Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qorumsa Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Qorumsa Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOQONNAA 9

Qorumsa Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Kaaran bakka affeerraan itti qophaaʼe erga geessee daqiiqaa kudhan utuu hin guutin dargaggoonni lama kaartoonii guguddaa baatanii yeroo dhufan argite. Wanta kaartoonii sana keessa jiru beekuun nama hin rakkisu. Sana dura dargaggoonni kun affeeraa sanarratti dhugaatiin alkoolii hedduun akka jiraatu yeroo dubbatan dhageessee turte.

Akkuma tasaa Kaaran sagaleen beektu tokko duuba ishiitiin, “Maaliif callistee dhaabbatta? Silaa ati bashannanuu hin jaallattu” yeroo jedhu dhageesse. Yommuu ofirra garagaltus hiriyaan ishii Jeesiikaan qaruuraa biiraa baname lama qabattee argite. Jeesiikaan Kaaranitti hiixachaa, “Umuriin koo hin geenye akka hin jennemmoo!” ishiidhaan jette.

Kaaran dhugaatii sana harkaa fuudhuu hin barbaanne. Garuu dhiibbaan ishiirra gaʼe hamma yaadde caalaa cimaa ture. Jeesiikaan hiriyaa ishiiti, nama bashannanuu hin jaallanne akka taatetti ilaalamuus hin barbaaddu. Kana malees, Jeesiikaan shamarran gaarii jedhaman keessaa tokkodha. Kanaafuu Kaaran akkana jettee yaadde: ‘Ishiin erga dhugdee anis yoon dhuge rakkina maalii qaba? Biiraa dhuguunimmoo hamma kana ulfaataa miti. Qoricha sammuu namaa hadoochu fudhadhu ykn saalqunnamtii raawwadhu naan hin jenne.’

UMURII dargaggummaatti qorumsi karaawwan adda addaatiin dhufa. Yeroo baayʼee qorumsi dargaggoota mudatu saala faallaa wajjin kan wal qabatedha. Dargaggeessi waggaa 17 Raamon jedhamu akkana jedheera: “Shamarran mana barumsaa jiran qaanii hin beekan. Si qaqqabuuf yaalii godhu, achiis hanga maaliitti akka jalaa callistu ilaaluu barbaadu. Yeroo akka dhiisan isaanitti himtu si hin dhagaʼan!” Shamarreen waggaa 17 Diyaanaa jedhamtus haalli akkasii ishii mudateera. Akkana jetteetti: “Gaaf tokko gurbaan tokko dhufee na hammate. Anis ofirraa isa darbadheen, ‘Maal gochaa jirta? Eessatti na beekta?’ jedheen isatti dubbadhe.”

Atis qorumsi si mudachuu dandaʼa; tariimmoo qorumsi si mudatu dhuma akka hin qabne sitti dhagaʼama taʼa. Qorumsi itti fufiinsaan si mudatu, nama balbala isaaf banuu kan hin barbaanne taʼus irra deddeebiʼee balbala kee rurrukutu wajjin wal fakkaata. Yeroo baayʼee qorumsi si mudataa? Fakkeenyaaf, haalawwan armaan gaditti tarreeffaman keessaa wanti si qoru jiraa?

□ Sijaaraa xuuxuu

□ Poornoogiraafii ilaaluu

□ Dhugaatii alkoolii dhuguu

□ Saalqunnamtii raawwachuu

□ Qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu

□ Kan biraa

Wantoota olitti ibsaman keessaa mallattoo ✔ kan irratti goote yoo jiraate, ‘Ani Kiristiyaana taʼuuf gaʼumsa hin qabu’ jettee hin murteessin. Fedhii dogoggoraa toʼachuu fi qorumsa dandamachuu barachuu ni dandeessa. Akkamitti? Wanta qorumsa tokko duuba jiru beekuun kee kana hubachuuf si gargaara. Mee wantoota sadii haa ilaallu.

1. Cubbuu dhaalle. Ilmaan namootaa hundi cubbuu waan dhaalaniif fedhii dogoggoraa qabu. Phaawulos ergamaan inni Kiristiyaana bilchina qabu turellee, “Wanta sirrii taʼe hojjechuu yommuun barbaadu, wanta gadhee hojjechuuf fedhiin akka na keessa jiru nan hubadha” jechuudhaan ifatti dubbateera. (Roomaa 7:21) Kanarraa akka hubannutti, namni gaariinillee yeroo tokko tokko ‘hawwiin foonii fi hawwiin ijaa’ qorumsa isatti taʼuu dandaʼa. (1 Yohaannis 2:16) Yeroo hunda waaʼee wantoota qorumsa sitti taʼanii yaaduun miidhaa malee faayidaa hin qabu; sababiin isaas Kitaabni Qulqulluun, “Hawwiin erga guddatee booda cubbuu dhala” jedha.—Yaaqoob 1:15.

