulʼatu. Kanarraa maal baratta? Waaʼee mana warra keetii baʼuu qofa yaaduu mannaa, wanta sana booda raawwattu ilaalchisee galma qabaadhu.

Dhugaa Baatonni Yihowaa dargaggoota taʼan tokko tokko biyya isaanii keessatti ykn biyya biraatti lallabuuf jecha warra isaaniirraa adda baʼanii deemaniiru. Kaanimmoo, hojii iddoowwan waaqeffannaa ijaaruurratti hirmaachuuf ykn waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa keessa tajaajiluuf manaa baʼu. Namoonni gaaʼela godhachuu isaanii yeroo muraasa dura manaa baʼanii kophaa isaanii jiraachuu akka qaban isaanitti dhagaʼamus jiru. *

Galmi kee maaliyyuu yoo taʼe, murtoo kanarra gaʼuu kee dura sirriitti irratti yaadi. Fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu tokko, “Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa, warri jarjaran hundi garuu gara hiyyummaatti deemu” jedha. (Fakkeenya 21:5) Gorsa warri kee siif kennan dhagaʼi. (Fakkeenya 23:22) Dhimmicha ilaalchisee kadhannaa dhiheessi. Murtoorra gaʼuu kee dura qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu olitti mariʼannerratti yaadi.

Gaaffiin dhugumaan irratti yaaduu qabdu, ‘Of dandaʼee jiraachuuf qophaaʼeeraa?’ kan jedhu utuu hin taʼin, ‘Ofiin of bulchuuf qophaaʼeeraa?’ kan jedhu taʼuu qaba. Gaaffii isa lammaffaatiif deebiin kee ‘Eeyyee’ kan jedhu yoo taʼe of dandeessee jiraachuuf qophoofteetta jechuudha.

[Miiljaleewwan]

^ Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Jildii 2​ffaarraa Boqonnaa 19 ilaali.

^ Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Jildii 2​ffaarraa Boqonnaa 34 fi 35 ilaali.

^ Aadaawwan tokko tokko keessatti ijoolleen, keessumaammoo shamarran heerumanii hamma manaa baʼanitti warra isaanii wajjin jiraachuun baramaadha. Kitaabni Qulqulluu kana ilaalchisee kallattiidhaan gorsa kennu hin qabu.

CAQASA IJOO

“Namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa.”​—Maatewos 19:5.

GORSA GAARII

Yeroo muraasaaf maallaqa utuu kophaa kee jiraattee nyaataaf, mana kiraa fi wantoota kan birootiif baasuu dandeessu warra keetiif kenni. Warra kee wajjin utuu jiraattuu baasiiwwan kana kaffaluu hin dandeessu yoo taʼe ykn kana gochuuf fedhii hin qabdu yoo taʼe of dandeessee jiraachuuf hin qophoofne jechuudha.

KANA BEEKTAA?

Sababiin manaa baʼuuf itti kakaate yeroo of dandeessee jiraattutti gammachuu argachuu fi dhiisuu keerratti dhiibbaa qaba.

WANTAN GOCHUU YAADE

Of dandaʼee kanan jiraadhu galmawwan kanarra gaʼuu waanan barbaaduufi

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Jireenyi maatii kee rakkisaa yoo taʼellee yeroo muraasaaf warra kee wajjin jiraachuun kee kan si fayyadu akkamitti?

● Maatii kee wajjin yommuu jiraattu wanta maaticha fayyadu ykn wanta of dandeessee jiraachuuf si qopheessu gochuu kan dandeessu akkamitti?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 52rra jiru]

“Bilisummaa barbaaduun waanuma jirudha. Taʼus, sababiin itti manaa baatu seerarraa baqachuuf qofa yoo taʼe, of dandeessee jiraachuuf hin qophoofne jechuudha.”—Aaron

[Fakkii fuula  50, 51rra jiru]

Of dandeessee manaa baʼuun lafa onaa keessa imaluu wajjin wal fakkaata; imala jalqabuu kee dura dandeettiiwwan barbaachisoo tokko tokko horachuu si barbaachisa