Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fayyaa Kootiif Kunuunsa Gochuu Kanan Qabu Maaliifi?

Fayyaa Kootiif Kunuunsa Gochuu Kanan Qabu Maaliifi?

BOQONNAA 10

Fayyaa Kootiif Kunuunsa Gochuu Kanan Qabu Maaliifi?

Galma irra gaʼuu barbaaddu biratti mallattoo ✔ godhi.

□ Dhiphina hirʼisuu

□ Aarii koo toʼachuu

□ Ofitti amanannaa guddifachuu

□ Caalaatti dammaqaa taʼuu

□ Caalaatti jabina qabaachuu

□ Bifa koo bareechuu

□ Furdina hirʼisuu

JIREENYA kee keessatti wantoonni tokko tokko filannoo keerratti kan hundaaʼan miti; fakkeenyaaf, warra kee, obbolaa kee fi bakka jiraattu filachuu hin dandeessu. Fayyaa kee ilaalchisee garuu wanti gochuu dandeessu jira. Jiiniin warra keenyarraa dhaalle qaama keenyarratti dhiibbaa kan godhu taʼus, fayyaan keenya harki caalaan isaa akkaataa jireenya keenyarratti kan hundaaʼedha. *

‘Umurii koo kanatti waaʼee fayyaa maaltu na yaaddesse?’ jetta taʼa. Dhuguma akkas sitti dhagaʼamaa? Galmawwan fuula 71 irratti tarreeffaman ilaali. Isaan keessaa meeqarratti mallattoo goote? Amantus amanuu baattus, galmawwan kanarra gaʼuu yoo barbaadde fayyaa gaarii qabaachuuf carraaqqii gochuu qabda.

Akkuma shamarree waggaa 17 Ambar jedhamtuu sitti dhagaʼama taʼa; akkana jetteetti: “Yeroo hunda qamadii qolli isaa irraa hin baane, nyaata coomni itti hin baayʼannee fi sukkaara hin qabne qofa nyaachaa jiraachuu hin barbaadu.” Atis akkas sitti dhagaʼama taʼa; fayya buleessa taʼuuf garuu nyaata miʼaawaa guutummaatti dhiisuu fi yeroo hunda saʼaatii dheeraadhaaf fiiguun si hin barbaachisu. Dhaabbii gaarii qabaachuu, miirri gaariin akka sitti dhagaʼamuu fi siʼaayina qabaachuu yoo barbaadde sirreeffama muraasa gochuun qofti gaʼaa taʼuu dandaʼa. Mee dargaggoonni tokko tokko kana kan godhan akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

Dhaabbii Gaarii Qabaachuuf Nyaata Gaarii Sooradhu

Kitaabni Qulqulluun barsiifata keenya ilaalchisee madaallii keenya akka eeggannu nu gorsa. Fakkeenyi 23:20, ‘Warra akka malee foon nyaatanii wajjin hin taʼin’ jedha. Gorsa kana hordofuun yeroo hunda salphaa miti.

“Akkuma dargaggoota hedduu anis dafee dafeen beelaʼa. Kanaafuu warri koo ‘Handhuura hin qabdu’ naan jedhu.”—Andiriwu, 15.

“Yeroo ammaatti nyaanni tokko tokko miidhaa akkamii akka narraan geessisu waan natti hin mulʼanneef hamma kana waan na miidhu natti hin fakkaatu.”—Daaniyeel, 19.

Akkaataa nyaataa wajjin haala wal qabateen of toʼachuun si barbaachisaa laata? Yaanni gaariin dargaggoonni tokko tokko kennan armaan gaditti ibsameera.

Hamma si gaʼu beeki. Shamarreen waggaa 19 Juuliyaa jedhamtu, “Nyaanni ani nyaadhu kaalorii hangamii akka qabu nan shallagan ture; amma garuu yeroon quufu nyaachuun dhaaba” jetteetti.

Nyaata fayyaa kee miidhu hin nyaatin. Dargaggeessi waggaa 21 Piitar jedhamu, “Dhugaatiiwwan lallaafaa dhuguu yommuun dhiisu, jiʼa tokko keessatti kiilogiraamii shanin hirʼise” jedheera.

Barsiifata nyaataa kee sirreessi. Shamarreen waggaa 19 Eerin jedhamtu, “Daddabaladhee nyaachuu dhiisuuf carraaqqiin godha” jetteetti.

Iccitii Milkaaʼinaa: Ciree, laaqana ykn irbaata hin dhiisin! Akkas yoo goote baayʼee waan beeloftuuf garmalee nyaachuuf qoramta.