2. Dhiibbaa alaa. Eessayyuu yoo dhaqxe wanti qorumsa namatti taʼu jira. Tiruudiin akkana jetteetti: “Mana barumsaattis taʼe bakka hojiitti, namoonni yeroo hunda waaʼee saalqunnamtii haasaʼu. Sagantaawwan televizyinii fi fiilmiiwwan saalqunnamtiin wanta baayʼee nama hawwatuu fi baayʼee nama gammachiisu akka taʼe godhanii dhiheessu. Miidhaa gochi akkasii geessisu garuu hin ibsan jechuun ni dandaʼama.” Tiruudiin dhiibbaan hiriyaa fi miidiyaa hammam ulfaataa akka taʼe muuxannoo ishiirraa hubatteetti. Akkana jetteetti: “Yeroo umuriin koo waggaa 16 turetti jaalalli akka na qabe natti dhagaʼamee ture. Haati koo na teessistee haala kanaan yoon itti fufe ulfaaʼuun koo akka hin oolle natti himte. Akkas ishiitti dhagaʼamuun isaa baayʼee na naasisee ture. Taʼus akkuma ishiin jette, jiʼa lama booda nan ulfaaʼe.”

3. “Hawwii dargaggummaa.” (2 Ximotewos 2:22) Yaanni kun warra kaan biratti fudhatama argachuu ykn akka nama guddaatti ilaalamuu dabalatee hawwii dargaggoonni qaban hunda argisiisuu dandaʼa. Hawwiin akkasii mataa isaatti dogoggora taʼuu baatus toʼatamuu baannaan qorumsa dandamachuun akka sitti ulfaatu gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, hawwiin akka nama guddaatti ilaalamuuf qabdu wanta gaarii warri kee si barsiisan suutuma suuta akka dagattu gochuu dandaʼa. Istiiv yeroo waggaa 17 turetti haalli akkasii isa mudatee ture. Akkana jedheera: “Cuuphamee utuma baayʼee hin turin warra koorratti finciluudhaan wanta isaan akkan hin goone na barsiisan hunda raawwachuun jalqabe.”

Qorumsa Dandamachuu

Dhiibbaawwan olitti ilaalle dandamachuun salphaa akka hin taane ifadha. Taʼus, qorumsa dandamachuu ni dandeessa. Akkamitti?

● Jalqaba, wanta qorumsa guddaa sitti taʼu adda baafadhu. (Tarii fuula 65 irratti caqastee taʼuu dandaʼa.)

● Achiis, ‘Qorumsi kun yeroo baayʼee kan na mudatu yoomi?’ jedhii of gaafadhu. Kanneen armaan gadii keessaa isa tokkorratti mallattoo ✔ godhi:

□ Mana barumsaatti

□ Yeroon kophaa taʼu

□ Bakka hojiitti

□ Kan biraa

Yeroo baayʼee qorumsi kan si mudatu yoom akka taʼe beekuun kee qorumsicharraa fagaachuuf si gargaara. Fakkeenyaaf, mee haala jalqaba boqonnaa kanaarratti caqasne haa ilaallu. Wanti Kaaran affeerraa sanarratti haalli rakkisaan akka ishii mudatu argisiisu maalidha?

․․․․․

Kaaran qorumsi sun akka ishii hin mudanne gochuuf jalqabumayyuu maal gochuu dandeessi turte?

․․․․․

● Amma wanta qorumsa sitti taʼuu fi yeroo baayʼee yoom akka si mudatu beekteetta; kanaafuu tarkaanfii fudhachuuf qophoofteetta jechuudha. Tarkaanfiin jalqaba fudhachuu qabdu karaa itti qorumsa sana hirʼisuu ykn guutummaatti hambisuu itti dandeessu barbaaduudha. Wanta gochuu dandeessu gaditti barreessi.

․․․․․

(Fakkeenya: Barattoonni sijaaraa akka xuuxxu si jajjabeessan kan si mudatan yeroo mana barumsaatii deebitu yoo taʼe isaan wajjin akka wal hin argineef karaa jijjiirrachuu dandeessa taʼa. Poornoogiraafiin kan sitti dhufu Intarneetii yeroo fayyadamtu yoo taʼe, sagantaa kompiitaraa wantoonni kunii fi weebsaayitoonni akkasii akka hin dhufne dhorkan feʼachuu dandeessa. Kana malees, jechoota Intarneetiirraa odeeffannoo barbaaduuf barreessitu of eeggannoodhaan filachuu qabda.)

Qorumsa hundarraa guutummaatti fagaachuu akka hin dandeenye beekamaadha. Yeroo ati matumaa hin eegnetti qorumsi cimaan si mudachuu dandaʼa. Maarree, maal gochuu dandeessa?