Miira Gaarii Qabaachuuf Ispoortii Hojjedhu

Kitaabni Qulqulluun, ‘Leenjiin qaamaa ni fayyada’ jedha. (1 Ximotewos 4:8) Taʼus, dargaggoonni hedduun ispoortii hojjechuuf fedhii hin qaban.

“Yeroon mana barumsaa sadarkaa lammaffaa turetti ijoolleen barumsa ispoortii kufan meeqa akka taʼan utuu beektanii baayʼee isin ajaaʼiba. Dhugaa isaa dubbachuuf hamma barumsa ispoortii barumsi salphaa taʼe hin jiru!”—Riichaardi, 21.

“Namoonni tokko tokko, ‘Geemii taphachuudhaan ispoortii hojjechaa akka jirtu akka sitti dhagaʼamu gochuu utuu dandeessuu hamma dafqitutti maaltu aduu keessa si fiigsisa?’ jedhanii yaadu.”—Ruut, 22.

Jecha “ispoortii” jedhu yeroo dhageessuyyuu si dadhabsiisaa? Taanaan, faayidaa yeroo hundumaa ispoortii hojjechuun argamsiisu sadii ilaali.

Faayidaa 1​ffaa. Ispoortiin humna qaamni kee dhukkuba ofirraa ittisuuf qabu guddisa. Shamarreen waggaa 19 Reechal jedhamtu akkana jetteetti: “Abbaan koo yeroo hundumaa, ‘Ispoortii hojjechuuf yeroo hin ramaddu taanaan, dhukkubsattee ciisuudhaan yeroo gubuun kee hin oolu’ jedha.”

Faayidaa 2​ffaa. Ispoortiin sammuun kee keemikaalota si tasgabbeessan akka maddisiisu taasisa. Shamarreen waggaa 16 Emilii jedhamtu akkana jetteetti: “Fiigichi yeroo wanti na yaaddessu jiraatutti dhiphinni koo akka hirʼatu na gargaara. Qaamni koo akka haaromee fi miirri koo akka tasgabbaaʼe natti dhagaʼama.”

Faayidaa 3​ffaa. Ispoortii hojjechuudhaan bashannanuu dandeessa. Shamarreen waggaa 22 Ruut jedhamtu, “Manaa alatti sochii gochuun natti tola; kanaafuu miilaan deemuun, bishaan daakuunii fi saayikilii oofuun na gammachiisa” jetteetti.

Iccitii Milkaaʼinaa: Torbanitti siʼa sadii yoo xinnaate daqiiqaa 20f ispoortii jaallattu hojjedhu; ispoortiin ati filattu sirriitti akka sochootu kan si taasisu taʼuu qaba.

Siʼaayina Qabaachuuf Akka Gaariitti Rafi

Kitaabni Qulqulluun, “Hojii cimaa hammaarraa lama irra boqonnaa hammaarraa tokko wayya; kun bubbee duukaa fiiguu wajjin tokko dha” jedha. (Lallaba 4:6) Hirriba gaʼaa argachuu baannaan, siʼaayina qabaachuu hin dandeessu.

“Hirriba gaʼaa yoon argachuu baadhe, wanta tokkoyyuu sirriitti hojjechuu hin dandaʼu. Yaada koo sassaabbachuun natti ulfaata!”—Reechal, 19.

“Guyyaa keessaa gara saʼaatii 8:00 yeroo taʼu waanan dadhabuuf, utuman namoota wajjin haasaʼuullee hirribni na qabuu dandaʼa!”—Kiristiin, 19.

Hirriba gaʼaa akka hin arganne sitti dhagaʼamaa? Mee dargaggoonni tokko tokko maal akka godhan haa ilaallu.

Yeroodhaan rafi. Shamarreen waggaa 18 Kaatriinaa jedhamtu, “Yeroodhaan rafuuf carraaqqii gochaan jira” jetteetti.

Yeroo hirribaatti odeessuu dhiisi. Dargaggeessi waggaa 21 Riichaardi jedhamu, “Yeroo tokko tokko hiriyoonni koo baayʼee erga dhihee booda naaf bilbilu ykn ergaa naaf ergu; yeroo dhihoodhaa asitti garuu oduu dhiisee rafuu jalqabeera” jedheera.

Yeroo hunda saʼaatii wal fakkaataatti rafi. Shamarreen waggaa 20 Jeenifar jedhamtu, “Guyyaa guyyaadhaan yeroon itti rafuu fi yeroon hirribaa itti kaʼu dhaabbataa gochuuf carraaqqii gochaan jira” jetteetti.

Iccitii Milkaaʼinaa: Guyyaa guyyaatti yoo xinnaate saʼaatii saddeetiif rafuuf yaali.

Tarkaanfiiwwan salphaa taʼan muraasa fudhachuun qofti faayidaa hedduu argamsiisa. Fayya buleessa taʼuun dhaabbii gaarii qabaachuuf, miirri gaariin akka sitti dhagaʼamuu fi siʼaayina qabaachuuf akka si gargaaru yaadadhu. Jireenya kee keessatti wantoota tokko tokko jijjiiruu kan hin dandeenye taʼus fayya buleessa taʼuuf gaʼee mataa kee raawwachuu dandeessa. Shamarreen waggaa 19 Eerin jedhamtu, “Fayya buleessa taʼuun sumarratti kan hundaaʼedha” jetteetti.

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Akkaataa uffannaa wajjin haala wal qabateen warra kee wajjin walii galuun si rakkiseeraa? Taanaan, isaan wajjin walii galuu kan dandeessu akkamitti?

[Miiljalee]

^ Namoonni hedduun dhibee fayyaa ykn hirʼina qaamaa kan qabaatan fayyaa isaaniitiif utuu of hin eeggatin waan hafaniif akka hin taane beekamaadha. Boqonnaan kun namoonni akkasii hamma humni isaanii isaaniif heyyame fayyaa isaanii akka eeggatan isaan gargaara.

CAQASA IJOO

‘Leenjiin qaamaa ni fayyada.’—1 Ximotewos 4:8.

GORSA GAARI

Nama ispoortii wajjin hojjettu barbaaddadhu. Akkas gochuun kakaʼumsa siif dabala; sababiin isaas, nama si wajjin hojjetu sana mufachiisuu hin barbaaddu.

KANA BEEKTAA?

Ispoortii hojjechuun qaamni keenya keemikaala indoorfiinii jedhamu akka burqisiisu taasisa; keemikaalli sammuu keenya keessatti argamu kun dhukkubni nutti dhagaʼamu akka hirʼatuu fi miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu godha.

WANTAN GOCHUU YAADE

Sirna nyaataa koo wajjin haala walqabateen galman irra gaʼuu barbaadu ․․․․․

Ispoortii wajjin haala walqabateen galman irra gaʼuu barbaadu ․․․․․

Jiʼa ittaanu guyyaatti yoo xinnaate saʼaatii ․․․․․rafuuf yaadeera.

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Fayyaa kee eeguun ofitti amanannaa kee kan dabalu akkamitti?

● Wanti fayyaa qaamaa caalaa xiyyeeffannaa guddaan kennamuufii qabu maalidha?—1 Ximotewos 4:8.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 74rra jiru]

“Ispoortii yeroon hojjedhu miira gaariitu natti dhagaʼama. Dhaabbiin koo fooyyaʼaa deemuun isaas ofitti amanannaan koo akka dabalu godheera!”—Emilii

[Saanduqa fuula 73rra jiru]

“Jijjiirama Guddaan Godhe”

“Umurii waggoota kurnanii keessa yeroo turetti matumaa furdachuu kanan hin barbaanne taʼus garmalee furdoon ture. Dhaabbiin koo waan na jibbisiisuuf gammachuu hin qabun ture. Darbee darbee sirna nyaataa furdina hirʼisuuf gargaaru hordofuuf kanan yaale taʼus yeroo hunda deebiʼeen furdadha ture. Kanaafuu yeroon waggaa 15 taʼu, jijjiirama guddaa gochuufan kutadhe. Furdina koo karaa sirrii taʼeen, jechuunis barsiifatan yeroo hundumaa hordofuu dandaʼuun hirʼisuun barbaade. Kitaaba waaʼee nyaata madaalamaa fi ispoortii ibsu biteen wantan dubbise hunda hojiirra oolchuu jalqabe. Yeroodhaaf jijjiirama gochuun yoo natti ulfaate ykn haalli abdii nama kutachiisu yoo na mudatellee abdii kutachuu dhiisuuf murteesseen ture. Kan nama dinqisiisu naaf milkaaʼeera! Waggaa tokko keessatti kiilogiraama 27 ol hirʼisuu dandaʼeera. Achiis waggaa lamaaf ulfaatinan barbaadu sanaan itti fufuu dandaʼeera. Kun ni taʼa jedhee matumaa hin yaannen ture. Naaf milkaaʼuu kan dandaʼe sirna nyaataa koo waanan sirreesseef qofa utuu hin taʼin, guutummaa jireenya koorratti jijjiirama guddaa waanan godheef akka taʼe natti dhagaʼama.”—Kaatriin, 18.

[Fakkii fuula 74rra jiru]

Fayyaan kee akkuma konkolaataati; sirriitti yoo kunuunsuu baatte ni miidhama