Qophaaʼaa Taʼi

Yesuus yeroo ‘Seexanaan qorametti’ deebii kan kenne yeruma sana ture. (Maarqos 1:13) Kana gochuuf maaltu isa gargaare? Dhimma Seexanni kaase ilaalchisee ejjennoo akkamii qabaachuu akka qabu dursee beekuu isaati. Yesuus yeroo hundumaa Abbaa isaatiif ajajamuuf kutatee ture. (Yohaannis 8:28, 29) “Ani samii irraa kanan dhufe, fedhii isa na erge sanaa raawwachuuf malee, fedhii ofii koo raawwachuuf miti” jechuun isaa sirriidha.—Yohaannis 6:38.

Fuula itti aanurratti, sababii qorumsa yeroo baayʼee si mudatu dandamachuu itti qabdu lamaa fi tarkaanfii qorumsicha dandamachuuf fudhachuu dandeessu lama barreessi.

Sababiiwwan dandamachuu itti qabdu:

1 ․․․․․

2 ․․․․․

Tarkaanfiiwwan dandamachuuf si gargaaran:

1 ․․․․․

2 ․․․․․

Qorumsa tokkoof yoo moʼamte fedhii keetiif garba akka taatu yaadadhu. (Tiitoo 3:3) Maarree, hawwiin kee akka si toʼatu maaliif heyyamta? Fedhiin kee akka si toʼatu heyyamuu mannaa, fedhii kee toʼachuudhaan gaʼeessa akka taate argisiisi. (Qolosaayis 3:5) Akkasumas fedhii kee toʼachuu akka dandeessuuf yeroo hunda kadhadhu.—Maatewos 6:13. *

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 2FFAARRAA BOQONNAA 15 DUBBISI

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Dadhabbiin sitti dhagaʼamaa? Caalaatti fayya buleessa taʼuu fi humna kee haaressuuf maal gochuu dandeessa?

[Miiljalee]

^ Boqonnaa 33ffaa fi 34ffaa kitaaba kanaas ilaali.

CAQASA IJOO

“Waaqayyo amanamaa waan taʼeef, hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu; kanaa mannaa, jabaattanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, yeroo qoramtanitti karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.”—1 Qorontos 10:13.

GORSA GAARII

Namni tokko wanta dogoggora taʼe akka raawwattu dhiibbaa yeroo sirratti godhu maal akka gootu dursitee qophaaʼuuf, saanduqa “Dhiibbaa Hiriyaa Dandamachuu” jedhuu fi kitaaba Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2​ffaa, fuula 132 fi 133 irratti argamu fayyadami.

KANA BEEKTAA?

Waaqayyo Yesuus amanamaa akka taʼu dursee dubbateera; taʼus, Yesuus ajajamaa kan taʼe filannoo isaatiin malee akka roobootii qajeelfama isaaf kaaʼame hordofuu waan taʼeef miti. Kanaa mannaa, Yesuus qaama filannoo mataa isaa gochuu dandaʼudha. Amanamaa kan taʼe akkas akka godhu dursee Waaqayyo waan isaaf murteesseef utuu hin taʼin amanamaa taʼuuf waan filateefi. Yeroo qorumsa keessa turetti cimsee kan kadhate kanaafi.—Ibroota 5:7.

WANTAN GOCHUU YAADE

Qorumsa dandamachuuf caalaatti qophaaʼaa taʼuuf akkanan godha ․․․․․

Namoota, bakkawwanii fi haalawwan irraa fagaachuu qabu ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Uumamawwan mudaa hin qabne qoramuu dandaʼuu?—Uumama 6:1-3; Yohaannis 8:44.

● Qorumsa yeroo dandamattu, amanamummaan kee warra kaanirratti dhiibbaa akkamii godha?—Fakkeenya 27:11; 1 Ximotewos 4:12.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 68rra jiru]

“Qaamni hundumaa caalaa humna guddaa qabu na cinaa akka jiruu fi yeroo kamittiyyuu gargaarsa isa gaafachuu akkan dandaʼu beekuun koo na fayyadeera!”—Kiristoofar

[Saanduqa/Fakkii fuula 67rra jiru]

Kana Yaali

Koompaasii tokko xiyyisaa kallattii kaabaa akka argisiisu godhii kaaʼi. Achiis koompaasicha bira maagneetii kaaʼi. Xiyyi koompaasichaa kallattii kamitti naannaʼe? Kallattii sirrii argisiisuu mannaa gara maagneetichaatti naannaʼe mitii?

Qalbiin kee akkuma koompaasii kanaati. Sirriitti yoo leenjiʼe, kallattii sirrii waan argisiisuuf, murtoo ogummaarratti hundaaʼe akka gootu si gargaara. Hiriyoota gaarii hin taane wajjin yeroo kan dabarsitu yoo taʼe garuu akkuma maagneetii kallattii sirriirraa si jalʼisuu dandaʼu. Maarree kanarraa maal baratta? Namootaa fi haalawwan amala kee mancaasanirraa fagaachuuf carraaqqii godhi.—Fakkeenya 13:20.

[Fakkii fuula 69​rra jiru]

Qorumsa tokkoof yoo moʼamte fedhii keetiif garba taata